Barsiisa Bala'aam.


  Macaafa Mul'ataa.

Bara Waldaa Phergamoon.


William Branham.

Dubbisaa macaafa...
Bara Waldaa Phergamoon.

Mul'ata 2:14,
Garuu wanta muraasa si irratti argadheera; namoota warra barsiisa Bal'aamitti qabamanii jiran achii qabda. Balaaq ijoollee Israa'el dura gufuu kaa'ee qalma waaqayyolii tolfamniif dhi'aate akka nyaatanii fi gaalamootummaatti akka jiraatan gochuu Bala'aamtu barsiisee ture.

Amma ijaarsa Niqoolaawummaa waldaa keessaa qabaachaa, doktiriniin biraa kun akka hin seenne gochuu hin dandeessan. Argitanii, mi'a waaqeffannaa isa ta'e Sagalee Waaqayyoo fi sochii Hafuuraa yoo lafa keessan (warri Ana waaqessan Hafuuraa fi dhugaadhaan Ana haa waaqssan) akka bakka bu'aatti bifa waaqeffannaa biraa sabaaf kennuu qabdu, bakka buusuun ykn substitution'n immoo Bala'aamiziimii dha.

Doktiriiniin Bala'aam waldaa Kakuu Haaraa keessatti maal akka ta'e hubachuuf deemna yoo ta'e duubatti deebinee waldaa Kakuu Moofaa keessatti maal akka ture ilaallee sana booda bara sadaffaa sanaa wajjin wal simsiifuudhaan, achiis gara bara ammaatti ol fiduu nuuf wayya.

Seenaan kun Seera Lakkoofsa Boqonnaa 22 hanga 25 keessatti argama. Amma Israa'el saba Waaqayyoo filatamoo akka turan ni beekna. Isaan warra Pheenxeqoostaalii bara isaanii turan. Isaan dhiiga jalatti kooluu galaniiru, hundi isaanii Galaana Diimaa keessatti cuuphamanii hafuura keessa galanii faarfachaa humna Hafuura Qulqulluu jala galaniis shubbisaa bishaanota keessaa ba'aniiru, yummus Miiriyaam raajittiin dibbee isaaniif rukutti turte. Ba'eessa, ijoolleen Israa'el kun deemsa yeroo gabaabaa booda biyya warra Mo'aab ga'an. Mo'aab eenyu akka ta'e yaadadhaa. Mo'aab ilma Loox isa inni intaloota isaa keessaa ishee tokkorraa dhalche yoo ta'u, Loox immoo ilma obboleessa Abrahaam waan ta'eef warri Israa'elii fi warri Mo'aab firooma qabu turan. Sana akka hubattan nan barbaada. Itti haa jiraatanis itti jiraachuudhaa baatanis warri Mo'aab dhugaa jiru ni beeku turan.

Kanaafis warri Israa'el gara daangaa Mo'aabitti ol ba'anii akkas jedhaa jedhanii namoota gara mootichaatti ergan, “Nuyi obbolaa dha. Lafa keessan keessa nu dararsaa. Namoonni keenyas ta'e horiin keenya waanuma fedhe illee haa ta'uu yoo nyaatan ykn dhugan gammachuudhaan isiniif kaffalla.” Mootichi Balaaq garuu aaree lafaa ka'e. Mataan tuuta Niqoolaawotaa sun waldaan milikkita, dinqii fi hojii mul'achuu Hafuura Qulqulluu garaa garaa of biraa qabdu, isheen fuula ishee irraa ulfinni Waaqayyoo calaqqisu biyya isaa keessa akka hin drabine in dhowwe. Tuuta isaa keessaa waa muraasa dhabuu waan danda’uuf, balaa guddaa qaba jedhee sidaate. Kanaafis Balaaq Israa’eliin darbarsuu dide. Dhugaa dubbachuuf, sodaan inni isaan irraa qabu baay'ee guddaa waan tureef, gara raajii qacaramaa Bala'aam jedhamuu dhaqee isaa fi Waaqayyo gidduu seenee Israa'eliin akka abaaruuf, akkasumas akka isaan humna hin godhanne akka godhuuf, Isa Hundumaa Danda'u akka isaaf kadhatuuf isa kadhate. Bala'aam immoo dhimma siyaasaa irratti hirmaatee nama guddaa ta'uuf fedhii guddaa waan qabuuf, kana gochuu isaatti baay'ee gammade. Garuu ofii isaatiii homaa gochuu akka hin dandeenyeefii namoota sana abaaruuf Waaqayyo duratti dhi'aatee dhageettii argachuu akka qabu waan beekuuf, Waaqayyo akka isaaf hayyamu kadhachuuf ba'ee deeme. Amma sun Niqoolawota har'a of biraa qabnuu wajjin tokkuma mitii ree? Nama karaa isaanii irra hin deemne hunda abaaru.

Yommuu Bala'aam achi deemuuf Waaqayyoon gaafatatti, Waaqayyo hin dhaqin isaan jedhe. Oo, yaa dhukkubbii isaa! Balaaq garuu badhaasa guddaa fi kabaja isa duraarra caalu abdachiisuudhaan isa kadhate. Kanaafis Bal'aam ammas fuula Waaqayyootti mul'achuuf deeme. Amma deebiin Waaqayyo kenne tokkichi iyyuu ga'aa ture. Bala'aam nama ofiin bulaa ta'eef garuu akkas miti. Waaqayyos karaarraa kaachuu isaa yommuu argetti, dhaqi jedhee hayyameef. Innis ariitiidhaan harree yaabbatee karaarra bu'e. Fedha Waaqayyoo yoo ta'e malee ofii isaatiin si'a digdama dhaqee si'a digdama abaaruu akka hin dandeenye salphumatti beekuutu isarra ture. Namoonni bara kanaa attam Bala'aam wajjin wal fakkaatu laata! Waaqota Sadiitti amanu, MAQAA TOKKOCHA sana dhiisanii maqaalee ulfinaatti cuuphamu, ta'us garuu Waaqayyo akkuma Bala'aamiif ergaa turetti Hafuura Isaa isaaniifis in erga, isaanis nuyi dhuguma sirriidha ofiin jedhu amantoonnis isaan duukaa bu'u, isaan dhugumatti Bala'aamota. Barsiisa bala'aam ilaalaa. Maaluma iyyuu haa ta'uu gara duratti deemi! Akkataa yaada mataa keetiin hojjedhu kan jedhu dha. Isaan, “Ba'eessa, Waaqayyo nu eebbiseera. Homaa rakkoo hin qabu” jedhu. Inni isin eebbiseera nan beeka. Sana hin haalu. Garuu karuma jaarmiyaan Bala'aam irra deemerra deemaa jirtu. Sun immoo Dubbii Waaqayyoo tuffachuu dha. Innis barsiisa sobaa ti.

Kanaafis Bala'aam kophaa isaa karaa qabatee in sokke, ergamaan Waaqayyoos karaatti isa dura gore. Garuu raajiin sun (bishoopiin, kaardinaaliin, dura taa'aan, prezidaantiin, bishoopiin walii galaa) yaada kabajaa fi ulfina argachuu, yaada horiitiinis wantoota Hafuuraa irraa akka malee waan jaameef ergamaa billaa gara lamaan qarame luqqifatee isa dura dhaabatu arguu hin dandeenye. Achitti raajii maraate sana dhowwee deebisuuf dura dhaabate. Harreen miskiinni sun ergimicha argitee asii fi achi isa daddarbachaa, ergamicha irraa utuu gortuu xumura irratti miilla Bala'aam dallaatti miciriqsite. Harrettiin in dhaabatte, deemuus in didde. Deemuu dide. Kanaafis Bala'aam ishee irraa bu'ee ishee dha'uutti ka'e. Sana booda harrettiin Bala'aamitti haasa'uu jalqabe. Waaqayyo akka harrettiin afaan haaraa dubbattu taasise. Harreen sun harree diqaalaa miti; isheen sanyii jalqabaati. Isheenis raajii jaamaa sanaan, “Ani harree kee mitii? hanga ammaatti ani amanamummaadhaan si hin baannee?” jette. Innis deebiseefii, “Eeyyee, eeyyee, ati harree koo ti, hamma amaattis amanamummaadhaan ana baatteetta; hin deemtu yoo ta'e si ajjeeseen… Woo'aa! Maali inni wanti kun, harreettin haasa'aa jira moo? Kun qoosaa dha, harreettin haaa'aa jira natti fakkaata, harreefan deebii kennaa jira natti fakaatas” jedhe.

Waaqayyo yeroo hundumaa afaan haaraatiin dubbateera. Inni ayyaana Belshaazaar qopheesse irratti, ergasiis guyyaa Pheenxeqoosteetti afaan haaraatiin dubbateera. Har'as irra deebi'ee hojjechaa jira. Innis akeekkachisa firdii yeroo dhi'ootti dhufuuf jiruu ti.

Ergasii ergamichi Bal'aamitti in mul'ate. Waaqayyoon qoruu keetiif harrettii hambisee si ajjeesuufan ture ittiin jedhe. Bala'aam yeroo deebi'uuf murteessettis, waan Waaqayyo dubbadhu jedhu qofa akka dubbatu akeekkachiifamee ergame.

Kanaafis Bala'am gadi bu'ee aarsaa dhi'essuuf iddoo aarsaa torba in ijaare. Dhufaatii Masiihichaa kan argisiisu korbeessa hoolaa aarsaa dhi'eesse. Gara fuula Waaqayyootti dhi'aachuuf maal gochuu akka qabu ni beeka ture. Inni makaaniksii sirriitti of harkaa qaba ture; garuu daayinamiksii hin qabu ture; akkuma warra ammaa kanaa. Niqoolaawota hin argitanii? Israa'elis achi dachaa lafa onaa keessatti aarsaa wal fakkaatu dhi'eessaa jiru tura, waanuma wal fakkaatu hojjechaa turan garuu tokko qofaatu milikkita isa duukaa bu'u qaba ture. Isa tokko qofaatu Waaqayyoon of gidduudhaa qaba ture. Foormiin eessayyuu isin hin geessu. Inni iddoo mul'achuu Hafuuraa bu'uu hin danda'u. Niiqiyaatti wanti ta’e kanuma. Achitti doktiriinii Waaqayyoo osoo hin taane doktiriinii Bala'aam raggaasisanii fudhatan. Isaanis ni gufatan; eeyyee ni kufan. Namoota du'an ta'an.

Aarsaan erga dhihaatee booda Bala'am raajii dubbachuuf qophaa'e. Waaqayyo garuu arraba isaa waan hidheef isaan abaaruu hin dandeenye. Ini isaan in eebbise.

Balaaq baay'ee aare, Bala'aam garuu waa'ee raajii dubbatamee homaa waan gochuu danda'u hin qabu ture. Inni Hafuura Qulqulluudhaan dubbatame. Kanaafis Balaaq gara dachaatti gadi bu'ee dugda duubaan isaan ilaalaa yoo abaare tarii dhageettii ni argata jedhee waan yaadeef Bala'aam akka gadi bu'ee abaaru godhe. Malli Balaaq bara sanitti dhimma itti ba'e mala isaan bara kanaitti dhimma itti ba'aa jiranii wajjin tokkuma. Dinoomineeshiinii guddoon garee xixiqqoo asii gadi ilaalu, waan isaan gidduutti argamu kamuu fudhatama dhabsiisanii isaan lafafu. Warri ammayyaa cubbuu keessa yoo jiraatan, namni waa'ee isaanii homaa tokko illee dubbatu hin jiru; warra fo'amoo keessaa nama tokko yoo argan garuu rakkoo keessa buusuuf waraqaa guutummaa biyyaatti raabsu. Eeyyee, Israa'el fooniin dugda kan itti gatu qabdi turte. Garee galata isaan dhiwwatu qabu turan; garuu hir'uu isaanii utuu hin ilaalin, akeeka Waaqayyoo isa karaa fo'amuu, karaa hojii utuu hin ta'in karaa ayyaanaa Isaa raawwatuun, ISAAN GUYYAA GUYYAA DUUMESSA, HALKAN HALAKAN UTUBAA IBIDDAA QABU TURAN, ISAAN KATTAA DHA'AMEE BISHAAN BURQISIISU, BOFA SIBIILA IRRAA TOLFAMEE FANNIFAMEE FI MILIKKITAA FI DINQII GARAA GARAA QABU TURAN. Isaan warra dhugaan ba'ameef turan; ofiin utuu hin ta'in Waaqayyoon kan dhugaan ba'ameef turan.

Dubbisaa macaafa...
Bara Waldaa Phergamoon.


  Macaafa Qulqulluu jedha...

Yaa, Isra’el dhaga’l! Waaqqayyo gooftaan keenya Waaqqayyo isa tokkicha!

Seera Keessa Deebii 6:4



Macaafa Mul'ataa.
Ilaalaa itti....
(Dubartii Jeezebeel Jedhamtu sana.)



Waaqayyo maqaa
baay'ee qaba:...
Inni garuu maqaa
dhala namaa tokko
qofa qaba, innis
Yesuusi dha.



Giddugala Ergaa... Erggwwan bilisaa Obboleessa Biraanhaam irraa buufadhaa.


Iccitii Kiristoos.

Ingilizii barruu oduu
marsariitii.

Macaafa Mul'ataa.

 
 

Waaqayyo fi
Saayinsii. Indeeksii.
Gaarra Siinaa.

Gocha Raajicha.

 

Sagalichi Jireenyaatti.
Kristos Sagalee Isaa
Keessatti Mul’ifama.

Wangeela.
Kristos cubbuu
keenyaaf du’eera.

Cuuphamaa.

 
 

Duumeessa waaqaa.

Eliyaas Raajichaa.

Olbutamuu.

 

Mul’aticha
Yesuus Kiristoosi.

Bara dhumaa kan
walitti fufu.
Gaa’elaa fi
Gaa’ela Diiguu.

Ergamaa ni mul’ata.

Barsiisa ijoo.

Dursaa kan ta’e.

Waaqayyo Ifa dha.

Dubartittii IiZaabeel
Jedhamtu.

Mul'aticha Phaaximoos.

Baroota Waldaa
Torbanii.

Barsiisa Warra
Niqolaawotaa.

Kana Kristiyaana series.

Maqaa Waaqayyoo.

Taabotni Nohi.

 

Ergaa Ayyaana Qillee.

 

Cubbuu jalqabaa.
Kun abaaboo turee?

Arkiyooloojii.
Sodoomii fi Gomoraa.

Bara Waldaa
Laa'odiiqeyaa.

Kiristoos waldaa ala
jira.

Tarreefama Ergaa.

Baabiloon.
Ka’umsa Oduu Durii.

Suuraa ykn PDF buufachuuf suuraa cuqaasaa.


Gocha Raajicha.

(PDFs)

The Two Babylons

by Rev Alexander Hislop.
(PDF Ingilizii)

Chaayinaa keessatii
qorra keessa bosona
gaaraa fi roozii.

Liilii ibiddaa.

Utubaan ibiddaa.
Hiyustaan 1950.

Ifa dhagaa piraamidii
irratti.