Seensa Baroota Waldaa.


  Mul'ata kan walitti fufu.

Waldoonni torban Aiyaa Xiqqootti.


William Branham.

Ergaa dubbisaa...
Bara Waldaa Efesoon.

Ergaa Baroota Waldaa guutummaatti akka hubattaniif seerota bu'uuraa adda addaa kan maqaalee ergamtootaa, dheerina barootaa fi wantoota biroo achi keessa jiran irra akkan ga'uuf na dandeessisan ibsuun barbaada.

Qorannoon kun hanga yeroo kanaatti kan ani qoradhe hunda caalaa cimaa ta'uu waan tureef, kaka'umsa Hafuura Qulqulluu argachuuf guyyoota hedduudhaaf Waaqayyoon barbaadaan ture. Sana booda Bara Waldaa irratti Caaffata Qulqullaa'oo qofa dubbiseen seenaa waldaa hedduu barreessitoota seenaa baay'ee kanneen loogii hin qabneen barreeffaman kan ani argachuu danda'u gadi fageenyaan sakatta'e. Waaqayyo kadhannaa koo deebisuu hin dadhabne, sababiin isaas yeroon Dubbii Waaqayyoo fi seenaa dubbisutti, fakkeenyi jaarraa hedduu keessa deemaa dhufee hamma guyyaa har'aa, guyyaa isa dhumaa kanaatti jiru akka ifatti ba'u arguuf Hafuurri Qulqulluun na dandeessiseera.

Bantuu Gooftaan naaf kenne kan ani bara tokkoon tokkoon isaatiif ittiin ergamaa murteessuu danda'e harki baay'ee caalaan kan Caaffata Qulqullaa'ooti. Dhugaa dubbachuuf Dhagaa Bu'uuraa Macaafa Qulqulluu jedhamuu danda'a. Innis mul'ata Waaqayyo gonkumaa akka hin jijjiiramne, karaan isaas akkuma isaa kan hin jijjiiramne ta'uu isaa mul'isudha. Ibroota 13:8 keessatti akkas jedha,

“Yesuus Kiristoos kaleessa isuma tuer, har'as bara baraanis isuma sana.”

Lallaba 3:14-15,
“Wanti Waaqayyo hojjetu hundinuu bara baraan akka jiraatu ani beeka; wanti isatti dabalamu yookiis isa irraa fudhatamu tokko illee hin jiru; Waaqayyo namni akka isa sodaatuuf wanta akkasii kana hojjete.
Wanti amma jiru isuma dur turee dha, wanti si'achi ta'us isuma dur ta'ee ture dha; Waaqayyo isuma darbe deebisee in fida.”

Kunoo: Waaqayyo hin jijjiiramu karaa Isaas hin jijjiiramu. Wanta jalqaba irratti hojjete hanga yeroo DHUMAATIIF raawwatamutti itti fufuu qaba. Yoomiyyuu jijjiiramni hin jiraatu. Sanas Bara Waldaatti hojii irra oolcha. Gosti nama Waaqayyo bara jalqabaatiif filatee, akkasumas Waaqayyo tajaajila nama sanaa keessatti akkaataan itti mul'ate, bara biroo hundumaaf fakkeenya ta'a. Wanti Waaqayyo bara waldaa jalqabaa keessatti hojjete bara biroo hundumaa keessattis waan Inni hojjechuu barbaadudha.

Amma Sagalee isa Hafuura Qulqulluudhaan barreeffame irraa Waldaa tokkoffaan ykn isheen jalqabaa, akkamitti akka hundeeffamtee fi akkamitti Waaqayyo ishee keessatti akka of mul'ise sirriitti beekna. Sagalichi Waaqayyo waan ta'eef jijjiiramuu ykn jijjiirsifamuu hin danda'u. Yohaannis 1:1,

“Sagalichi jalqaba waan hundumaa dura ture; sagalichi Waaqayyo bira ture; sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture.”

Akkuma Hewaan goote, Sagalee isaa tokko jijjiiruun cubbuu fi du'a fida, akkuma Mul'ata 22:18-19 irratti dubbatutti,

“...Namni dubbii kanatti yoo waa dabale,Waaqayyo adaba isaa irratti dha'icha waa'een isaanii macaafa kana keessatti caafaman isatti dabaluuf jira.
Namni dubbii macaafa kana keessatti raajii dubbatame irraa yoo waa hir'ise immoo, Waaqayyo muka jireenya kennuu fi mandarattii qulqulluu waa'een isaanii macaafa kana keessatti caafaman keessaa qooda isaa hir'isuuf jira.”

Kanaaf, wanti waldaan yeroo Pheenxeqoosxeetti turte ulaagaadha. Sun fakkeenya. Fakkeenyi biraa hin jiru. Hayyoonni maaliyyuu haa jedhanii, Waaqayyo akkaataa sana HIN jijjiirre. Waaqayyo waan guyyaa Pheenxeqoosxeetti hojjete hanga barri waldaan cufamutti itti fufuu qaba.

Hayyoonni barri ergamootaa darbeera jedhanii isinitti himanillee hin amaninaa. Ibsi akkanaa dogoggora qabxii lamaa qaba. Duraan dursee, sababuma warri jalqabaa kudha lamaan du'aniif ergamoonni kana booda hin jiran jedhanii yaaduun dogoggora. Ergamaa (apostle) jechuun nama ergame jechuudha; har'as namoonni ergaman baay'eedha, isaanis misiyoonota jedhamu. Hanga namoonni waamamanii Sagalee Jireenyaa wajjin ergamaa jiranitti barri ergamootaa itti fufee jira. Lammaffaa, barri humni Hafuura Qulqulluu itti mul'ate erga Macaafni Qulqulluun xumuramee booda akka xumurameetti eeru. Sun dhugaa miti. Kana kan agarsiisu Caaffanni Qulqullaa'oon tokko illee hin jiru, garuu baay'een isaanii yaada kana irratti walii galu. Yaadni hima kana lamaanii soba ta'uu isaaf ragaan keenya kunooti.

Hojii Ergamootaa 2:38-39,
“Ergasii Pheexiroos, ”Gara geddaradhaa, tokkoon tokkoon keessan dhiifama cubbuutiif Maqaa Yesus Kiristoosiin cuuphamaa, kennaa hafuura qulqulluus ni argattu“ jedheen. Abdiin kun isiniif, ijoollee keessaniif, warra fagoo jiraniif, warra Waaqayyo gooftaan keenya waamu hundumaafis ni ta'a.”

Abdiin aangoo ergamoota guyyaa Pheenxeqoosxeetiin kenname “isiniif (Yihudoota), ijoollee keessaniif (Yihudoota), akkasumas warra fagoo jiran hundumaaf (Ormoota), akkasumas warra Waaqayyo Gooftaan keenya waamu hundumaaf (Yihuudii fi Ormoota)”. Hanga Inni waamuu dhaabutti ergaa fi humni yeroo Pheenxeqoosxee HIN DHAABATU.

Wanti Waldaan yeroo Pheenxeqoosxeetti qabdu mirga ishee irraa hin mulqamne dha. Jalqabatti, Sagalee Waaqayyoo isa qulqulluu ta'e qabdi turte. Isheen humna hafuuraa, milikkitaa fi wanta dinqiisiisaa garaa garaa kennaa hafuura qulqulluutiin mul'ate qabdi turte.

Ibroota 2:1-4,
“Kanaafis nuyi karaa irraa akka hin gorreef, dubbii isa dhageenye kana caalchifnee yaadaan duukaa bu'uun in barbaachisa.
Dubbiin ergamoota Waaqayyootiin dubbatamee fudhatamaa ta'e, namni isa irra daddarbe yookiis namni isaaf dhaga'uu dide hundinuus adaba isaaf ta'u in argate.
Yoos immoo nuyi fayyina guddaa akkasii isa gooftaan ofii isaatii jalqabatti dubbate tuffannee, attamitti isa jalaa baana ree? Warri isa dhaga'an immo dubbii kana nuuf cimsaniiru.
Kana irrattis Waaqayyo ofii isaatii milikkita fi wanta dinqisiisaa karaa garaa garaas hojii aangoo hojjechuudhaan, akka jaalala isaatti kennaa hafuura qulqulluu hiruudhaan, duukaa bu'ee dhugaa ta'uu isaa mul'iseera.”

Waldaan jalqabaa sun namootaan hin gurmoofne. Isheen Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamte. Isheen baayyee guddaa hin turre. Jibbamtuu fi tuffatamtuu turte. Isheen cunqurfamaa ture. Isheen hanga du'aatti ari'atamte. Waaqayyoof garuu dhugaa turte. Sagalee jalqabaa wajjin dhaabattee hafte.

Amma asirratti karaa irraa hin kaatinaa. Waaqayyoo fi karaan Isaa gonkumaa hin jijjiiramu yeroon jedhu, Waldaa fi ergamoonni ishee jijjiiramuu hin danda'an jechuu koo miti. Waldaan Waaqayyo miti. Kanaafuu jijjiiramuu dandeessi. Garuu wanti ani jedhe Waaqayyoo hin jijjiiramnee fi karaalee hin jijiiramneen gara jalqabaatti deebinee hojii Waaqayyoo isa jalqabaa fi isa mudaa hin qabne arguu dandeenya, ergasii ulaagaa sana irratti hundoofnee murtee kennuu dandeenya. Akkasitti raawwatama. Waldaan dhugaa yeroo hundumaa akka Pheenxeqoosxee jalqabaa ta'uuf ni yaalti. Waldaan dhugaan bara har'aa ishee jalqabaa sanatti dhi'aachuu ni yaalti. Ergamtoonni gara waldoota kiristaanaatti ergamanis, Hafuura Waaqayyoo isuma sana of keessaa qabaachuudhaan, ergamaa Phaawuloos fakkaachuuf ni yaalu. Isaan guutummaatti akka isaa hin ta'an; Garuu ergamtoonni dhugaan Phaawuloositti kan dhi'aatan ta'u, inni namoota hundumaa irraa bilisa ta'ee, Waaqayyoof bitamee, Sagalee Waaqayyoo qofa lallabee, hafuura qulqulluu humnaan mul'ise. Inni waan biraa tokkollee hin godhu ture. Isa Orijinaala fakkeessitanii hojjechuu qabdu. Sanyiin wal fakkaatu dhala wal fakkaatu godhata, Waldaa dhugaan yeroo hundumaa ishee tarkaanfii hundeessitoota ishee yeroo Pheenxeqoosxee hordofuuf yaaltu dha, ergamtoonni ishees ergamaa Phaawuloos, ergamaa jalqabaa bara waldaa jalqabaa ni hordofu. Innis akkas salphaadha, ajaa'ibsiisaadhas.

Bantuu akka malee salphaa, garuu baay'ee dinqisiisaa ta'e kanaan, gargaarsa Hafuura Qulqulluutiin, Macaafa Mul'ataa fi seenaa dubbisee tokkoon tokkoon baraa, tokkoon tokkoon ergamaa, tokkoon tokkoon hanga barri itti fudhatee fi tokkoon tokkoon isaanii guyyaa Pheenxeqoosxee irraa kaasee hanga xumura baroota sanaatti kaayyoo Waaqayyoo fiixaan baasuu keessatti ga'ee isaan taphatan bira ga'uu danda'eera.

Amma Waldaan Dhugaa maal akka fakkaattu akkamitti akka murteessinu erga hubattanii (yeroo Pheenxeqoosxee maal akka turtee fi bara ergamootaa keessatti akka Dubbiin Macaafa Hojii Ergamootaa keessatti ibsametti maal akka turte) seera wal fakkaatu dalageessinee waldattiin akkamitti akka kufte agarsiisuu dandeenya. Dogoggorri, yookaan dogoggoroonni bu'uuraa waldaa jalqabaa keessa lo'anii seenanii fi Macaafa Hojii Ergamootaa fi Mul'ataa keessatti akkasumas Ergaawwan keessatti mul'atan, bara itti aanu hundumaa keessatti caalaatti mul'achaa deemuudhaan, bara isa dhumaa ykn bara Laa'odiiqeyaatti dhugaan hamma guutummaatti dukkanaa'u irra geenye.

Bantuu jalqabaa isa Gooftaa biraa arganne kana keessaa yommuu baanu, dhugaa biraa kan isa duraatii gaditti dinqii ta'etti dhufna. Waldaan dhugaa yeroo hundumaa akka ishee macaafa Hojii Ergamootaa keessaa jirtuu ta'uuf yaalti jedheen ture. Kun Sirriidha. Akkuma kana garuu weerarri sobaa jiraachuudhaan hanga guyyaa dhumaa yeroo Gooftaan mul'achuuf jedhuutti dhugaa guutummaatti haguugee dhoksuutti barsiifamu Sagaleen Waaqayyoo nu hubachiisa. Amma gaaffiin sammuu keenya keessatti in ka'a; Waaqayyo warra kan isaa ta'an dhiisee gowwoomsaan liqimfamanii akka kufan ni taasisaa? Lakki kun hin yaadamu, sababiin isaa Caaffanni Qulqullaa'oon Maatewos 24:24 keessatti haala baay'ee ifa ta'een dubbata, innis warri Fo'aman gowwoomfamuu HIN DANDA'AN.

“Masiihonni sobaatii fi raajonni sobaa ka'anii YOO DANDA'AME (UTUU DANDA'AMEE KJV) warra Waaqayyoof fo'aman iyyuu akka wallaalchisaniif milikkita gurguddaa fi dinqii baay'ee in argisiisu.”

Yoos maali ree? Deebiin ifaa ta'e nu dura jira. Waldaan dhugaa fi waldaan sobaatu jira. Muka wayinii dhugaa fi mukta wayinii sobaatu jira. Garuu dhugaadha waldaan sobaa sun, dhagni wayinii sobaa sun, yeroo hundumaa aboo Waldaa Dhugaa qabdu irraa fudhachuuf ni yaalti, isheen warra Fo'aman utuu hin ta'in anatu dhugaadha dhugaanis ana bira jira jettee falmiti. Isheen Sobaa ishee Dhugaa ajjeesuuf ni yaalti. Macaafa Hojii Ergamootaa keessatti kanumatu ture, akkaataan baroota torban keessatti itti jalqabame kanuma ture, akkaataan itti ergaawwan adda addaa keessatti labsames kanuma ture. Akkas ta'aa ture. Ammas akkasuma ta'aa jira. Akkasumas in ta'a. Jijjiiramuu hin danda'u.

----
Waldoonni torban Aiyaa Xiqqootti argaman kun bara durii sanatti amaloota tokko tokko of keessaa qabu turan, isaanis baroota gara boodaatti firii bilchaataa ta'an. Wanti achitti sanyii biqilaa qofa turan, booda midhaan bilchaataa haamaaf ga'e ta’anii argaman, akkuma Yesus waan kanaa gadii jedhe ta'an.
“Egaa muka jiidhaa erga akkas godhanii, muka gogaa immoo attam godhinnu laata ree? jedhe.” Luqaas 23:31.

Ergaa dubbisaa...
Bara Waldaa Efesoon.



Macaafa Mul'ataa.
Ilaalaa itti....
(Bara Waldaa Laa'odiiqeyaa.)


Malkiisedeq kun
eenyu?

Ingilizii barruu oduu
marsariitii.

Macaafa Mul'ataa.

 
 

Waaqayyo fi
Saayinsii. Indeeksii.
Tulluu Siinaa.

Acts of the Prophet.

(PDFs Ingilizii)

Sagalichi Jireenyaatti.
Kristos Sagalee Isaa
Keessatti Mul’ifama.

Wangeela.
Kristos cubbuu
keenyaaf du’eera.

Cuuphamaa.

 
 

Duumessoota waaqaa.

Utubaan ibiddaa.

Olbutamuu.

 

Mul’aticha
Yesuus Kiristoosi.

Bara dhumaa kan
walitti fufu.
Gaa’elaa fi
Gaa’ela Diiguu.

Dubartittii IiZaabeel
Jedhamtu.

Mul'aticha Phaaximoos.

Baroota Waldaa
Torbanii.

Barsiisa Warra
Niqolaawotaa.

Daddarbaa Addaamii.
Firrii mukaa hin turre.
Sanyicha Bofaa.

Archaeology.
Sodoomii fi Gomoraa.

Bara Waldaa
Laa'odiiqeyaa.

Kiristoos waldaa ala
jira.

  Macaafa Qulqulluu jedha...

Guyyaa sanatti ifni, dhaamochi, qorris hin jiru.

Guyyaan biraa tokko in ta'a; isas Waaqayyotu beeka, gaafas yeroo galgalaa'u ifatu ta'a malee, guyyaan hin ta'u, halkanis hin ta'u.

Zakaariyaas 14:6-7


Click on an image to download PDFs or fullsize picture.


Acts of the Prophet

(PDFs Ingilizii)

God, Hidden and
Revealed in simplicity.

(PDF Ingilizii)

William Branham
Life Story.

(PDF Ingilizii)

How the Angel came
to me.

(PDF Ingilizii)


 


Giddugala Ergaa... Erggwwan bilisaa Obboleessa Biraanhaam irraa buufadhaa.