Gaa’elaa Fi Gaa’ela Diiguu.

<< prev

next >>

  Kana Kristiyaana.

Jalqabatti akkas hin turre.


William Branham.

Dubbisaa macaafa...
Gaa’elaa Fi Gaa’ela Diiguu.

Maatewos 19:8,
8 Yesus deebisee, “Museen sababii mata-jabina keessaniitiif haadha manaa keessan akka baaftaniif karaa isiniif bane malee, jalqabatti akkas hin turre”.

Kutaan Caaffataa kun, gaaffiin kun, jalqabuma tajaajila Isaairratti Yesusin mudate. Musees jalqabuma tajaajila isaa irratti isa mudate.Inni gaaffii barbaachisaa laphee amanaa keessa jiraatu dha. Yakkamtoonni dhimmawaan kanaa hin qaban. Garuu gaaffichi kan amantootaa ti, sababiin isaa, amanaantokko Waaqayyo duratti waan qajeelaa ta'e attamitti hojjechaa akka jiraachuuqabu baruu yaala waan ta'eef. Kanaafuu, gaaffiin dhimma amantii irratti ka'ukamuu yoo dhufe, gaaffii waa'ee Gaa'elaaijaaruu fi Gaa'ela Diiguu tu ka'a. Maaliif? Sababiin isaa cubbuujalqabaatiif sababni isa waan ta'eefi. Inni iddoo cubbuun itti jalqabe dha.Sababa kanaafis inni yeroo hundumaa gaaffii ta'ee kaafama, sababiin isaa innicubbuu jalqatti raawwatame dha.

Egaa wantoota kanneen hundumaa ibsuuf yeroo hin qabu, garuuxalayaa keessan yookiis wantan danda'u kamuu isniif deebisuu kootti nangammada, yookiis kitaaba dhimma kana irratti barreeffamee fi gaaffiwwanbaay'ee, akkasumas kana mirkaneessuuf gaazexaa irraa cite kan ba'e barreeffamabaay'ee qabna. Hewaan akka… in beekan. Isheen aappilii (apple) nyaatte jedhama(kun Caaffa Qulqulla'aa irra waan hin jirre dha), isaan amma immoo wanti isheennyaatte aaprikootii (apricot) dha jechaa jiru. Wanti isheen nyaatte wantoota kanalamaan keessaa tokko iyyuu miti. Isheen ejja raawwatte, ejjuun ishees ilmaishee isa angafaa, Qaayin, ilmi Seexanaa akka dhaltu godhe, inni hammina isakeessa in kaa'e. Inni karaa Abel hin dhufne. Ilmi Seexanaa Qaayini.

----
Egaa amma, sun akkas erga ta'ee, Gaa'ela Dhaabuu fi Wal Hiikuu irratti mana barumsaa yaadaa (schoolof thought) lama qabna. Isaan lamaan keessa inni tokko, “Yoo haati manaa isaaduute irraan kan hafe, dhiirri tokko al tokko duwwaa fuudhuu danda'a” jedha.Innis egaa gaaffiwwan jiran keessaa isa tokko. Isa kana duukaa yoo buutan garuuqarqara (overboard) irra deemaa jirtu. Yaanni inni kaan immoo, “Oh, haati manaayookiis abbaan manaa, lamaan isaanii keessa tokko yoo ejje, inni tokko isa kaanhiikee lammata fuudhuu/heerumuu danda'a” jedha. Isa kanaanis qarqara irra utuudeemaa jirtanii of in argitu.

Kanaafis hubadhaa, kaaba bahaas kibba bahaas miti; nuyi baha isasirrii barbaanna. Karaa kana irra yoodeemtan Caaffataa ala baatu, karaa sanairra yoo buutanis Caaffataa ala baatu. Iddoo Caaffanni Caaffataa wajjin wal kiphu baruu barbaanna, inni Dhugaankam akka ta'es baruu barbaanna. Hunduu karaa adda addaa qabatee deebii sirriifiduu dadhabe, garuu amma iyyuu deebiin jiraachuun dirqama.

Inni akkuma bara har'aa ti, har'a waldaa keessa mana barumsaa doktiriiniigurguddaa lamatu jira; isaan keessaa tokko Kalviiniziimii (Calvinism) yoo ta'u,inni kaan immoo Armiin-... Arminiyaaniiziimii (Arminianism) dha. Inni tokkoseeratti kan cichu (legalist) yoo ta'u, inni kaan immoo ayyaanatti (grace) kancichu dha. Namoota warra ayyaanatti amananii, gara warra Kalviinistii yooqorannee ilaalle, isaan, “Waaqayyo haa eebbifamu, xuuxuun ana hin miidhu, dhugaatiidhuguun ana hin miidhu. Wantoota kanneen gochuu nan danda'a; an nageenya barabaraa argadheera” jedhu. Gama isa kan biraa, gama warra leegaalistii yooilaalle immoo, isaan, “Oh, itti iyyee gadi isa baasuun fedha, maalummaa sammuukootii isatti agarsiisuun fedha; garuu immoo an Kristaana, kanaaf callisuutunarra jira” jedhu. Hubadhaa, daandii garaa garaa lama irra jirtu, karaan lachuusirrii miti. Egaa amma, kana jechuun in ulfaata, garuu waan dhugaa dha.

Karaa garaa garaa lama irratti of argina; inni tokko karaa isatokkorra, inni kaan immoo karaa isa kan biraa irra deema. Egaa inni Dhugaan isakam akka ta'e haa ilaallu.

----
Akkuma kana Gaa'ela dhaabuu fi wal hiikuu kana irratti yaadotalama qabna. Amma Gooftaan mallattoo torban dhoksaa Dubbii Sagalee Isaa guyyootagara dhumaa kana keessa waan nuuf baneef... Egaa amma, baay'ee keessanitti kunafaan Griikii isinitti ta'uu danda'a, garuu waldaan koo in hubattu. Maaliin?Waa'ee mul'ata sanaa fi waan raawwatmes dhageessaniittu. Gaaffichis gaaffiiMacaafa Qulqulluu ti, uumamuu biyya lafaa irraa jalqabee dhoksaa dhokfamee turehundumaaf deebiin dhugaa dirgama akka jiru akka amannuuf asitti afeeramneerra.Raajiin Macaafa Qulqulluu keessaatti dubbatame, dhoksawwan kunneen bara kanakeessaa akka beeksifaman in dubbata. Mul'ata boqonnaa 10: “Bara malakkanniErgamaa torbaffaa (ergamaa Laa'odiiqeyaa) afuuufamutti garuu, wanti Waaqayyodhoksaatti akeeke in beeksifama.” Yeroon kun immoo bara dhumaa isa ta'e baraLaa'odiiqeyaa ti.

----
Dubbisa keenya keessatti, deebii Caafata Qulqulla'aa isa dhugaaargachuuf, gara jalqabaatti deebi'uu qabnu nu afeeraa jira Yesus. Egaa amma, yummuu gaaffiin kun isa mudatetti, mul'inatti wantootalamatu jira. Luboonni, “Namni tokko sababiidhuma halleen haadha manaa isaabaasuu in danda'aa?” Isaan jedhan. Yesus immoo,“Jalqabatti akkas hin turre” jedhe. Yeros isaan, “Museencaaffata ittiin ishee hiiknu akka kenninuuf nu abboomeera, kanaanissababiidhuma halleef ishee haa hiikan jedheera” jedhan. Yesus deebisee, “Museen sababii,” kana yeroo xiqqoof nandheeressa, “mata-jabina keessaniitiif haadha manaa keessan akka baaftaniifkaraa isinii bane malee, jalqabatti akkas hin turre” jedhe. Gaaffii!...

Yesus yoo, “Gara jalqabaatti deebi'aa” jedhe, wanti lafarra jirukamuu cimdii tokko ture. Addaam tokkoo fi Hewaan tokko qofaatu ture, isaanWaaqayyo duwwaatu walitti isaan qabsiise. Farda dhalaa tokko, farda wadala tokko; komaa corrisaa tokko, corrisaadhaltuu tokko. “Jalqabatti,” akkuma Inni achitti deebi'aa nuun jedhe, wanti kamiyyuu cimidii tokko tokko duwwaatu ture. Kun dhugaa dhaa? [Amantoonni, “Ameen”jedhan.] Yoos egaa, wanti hunduu jalqabatti toora sirrii (perfect order) fiwaliin jireenya jaalalaa (harmony) tiin Waaqayyoo wajjin deemaa ture, wantitokko illee toora ala ba'ee hin turre. Wanti Waaqarra jiru hunduu amma iyyuu tooruma isaa qabatee jira;urjoonni hunduu, gaalaaksonni, sirni soolaarii, wanti hunduu toora sirriiqabatee jira. Isaan keessaa tokko sochoonaan, sagantaan hunduu in jeeqama.

Amma dhaggeeffadhaa! Hubattuu? Wanti tokkottiin iddoo gadidhiisuun guutummaa sagantaa akka faalu! Egaa amma, yeroo Waaqayyo dhala namaawajjin, dhiira tokkoo fi dubartii tokkoo wajjin walitti fufiinsaan (withcontinuity) deemaa jirutti, dubartiin kun cubbuu hojjettee, cubbuun sunisguutummaa itti fufiinsa sagantaan lafarraa Waaqayyoo wajjin qabu alatti baaseegate. Kanaafuu, jechi tokko Macaafa kanatti dabalamuun, yookiss Jechi tokko Isairraa hir'ifamuun, itti fufiinsa Waaqayyoo wajjin qabaachuu keessaa Kristaanain baasa, Waaqayyoo wajjin itti fufiinsa qabaachuu keessaa waldaa in baasa, Waaqayyoo wajjin itti fufiinsa qabaachuu keessaa maatii in baasa. DubbiiWaaqayyoo hundumaa fudhachuu dhabuu isaatiin, amanaan hunduu gadi in baafama.

----
Egaa amma, yeroo sanatti dhiirri aboo dubartii irratti akkaqabaatu Dubbii Waaqayyootiin taasifame. Isheen yeroo sanaa jalqabdee qixxeedhiiraa hin turre. Akkuma isin beektan, isheen dhiiraa wajjin wal qixa turte.Yeroo isheen Dubbii Waaqayyoo cabsitetti garuu, Waaqayyo dhiirri aboo akkaishee irratti qabaatu godhe. Barreeffachuu yoo barbaaddan, Seera Uumamaa 3:16. Isheensana booda qixxee dhiiraa hin turre. Isheen cabsituu Dubbii Waaqayyoo turte.

“Ishee,” isheen, waldaan dachaa kanaa, cabsituu Dubbii Waaqayyoohin argitanii? Sanatu guutumaan guututti itti fufiinsa keessaa ishee baase.Inni egaa wanta waldaan gootee du'a hafuuraa waan hundumaa irratti darbattedha. Egaa amma, wantoota kanneen maaliif akkan waqaraa jiru in hubattuu!Dubbiin kun Dhugaa dha! Kun dhugaa Macaafa qulqulluu ti.

Qalbeeffadhaa, isheen maaliif waan akkasii goote? Dubartiinjaallatamtuun, miidhagduun sun attamitti...? Yeroo tokko suraa tokkon arge, iddoon isaa Griikii keessa nattifakkaata, suuraa Hewaan kan ageessi fakkii tokko kaasen arge. Isheen waanjibbisiisaa ijaan takkaa argamee hin beekamne fakkaatti. Sun immoo kanagarsiisu akkaataa yaadni sammuu foonii ittiin ishee ilaalu dha. Garuu isheenakkas hin turre; isheen miidhagduu turte, sababiin isaa ishee dubartii waanhundaan guutuu, dubartii hundumaa irra caaltu turte.

Qalbeeffadhaa, isheen utuu sadarkaa olaanaa akkasii irra jirtuumaaiiif waan akkasii goote? Isheen dhiiraa wajjin qixxee turte, isaa wajjin walqixa turte. Garuu amma wal qixxummaa dhiiraa wajjin qabdu akka gate hundumtikeenya in beekna, Waaqayyos, “Ammaa jalqabee inni aboo si irratti in qabaata”jedhe. Egaa kun dubbii Caaffataati, yoo barbaaddan dubbifachuu dandeenya. Egaa, namoota guutummaa biyyaatti tamsaasa kana hordifaa jiraniifyeroo qusachuuf jecha, tarii ofii keessanii akka dubbifattaniif kutaa Macaafaaisiniif kennaan jira. Sababa isheen kana gooteef qalbeeffadhaa. Seexanni attamittiisheetti dhi'aate?

Yeroo ta'e tokkotti Seexanni Waaqayyo wajjin wal qixa (co-equal)akka turee beektuu? Dhuguma inni akkas ture. Uumuu irraan kan hafe inni waanhundumaa ture. Inni waan hundumaa ture, inni waaqarratti gara harka mirgaaWaaqayyoo kan dhaabatu ture, inni Kruub hoogganaa guddaa ture. Qalbeeffadhaa, sababiin isheen kana gooteef, isheen uumamajalqanaa (origibal creation) keessa hin turre. Isheen uumama Waaqayyoo isajalqabaa miti; isheen uumama sadarkaa lammaffaa (by-product) dha. Kanaafuu,Yesus, “jalqabatti” jedhee akeeketti, isheen uumama Waaqayyoo isa jalqabaa hinturre. Yummuu Yesus, “jalqabatti” jedhee akeekutti, isheen uumama lammaffaa(byproduct) dha.

-----
Amma, Gaa'ela dhaabuu fi Wal Hiikuu Gaa'elaa irratti, hubadhaa,inni mul'ifamuutu irra jira. Amma inni mul'ifautti, isa beekuu hin dandeessan. Garuu guyyoota gara dhumaatti, bara ammaakanatti, wantoonni Macaafa Qulqulluu keessatti dhokfaman hunduu akka bakkeettibaafamee mul'ifamu Inni abdachiiseera. Kana nama meeqatu beeka? Mul'ataboqonnaa 10ffaa! Dhoksaan Gaa'ela Dhaabuu fi Wal hiikkaa Gaa'eelaa, wantootnidhakatoon kan biraa hunduu kanneen dhokfamanii turan bara dhumaa kanattibakkeetti baafamanii in mul'ifamu. Egaa amma, Sagalee, “Gara Tuuksan deemi”jedhe sana in yaadattuu? Ifa dinqisiisaa samii keessaa isa gadi bu'eeMallattowwan Torban bane sana in yaadattuu? Wanta ta'e sana sirriittiakeekkadhaa. Inni Dhugaa dha.

-----
Kun waan jibbisiisaa, waan jabaa wayii ti. Akkamitti akkan baaseedubbadhu hin beeku! Dubartootaa fi dhiirota mana sagadaa koo keessa taa'aajiran warra al lama yookiis al sadii fuudhan, yookiin heeruman yeroon argumaalan godha? Dubaroota gaggaarii fi dhiirota gaggaarii, hunduu wal makeera!Maaltu kana godhe? Barsiisa sobaa ti, dhugaadha, Gooftaa eeguu dadhabuutu kanagodhe.

“Waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gargar hin baasin.” Wantanamni walitti qabsiise miti; wanta “Waaqayyo” walitti qabsiise malee!Kallattiidhaan mul'ata Waaqayyo biraa yeroo argattanitti, isheen haadha manaakeessani, haaluma kanaan, isheen bara jireenya keessaniitti haadha manaakeessani. Hubattanii? Wanta namni walitti qabsiise garuu, namni kamuu walittiigargar baasuu danda'a. Waan Waaqayyo walitti qansiise garuu eenyu illee ittibu'uuf ija hin jabaatin. Inni, “Waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gargarhin baasin” jedhe. Waan abbaan seeraa gar tokkeen isaa machiin of wallaaleyookiis wanti kan biraan walitti fide, yookiis waan lallabaan duubattimucucaate tokko tuullaa kitaabota seera waldaa keessa jiruutiin, waan biyyalafaa kamuu akka godhaniif isaaniif eeyyemee, Dubbii Waaqayyoo immoo moggaatti dhiisuwalitti fidu miti. Hubattanii? An waa'ee waan Waaqayyo walitti qabsiiseendubbachaa jira.

-----
Guyyaa gaaf tokkoo, waan tokko yummuun isinitti dubbadhu, “KANAGOOFTAATU JEDHE” ta'uun isaa dirqama akka ta'e waanan beekuuf, akkuma Inninatti mul'isetti kutaa Macaafaa keessaa nan baafadhe. Garuu, “Yaa WaaqayyoGooftaa, amantoota sanaan maalan jechuu danda'a? Diigamuu isaan gidduuttifiduun danda'a. Dhiironni koriiderii gidduu, bakkee maasii keessa, iddoo kanbiraa hundumaa taa'anii, 'Ishee dhiisuu?' in jedhu, warri dubartootaas, 'Abbaamanaa koo dhiisuu?' in jedhu, isaan, 'Maal gochuutu narra jira?' jechaa jiru”jedheen Isa gaafa dhe. An, “Yaa Gooftaa, maal gochuun danda'a?” jedheen Isagaafadhe.

Wanti ta'e tokkos, “Gar agama tulluu sanaatti ol ba'I, achittissitti Nan dubbadhaa” naan jedhe. Yeroon gubbaa tullichaa irra turettis, namoonni dachaa TuksaniiIsa argaa jiraachuu isaanii hin beekun ture. Garuu barsiisonni iyyuubarattoota...irraa intala koo ishee xinnoo fi barattoota kaanis daree keessaawaamanii, “Tulluu gamaa sana ilaalaa! Ibidda boba'u kan duumeessa bifakeellootu siqu (amber) fakkaatutu qilleensa keessa ol ba'ee gadi bu'aa, olba'ee gadi bu'aa, ol ba'ee gadi bu'aa jira” ittiin jedhanii turan.

Aadee Evaans, as jirtaa? Rooni'ee as jirtaa? An karaa buufataboba'aatiinan deebi'ee gala jiran ture, gurbaan kun immoo iddoo buufata boba'aawaraabbatanii, iddoo buufata boba'aa Evaansi jira ture. Utuun waan gurbaan sundubbachuuf jedhu utuun hin beekin dura, inni miilla kootti bubu'ee, “Obboleessakoo Branhaam, ati tulluu gamaa sanarra turte, hin turree?” naan jedhe. An immoo, “Rooni'ee, maal jechuu kee ti? Lakki” jedheen deebiseef,hubadhaa, waan inni jechuuf jedhu ilaaluufan akkas jedhe. Wantoonni baay'eenyummuu ta'anitti yeroo baay'ee, an...isin namootatti hin himtan. Innigara...ta'uutti dhufa. Rakkoon isaa, wanti tokko ammaa amma deddeebi'ee yummuuta'utti gara waan amaleeffatamaa (common) ta'ee ta'uutti dhufa. Hubattanii? Annamootatti hin himu. “Rooni'ee, wanti ati... maal ture?” jedheen gaafadhe.

Inni, “Iddoo ati turte amma sitti agarsiisuu nan danda'a” naanjedhe. “Haadha koo waameen as dhaabannee Duumessa gama sanaa olii fi gadideddeebi'u ilaalaa turre. Anis haadha kootiin, 'obboleessi keenya Branhaam gamasana iddoo ta'e tokko taa'aa jiraachuu qaba. Sun isa Waaqayyo isatti dubbataajiru dha'n jedhe” naan jedhe. Guutummaan namoota magaalattiis Isa ilaalaa turan. Guyyaa saafaabakka duumessi gutumaan guutuutti hin jirretti, Duumessi bifa keellootti siquqabu tokko bife utubaatiin (funnel) gadi dhufee ol deebi'ee in diriire.

-----
Egaa amma, nuyi laaqii kana keessatti kan argamne sababatiyooloojii hiikkaa sirrii hin ta'iniitiifi. Sirrii dhaa? Sababii kanaaf isindubartoonni lammata heerumtu, isin dhiironnis lammata fuutu; sababa hiikkaasirrii hin ta'in tiyooloojiin hiikuuf kana gootani. Amma egaa wanta Inni nattidubbate tokkon isinitti himuuf jedha. Waaqayyo Uumaan keenya, Yesus Kristos yummuu biyya lafaa kanarrature gaaffii kana gaafatameera erga gaafatamee, rajiin Isaa Museen immoo Sabasana gara biyya abdachiifamaniitti baasuudhaa yeroo Gibxiitti gadi bu'etti,Museen haala sabni sun keessa jiru ilaalee waraqaa ittiin ishee hiiku kenneefjedhee dubbate Yesus. Museen haala isaan keessa jiran hubatee argee, “...gadi haadhiisu” jedhe. Waaqayyo kana akka godhuuf Musee, rajii saba sanatti ergamesana, akka waraqaa ittiin ishee hiiku kenneefii dhiirri haadha manaa isaabaasuu danda'u akka isaaniif eyyamu taasise.

Qarontos Isa Duraa boqonnaa 7ffaa lakkoofsa 12ffaa fi 15ffaairratti immoo, raajiin Kakuu Haaraa, Phaawulos, namni waanuma kana waldaakeessatti argee, “Kana Gooftaa utuu hin ta'in, ani isin nan gorsa” jedhe. Sunsirrii dhaa? Sababa haala wal hiikuu haadha manaa fi abbaa maanaatiif dubbate. “Jalqabatti akkas hin turre.” Museen garuu sana akka godhaniifisaaniif eyyame, Waaqayyos qajeelummaatti isa lakkaa'e. Phaawulosis yeroowaldaa isaa haala sana keessatti arge, mirga sana gochuu qaba ture.

Egaa amma Kun dhugaa akka ta'e amanaa, Kun Waaqayyo biraa akkadhufe amanaa! Duumessa Isaa fi Ergaa Isaa hanga ammaatti ragaadhaan gara koofideen, Waaqayyo tullicha irratti haala kanaan duraa sanaan akka itti fuftaniifnaaf hin eyyamne, akkaataa amma jirtaniin akka itti fuftaniif naaf hin eyyamne,kanaafis lammata kana hin godhinaa! Dhaqaa, haadha manaa keessanii wajjinnagaan jiraadhaa, yerichi dhi'aateera'oo. Dhufaatiin Gooftaa balbalarraga'eera! Gargar isaan hiikuuf nuyi yeroo hin qabnu! Ija jabina ittiin lammatakana gochuu yaaltan hin qabaatinaa! An amantoota warra kan kootii duwwaattandubbachaa jira. Fuutaniittu, yookiis heerumtaniittu yoo ta'e garuu waa'eeisaatiif Waaqayyo tullicha irratti Kana (mul'ata waaqa irraa sababa banamuuMallattowwan Torbaniitiif kennameef, kunis immoo gaaffin Dubbii Waaqayyookeessatti ka'an waan ta'eef) akkan dubbadhuuf dhuga baatuu godhee isinitti naergeera. Egaa Inni warra kanaan dura akkaataa sanaan fuutanii fi herumtaniin, “Akkumaamma jirtanitti itti fufaa jiraadhaa, si'achi cubbuu hin hojjetinaa!” jedhiiisaanitti dubbadhu naan jedheera.

“Jalqabatti akkas hin turre.” Kun sirrii dha. Jaqabatti akkas hinturre, dhumarrattis akkas hin ta'u. Haala ammayyummaa kanaa jalqatti garuu, asgarbicha Waaqayyoo tokkootti... An raajii Isaa ti ofiin hin jedhu, tarii raajiita'uuf hin ergamne yoon ta'es yeroo inni dhufuuf karaa qopheessaafiin jirajedheen amana. Kanaafis haala ammayya'aa ammaa keessatti, haadha manaakeessanii wajjin amma mana keessanitti akka galtan isinan abbooma. Isheetti ingammadda yoo ta'e, ishee wajjin jiraadhu, ijoollee kee soda Waaqayyoo keessattiguddisi; yoomuu waan akkasii lammata yoo goote garuu Waaqayyo sitti haaaraaramu! Ijoolleen kee matumaa waan akkasii akka hin goonetti isaan barsiisi.Sodaa Waaqayyoo keessatti isaan guddisi! Egaa akkuma amma jirtanitti jiraachaa,yeroo galgalooftuu amma keessa jiraachaa jirru kanatti, “Waamicha Yesus Kristosolii isin waamu bira ga'uuf kaadhaa,” achitti wanti hunduu in danda'amaa.

Dubbisaa macaafa...
Gaa’elaa Fi Gaa’ela Diiguu.


Malkiisedeq kun eenyu?

English Newsletter Site.

Macaafa Mul'ataa.

 
 

Waaqayyo fi Beekumsa. Index.
Tulluu Siinaa.

Sagalichi Jireenyaatti.
Kristos Sagalee Isaa
Keessatti Mul’ifama.

Wangeela.
Kristos cubbuu
keenyaaf du’eera.

Cuuphamaa.

 
 

Duumessoota waaqaa.

Utubaan ibiddaa.

Olbutamuu.

 

Mul’aticha
Yesuus Kiristoosi.

Bara dhumaa series.
Gaa’elaa fi
Gaa’ela Diiguu.

Dubartii Jeezebeel
Jedhamtu sana.

Mul'aticha Phaaximoos.

Daddarbaa Addaamii.
Firrii mukaa hin turre.
Sanyicha Bofaa.

Archaeology.
Sodoomii fi Gomoraa.

Bara Waldaa
Laa'odiiqeyaa.

Kiristoos waldaa ala
jira.

  Macaafa Qulqulluu jedha...

Itti dabalees, “Sababii kanaaf dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa haadha manaa isaatti in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in ta'u.

Egaa isaan lama miti, foon tokko malee; kanaafis waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gargar hin baas in“ jedhe.

Maatewos 19:5-6


Click on an image to download PDFs or fullsize picture.


Acts of the Prophet

(PDF English)
 

Sirs, is this the time?

(PDF English)
Mt Sunset.
Where cloud appeared.

Chapter 14
- Sabino Canyon

(PDF English)

Chapter 11
- The Cloud

(PDF English)

William Branham
Life Story.

(PDF English)

How the Angel came
to me.

(PDF English)


Message Hub...Choose your Language and download Free Messages from Brother Branham