Barsiisa Warra Niqolaawotaa.
Bara Waldaa Phergamoon.
William Branham.Dubbisaa macaafa (PDF)...
Bara Waldaa Phergamoon.Mul'ata 2:15,
“Akkasuma immoo barsiisa warra Niqolaawotaa isa ani jibbutti qabamanii warra jiran qabda.”Bara Efesoon keessatti jechi Niqolaawota jedhu jechoota Giriikii lama irraa akka dhufe akkan ibse ni yaadattu. Innis: Nikao kan hiikni isaa weeraruu ta'ee, Laokan hiikni isaa nama laayyoo ykn laity jechuudha. Niqolaayintiin jechuun, “namoota laayyoo ta'an weeraruu” jechuudha. Amma kun maaliif waan akkaan suukaneessaa ta'e? Waaqayyo waldaa Isaa harka hoggansa filamee sammuu siyaasaatiin socho'uu keessa kaa'ee waan hin beekneef baay'ee suukaneessaadha. Inni Waldaa Isaa kunuunsa namoota Waaqayyoon muudamanii, Hafuuraan guutaman, warra Sagalichaan jiraatanii Sagalichuma nyaachisuudhaan namoota geggeessan jala galche. Inni akka sabni bal'aan sirna lubummaa qulqulluu tokko jalatti hoogganamutti saba gita gitaan hin qoqqoodne. Dhugaadha hoggansi qulqulluu ta'uu qaba, amanaan hunduus qulqulluu ta'uu qaba. Kana malees, Sagalicha keessa iddoon luboonni ykn tajaajiltoonni ykn giddu seentuu Waaqayyoo fi namoota gidduu seenu jira jedhu hin jiru, waaqeffannaa Gooftaa isaanii keessattis iddoon addaan qoodamu jedhu tokko illee hin jiru. Waaqayyo namni hunduu akka Isa jaallatuu fi wal faana Isa tajaajilu barbaada. Niqolaayintiiziimiin seera sana balleessee tajaajiltoota saba irraa adda baasuu bakka buusee, isa silaa geggeessitoonni garba ta'uu qaban gooftaa isaan taasisa.
Inni amma doktiriinii ta’e kun dhugumatti bara jalqabaa keessatti akka hojiitti jalqabe. Rakkoon sun jechoota lama irraa waan maddedha: isaanis ‘jaarsolii’ (presbyters) fi ‘ilaaltota’ (bishops) kan jedhanamanidha. Tokkoon tokkoon waldaa keessa jaarsolii hedduun akka jiran Caaffanni Qulqullaa’oon kan argisiisu ta’us, namoonni tokko tokko (Ignatius isaan keessaa tokko kan ta’e) yaada ilaaltuun ykn bishoopiin tokko olaantummaa ykn aangoo qabaachuudhaan jaarsolii to’ata jedhu barsiisuu jalqaban.
Amma dhugaan dubbii kanaa jechi ‘jaarsa’ jedhu namni sun eenyu akka ta’e kan argisiisu yoo ta’u, jechi ‘bishoopii’ jedhu ammoo hojii ykn office namuma sanaa kan agarsiisudha. Jaarsi namicha. Bishoopiin gita hojii namichaati. Salphaadhumatti jechi ‘jaarsa’ jedhu yeroo hundumaa umurii tartiiba yeroo namni tokkoo Gooftaa wajjin jiraate kan agarsiisudha, yeroo hundumaas kanuma agarsiisu ta’a. Nanmi tokko waan filatameef ykn waan muudamee fi kkf’f jaarsa jedhama osoo hin ta’in, waan UMURIIDHAAN kaan dursuuf jaarsa jedhama. Inni warra kaan caalaa kan baratedha, kan leenji’es, inni nama dhi’oo amane miti, sababa muuxannoo fi ragaa yeroo dheeraa jireenya kiristaanaa qabuuf amanamaa dha.
Garuu lakki, ilaaltonni ykn bishooponni ergaa Phaawulositti hin maxxanne, sanaa mannaa akkaataa lakkoofsa baraa isa Phaawuloos jaarsolii Efesoon irraa gara Miilexositti waame isa Hojii Ergamootaa boqonnaa 20 keessatti eeramee duukaa bu’an. Lakkosa 17 irratti akka caafametti “jaarsolii” jedhaman, lakkoofsa 28 irratti immoo “eegdota (bishops]” jedhaman. Akkasumas luboonni kun, (shakkii tokko malee barumsa siyaasaa kan qabanii fi aangoodhaaf kan yaaddaa’anidha ) hiika Phaawuloos ‘eegdonni’ dandeettii fi hojiidhaan jaarsa waldaa naannootii olitti kan qabaatan waldaa ofii isaanii qofa keessatti ta’a jedhee kenne cichanii morman. Akka yaada isaaniitti bishoopiin tokko geggeessitoota naannoo hedduu irratti aangoo bal’aa kan qabu ture. Yaadni akkasii yaadrimee Caaffata Qulqullaaʼoos taʼe kan seenaa kan hin qabne taʼus, namni jabaan akka Poolikaarp illee utuu hin hafin gara jaarmiyaa akkasiitti luucca’an. Akkasitti wanti bara jalqabaa keessatti akka hojii dhoksaatti jalqabe ifatti doktiriinii ta’e, har’as akkasumatti jira. Bishooponni ammallee namoota to’achuu fi akka barbaadanitti isaan waliin wal’aansoo qabuuf aangoo qabda jedhu, akkasittis hojii tajaajila keessatti iddoo ofii barbaadanitti isaan isaan muudu. Kun geggeessummaa Hafuura Qulqulluu isa Inni, “Baarnaabaasii fi Saa’oliin hojii ani itti isaan waameef, addaan anaaf baasaa” jedhe fudhachuu diduu dha. Mormituun Sagalichaa mormituun Kiristoosis kanadha.
Maatewos 20:25-28,
“Yesus garuu gara isaatti isaan waamee, ‘Warri saba biyya lafaa kanaa abbooman gooftummaadhaan akka isaan seerratan isin, iyyuu in beektu; gurguddoonni isaaniis aboo isaanii isaan irratti argisiisu.
Isin gidduutti akkas hin ta’u; eenyu illee isin, keessatti guddaa ta’uu kan barbaadu, hojjetaa keessan ta’uutu isa irra jira.
Eenyu illee isin keessaa dura ta’uu kan barbaadu, garbicha isiniif ta’uutu isa irra jira. Ilmi namaas akkasuma hojjechiifachuudhaaf hin dhufne, namootaaf hojjechuu fi lubbuu isaa furii namoota baay’eedhaaf kennuuf dhufe malee’ jedhe.”Maatewos 23:8-9,
“Isin garuu ‘Barsiisaa guddaa ofiin hin jechisiisinaa! Barsiisaan keessan inni guddaan tokkicha, innis Kristos; isin immoo hundumti keessan obboloota. Lafa irratti nama akka abbaatti hin waammatinaa! Abbaan keessanoo tokko, innis isa waaqa irraa ti’ jedhe.”Mee kana daran qulqulleessuuf jecha Niqoolaayitaaniizimii jedhu haala kanatti fufee jiruun nan ibsa. Waan Mul’anni 13:3 jedhu yaadadhaa,
“Mataa isaa keessaa inni tokko hamma du’aatti waan madaa’e in fakkaata; rukuttaan du’aan ga’u sunis deebi’ee fayye ture. Namoonni guutummaan biyya lafaa dinqisiifatanii yaadaan bineensicha duukaa bu’an.”
Amma mataan madaa’e sun Impaayera paagaanii Roomaa, humna siyaasaa guddaa addunyaa sanaa akka ta’e ni beekna. Mataan kun ammas, “Impaayera Hafuuraa Kaatolikii Roomaa” ta’ee mataa ol qabate. Amma kana of eeggannoodhaan ilaalaa. Hundeen siyaasa paagaaniin Roomaa ittiin galma geesse maal ture? Isheen mala, “Qoqqooduun bituutti” fayyadamte. Sun sanyii Roomaa ture— qoqqooduun bituun. Ilkaan ishee sibiila sanaan ciccirtee nyaatte. Warri isheen ciccirtee nyaattes akkuma isa isheen Kaarteegiin balleessitee soogiddatti facaafteetti, deebi’anii hin kaane. Sanyiin sibiilaa sun yeroo isheen waldaa sobaa taatee kaate ishee keessatti hafe, imaammanni ishees hin akkauma jirutti hafe— qoqqoodanii bituu. Sunis Niqolaayitaanizimii waan ta’eef Waaqayyo ni jibba.Amma dogongorri kun waldaa kiristaanaa keessa yeroo lo’ee seenu namoonni aangoo bishoopii qabachuuf dorgomuu kan jalqaban yoo ta’u, bu’aan isaas sadrkaan kun namoota caalaatti barataniifi qabeenyaan tarkaanfataniifi yaada siyaasaa qabaniif kennamaa akka ture dhugaa seenaa irraa beekameera. Beekumsi fi sagantaan nama foonii iddoo ogummaa Hoodaa fudhachuu erga jalqabee booda Hafuurri Qulqulluu iddoo sana to’uu ni dhaabe. Kun dhuguma hammeenya gaddisiisaa ture, sababiin isaas luboonni kana booda Sagaleenis ta’e sirna waldaatiin tajaajiluuf amalli kiristaanaa iftoomina qabu akka hin barbaachifne ibsuu jalqaban sababiin isaas elementoota fi sirna ayyaanaatu lakkaa’ama waan ta’eef. Kunis namoonni hamoon (gowwomsitoonni) hoolota akka addaan cicciraniif karaa saaqe.
Doktiriiniin namtolchee kun bishoopota iddoo Caaffata Qulqullaa’oo keessatti isaaniif hin kennamnetti ol baasuu yummuu ta’u, tarkaanfiin itti aanu immoo maqaa sadarkaa sadarkaan kennamuudhaan gara hierarchy amantiitti ol ijaaramu kennuu ture; sababiin isaas yeroo muraasa booda bishoopota irratti angafa bishooptaa, angafa bishoopotaa irratti kaardinaalota muudaa kan turan yoo ta’u bara Boonifaas isa sadaffaatti immoo isaan kana hundumaa irratti Phaaphaasiin walii galaa, maqaa ulfinaa pontiff jedhu kennameef.
Doktiriiniin Niqoolaawotaa fi walitti baquu Kiristaanummaa fi Baabilooniyaaniiziimii irraa bu’aan dimshaashaa argamu waan Hisqi’eel Boqonnaa 8:10 irratti arge ta’uu qaba.
“Yommus ani ol lixee ilaalee, bifni fakkeenya wanta lafa irra munyuuqanii hundinuu, kan bineensota ilaaluun isaanii nama jibbisiisu hundinuu, bifni waaqayyolii tolfamoo mana Israa’el hundinuus, guutummaa keenyanichaatti kaafamanii nan arge.”
Mul’ata 18:2,
“Inni sagalee cimaadhaan iyyee, ‘Kufteetti, Baabiloon guddittiin kufteetti, iddoo buufata hafuurota hamootaa taateetti; lafa hafuurri xuraa’aan itti deddeebi’u, lafa allaattiin xuraa’oonii fi jibbamoon itti deddeebi’an taateetti. Sabi hundinuu daadhii wayinii dheekkamsaa isa halalummaa ishee irraa dhufu dhuganiiru’ jedhe.”Amma doktiriiniin Niqoolaawotaa kun, seerri waldaa keessatti hundeeffame kun ergaan yookaan barreeffamni kanaan dura hin amaleeffatame kanneen Sagalicha ilaallatan namoota Waaqayyoon sodaatan tokko tokkoon barreeffaman dubbisuu waan danda’aniif namoota baay’ee biratti akka barbaadamutti galma hin geenye. Kanaafuu waldaan maal goote? Barsiisota qajeelotarra dhorkaa keessee caaffatoota sanas gube. “Sagalicha dubbisuu fi hubachuuf barnoota addaa qabaachuu gaafata. Maaliif jennaan, Pheexros iyyuu wanti Phaawulos barreesse hedduun hubachuuf nama rakkisu jedheera” jedhan. Sagalichi namoota irraa erga fudhatamee booda, utuu hin turin yeroon namoonni waan lubi jedhu qofa itti dhaggeeffatan, waan inni itti hime qofa raawwata in dhufe. Sanas Waaqayyo, Sagalee Isaa qulqulluutis jedhanii waamu. Sammuu fi jireenya namootaa to’atanii garboota lubummaa abbaa irree godhan.
Amma Waldaan Kaatolikii jireenyaa fi sammuu namootaa barbaaduu isheef ragaa yoo barbaaddan labsii Theodosius X labse dhaggeeffadhaa. Labsii Theodosius Isa Duraa dhaggeeffadhaa.
Labsiin kun kan ba’e battaluma inni Waldaa Roomaa Jalqaatiin cuuphameen booda ture. “Nuti impaayeroonni sadan, namoonni keenya nu jalatti bulan amantii isa qulqulluu Pheexiroos warra Roomaa barsiise, isa duudhaadhaan amanamummaan isaa eegamee fi amma pontiff Roomaa kan ta’e Damasusiin, akkasumas bishoopii Iskindiriyaa kan ta’e Pheexiros nama qulqullummaa Ergamummaa akka jaarmiyaa Ergamootaattii fi akka doktiriinii Wangeelaatti qabuun labsame haa hordofan; kottaa mee Waaqummaa Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qulqulluu tokkocha, Tirinity Qulqulluu surraa walqixa qabuutti haa amannu. Hordoftoonni amantii kanaa Kiristaanota Kaatolikii akka jedhaman ajajneerra; hordoftoota amantiiwwan biroo gati dhabeeyyii hundaaf maqaa jibbamaa gantoota ykn heretic jedhuun maqaa balleessina, akkasumas walga’ii maqaa waldaa kiristaanaatiin godhan ni dhorkina. Haqa balaaleffannaa hoodaa kana cinattis adabbii ulfaataa aboo keenyaan isaanitti dhufuuf jiru qajeelfama ogummaa waaqarraatiin sirrii akka ta’e amananii fudhachuu qabu...”
Seerri adabbii yakkaa kudha shanan impaayererri kun baase waggoota dheeraadhaaf mirga amantii hundumaa hojjettoota wangeelaa irraa mulqe, waajjiraalee siviilii hunda irraa isaan dhorke, akkasumas dararaa addabbii maallaqaa, saamicha qabeenyaa, biyyaa baafamuu fi himata tokko tokko keessatti immoo du’aan immoo du’aan adabamuu isaan irraan ga’aa ture.
Maal akka ta’e beektuu? Har’as karuma sanarra geggeeffamna.
Waldaan Kaatolikii Roomaa waldaa Haadhoo jettee of waamti. Isheen waldaa tokkoffaa ykn waldaa originaala jettee of waamti. Sun guutummaatti sirrii dha. Isheen Waldaa Roomaa Jalqabaa ishee duubatti deebitee cubbuutti galtedha. Isheen waldaa gurmoofte kan jalqabaa ti. Hojiin, ittii aansees doktiriiniin Niqoolaayitaaniiziimii ishee keessatti argame. Haadha ta’uu ishee namni haalu hin jiru. Isheen intaloota hortee waan qabduuf haadha taate. Egaa intalli tokko dubartii tokko keessaa baati. Dubartiin uffata diimaa biluu uffattu tokko tulluuwwan Roomaa torban irra teessee jirti. Isheen ejjituudha intalootas deesseetti. Intaloonni sunis waldoota Pirootestaantii ishee keessaa ba’anii, ergasii booda gara gurmaa’insaa fi Niqoolaayitaaniiziimiitti deebi’aniidha. Haati waldoota intalaa kun ejjituu ykn whore jedhamti. Whore jechuun dubartii kakuu gaa’ela isheetiif hin amanamne jechuudha. Isheen erga Waaqayyootti heerumtee booda baatee seexanaa wajjin gaalamootummaatti jiraatte, gaalamootummaa isheetiinis intaloota akkuma ishee ta’an in deesse. Idaa’amni haadhaa fi intalaa kun mormituu Sagalichaa ti, mormituu Hafuurichaati, kana irraa kan ka’es mormituu Kiristoosidha. Eeyyee, MORMITUU KIRISTOOSI dha.
Amma osoon fagoo hin deemin bishooponni jalqabaa kun Sagalichaa ol akka ta’anitti akka of fudhataa turan kaasuun barbaada. Cubbuu keessan yoo nutti himattan dhiifamuu cubbuu nu biraa argattu jedhanii namootatti lallaba. Sun gonkumaa dhugaa miti. Jaarraa lammaffaa keessa immoo daa’imman cuuphuu jalqaban. Isaan ifatti cuphaa regenerational baptism hojiirra oolchuu jalqaban. Burjaaja’uun namootaa har’a waan nama dinqu miti. Yeroo bara Pheenxeqoosxeetti baay’ee dhi’oo turanitti erga akkas burjaaja’anii, amma yeroo dhugaa orijinaalaa irraa gara waggaa 2000 fagataanitti immoo abdii kutannaa isa dhumaa keessa jiru.
Yaa Waldaa Waaqayyoo, abdiin jiru tokko qofa. Gara Sagalichaatti deebi’aa, isatti qabamaas jiraadhaa.
Dubbisaa macaafa (PDF)...
Bara Waldaa Phergamoon.