Seenaa Waldaa.

<< kan duraa

kan itti aanu >>

  Waaqayyo fi Seenaa.


William Branham.

Ergaa Baroota Waldaa guutummaatti akka hubattaniif seerota bu'uuraa adda addaa kan maqaalee ergamtootaa, dheerina barootaa fi wantoota biroo achi keessa jiran irra akkan ga'uuf na dandeessisan ibsuun barbaada.

Bantuu Gooftaan naaf kenne kan ani bara tokkoon tokkoon isaatiif ittiin ergamaa murteessuu danda'e harki baay'ee caalaan kan Caaffata Qulqullaa'ooti. Dhugaa dubbachuuf Dhagaa Bu'uuraa Macaafa Qulqulluu jedhamuu danda'a. Innis mul'ata Waaqayyo gonkumaa akka hin jijjiiramne, karaan isaas akkuma isaa kan hin jijjiiramne ta'uu isaa mul'isudha. Ibroota 13:8 keessatti akkas jedha, “Yesuus Kiristoos kaleessa isuma tuer, har'as bara baraanis isuma sana.”

Kunoo: Waaqayyo hin jijjiiramu karaa Isaas hin jijjiiramu. Wanta jalqaba irratti hojjete hanga yeroo DHUMAATIIF raawwatamutti itti fufuu qaba. Yoomiyyuu jijjiiramni hin jiraatu.

Amma Sagalee isa Hafuura Qulqulluudhaan barreeffame irraa Waldaa tokkoffaan ykn isheen jalqabaa, akkamitti akka hundeeffamtee fi akkamitti Waaqayyo ishee keessatti akka of mul'ise sirriitti beekna.

Sagalichi Waaqayyo waan ta'eef jijjiiramuu ykn jijjiirsifamuu hin danda'u. Yohaannis 1:1, “Sagalichi jalqaba waan hundumaa dura ture; sagalichi Waaqayyo bira ture; sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture.”

Kanaaf, wanti waldaan yeroo Pheenxeqoosxeetti turte ulaagaadha. Sun fakkeenya. Fakkeenyi biraa hin jiru. Hayyoonni maaliyyuu haa jedhanii, Waaqayyo akkaataa sana HIN jijjiirre. Waaqayyo waan guyyaa Pheenxeqoosxeetti hojjete hanga barri waldaan cufamutti itti fufuu qaba.

Irraa kan baafame... Bara Waldaa Efesoon.

  Waaqayyo fi Seenaa.

Waldoonni torban Aiyaa Xiqqootti.

Efesoon.

Magaalaan Efesoon magaalota gurguddoo Asiyaa sadan keessaa tokko turte. Yeroo baay’ee magaalaa amantii Kiristiyaanaa sadaffaa jedhamtee kan waamamtu yoo taaatu, Yerusaalem tokkoffaa, Anxookiyaan immoo lammaffaa turte. Isheen magaalaa baayyee soorettii turte. Kan ishee bulchaa ture mootummaa Roomaa yoo ta'u, garuu afaan Giriikii dubbatti turte.

Irraa kan baafame... Bara Waldaa Efesoon.

Simiirnaa.

Magaalaan Simiirnaa Efesoon irraa xiqqoo gara bahaatti qarqara galoo galaanaa Simiirnaatti argamti turte. Buufata doonii baay'ee mijaawaa waan qabduuf wiirtuu daldala al-ergiitiin beekamtuu turte. Manneen barnoota afaanii, filoosoofii, fayyaa, saayinsii fi ijaarsaatiinis addatti beektuu turte.

Simiirnaa jechuun “hadhaa'aa” jechuu yummuu ta'u, innis jecha qumbii (myrrh) irraa kan madde dha. Qumbiin reeffa ittiin goggogsuuf gargaara ture. Kanaafuu maqaa bara kanaa kan hiika dachaa qabu arganna. Barichi bara hadhaa'aa du'aatiidhaan guutuu ture.

Irraa kan baafame... Bara Waldaa Simiirnaa.

Phergamoos.

Phergaamiyem (maqaa duriitiin) Miisiyaa keessatti kan argamtu yummuu ta'u aanaa laggeen sadii itti yaa'u taatee, karaa tokkoon galaanaan kan daangeffamtu turte. Asiyaa keessatti magaalaa hundarra beekamtuu turte. Magaalaa barnootaa mana kitaabaa Aleksaandiriyaa keessatti sadarkaa lammaffaa irratti argamu qabdu turte. Haa ta'u malee magaalaa cubbuu guddaa qabdu turte, sirna waaqeffannaa Iskulaapiyoosiif kenname, isa bifa fakkeenyaa bofa lubbuu qabu mana qulqullummaa keessa kaa'amee sooramu qabu turan.

Teessoo Mootummaa Seexanaa fi Iddoo Jireenya Isaa. Phergamoos jalqaba irratti iddoo Seexanni (akka qorannoo falaasama 'human affairs' tti) jiraatu hin turre. Baabilon yeroo hundumaa dubbii karaa mul'ataas ta'e karaa dhokataa waajjira muummee Seexanaa turte. Waaqeffannaan Seexanaa kan jalqabe madara Baabilon keessatti ture.

Irraa kan baafame... Bara Waldaa Phergamoon.

Tiyaatiraa.

Seenaa keessatti magaalaan Tiyaatiraa magaalota torban Mul'ata keessatti eeraman keessaa xiyyeeffannaa xiqqaa kan qabdu turte. Daangaa Maayisiyaa fi Ayooniyaa irratti argamti turte. Laggeen baay'een kan marfamte yoo taatu, garuu dhulaandhulaan kan dhuunfatame ture. Wanta isheen ittiin leellifamaa turte keessa tokko badhaadhina maallaqaa sababa waldaan gurmaa'uu warra suphee dha'anii, warra gogaa duuganii, warra uffata dha'anii, warra halluu uffata cuuphamu qopheessanii, warra kittaa lubootaa hojjetanii fi kkf irraan kan ka'e duroomtuu ta'uu isheetiin ture. Liidiyaa isheen uffta calaqqisaa gati-jabeessa gurgurtu sun magaalaa kana irraa dhufte. Isheen namoota Awurooppaa Phaawulos amansiise keessaa nama jalqabaa turte.

Amma sababni Hafuurri Qulqulluu magaalaa kana bara afraffaaf duraanuu bu'aawwan hafuuraa kan of keessaa qabdu godhee filateef amantii ishee irraa kan ka'e ture. Amantiin guddaan Tiyaatiraa waaqeffannaa Apooloo Tirimnaayoos ture kunis kaltii (cult) mootichaa wajjin kan walitti hidhatu ture. Apooloon waaqa aduu yoo ta'u, aangoodhaan abbaa isaa Zewusitti kan aanu ture.

Maqaan Tiyaatiraa jedhu, “Dubartiin Ol'aantummaa qabaachuu” jechuu akka ta'e caalaatti hubatamuu qaba.

Irraa kan baafame... Bara Waldaa Tiyaatiraa.

Saardes.

Saardes magaalaa guddoo Liidiyaa durii turte. Harka bulchiinsa mootota gonfoo Liidiyaa irraa gara warra Faaresitti, achiis gara Aleeksaandar Guddichaatti darbite. Anxookiyaas Guddichaan sirnichi kufe. Sana booda mootonni Phergamos hanga warri Roomaa aangoo qabatanitti bulchiinsa kana itti fufuudhaan to'atanii turan. Magaalattiin bara bulchiinsa Tiberiyos keessa kirkira lafaa fi dha'icha isheetti dhufeen diigamte. Har'a tuullaa ona duriin kan guuttee, lafa onaa dhas.

Amantiin magaalaa kanaa waaqeffannaa xuraa'aa waaqayyittii Cybele jedhamtuu ture. Tuullaan hambaa mana qulqullummaa ishee amma iyyuu ni mul'ata.

Irraa kan baafame... Bara Waldaa Saardes.

Filaadelfiyaa.

Filaadelfiyaan Saardes irraa gara kibba bahaatti maayilii torbaatamii shan fagaattee argamti. Isheen Liidiyaa keessatti magaalaagudditttii lammaffaa turte. Isheen godina wayinii misoomsuun beekamtu kan tulloota hedduu qabdu irratti ijaaramte. Saantimni ishee fuula mataa Baakusii fi Baakaantee (luba dubartii Baakuus) irraa bocame qabdi turte.

Kirkirri lafaa kan itti hammaatu yoo ta'u, magaalota torban Mul'ata keessatti eeraman keessaa hundarra umuruu dheeraa kan jiraatte turte. Dhugaa dubbachuuf magaalattiin amma illee biyya Turkiitti maqaa Alasehir ykn Magaalaa Waaqayyoo jedhamuudhaan waamamti.

Irraa kan baafame... Bara Waldaa Filaadelfiyaa.

Laa'odiiqeyaa.

Maqaan Laa'odiiqeyaa jedhu hiikni isaa, “mirga namaa” jechuu yoo ta'u, maqaa baay'ee beekamaa fi kabaja dubartoota maatii moototaa akkasitti moggaafamaniif jecha magaalota hedduudhaaf kennameera. Magaalaan kun magaalota Asiyaa Xiqqoo keessatti siyaasaan barbaachisoo fi faayinaansiidhaan guddachaa jiran keessaa tokko turte. Qabeenyi baay'ee guddaa ta'e lammiilee beekamoo ta'aniin magaalattiif dhaalaan kennameera.

Isheen teessoo mana barumsaa Fayyaa guddaa turte. Uummanni ishee aartii fi saayinsiidhaan addatti beekamu turan. Magaalota digadamii shanan biroof teessoo mootummaa naannoo waan turteef yeroo baay'ee 'metropolis' jedhamti turte. Waaqni tolfamaan achitti waaqeffatamu Ze'us (Zeus) ture. Dhugaa dubbachuuf magaalaan kun yeroo tokko kabaja waaqa isaaniif jecha Di'opolis (magaalaa Ze'us) jedhamtee turte. Jaarraa afuraffaatti yaa'iin waldaa murteessaa ta'e tokko achitti geggeeffameera. Kirkirri lafaa yeroo baay'ee ishee mudatu dhuma irratti guutummaatti akka baddu ishee taasiseera.

Irraa kan baafame... Bara Waldaa Laa'odiiqeyaa.


Iccitii Kiristoos.

Ingilizii barruu oduu
marsariitii.

Macaafa Mul'ataa.

 
 

Waaqayyo fi
Saayinsii. Indeeksii.
Gaarra Siinaa.

Acts of the Prophet.

(PDFs Ingilizii)

Sagalichi Jireenyaatti.
Kristos Sagalee Isaa
Keessatti Mul’ifama.

Wangeela.
Kristos cubbuu
keenyaaf du’eera.

Cuuphamaa.

 
 

Duumessoota waaqaa.

Utubaan ibiddaa.

Olbutamuu.

 

Mul’aticha
Yesuus Kiristoosi.

Bara dhumaa kan
walitti fufu.
Gaa’elaa fi
Gaa’ela Diiguu.

Dubartittii IiZaabeel
Jedhamtu.

Mul'aticha Phaaximoos.

Baroota Waldaa
Torbanii.

Barsiisa Warra
Niqolaawotaa.

Kana Kristiyaana series.

Maqaa Waaqayyoo.

Taabotni Nohi.

 

Ergaa Ayyaana Qillee.

 

Cubbuu jalqabaa.
Kun abaaboo turee?

Arkiyooloojii.
Sodoomii fi Gomoraa.

Bara Waldaa
Laa'odiiqeyaa.

Kiristoos waldaa ala
jira.

Tarreefama Ergaa.

Baabiloon.
Ka’umsa Oduu Durii.

  Macaafa Qulqulluu jedha...

Ammas wanta amma ta'uutti jiru, wanta kana booddee ta'uuf jirus isa argite caafi!

Hiikaan urjoota torban harka koo mirgaa keessatti argitee akkasumas baattuuwwan ibsaa warqee irraa hojjetaman torbanii dhokataa ture; amma garuu urjoonni torban ergamoota waldoota torbanii ti, baattuuwwan ibsaa torbanis waldoota torban sanatti in hiikama“ jedhe.

Mul’ata 1:19-20



 

Click on an image to download PDFs or fullsize picture.


Acts of the Prophet

(PDFs Ingilizii)

God, Hidden and
Revealed in simplicity.

(PDF Ingilizii)

William Branham
Life Story.

(PDF Ingilizii)

How the Angel came
to me.

(PDF Ingilizii)


Giddugala Ergaa... Erggwwan bilisaa Obboleessa Biraanhaam irraa buufadhaa.