Taatewwan yeroo ammaa dubbii raajiitiin mirkaneeffamaniiru.

<< prev

next >>

  Bara dhumaa series.

Dubbiin Sagalee Waaqayyoo gara raajotaa dhufe.


William Branham.

Dubbisaa macaafa...
Taatewwan yeroo ammaa dubbii raajiitiin mirkaneeffamaniiru.

28 Waggaa afurtama, waggaa shantama dura isaan isin warra Pheenxeqoostaaliitti dubbatan. Abbaan keessanii fi haati keessan, yummuu Pheenxeqoostaalii isa dhugaa turanitti, dhaabbata amantii abaaranii isa keessaa ba'an. Sana booda akkuma sareen diddiga isheetti deebitu, deebi'anii gara jaarmiyaatti deebi'an. Waanuma waldaa ajjeese deebitanii gootan, waanuma sanaan of ajjeeftan. Namoota achi keessa jiraniin wanti morminuuf tokko illee hin jiru, namaan wanti morminuuf tokko illee hin jiru, sirna wanta kana gochaa jiruun mormina malee.

Egaa, hubadhaa, isaan mirkaneeffannaa fiixaan ba'iinsa raajii Dubbii Sagalee Waaqayyoo arguu dadhaban. Utuu luboonni kunneen... Isaan akkaataadhuma Masihiin in dhufa jedhametti dhimmanii eegaa turan, isaan waan ta'uu jiru in beeku turan. Warri Fariisotaa yaada mataa isaanii qabu turan, warri Saaduqootaa, warri garee Herodisii fi hundumti isaanii, yaada mataa mataa isaanii qabu turan. Garuu Inni... hin dhufne. Inni akkaataa tokkoon tokkoon isaaniitiif faallaa ta'een, garuu akkaataa Dubbii Sagalichaatti dhufe. Yesus waanuma kana fakkaatu dubbate asitti: “Ana utuu beektanii, guyyaa koos immoo in beektu turtan. Utuu beektanii... in beektu turtan. Isin, 'Tole egaa, Musee! Nuyi Musee qabna' in jettu. Utuu Musee amantanii, Ana amantu turtan; sababiin isaa, inni waa'ee Koo barreesse waan ta'eef” jedhe.

Garuu, hubadhaa, yummuu Waaqayyo waan abdachiise mirkaneessuu jalqabutti, Yesus akkataa ulfinaatiin dhufuuti Isa irra jira jedhanii yaadu turan, akkasumas... Masihiin jechuu koo ti. Masihiin karaa garee isaaniitiin dhufuu qaba, kanaa ala taanaan Masihii miti. Tole egaa, dhimmichi akkasi, caalmaadhumatti immoo bara har'aa, “Fuullee ijaa kootiin hin ilaaltu taanaan, guutumaan guutuutti argaa hin jirtu” in jedhu. Hubadhaa, karaan isaanii isa kana dha. Nuyi... Inni kun dhugaa dha. Yaada kana in jibbina, garuu wanti kun dhibbaa dhibbatti dhugaa dha.

Ibroota 1:1 keessatti, bara duriitti Waaqayyo karaa Ofii Isaatiin filateen Macaafa Qulqulluu bareessise. Inni raawwatee warra tiyooloojiitiin Isa hin bareessine, raawwatees warra tiyooloojiitiin Isa hin hiikne. Raawwatee barri itti warri tiyooloojii hiikkaa Dubbii Sagalee Waaqayyoo of harkaa qaban gonkumaa hin turre. Hiikkaan Isaa gara raajotaa duwwaa dhufa ture. Karaan tokkichi laaqii kana keessaa ba'uu dandeenyu, Waaqayyo raajii sana nuuf haa ergu, dhugaadhumaatti, karaa kana duwwaadhaan ta'uu isa keessaa baana. Itti amanamee fiixaan ba'iinsi isaa eegamaa ture. Hubadhaa, Inni namaan hin barreeffamne, Inni Waaqayyoon barreeffame. Inni macaafa namaa miti, Inni macaafa Warra tiyooloojii miti. Inni Macaafa Waaqayyoo, Macaafa raajii Isa raajotaan barreeffamee fi raajotaan hiikamuu dha. Macaafni Qululluun, “Dubbiin Sagalee Waaqayyoo gara raajotaa dhufe” jedha. Dhugaadhumatti!

Yeroo yesus gara biyya lafaa kanaa dhufee turetti, yummuu Yohannis immoo raajii bara sanaata'ee raajii dubbataa turetti, inni kun attam bareechamee ibsame, yookiin, mul'inatti mirkaneeffame. Isaan, “Oo, Waaqayyo jaarmiyaa keenya isa guddaa as jiru kanaa fi wantoota kana hundumaa addaan cicciruuf deema jechuu barbaaddee? Akkasumas yeroon mana sagadaa keenya kana keessatti ammaa booda hin sagadanne dhufuuf jira nuun jechuu barbaaddee?” jedhan.

Inni, “Yeroon Hoolichi Waaqayyoo, namni, aarsaa cubbuu ta'ee Waaqayyoof dhi'aatu dhufaa jira” jedhe. Yummuu Inni dhufus Isa akka beekuu akka danda'u dubbate. Inni... jedhe. Inni dhugummaa ergaa ofii isaa sirriitti beeka ture, inni, “Inni amma iyyuu isin gidduu dhaabatee jira, isin garuu isa kana hin beektan” isaaniin jedhe. Inni amma iyyuu isin gidduu dhaabatee jira, isin garuu isa kana hin isa hin beektan.

Guyyaa tokko utuu Yesus gara isaa dhufuu argee, “Ilaa Hoolicha Waaqayyoo, Isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu” jedhe. Battaluma daqiiqaa sanaatti Yesus fuula namootaa duratti dhugaan Isaaf ba'amee, akka mirkaneeffame in bare. Egaa, Inni Sagalee ture, isa kana in shakkinaa? Macaafni Qulqulluun Inni Sagalee ture jedha, “Sagalichi jalqaba waan hundumaa dura ture; Sagalichi Waaqayyo bira ture; Sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture. Sagalichi nama foonii ta'ee, nu gidduus buufate.” Egaa asitti Inni... Kunoo Sagalichi (Ilaalaa! Guutumaanguutuutti!) biyya lafaa irratti kallattiidhaan bishaan keessatti raajichatti dhufe.

Inni kun sirrii dha, Sagalichi yeroo hundumaa gara raajii Isaa in dhufa. Kanaaf Inni gara warra tiyooloojii dhufa jennee eeguun nurra hin jiraatu. Inni gara warra garee amantii dhufa jennee eeguun nurra hin jiraatu. Inni chaanelii daandii ittiin dhufuuf duraan dursee dubbateen dhufe, innis immoo karaa tokkicha Inni yoom iyyuu ittiin dhufuu dha. Inni tarii jibbamuu, tuffatamuu, fudhatamas dhabuu danda'a. Inni yummuu dhufu, moggaatti achi darbatamuu danda'a, wanti hunduus Isa irra ga'uu danda'a, garuu Waaqayyo akkumasaatti isa in hojjeta. Inni Yesus Kristos keessatti tuffatameera, inni Yohannis keessatti tuffatameera, inni Ermiyaas keessatti tuffatmeera, inni Musee keessatti tuffatameera. Inni yeroo hundumaa akka kana. Waaqayyo garuu akkaataa karaa Ofii Isaatii abdachiiseetti isa in raawwata. Eeyye, obboo, Inni karaa dubbateen raawwachuu raawwatee dhiisee hin beeku.

-----
Macaafa Qulqulluu keessa ilaalaa, yoos barri nuyi keessa jiraachaa jirru maal akka ta'e, wanti gurguddaan ta'anii mul'achaa jiran kun eessatti akka argaman in argitu. Waaqayyo waan tokko gochuuf yummuu abdachiisu, waan sana kan raawwatu dhuma barichaatti yummuu waldaan qarqara kufaatii irra geessutti, yummuu Isheen Sagalicha irraa gara cubbuu fi jireenya biyya lafaa jiraachuutti galagaltutti. Akka biyya lafaatti jiraachuun cubbuu dha. Macaafni Qulqulluun, “Biyya lafaa yookiin waan biyya lafaa yoo jaallattan, jaalalli Waaqayyoo isin keessa hin jiru” jedha.

Galgala darbe dubbachaan ture, waa'ee aarsaa sababii cubbuu keenyaaf dhi'eeffammee, waa'ee hoolichaan dubbachaa ture. Inni guyyoota torba ture, inni bara waldoota torbanii bakka in bu'a. guyyoota torbaniif raajitiin namoota gidduuti hin argamu ture. Kana jechuun wanti Isatti dabalamu tokko illee hin jiru jechuu dha, Inni walitti fufiinsaan kan hin bukoofne ture. Nuyi seera waldaa, raacitii fi waan wal makaa nu gidduutti hin barbaannu. Biyyi lafaa akka nutti makamu hin barbaannu. Inni Buddeena Waaqayyoo isa raacitii of keessaa hin qabne ta'uu qaba, Sagalee Waaqayyoo isa makaa hin qabne ta'uu qaba, innis, “Namni Dubbii Sagalee Waaqayyoo Isa afaan Waaqayyoo keessaa ba'uun jiraata” isa jedhu dha.

Sirni damee amantummaa keenyaa, garaagarummaanii fi wantootni biroon raajitii, kana fi sana, biyya lafaa fi faashinii nutti dabale. Oo, inni bakka hundumaatti Hooliiwuudii of keessa galfateera. Xumurri isaa akka Ingilaand ta'ee iddoo aarsaa jedhanii waamuun iyyuu nama qaanessuuf deema. Yaa anaa! Akkuma obboleessi jedhe, “Bidiruu keessaa attamitti qurxummii argachuu dandeessa?” Inni kun sirrii dha. Wangeela guutummaan Isaa humna Waaqayyootiin mul'ifamee, akkataa bara sanaaf abdachiifametti lallabamee, dhugaadhumatti fedha Waaqayyoo mirkaneessu qabaachuutu nurraa eegama. Isa kanaan alatti, hammam Waaqayyoon tajaajiluuf yaaltu iyyuu, ati miseensa waldaa akkasumaanii ti. Tarii nama mana dhiichisa qullaa dhaqu ta'uu dandeessa, tarii nama waldaadhaaf baay'ee amanamu ta'uu dandeessa; garuu dhiigsanyiin Jireenya Bara Baraa sun drumaan ilma Waaqayyoo yookiin intala Waaqayyoo akka taatuf si hin muudne taanaan, waan boca hin qabne wayii taatee guddatta malee, gonkumaa ilma Waaqayyoo isa dhugaa yookiin intala Waaqayyoo ishee dhugaa taatee hin guddattu.

-----
Qalbeeffadhaa, bara har'aa akkuma arginu namoonni... Namoonni Isatti amanuu hin dandeenye baay'eetu jiru, namoonni Hafuuraan guutaman illee utuu hin hafin. Waan isin naasisu tokkon isinitti himuuf jedha. Hafuura Qulqulluudhaan cuuphamtan jechuun jiraanyichatti galtan jechuu miti, walumaa galatti akkas miti, sana irratti hundaa'a miti, inni lubbuu keessaniif waan gochuu danda'u tokko iyyuu hin qabu. Hubadhaa, inni sun cuuphaa dha. As keessa lubbuutu jira, kana keessa, inni egaa Waaqayyo biraa kan dhufe ta'uu qaba. Garuu karaa alaatiin mana keessan isa lafa irraa kanaa wajjin wal quunnamuuf qaamota miiraa shan qabdu. Keessa keessanii immoo hafuura qabdu, isa keessaas qaamota miiraa shan, kan ittiin alaa wajjin wal quunnamtan qabdu: isaaniis ceephoo, jaalalaa fi warra kana fakkaatani dha, miirota shanan qaama alaatiin wal quunnamsiisani dha. yaadhaa, hafuura sana keessatti Hafuura Waaqayyoo isa dhugaatiin cuuphamtanii, amma iyyuu jireenyicha dhabuu dhabuu dandeessu. Lubbuu Waaqayyoon dhaabamte duwwaatu jiraachuu danda'a.

Yesus, “Guyyaa sanatti baay'een gara koo dhufanii, 'Yaa Gooftaa, ani maqaa keetiin hafuurota hamoota baaseera, waan gurguddaa hojjedheera, hojii dinqii hojjedheera, kennaa Waaqayyoo isa guddaatiin raajii dhubbadheera mitii?” in jedhu hin jennee? Inni immoo, “Ija Koo duraa badaa, isin yaa warra hamaa hojjettanii, Ani sini hin beeku. Guyyaa sanatti baay'een gara koo in dhufu” jedhe.

Qayyaafaan raajii hin dubbannee? Inni seexana ture. Achitti wanti nuyi arginu... Luboonni, gurguddoonni, namoonni bara sanatti geggeessitoota gurguuddoo jedhaman sun, namoota waan hundumaan gadi of deebisan turan, garuu Sagalee Waaqayyoo Isa isaan duratti of mul'ise arguu dadhaban. Duroo isaanii baay'ee fudhachuu dandeenya, baay'ee isaanii armaan gaditti barreesseera. Bala'aam hoo? Inni... ture. Isin, “Waaqayyo yaada Isaa in jijjiira” in jettu. Inni yaada Isaa hin jijjiiru!

Bala'aam yummuu akka raajiitti manaa ba'e, yummuu luba ta'ee achiti gadi bu'e, lallabaa ta'ee, yookiin maqaa barbaaddan isaaf kennaa, yeroo sanatti inni nama guddaa ture. Garuu yeroo namoota Israa'el abaaruuf Waaqayyoon gaafatetti; jalqabuma iyyuu inni akka isaanii miti. Kanaaf yeroo inni Isa gaafatetti,Waaqayyo, “Hin dhaqin!” isaan jedhe. Sana booda isaan isa amansiisuuf, warra ulfina qaban, duroo duroodhaan, tarii kaan isaanii lubuuta yookiin maanguddoota, yookiin waan biraa, namoota barumsa gurguddaa qaban isatti ergan. Inni ammas achi deemee Waaqayyoon gaafate. Yeroo lammataaf Waaqayyoon gaafachuu hin qabdan! Waaqayyo jalqaba dubannaan, xumurameera! Waan kan biraa eeguun sirra hin jiraatu.

Ribqaan ajaja lammataa hin eegganne. Isaan, “Ammuma in deemtaa?” jedhanii ishee gaafatan. “Mee isheen haa jettu.” Isheen, “Eeyyee nan dhaqa” jette. Isheen ciminaan Waaqayyoon tuqamteetti. Isheen akkaataa Hafuurri Waaqayyoo ishee geggeessetti jiraachuu isheetiin wanta dhibbaa dhibbatti dhugaa ta'e fudhachuu fi amanuu isheetiin giiftiwwan Macaafa Qulqulluu keessan jiran keessaa tokko ta'uu dandeessee ti.

Amma kan hubannu, Bala'aam arguu akka hin dandeenye dha. Inni deemee namoota, “Amm egaa, xiqqoo turi! Nuyi gurguddoota, namoonni gurguddaan gubbaa kana jieu, ati garee bittinnaa'aa dha” gara warra jedhanii ilaale. Hubattanii? “Nuyi hundi keenya Waaqayyo tokkotti amanna” jedhan. Inni kun dhugaa dha. Isaan hunduu Waaqayyo tokkotti amanu turan. Isaan hunduu Yaahwee waaqessu turan. Mee aarsaa Bala'aamiin ilaalaa: iddoo aarsaa torba, lakkoofsa Waaqayyoo isa dhugaati; waldoota torban, hubadhaa; korbeessi hoolaa torban, waa'ee dhufaatii Goofataa kan dubbatu ture. Amantiitti cichuu yoo illaalle, inni akkauma Musee ture; garuu, hubadhaa, dhuga-ba'iinsi Hoodaa isa bira hin jiru. Iddoo sana keessatti isaan lamaanuu raajota turan.

Garuu tajaajila Musee keessa Utubaa Ibiddaa ol Waaqa irraa kennametu ture, Ifa macca sabichaa wajjin deemutu ture. Fayyina Hoodaatu ture, iyya sagelee Mootiitu macca sana keessa ture, milikkita gurguddaa, fayyina Hoodaa fi dinqii gurguddaatu isaan gidduutti ta'aa ture. Inni kun milikkita Waaqayyi Inni jiraataan saba Isaa gidduu jiraachuu ibsu dha. Amantiitti cichuudhaan isaan lamaanuu sirrii dha. Bala'aam saba sanatti qoricha godhee isaan gowwomsuuf yaalii godhe. Yoom? Biyya Abdachiifamanitti galuudhaaf yeroo xiqqoon dura. Guyyaa itti aanu yookiin guyyaa lammaffaatti Biyya Abdachiifamanitti galu turan.

Dubbisaa macaafa...
Taatewwan yeroo ammaa dubbii raajiitiin mirkaneeffamaniiru.


Malkiisedeq kun eenyu?

English Newsletter Site.

Macaafa Mul'ataa.

 
 

Waaqayyo fi Beekumsa. Index.
Tulluu Siinaa.

Sagalichi Jireenyaatti.
Kristos Sagalee Isaa
Keessatti Mul’ifama.

Wangeela.
Kristos cubbuu
keenyaaf du’eera.

Cuuphamaa.

 
 

Duumessoota waaqaa.

Utubaan ibiddaa.

Olbutamuu.

 

Mul’aticha
Yesuus Kiristoosi.

Bara dhumaa series.
Gaa’elaa fi
Gaa’ela Diiguu.

Dubartii Jeezebeel
Jedhamtu sana.

Mul'aticha Phaaximoos.

Daddarbaa Addaamii.
Firrii mukaa hin turre.
Sanyicha Bofaa.

Archaeology.
Sodoomii fi Gomoraa.

Bara Waldaa
Laa'odiiqeyaa.

Kiristoos waldaa ala
jira.

  Macaafa Qulqulluu jedha...

Bara duriitti Waaqayyo si'a baay'ee karaa garaa garaatiin, raajotaan abboota keenyatti dubbateera.

Guyyoota bara isa dhumaa kanatti immoo ilma isaatiin nutti dubbate; Waaqayyo ilma isaa kanaan waaqaa fi lafa uume; waan hundumaas harka isaatti kennuuf isa dhaabe.

Ibroota 1:1-2


Click on an image to download PDFs or fullsize picture.


Acts of the Prophet

(PDF English)
 

Sirs, is this the time?

(PDF English)
- Mt Sunset.
Where cloud appeared.

Chapter 14
- Sabino Canyon

(PDF English)

Chapter 11
- The Cloud

(PDF English)

William Branham
Life Story.

(PDF English)

How the Angel came
to me.

(PDF English)


Message Hub...Choose your Language and download Free Messages from Brother Branham