Dubartittii IiZaabeel Jedhamtu.


  Macaafa Mul'ataa.

Bara Waldaa Tiyaatiraa.


William Branham.

Dubbisaa macaafa...
Bara Waldaa Tiyaatiraa.

Mul'ataa 2:20-23,
20 Garuu dubartittii Izaabeel jedhamtu, ishee 'Ani raajii dha' ofiin jettee barsiiftu, ishee hojjettoonni koos gaalamootummaatti akka jiraatan, qalma waaqayyolii tolfamaniif dhi'aate akka nyaatanniif wallaalchisaa jirtu, calluma jettee dhiisuu kee kana si irratti argadheera.
21 Ani yaada garaa ishee akka geeddarattuuf yeroo kenneefiin ture; isheen garuu gaabbitee gaalamootummaa isheettii deebi'uu hin barbaanne.
22 Kunoo, ani akka isheen dhukkubsattee siree irra ciiftu nan godha, warra ishee wajjin ejjan immoo gaabbanii hojii ishee irraa yoo deebi'uu dhaabaatan, rakkina guddaa keessa isaan nan buusa.
23 Ijoollee ishees dha'ichaan nan ajjeesa; kanaanis waldoonni kristaanaa hundinuu, inni yaada namaa fi garaa namaa fonqolchu ana ta'uu isaa beekuuf jiru. Ani immoo tokkon tokkon keessaniif akka hojii isaatiitti kennuufan jira.

Wanti jalqabaa fi baay'ee barbaachisaan waa'ee Iizaabel barannu intala Abrahaam akka HIN TAANE dha, akkasumas isheen akka Ruut intala warra Mo'aab ishee karaa hafuuraa gosoota Israa'elitti lakkaa'amtes miti. Lakki obbo. Dubartiin kun intala Etba'aal mootii Siidoon turte (1Mootota 16:31), Etba'aal kun luba waaqayittii Astartee ykn Asheeraa ture. Teessoo kanas kan argate nama isa dura ture Pheeles ajjeesuudhaan ture. Kanaaf isheen intala nama nama ajjeesee akka turte battalumatti arganna. (Kun Qaayin akka nu yaadachiisu beekamaadha.) Karaan isheen ittiin qaama Israa'el taates karaa hafuuraa Waaqayyo Ormoonni akka makamaniif murteesseen miti; mootii gosoota Israa'el kurnan irratti mo'u Ahaabitti HEERUMUUDHAAN itti makamte malee. Amma gaa'elli kun akkuma kanaan dura ilaalle kan Hafuuraa hin turre; kan siyaasaa ture malee. Kanaaf dubartiin waaqeffannaa waaqa tolfamaa keessatti liqimfamte kun waaqeffataa Waaqa Dhugaa Tokkichaa ta'uuf fedhii xiqqoollee hin qabdu turte, kanaa mannaa Israa'elota Gooftaa irraa garagalchuuf yaada ifa ta'e qabattee dhufte.

Amma Israa'el (gosoonni kurnan) jabbii warqee irraa tolfame waaqeffachuun maal akka ta'e durumaanuu ni beeku turan, garuu hanga ammaatti Waaqayyo waaqeffamaa waan tureef, seerri Musee beekamtii waan argateef, waaqeffannaa waaqa tolfamaaf dabarsanii of hin kennine. Garuu yeroo Iizaabeel Ahaabitti heerumte irraa eegalee waaqeffannaan waaqa tolfamaa haala nama gaddisiisuun guddachaa dhufe. Yeroo dubartiin kun mana qulqullummaa Astartee ykn Asheeraa (Venus) fi Ba'aal (waaqa aduu) ijaartee isa keessatti luba taatetti ture kan Israa'el gara fiixee jeeqama jireenya ishee dhufe.

Kana yaada keessa galchuudhaan amma bara Tiyaatiriyaa kana keessatti Hafuurri Waaqayyoo maal akka kaa'u ilaaluu jalqabuu dandeenya. Innis kunooti.
Ahaab Iizaabeliin fuudhee mootummaa isaa cimsuu fi mirkaneessuuf akka sochii siyaasaatti itti fayyadame. Waldaan yeroo Qosxanxinoositti heerumtes sirriitti kanuma goote. Lamaanuu maqaa hafuuraa itti haa maxxansan malee sababa siyaasaatiin walitti dhufan. Amma Qosxanxinoos Kiristaana akka ture namni na amansiisu hin jiru. Inni nama paagaanii kan kiyyoo Kiristaanummaa fakkaatu of harkaa qabu ture. Inni nama gaachana loltootaa irratti fannoo adii dibe ture. Inni hundeessaa garee 'Knghts of Columbus' ture. Isatu fiixee mana qulqullummaa Qulqulluu Soofiyaa irra kaa'ee, kanaanis duudhaa akkasii tokko jedhee jalqabe.

Nama hundumaa, kana jechuun warra paagaanii, kiristaana maqaa fi kiristaana dhugaa walitti fiduun Yaada Qosxanxinoos ture. Yeroodhaaf waan amantoota dhugaatti dhimma ba'ee warra Dubbicha irraa fagaatan gara karaatti deebisuu milkeessu fakkaata ture. Dhugaatti isaan deebisuu akka hin dandeenye yommuu hubatanitti qaama siyaasaa irraa adda ba'uuf dirqaman. Sana booda yeroo kana godhanitti gantoota jedhamanii ari'atamaa turan.

Mee asitti waa'e waan kanaan fakkaatuu isa yeroo ammaa ta'aa jiruun dubbadha. Sabni hunduu walitti dhufaa jira. Macaafa Qulqulluu Yihudii, Kaatolikii ykn Pirootestaantiis haa ta'uu nama hundaaf mijatu barreessaa jiru. Mana Maree Niiqiyaa ofii isaanii qabu garuu Mana Maree Ikuumeenikii jedhanii waamu. Akkasumas jaarmiyaaleen kun hundi eenyuun akka lolan beektuu? Pheenxeqoosxee dhugaa lolu. Jaarmiyaa Pheenxee jedhamu lolu jechuu koo miti. Namoota Pheenxeqoosxee ta'an jechuu kooti sababni isaas isaan dhugaadhaan waan deddeebi'aniif Hafuura Qulqulluun kan guutamanii fi mallattoo fi kennaa of gidduudhaa waan qabaniifi.

Ahaab faayidaa siyaasaatiif jedhee Iizaabel yommuu fuudhetti angafummaa isaa gurgure. Obboleessaa, dhaabbata tokkotti yeroo makamtutti angafummaa kee gurgurta, amantus amanuu baattus. Gareen Pirootestaantii ba'ee booda deebi'e hundi angafummaa isaa gurgureera, yeroo angafumaa kee gurgurtu immoo akkuma Esaawu taata— waan barbaadde boo'uu fi yaada geeddarachuu dandeessa, sun garuu bu'aa tokkollee siif hin buusu. Wanti isin gochuu dandeessan tokko qofa yoo ta'u innis, “Yaa saba ko! Cubbuu ishee keessaa akka hin qabaannetti, kottaa ishee keessaa ba'aa!” Amma akka waanan sirrii hin taanetti yaaddu yoo ta'e gaaffii tokkicha kana deebisaa. Nama lubbuun jiru keessaa namni waldaa ykn sochii Waaqayyoo erga haaromsa argattee booda dinoomineeshiinii ta'uudhaan gara jaarmiyaatti hin deebi'in hafte tokko natti himuu danda'u jiraa? Seenaa keessan dubbisaa. Tokko illee argachuu hin dandeessan— tokkollee.

Israa'eliif sa'aatii halkan walakkaa ture yeroo isheen biyya lafaa wajjin walitti makamtee waan Hafuuraa dhiistee gara siyaasaatti gorte. Yeroon Waldaan Niiqiyaatti waanuma kana gootes halkan walakkaatti ture. Ammas Waldoonni yeroo halkan walakkaatti walitti dhufaa jiru.

Ahaab Iizaabel yommuu fuudhetti horii mootummaatiin manneen waaqeffannaa gurguddaa lama Astartee fi Ba'aaliif akka ijaartu isheef hayyame. Inni Ba'aaliif ijaarame immoo Israa'eloonni hundinuu dhufanii achitti akka waaqeffachuuf akka ta'utti akka malee guddaa ture. Qosxanxinoos fi waldaan yeroo wal fuudhanitti immoo gamoowwan waldaadhaaf kennee, iddoo aarsaa fi bifa fakkeenyaa dhaabe, akkasumas hierarchy durumaan bocaa godhachuutti deemaa jiru toora qabsiise.

Izaabel humna mootummaa yeroo argattetti dubaan amantii ishee humnaan saba irratti feetee raajotaa fi luboota Waaqayyoo ajjeeste. Akka haalichi malee hamaa ta'uu irraan kan ka'et, Eliyaas ergamaan bara sanaa, waa inni qofti lubbuun hafe itti fakkaate; Waaqayyo garuu raajota 7000 kan Ba'aaliif hin jilbeenfanne qaba ture. Yeroo ammaa kanas waldoota Baaptisitootaa, Meetodistootaa, Pirisbiteriyaanotaa fi kkf keessaa ba'anii gara Waaqayyootti kan deebi'uuf jiran muraasni ni jiru. Ani ammas ta'e yoomiyyuu, namoota jibbee akkan hin beekne akka naaf beektan nan barbaada. An kanan jibbu dinoomineeshiinii dha-sirna jaarmiyaatiinan morma. Waaqayyo waan isa jibbeef ittiin mormuun qaba.

Amma daqiiqaa tokkoof asumatti dhaabnee waaqeffannaan Tiyaatiraa maal akka ture haa ilaallu. Isaan Mootichaa wajjin Apooloo (waaqa aduu ture) akka waaqeffatan dubbadheera. Amma Apooloon kun 'isa hamaa namarraa qolu' jedhamee baakama. Inni waan hamaa namoota irraa ittise. Isaan eebbisuudhaan waaqa dhugaa isaaniif ta'e. Inni namoota barsiisuu qaba ture. Innis waa'ee waaqeffannaa, sirna mana qulqullummaa, tajaajila waaqolii, waa'ee aarsaa, waa'ee du'aa fi jireenya du'a boodaa ibseera. Akkaataan inni kana itti godhe karaa raajii dubartii teessoo miilla sadii irra teessee raajjuutiin ture. Wayyoo kaa! Argitanii? Kunoo raajiin Iizaabel jedhamtu sun saba barsiisaa jirti. Barsiisa isheetiinis tajaajiltoota Waaqayyoo sossobdee ejja akka raawwatan gochaa jirti. Amma ejja jechuun 'waaqa tolfamaa waaqeffachuu' jechuudha. Hiikni hafuuraa isaas kanuma. Gaa'ila seeraan alaati. Gaa'elli Ahaab fi gaa'elli Qosxanxinoos lamaan iyyuu seeraan ala ture. Lamaanuu ejja hafuuraa raawwataniiru. Ejjituun hundinuu haroo ibiddaa keessatti ni darbatamu. Waaqayyotu akkas jedhe.

Dubbisaa macaafa...
Bara Waldaa Tiyaatiraa.

Buusuu (PDF Ingilizii)... Jezebel Religion.

Dubbisaa macaafa...Dubartii Jeezebeel Jedhamtu sana.



Macaafa Mul'ataa.
Ilaalaa itti....
(Seensa Baroota Waldaa.)




Giddugala Ergaa... Erggwwan bilisaa Obboleessa Biraanhaam irraa buufadhaa.


Malkiisedeq kun
eenyu?

Ingilizii barruu oduu
marsariitii.

Macaafa Mul'ataa.

 
 

Waaqayyo fi
Saayinsii. Indeeksii.
Tulluu Siinaa.

Acts of the Prophet.

(PDFs Ingilizii)

Sagalichi Jireenyaatti.
Kristos Sagalee Isaa
Keessatti Mul’ifama.

Wangeela.
Kristos cubbuu
keenyaaf du’eera.

Cuuphamaa.

 
 

Duumessoota waaqaa.

Utubaan ibiddaa.

Olbutamuu.

 

Mul’aticha
Yesuus Kiristoosi.

Bara dhumaa kan
walitti fufu.
Gaa’elaa fi
Gaa’ela Diiguu.

Dubartittii IiZaabeel
Jedhamtu.

Mul'aticha Phaaximoos.

Baroota Waldaa
Torbanii.

Barsiisa Warra
Niqolaawotaa.

Daddarbaa Addaamii.
Firrii mukaa hin turre.
Sanyicha Bofaa.

Archaeology.
Sodoomii fi Gomoraa.

Bara Waldaa
Laa'odiiqeyaa.

Kiristoos waldaa ala
jira.

  Macaafa Qulqulluu jedha...

Nama mo'uuf, isa hojii koo hamma dhumaatti eeggatee hojjetuufis, saba hin amanne baay'ee irratti aboo nan kennaaf.

Inni siiqqee sibiilaatiin saba sana in tiksa, akka qodaa suphees isaan in hurreessa.

Akkuma ani abbaa koo biraa aboo fudhadhes bakkalcha barii nama sanaaf nan kenna.

Mul’ata Yohannis 2:26-28


Suuraa ykn PDF buufachuuf suuraa cuqaasaa.


Acts of the Prophet.

(PDFs Ingilizii)

The Two Babylons

by Rev Alexander Hislop.
(PDF Ingilizii)

Chaayinaa keessatii
qorra keessa bosona
gaaraa fi roozii.

Liilii ibiddaa.

Utubaan ibiddaa.
- Houston 1950.

Ifa dhagaa piraamidii
irratti.