Baabiloon. Ka’umsa Oduu Durii.
Bara Waldaa Phergamoon.
William Branham.Dubbisaa macaafa...
Bara Waldaa Phergamoon.Baabel maqaa jalqabaa Baabilooniiti. Hiikni isaas waliin makaa ykn burjaajessaa jechuudha. Qabatamaatti kan jalqabes Kuush ilma Haamiin yoo ta'u, garuu gara mootummaa jabaa fi sodaatamaatti kan dhufe ilma isaa Naamrud isa adamsituu jabaa jedhamuun ture. Naamrud akka seenaa Seera Uumamaa boqonnaa kudha tokkootti akkasumas akka seenaa 'profane'tti waan sadii raawwachuuf ka'e. Biyya jabduu ijaaruu barbaade, kanas ni milkeesse. Amantii ofii isaa babal'isuu barbaade, kanas ni raawwate. Maqaa godhachuu barbaade, kanas raawwateera. Bu'aan Naamrud galmeesse akka malee guddaa ta'uu isaa irraan kan ka'e mootummaan Baabilon mootummoota biyya lafaa hunda biratti mataa warqee jedhamee waamama ture. Amantiin isaa beekamtii guddaa akka argate kan mirkaneessu Caaffanni Qulqullaa'aan Isaayaas Boqonnaa 14 fi Mul'ata Boqonnaa 17-18 keessatti guutummaatti Seexana wajjin adda baasee kaa'uu isaati. Akkasumas guutummaa biyya lafaa weeraruu isaa, maqaan waaqolii kutaa biyyattii adda addaa keessatti akka afaan sabichaatti garaagarummaa qabaatus sirna waaqeffannaa waaqa tolfamaa hundaaf bu'uura ta'uu isaa fi madda 'mythology' ta'uu isaa seenaadhaan mirkaneessuu dandeenya. Akkasitti maqaa godhatee, duuka buutonni isaas hamma bara ammaa kanaatti (hanga Yesuus obboloota Isaatti of mul'isutti) maqaa Naamrud irraa adda ta'een haa ta'u iyyuu malee, akkasumas manni qulqullummaa isaanii isa inni jalqabatti ijaare irraa xiqqoo adda haa ta'u iyyuu malee itti fufanii isa waaqeffatu.
Macaafni Qulqulluu seenaa saboota biroo irratti gadi fageenyaan waan hin xiyyeeffanneef, Phergamos akkamitti teessoo amantii Seexanaa Baabiloon taate gaaffii jedhuuf deebii argachuuf ragaalee galmee 'profane' durii sakatta'uun barbaachisaa ta'a. Maddoonni odeeffannoo gurguddoon galmewwan ragaa aadaa Masrii fi Giriikii keessatti argamanii ti. Sababiin kun ta'eefis Gibxiin saayinsii fi herrega ishee warra Kaldoota irraa argatte, Giriikiin immoo dabaree ishee Gibxii irraa argatte.
Amma saayinsii kanneen barsiisuuf luboonni itti gaafatamummaa waan qabaniif, akkasumas saayinsii kanneen akka qaama amantiitti waan itti fayyadamaniif, amantiin Baabiloon biyyoota lamaan kana keessatti akkamitti humna argate gaaffii jedhuuf deebii isaa jalqabuma beekna. Kana malees yeroo kamuu biyyi tokko biyya biraa yummuu injifattutti, dhumarratti amantiin biyya mootee amantii biyya mo'amtee ta'uun dhugaadha. Giriikonni milikkita Zoodiyaakii kan warra Baabiloonii wajjin tokkoo akka qabaataa turan sirriitti beekamaadha; akkasumas warri Gibxii beekumsa 'polytheism' warra Giriikiif akka kennan ragaalee galmee Gibxii durii irraa argameera. Haaluma kanaan dhoksaawwan Baabiloon biyyaa gara biyyaatti babal'achuudhaan hanga Roomaa, Chaayinaa fi Hindii keessatti mul'achuutti ga'e, Ameerikaa Kaabaa fi Kibbaa keessatti illee waaqeffannaadhuma bu'uuraa sana arganna.
Seenaawwan durii amantiin Baabiloon kun amantii dhugaa isa kan namoota gara jalqabaatti lafarra jiraataa turanii akka hin turre Macaafa Qulqulluu wajjin walii galu. Amantii amantii bu'uuraa (original) irraa maqe isa angafaa ture; garuu ofii isaatii isa bu'uuraa hin turre. Barreessitoonni seenaa kanneen akka Wiilkinsonii fi Maaleet ragaalee barreeffamoota durii irraa qabatamaatti kana mirkaneessaniiru, innis bara ta'e tokkotti sabni lafaarra jiraataa turan hundi WAAQAYYO TOKKO, isa hudumaa gararraatti, isa bara baraatti, isa ijaan hin mul'annetti, Isa Sagalee afaan Isaa keessaa ba'uun dubbatee waan hundumaa uumetti, Isa amalli Isaa jaalala, gaarummaa fi qajeelaa ta'etti amanaa turan. Garuu seexanni akkuma yeroo hundumaa waan danda'u hunda mancaasu, akka isaan dhugaa gananiif sammuu fi qalbii namootaas mancaasuu isaa arganna. Yeroo hundumaa akka waan uumamaa fi garbichaa Waaqayyoo osoo hin ta'in Waaqayyoon ta'eetti waaqeffannaa ofitti fudhachuuf yaalii gochaa ture, tarii yoon waaqeffannaa Waaqayyoo irraa moggaatti dhiibe gara ofii kootti isa nan harkisa, ittiinis teessootti ol nan ba'a jedhee yaade. Hawwii amantii isaa addunyaa guutuutti babal'isuuf qabus qabatamaatti galmaan ga'ateera. Kanas Waaqayyo Ergaa Gara Warra Roomaatti ergame keessatti dhugoomseera, “Waaqayyo utuma beekanii, akka Waaqayyootti ulfina hin laanneef, galatas isaaf hin galchine; sammuu isaanii isa duudaa dukkaneeffameenis amantii bifa wanta du'uu fudhachuudhaan hanga Uumaa utuu hin ta'in uumama waaqessuutti ga'an.”
Yaadadhaa, Seexanni uumama Waaqayyoo (Ilma Ganamaa) ture. Akkasitti iddoo dhugaan al tokko namoota gidduutti faca'ee, hundinuus dhugaa tokkicha sanatti qabamee ture arganna, iddoon boodaarra guyyaan barri gareen bal'aan Waaqayyoo irraa garagalee bifa waaqeffannaa seexanaa addunyaa guutuutti babal'ise itti bari'es achuma. Warri gosa sanyii Seem dhugaa hin jijjiiramne waliin dhaabbatanii sanyii Haam warra dhugaa irraa gara soba seexanaatti garagalanii wajjin mormii cimaa keessa akka turan seenaan ni mirkaneessa. Waa'ee kanaa keessa gadi seenee ibsuuf yeroon nu hin ga'u; gabaabumatti amantiin lamaa fi lama qofti akka turan akka hubattaniif jedhee kanan tuqe yoo ta'u, inni hamaan amantii addunyaa guutuu ta'e.
Amantiin 'monotheism' Baabilon keessatti gara amantii 'polytheism'tti jijjiirame. Sobni seexanaa fi dhoksaan seexanaa dhugaa Waaqayyoo fi dhoksaa Waaqayyoo mandarattii keessa jiru irratti ka'e. Seexanni dhuguma waaqayyo biyya lafaa kanaa ta'ee warra gowwoomse irraas waaqeffannaa argatee, akka waan dhuguma Gooftaa ta'etti akka amanan isaan godheera.
Amantiin 'polytheistic' diinaa doktiriinii 'trititarian' irraa eegale. Yaadni “Waaqayyo tokko qaamaan sadii” jedhu kan uumame dur bara durii keessa ture. Hayyoonni ti'ooloojii ammayyaa keenya kana arguu dhabuun isaanii akkam nama ajaa'iba; garuu akkuma abbootiin isaanii Seexanaan gowwoomfaman, isaanis amma iyyuu qaamota sadan Waaqummaatti amanu. Mee Caaffata Qulqullaa'oo keessaa iddoo aboon doktiriinii sanaaf kenname tokko illee yoo jiraate nutti haa agarsiisan. Sanyiin Haam waaqeffannaa Seexanaa isa yaadrimee waaqayyolii sadii ta'e qabatanii deemsa karaa isaanii yeroo itti fufaa jiranitti sanyii Seem keessaa waan akkasiitti kan amanu ykn sirna waaqeffannaa sana fakkaatutti hirmaatu gosi tokko illee dhabamuun waan nama ajaa'ibu mitii? Utuu Waaqummaa keessa qaama sadiitu jira ta'ee inni Ibroonni, “Yaa Israa'el dhaga'i! Waaqayyo Gooftaan kee Waaqayyo isa TOKKICHA” jedhanii amanan waan keessummaa namatti hin ta'uu? Abrahaam sanyiin Seem, Uumama Boqonnaa 18 keessatti Waaqayyo TOKKO qofa ergamoota lamaa wajjin arge.
Amma 'trinity'n kun maaliin wal qabsiifamee ibsame? Innis akkuma har'a Roomaa keessatti ibsamaa jirutti rog-sadee rogoonni sadanuu walqixa ta'een ibsame. Kan nama ajaa'ibu, Ibroonni yaadrimee akkasii hin qaban turan. Amma eenyutu sirriidha ree? Ibroota moo warra Baabiloon? Eeshiyaa keessatti yaadni 'polytheism' waaqayyoliin sadan tokkoo kun bifa fakkaattii tokko kan mataa sadii qabuun gadi ba'e. Innis akka hubannoo sammuu sadiitti ibsama. Hinditti akka waaqa tokko ta'ee bifa sadii qabuutti ibsuudhaan garaa isaanii isaanii keessatti qabatu. Amma sun dhuguma ti'ooloojii ammayyaa gaarii dha. Jaappaan keessatti immoo Buudaan guddichi mataa sadii qabu akka isa kanaan dura ibsineen wal fakkaatutu jira.
Garuu hunda caalaa yaadrimeen trinitarian sirriitti kan mul'isu yaada Waaqayyoo sadan tokkoo (triune) bifa: 1. Mataa nama dulloomaa Waaqayyoo Abbaatti fakkeeffame, 2. Geengoo dhoksawwan of keessaa qabu kan “Sanyii” agarsiisu yoo ta'u kunis karaa biraatiin Ilma jechuudha. 3. Koolaa fi eegee simbirroo (gugee) ti. Asitti doktiriinii Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qulqulluu, Waaqummaa keessatti namoota sadii, 'trinity' jedhuuf fakkaattii ta'uu mala jedhanii yaadan bocan. Roomaa keessattis kanuma arguu dandeessu. Mee ammas irra deebi'een isin gaafadha, seexanaa fi warri isa waaqessan abbaa amantii, (Abrahaam) fi sanyii isaa caalaa mul'ata dhugaa qabna jechuun isaanii waan ajaa'ibaa mitii? Warri seexana waaqessan ijoollee Waaqayyoo caalaa waa'ee Waaqayyoo beekna jechuun isaanii waan ajaa'ibaa mitii? Amma wanti hayyoonni ti'ooloojii ammayyaa waa'ee trinity yeroo dubbatan nutti himuuf yaalan kanuma. Kana booda waan tokko qofa yaadadhaa: galmeewwan kun dhugaadha kunis dhugaadha - Seexanni sobaa fi abbaa sobaati, yeroo ifa kamiinuu dhufu hundumaattis amma iyyuu sobaadha. Inni ajjeesaadha. Akkasumatti Doktiriiniin isaa waa'ee tirinity namoota baay'ee balleesseera hanga gaafa Yesuus dhufuuttis itti fufee ni balleessa.
Akka seenaatti yaad-rimee Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qulqulluu jedhu kana keessatti jijjiiramni dhufuuf yeroo itti hin fudhanne. Seexanni yeroodhaa gara yerootti tarkaanfii tokko tokkoon dhugaa irraa isaan fageessaa ture. Yaadni Waaqummaa (Deity) adeemsa tirannaatiin guddate amma: 1. Abbaa bara baraa, 2. Hafuurri Waaqayyoo haadha NAMAA keessatti foon uffachuu isaa. (Sun akka yaaddan isin taasisaa?) 3. Ilma Hoodaa, firii foon uffachuu sanaa ti, (Sanyii dubartii).
Seexanni garuu amma iyyuu hin quufne. Karaa al-kallattiin malee hanga ammaatti waaqeffaamuu hin arganne. Kanaaf namoota dhugaa irraa daran fageessa. Karaa dhoksawwaan isaatiin abbaan guddaan ijaan hin mul'anne Waaqayyo hojii namootaa keessa of hin galchu, cal'isaan bira daraba malee, akkasittis callisee waaqeffamuu kan danda'u ta'uu isaa namootaaf ifa godha. Sirumayyuu guutummaatti yoo ta'uu dhaabaate iyyuu hamma danda'ametti isa irraanfachuu jechuudha. Doktiriiniin kun addunyaa irrattis ni babal'ate, har'as Hinditti manneen qulqullummaa uumaa guddaa, waaqa callisaa, lakkoofsaan baay'ee muraasa ta'an akka jiran arguu dandeessu.
Uumaa-abbaa waaqeffachuun waan hin barbaachifneef, waaqeffannaan akka meeshaa ulfinaatti gara “Haadhaa fi Ilma Isheetti”tti luucceffachuun waan baratame ture. Gibxii keessa walitti hidhamiinsa haadhaa fi ilmaa kanaan wal fakkaatu kan Isis fi Osiris jedhamutu ture. Hinditti Isii fi Iswaaraa jedhamutu ture. (Walfakkeenya maqaa illee hubadhaa.) Eeshiyaa keessatti Siibeelii fi Deyoostu ture. Roomaa fi Giriikittis haaluma kanaan hordofe. Chaayinaa keessattis. Tole, misiyoononni Kaatolikii Roomaa tokko Chaayinaa seenanii, akkuma achi ga'aniin bifa Maadoonaa fi Mucaa ishee akkasumas xiyya ifaa mataa daa'imichaa irraa ba'uu arganii akka ajaa'ibsiifatan yaadaadhaa. Fakkiin kun garaagarummaa bifa fuulaa mursaasa irraa kan hafe Vaatikaan keessa kan jiruu wajjin wal jijjiiruun ni danda'ama ture.
Amma haadhaa fi mucaa jalqabaa argachuutu nuuf ta'a. Waaqayyittiin-haadha Baabiloon jalqabaa Semiramis yummuu taatu biyyoota bahaa keessatti Rhea jedhamti turte. Qoma isheetti ilma tokko baatti turte, inni daa'ima ta'us, dheeraa, cimaa, bareedaa fi keessumaa dubartoota kan booji'u jedhamee ibsama ture. Akka Hisqi'eel 8:14 irratti Taamuz jedhama. Barreessitoota kilaasikaalii biratti 'Bacchus' jedhama ture. Warra Baabiloon biratti immoo Niinus jedhama ture. Daa'ima hammatamu ta'ee utuu jiruu akka nama guddaa fi jabaa ta'eetti ibsamuu isaatiif wanti sababa ta'u “Abbaa Manaa-Ilmas” jedhamuun beekamuu isaati. Maqaawwan isaa keessaa tokko “Abbaa Manaa Haadha Isaa” kan jedhu yoo ta'u, Hinditti Iswaraa fi Isi jedhamuun kan beekaman yoo ta'u, inni (abbaan manaa) daa'ima harma haadha warraa isaa gidduu jiru bakka bu'a.
Dubbisaa macaafa...
Bara Waldaa Phergamoon.
Kuush, Naamrudin dhalche; Naamrud kun biyya lafaa keessatti nama jabaa isa duraa ture.
Inni Waaqayyo duratti iyyuu adamsaa jabaa ture; kanaaf jechi, “Akka Naamrud isa Waaqayyo duratti iyyuu adamsaa jabaa sanaa” jedhamee dubbatamu beekamaa ture.
Innis jalqabatti mandaroota biyya Shiinaar isa “Baabilon” jedhamee beekame keessaa Baabel, Erek, Akaadii fi Kaalne irratti in mo'e.
Seera Uumamaa 10:8-10