Kiristoos waldaa ala jira.


  Macaafa Mul'ataa.

Bara Waldaa Laa'odiiqeyaa.


William Branham.

Dubbisaa macaafa (PDF)...
Bara Waldaa Laa'odiiqeyaa.

Mul'ataa 3:20-22,
20 Kunoo, ani balbala dura dhaabadhee balbala nan rukuta; namni sagalee koo dhaga'ee balbala yoo anaaf bane, ani ol nan lixa, isaa wajjinis maaddiitti nan dhi'aadha, innis anaa wajjin in nyaata.
21 Ani ofii kootii mo'ee abbaa koo wajjin teessoo isaa irra akkuman taa'e, inni mo'u anaa wajjin teessoo koo irra akka taa'uuf aboo nan kennaaf.
22 Namni gurra qabu, isa hafuurri qulqulluun waldoota kristaanaatiin jedhu haa dhaga'u kan jedhuu dha.

Amma lakkoofsa kana irratti burjaajii guddaatu jira sababiin isaas tajaajiltoonni dhuunfaan hojjetan baay'een lallaba dhuunfaa isaanii keessatti akka waan Yesus balabala laphee cubbamaa hundumaa seenuuf rurrukutaa jiruutti waan itti fayyadamaniif. Silaa yeroo sanatti cubbamaan balabala yoo bane Gooftaan ol ni seena jedhama ture. Garuu lakkoofsi kun waa'ee cubbamootaa dhuunfaatti dubbachaa jira miti. Ergaan kun akkuma ergaan bara hundumaa gudunfaa walii galaa qabu kunis gudunfaa walii galaa qaba. Lakkoofsa 22 irratti, “Namni gurra qabu, isa hafuurri qulqulluun waldoota kristaanaatiin jedhu haa dhaga'u” jedha. Ergaan kun ergaa waldaa bara dhumaatiif dabarfamedha. Kunis haala waldaan Laa'odiiqeyaa yeroo dhumni ishee as dhi'aataa jiru keessa jirtuu ti. Ergaa dhuunfaa nama tokkoof dabarsu miti; innis Hafuura iddoo Yesuus jiru nutti himudha. KIRISTOOS WALDAA DHIISEERA.

Kun bu'aa ykn xumura loojikii mitii erga Sagaleen Waaqayyoo seera waldaatiif jedhamee cinatti dhiifamee, erga Hafuurri Qulqulluu phaaphaasotaaf, bishooppotaaf, pirezidaantootaaf, gorsitootaaf fi kkf jedhamee aangoo irraa bu'ee,hojii sagantameeffameef, ykn waldaatti makamuudhaaf, ykn waan tokko tokkoof sirna waldaa tokkoo wajjin walsimuuf jedhamee Fayyisaan moggaatti dhiifamee? Kana caalaa maaltu Isa irratti godhamuu danda'a? Kun gantummaa (apostasy) dha! Kun kufaatii dha! Kun balabala mormituu Kristoosiif banuudha, isa Maqaa Abbaa Isaatiin dhufe (Yesuus) hin simanne Isa tuffatan malee, kan biraan maqaa ofii isaatiin (sobduun, fakkeessituun) yoo dhufe garuu isaan isa ni simatu, Yohaannis 5:43. Nama cubbamaa, ilmi badiisaa sun harka isaa jala galfachuuf jira.

Maatewos 24 keessatti Yesus dhufuu isaa dura guyyaa dhumaa kana ilaalchisee mallattoowwan waaqa irratti mul'atan kaa'eera. Mallattoo akkasii dhi'eenya kana raawwatame isa dhugaa irratti mari'achaa turre sana agarsiisu hubattaniittu jedheen yaada. Dhugaan sun Yesuus hanga bara dhumaatti waldaa keessaa gara alaatti suuta suuta dhiibamuudhaan dhuma irratti dhiibamee ala baafamuu isaa ti. Bara jalqabaatti waldaa isheen dhugaa geengoo guutuu turte jechuun ni danda'ama akka ture yaadadhaa. Ta'us dogoggorri xiqqoo gocha warra Niqoolaawotaa jedhamtu kan geengoon sun akka hin guutne godhetu ture. Achiis bara itti aanutti dukkanni dabalataa hamma kubbaan ifa xiqqoo ibsutti, dukkanni immoo geengoo sana caalaa haguuguutti seene. Bara sadaffaa keessatti ammas caalaatti dukkanaa'e, bara afuraffaatti immoo bara Dukkanaa ture sana keessatti ifni sun guutummaatti badee ture.

Amma mee kana irratti yaadaa. Waldaan ifa Kristos calaqqisiisun ifti. Inni ADUU dha. Waldaan immoo JI'A (ADDEESSA) dha. Akkasitti marsaan geengoo kun ji'adha. Barri jalqabaa ji'a guutuu ture jechuun kan danda'amu turte, bara afuraffaatti gara baduutti gadi bu'ee ture. Garuu bara shanaffaatti deebi'ee guddachuu eegale. Bara ja'affaa irrattis tarkaanfii guddinaa guddaa fuulduratti fudhate. Kutaa bara torbaffaa keessatti ammallee guddachaa ture, yeroo tasa gabaabsee dhaabatee, gara waan hin jirre jechuun danda'amutti gadi hir'ate, bakka ifaa gurraacha akka gantummaa ta'ee, dhuma bara sanaa irrattis dukkanni waan isa dhuunfateef ibsuu dhiisee ture. Kiristoos yeroo kanatti waldaa ala ture.

Kunoo mallattoodhaan bantii waaqaa keessatti mul'ateera. Dukkanaa'uun ji'aa inni dhumaa guutummaatti dukkanaa'uu ture. Marsaa torba irratti gara guutummaatti seene. Marsaa torbaffaa irratti, dukkanni waliigalaa kan dhufe yeroo phaaphaassiin Roomaa (Phaawuloos isa ja'affaan) gara Filisxeem dhaqee adeemsa qulqulla'aa Yerusaalemitti gochuuf deemetti ture. Inni phaaphaasii gara Yerusaalem deeme isa jalqabaa ture. Phaaphaasichi Phaawuloos isa ja'affaadha.

Phaawuloos ergamaa jalqabaa waan tureef namichi kun maqaa sanaan deeme. Hubadhaa, isa ja'affaadha, ykn ja'a lakkoofsa namaa ti. Waan akka tasaa wal irra bu'e isinitti hin fakkaatin. Yeroo gara Yerusaalem deemettis ji'i ykn waldaan gara dukkana guutuutti seene. Kun isa. Kun isa xumuraa ti. Dhaloonni kun hanga wanti hunduu raawwatamutti hin darbu. Haa ta'u Gooftaa Yesuus, dafii kottu!

Amma maaliif wayiniin lamaan, inni tokko dhugaa inni kaan immoo soba akka turan hubachuu dandeenya. Amma Abrahaam maaliif ilmaan lama akka godhate hubachuu dandeenya, inni tokko fooniin (kan Yisihaaq ari'ate sun) inni tokko immoo kan kakuudhaan dhalate. Amma maatii tokko keessaa akkamitti ijoolleen dhiiraa lama lakkuu ta'anii akka dhaltan arguu dandeenya, inni tokko nama waan Waaqayyoo beekuu fi jaallatu dha, inni kaan immoo dhugaa jiru baay'ee isaa kan baaku, garuu hafuura wal fakkaataa irraa kan hin taane dha, kana irraa ka'uudhaan ilma fo'atame sana kan ari'atu ta'e. Waaqayyo nama didaa akkasumaan didaa hin goodhe. Inni nama isa fo'atameef jedhee nama didaa mata jabeessa godhe. NAMNI FO'ATAME NAMA FO'ATAME KAN BIRAA ARI'ACHUU HIN DANDA'U. Namni fo'atame nama fo'atame kan biraa miidhuu hin danda'u.

Warra fo'ataman ari'atanii kan balleessan warra mata jabeeyyii dha. Oo, warri mata jabeeyyiin nama amantii of fakkeessu. Isaan sanyii Qaayin, isaan sanyii bofaati.Isaan Baabeliin ijaaru, isaan magaalota isaanii ijaaru, isaan impaayera isaanii ijaaru, yeroo kana godhan hundumaas Waaqayyoon waammatu. Isaan sanyii dhugaa ni jibbu, waan danda'an hundumaas ni godhu, warra Waaqayyoof fo'aman balleessuuf iyyuu Maqaa Gooftaa itti waamu. Garuu immoo jiraachuun isaanii barbaachisaa dha. “Qolli ija qamadii qamadii sanaaf maali?” Qolli qamadii hin jiru taanaan, iji qamadiis hin jiraatu. Dhuma irratti garuu maal ta'a qolichi? Ibidda hin dhaamneen gubata. Qamadiin hoo? Garam deema? Gombisaa Isaatti walitti qabama. Gombisaan sunis iddoo Inni jiru dha.

Yaa warra Waaqayyo isin fo'atee, of eeggadhaa. Itti dhi'eenyaan hordofaa. Of eeggadhaa. Fayyina keessan sodaa fi rom'aan galmaan ga'adhaa. Waaqayyotti hirkadhaa humna isaatiin jabaadhaa. Mormituu keessan seexanni amma iyyuu akka leenca nama nyaachuuf ka'eetti amuummachaa jira. Kadhannaa irratti dammaqaa, jabaadhaa. Yeroon kun yeroo dhumaati. Wayiniin dhugaas ta'e kan sobaa, gara bilchinaatti dhufaa jira, garuu qamadiin osoo hin sassaabamin dura inkirdaadi walitti qabamee akka gubachuuf ta'utti walitti hidhamuu qaba. Ilaalaa, hundi isaanii Mana Maree Waldoota Addunyaatti makamaa jiru. Walitti hidhamuu jechuun sana. Yeroo dhi'ootti qamadii walitti qabuun ni dhufa. Garuu yeroo ammaa kana hafuuronni lamaan muka wayinii lamaan keessatti hojii hojjechaa jiru. Inkirdaada keessaa ba'aa. Gooftaa keessan biratti nama galataa taatanii akka ilaalamtaniif, akkasumas Isaa wajjin akka mootanii fi bulchitaniif, ammumaa mo'uu jalqabaa.

Dubbisaa macaafa (PDF)...
Bara Waldaa Laa'odiiqeyaa.


Click on an image to download PDFs or fullsize picture.


Acts of the Prophet.

(PDFs - English)

The Two Babylons

by Rev Alexander Hislop.
(PDF English)

Mountainside and
rosebush in snow,
in China.

Lillies of Fire.

Utubaan ibiddaa.
- Houston 1950.

Light on pyramid
rock.

Malkiisedeq kun eenyu?

English Newsletter Site.

Macaafa Mul'ataa.

 
 

Waaqayyo fi Beekumsa. Index.
Tulluu Siinaa.

Sagalichi Jireenyaatti.
Kristos Sagalee Isaa
Keessatti Mul’ifama.

Wangeela.
Kristos cubbuu
keenyaaf du’eera.

Cuuphamaa.

 
 

Duumessoota waaqaa.

Utubaan ibiddaa.

Olbutamuu.

 

Mul’aticha
Yesuus Kiristoosi.

Bara dhumaa series.
Gaa’elaa fi
Gaa’ela Diiguu.

Dubartii Jeezebeel
Jedhamtu sana.

Mul'aticha Phaaximoos.

Daddarbaa Addaamii.
Firrii mukaa hin turre.
Sanyicha Bofaa.

Archaeology.
Sodoomii fi Gomoraa.

Bara Waldaa
Laa'odiiqeyaa.

Kiristoos waldaa ala
jira.

  Macaafni Qulqulluun jedhuu dha...

Yaa, Isra’el dhaga’l! Waaqqayyo gooftaan keenya Waaqqayyo isa tokkicha!

Seera Keessa Deebii 6:4





Ergicha hub... Ergicha William Branham.