Mulqamnedha.

<< prev

next >>

  Sagalichi Jireenyaatti.

Mulqamnedha.


William Branham.

Dubbisaa macaafa...
Kristos Sagalee Isaa Keessatti Mul’ifama.

Amma mata duree KristosSagalee Isaa Keessatti Mul'ate kan jedhu irrattin dubbachuuf deema. Attamitti, Eebba Sagalee Isaa (Beatitudes) keessatti, Kuunnoo ala sana suuraanKristos fakkaatu dhaabatee jira. Egaa waa'ee mata duree keenya kanaa iddoo sanadhaabadheen yaaduu jalqabe.

Egaa Kristoosii fi Sagalichi tokkuma. Hubattanii?

Namoonni, “Attamitti Macaafni Qulqulluun...?” jedhu. Dhi'eenyumakana nama ta'e tokkoo wajjin karaa deemna turre. Namichi, “Yaadi mee. Nuyibiyya lafaa kana keessa, akkuma kanatti jiraachaa jirra, wanti nuyi beeknutokkichi yookiin wanti nuyi dubbannu yoo jiraate, isa nuyi oduu durii warraYihudootaa isa Macaafa Qulqulluu jedhamuun fayyine jennu dha” jedhe. An immoo, “Obbo, attamitti akka ati kana jechuu dandeesse an hinbeeku, garuu an inni oduu durii warra Yihudootaa ti jedhee hin amanu” jedheendeebiseef. Inni immoo, “Tole, ati in kadhatta,maalitti kadhatta? Ani kana-kanaa fi waan tokko tokko kadhadheera; garuu waansana hin arganne” naan jedhe.

Ani immoo, “Dogoggora kadhatte. Gonkumaa yaada sammuu Waaqayyoojijjiiruuf kadhachuu hin qabnu; yaada sammuu keenyaa jijjiiruuf kadhachuuqabna. Yaadni Waaqayyoo jijjirraa kam illee hin barbaadu. Hubattee? Hubadhu,kun sirrii dhan” isaan jedhe. “Wanti ati kadhatte... mitin” jedheen. Yeroo tokko nan yaadadhaa, mucaan dhiiraakaatolikii tokko haati isaa akka fayyituuf jedhee kitaaba kadhataa isheeirratti dubbisa. Isheenis in duute, sana booda mucichi kitaaba kadhataa sanaibiddatti darbatee gube. Tole, hubadhaa, ani gara kitaaba kadhataa hin dhaqu;garuu, utuu hin jaallatin, ilaalcha dogoggoraa duukaa buuta. Ati waan Waaqayyogodhu Isatti himuuf yaalaa jirta. Kadhannaan akkas ta'uu qaba, “Yaa Gooftaa Sagalee Keetti akkan cimuuf nagargaari.” “Jijjiirraa” miti, “Mee yaada Keen jijiiraa miti, Ati yaada koojijjiirii dha malee.” Hubattanii? “Ati gara fedha Keetti yaada sammuu kootiijijjiiri. Fdhi Kee immoo kunoo Macaafa Qulqulluu keessatti barreeffameera. YaaGooftaa, hamma yaadi sammuu koo akka yaada sammuu Keetii ta'utti gadi na hindhiisin. Yummuu yaadni koo akka akka yaada Keetiitti qajeelutti immoo, SagaleeAti barreessite hundumaatti nan amana. Ati achi keessatti, 'Waaqayyo warra Isajaallatan karaa hundumaa gargaaree gara gaariitti isaan in geessa' jedha. YaaGooftaa, anis Sin jaalladha. Inni karaa hundumaa gargaaree gara gaariitti isaanin geessa.” Jedhaatii kadhadhaa.

-----
Amma hubadhaa, isa kana itti deebina, waan itti fufnee ilaaluuqabnu kan biraatu jira. Wanti utubaa hidhaa (tie post) ta'e tokko, karaabiraatiin, waan mulqamuu hin dandeeye (ultimate) jechuu dha. Namni hunduu waan hin mulqamne yookiin waansarbamuu hin dandeenye (absolute) ta'e qaba. Waggootaan muraasa dura, yeroo tokko Kan Hin Sarbamne (Absolute) mataduree jedhu irratti lallabeen ture, jechi kun jecha ittiin waa ibsuun danda'uisa dhumaa ti. Akkuma abbaa seeraa dorgommii kubbaa ti, inni balleessaa dhajennaan, waanuma inni jedhetu ta'a. Ati akkataa kamiin iyyuu hubadhu malee,abbaan seeraa balleessaa dha jedheera. Ati, “Ani... Baleessaa hin hojjenne.Inni... darbe. Ani... argeera” in jetta. Maal iyyuu yoo ta'e, inni, “balleessaa dha”jennaan, isuma ta'a, waan hundumaa kan qabbaneessu isan inni jedhe dha. Innikan mulqamne (ultimate) dha. Ibsaan tiraafikaas yeroo, “deemi” jedhutti, kan hin mulqamne dha. Ati, “Tole egaa, ani, nan jerjera,... na mudate”in jetta ta'a. Lakki, lakki. Inni, “Namoonni kan biroon darbaa waan jiraniif,amma iyyuu dhaabachuu qabda” isiniin jedha. Hubattanii? Inni kan hin mulqamnedha.

Egaa amma, waan gootan hundumaa keessatti wanti hin mulqamne tokkoin jiraata. Yeroo haadha manaa keessan filattanitti wanti hin mulqamne tokkojira. Dubartiin isin filattan sun jiraachuu qabdi. Egaa amma, iddoo fi yeroon isin itti konkolaataa bituuf jirtan injiraata, gosti wanta mulqamuu hin dandeenye isin irra ga'uuf deematan maali. Inni Foordii (Ford) ta'aa, Cheevii (Chevy)dhaa, Piliimaa'uzii (Plymouth) dhaa, moo Konkolaataa alaa galu dha, waan fedheiyyuu haa ta'uu, waan hin mulqamne qabaachuu qabdu. Jireenya Kristaanummaa keessattis akkasuma in ta'a. Wanti hin mulqamnejiraachuu qaba.

-----
Tole egaa, dameen amantii hunduu amantoota isaaniitiif wanta hinmulqamne dha. Garuu, anaaf, akkasumas naman garaKristoositti karaa itti agarsiisaa jiruuf, karaa Kristoosiin, MacaafniQulqulluun nuuf wanta mulqamuu hin dandeenye dha. Hammam... Sababiin isaa,Waaqayyo, “Dubbiin Sagalee nama hundumaa soba in ta'a, Kan Koo garuu Dhugaadha” jedheera. Macaafni Qulqulluun Wanta mulqamuu hin dandeenye Isa kanaWaaqayyooti jedheen amana. Namni waan barbaade yoo jedhe iyyuu, Inni kan hinmulqamne dha. Macaafni Qulqulluun kun kitaaba sirnacaasaa (system) miti. Lakki, obboo. Inni kitaaba sirnaas heera duudhaas miti. Macaafni Qulqulluun kitaaba sirnootaa, sirnoota baay'eetu jiru. Lakki, akkasmiti. Inni kitaama duudhaa (morals)miti. Lakki, inni akkas miti. Inni guutummaatti kitaaba seenaas miti. Yookiisimmoo, Inni kitaaba tiyooloojii miti. Inni Mul'ta Yesus Kristosii ti. Egaa isa kana dubbifachuu yoo barbaaddan,warri waraqaa irratti qabattan of harkaa qabdan, Mul'ata 1:1 hanga 3ttiqabadhaa, Macaafni Qulqulluun, “Mul'ta Yesus Kristos.”

-----
Amma egaa Macaafa Qulqulluu kana qalbeeffadhaa. Isaan keessaakaan, “Oo, tole egaa, Inni kana godhe, Inni sana godhe” jedhu. Garuu, mee waantokkon isinitti hima. Mee... Mee Seenaa MacaafaQulqulluu keessa haa seennu, daqiiqaa muraasaaf iddoo Inni dhufe haa ilaallu.Inni barreessitoota garaa garaa afurtamaan kan barreeffame dha. Namoonniafurtamni kunniin wal irraa fageenya waggaa kuma tokkoo fi dhibba ja'aakeessatti, akkasumas yeroo garaa garaatti Isa barreessuudhaan, taatewwangurguddoo seenaa biyya lafaa keessatti ta'aa turan, taawwan sun ta'uun durawaggoota dhibbaatamaan dura raaga jiru barreessaa turan. Guutummaa Macaafotajaatamii ja'anii keessa dogoggorri tokko illee hin jiru. Oo, yaa anaa! Barreessaamiti, Waaqayyo Ofii Isaatii kan hin dogoggorre dha malee. Jechi tokko illee kanwal dhiitu hin jiru. Yaadadhaa, MacaafniQulqulluun wal irraa fageenya waggaa kuma tokkoo fi dhibba ja'aa irrattibarreeffame, kunis bara Museetii hanga Yohannis iddoo bishaan keessaa Phaaximoo jedhamtutti ajjeefameetti kan jirudha. Waggoota kuma tokkoo fi dhibba ja'aaf barreessitoota afurtamaanbarreeffame; namni tokko isa kan biraa raawwatee hin beeku ture, isaan akka“Sagalichaatti” illee Isa hin qaban turan. Kaan isaanii “Sagalicha” iyyuu ijaanhin argine. Garuu isaan yeroo Isa barreesstti, raajii ta'uun isaanii kan ittiinhubatamu, yoo raajiin isaan dubbatan wal bira qabamee ilaalamee, yoo wal kipheduwwaa dha.

-----
Amma, haa jennu fakkeenyaaf,...irraa haa fudhannu. Amma utuukitaabota fayyaa kan waa'ee qaama namaa irratti xiyyeeffate jaatamii ja'a kannamoota namoota mana barumsaa ogummaa fayyaa garaa garaa keessa jiranafurtamaan barreeffame, innumtuu kan waggoota kuma tokkoo fi dhibba ja'a walirraa fagaatee barreffame ta'ee maal ta'a jettanii yaaddu? Walitti fufiinsaattamii qabatee akka dhufu hin ajaa'ibsiifattanii? Lakki, inni wal-qabatiinsa (continuity) hin qabu.

Garuu Macaafa Qulqulluu keessatti Jechi tokko isa kan biraa hinfaallessu. Raawwatee raajiin faallaa isa kan biraa ta'e tokko illee hin jiru.Tokko tokkoon isaan guutuu (perfect) turan. Yeroo namichi tokko ol seeneeraajii dubbatetti, raajiin inni dhugaan sun ol ka'ee gadi isa waame, sana boodawanti sun bakkeetti baafamee in mul'ifame. Hubattanii? Hubattanii? KanaafuuMacaafni Qulqulluun amantoota dhugaa hundaaf Sagalee Waaqayyoo ti.

-----
Guyyaa tokko immoo, akkuma kana baroota ifaa miliyoona dhibbatokkoo fi shantama garasitti hawwaa keessa ilaaluun hin danda'u isa jedhanis qorataniiarguuf jiru. Isaan kallattiidhaan deemsa geengoo tokko irra naanna'aa jiru. Inni kun sirrii dha. Isin guyyaa tokko,yeroo gara Waaqaatti ol baatanitti, balaliitanii iddoo kan biraatti akka hinkufne arguuf jirtu. Isin amma iyyuu as jirtu, baay'ifamtanii, roga (dimension)biraa kan isa kana caalaa saffisaa ta'een as jirtu. Kallattiidhaan kutaamanaa kana keessa halluun dhufaa jira. Halluun hunduu, shamiziin, wandaboon,wanti isin uffattan kam illee kan Bara Baraa ti, addunyaa kana hundumaanaanna'ee, naanna'ee kallattiidhaan waraabamaa jira. Yeroo ija keessanlibsattan hundumaatti, inni waraabamaa jira. Ilaalaa, televizhiiniin isa kanain mirkaneessa.

-----
Amma qalbeeffadhaa, Caaffata Qulqulla'aa keessa dogogorri tokkoillee hin jiru. Yesus, Sagaleen Waaqayyoo, yaada garaa namaa keessa jiru beeka. Ibiroota 4:12 keessatti, Dubbiin Waaqayyoo billaa gar lamaan qarame caalaa qaraqaba; yaadaa fi akeeka garaa namaas qoree faraduudhaaf in danda'a“ jedha.Hubattanii? Inni yaada sammuu namaatti gadi bu'ee, dhiibee bakkeetti baase, inmul'isas. Disernii (discern) jechuunmaal jechuu dha?” Akka beekamu gochuu, yaada garaa namaa keessaa bakkeettibaasanii mul'isuu“ jechuu dha. Kana kan godhu egaa Dubbii Sagalee Waaqayyoo ti. Nuyi bara har'aa kana,“Waldaan Kaatolikii Sagalee Waaqayyoo ti; warri Baaptistii, warri Metedistii, warri Pheenxeqoostaalii, manni sagadaa Sagalee Waaqayyoo ti” jenna. Inni kunsirrii miti. Sagalichi mul'ata; Waaqayyo, Sagalichaan mul'ate.

-----
Dubbiin Sagalee Waaqayyoo baay'isee, baay'isee guutuu dha, KakuuMoofaa fi Kakuun Haaraa iyyuu walakkaa lamaa fi guutuu tokko. Inni kun sirriidha. Kakuun Moofaa gamisa Isaa tokko, Kakuun Haaraa immii gamisa Isaa tokko;Isa lamaanuu walitti dabalaa, guutummaa (Whole) mul'ata Yesus Kristosiinargattu. Raajonni waa'ee Isaa dubbachaa turan, kunoo amma immoo Inni Namakeessa jiraate; hubadhaa, gamisa lamaa fi guutuu tokko. Amma... baay'ee as irrattifudhachuu hin barbaannu.

Amma, yaadadhaa, Kakuun Moofaa Kakuu Haaraatiin ala guutuu miti. Kakuun Haaraas Kakuu Moofaatiin ala guutuu ta'uu hin danda'u. Sababiin gamisalama, guutuu tokko, jedheefis isa kana. Raajonni, “Inni kunoo as in buufta!Inni kunoo as in buufata! Inni kunoo as in buufata; isaan Isa irratti kana in raawwatu. Isaan isa irratti kanain raawwatu!” jedhanii dubbatan. Innis kunoo asitti in argame, “Inni as inbuufate! Inni as in buufate, isaan immoo kanaIsa irratti raawwatan, isaan kana Isairratti raawwatan.” Galgala muraasa dura waa'ee kanaa irratti lallabeen ture.

Egaa Ximotewos Caaffata Qulqulla'aa akka qoratuuf Phaawulos akkasisaan jedhe, “Ati akka hojjetaa qoramee fudhatameetti, Dubbicha Isa dhugaagargar baaftee hubattee dubbachuuf dhama'i” isaan jedhe. Caaffata Qulqulla'aakeessa wantoota dirqama ta'an sadiitu jira. Dubbii Sagalee Waaqayyoo keessattiwantoota gochuu dhiisuun diqama isinitti ta'uu qabu sadiitu jira. Amma egaa,daqiiqaa kurnan tokko fudhannee, waa'ee wantoota sadan gochuun isin irra hinjiraanne kanaa, waliin in qoranna. Guutummaa biyyaa keessa warri jirtan, bakkajirtan hundatti, guutummaa biyya kanaa keessa kan jirtan, kobbee of harkaa hinqabdan yoo ta'e, wantoota kana sammuu keessan keessatti caaffachuu hindagatinaa. Gonkumaa wantoota kana hin godhinaa. Yeroo hundumaa diqama waangochuu qabdan isinitti dubbachaa turreerra, har'a immoo waan gochuu dhiisuundirqama ta'e isinitti dubbanna. Dubbii Sagalichaa gar maleehiikuun (misinterpret), gonkumaaisin irra hin jiraatu. Isin, “Tole gaarii dha, hiikkaan Isaa kana jedheen amana” in jettu. HiikkaanIsaa waanuma Inni jedhu dha. Inni hiiktuu hin barbaadu. Kan biraa immoo DubbiiSagalichaa iddoodhaa butuu (misplace) gonkumaa isin irra hinjiraatu. Inni sadaffaan immoo Dubbii Sagalichaa iddoo malee kaa'uu (mislocate) isin irra hin jiraatu. Kanasadan keessaa tokko yoo goone, inni guutummaa Macaafa Qulqulluu xaxaa sammuu fiwal dha'iinsa (chaos) keessatti darbata.

Qalbeeffadhaa. Yesus Waaqayyo nama keessaan mul'ate ta'uu Isaa garmalee yoo hiikte, Waaqayyo sadii keessaa tokko Isa goota. Yesus KristosSagalicha ta'uu Isaa gar malee yoo hiiktan, Waaqayyo sadii keessaa tokko Isagootu, yookiin Waaqaummaa (Godhead) keessaa Nama lammaffaa Isa gochuu keessanta'a. Kana gochuun guutummaa Caffata Qulqulla'aa waliin dha'a. Eessa yoodeemtanis hubachuu hin dandeessan. Kanaafuu Inni gar malee hiikamuu hin qabu. Waan ta'e tokko dubbattanii, hiikkaas yoo Isatti laattan, Isasimmoo yeroo biraatti yoo qabsiiftan; yookiin Inni yeroo biraatti kan ta'aa tureta'e, isa kanaafis hiikkaa sirrii hin ta'in kennuufii keessan mul'isa.

-----
Wantoonni dirqama ta'an sadan kunneen diqama raawwatamuu qabu. Garmalee Isa hiikuun, iddoodhaa Isa butuu fi iddoo malee Isa kaa'uun gonkumaaisin irra hin jiraatu. Inni dhibbaa dhibbatti akkaataadhuma Waaqayyo kaa'ettikaa'amuu qaba. Warra biyya lafaatiifInni kitaaba dhokataa ti. Namoonni Inni kitaaba dhokataadha jedhanii amanu. Yeroo tokko as magaalaa kanatti nama beekamaa, nama geggeessaa guddaaKristaanaa jedhamu tokkoo wajjin haasa'aan ture, innis, “Halkan tokko MacaafaMula'taa dubbisuuf yaaleen ture” jedhe. “Yohannis nama nyaata mimmixi gubaanitti baay'ate nyaatee anjuun qaajja'ame (nightmare) ta'uu qaba” jedhe. Hubadhaa, Macaafa dhokataa.

Garuu, warra dhugaattiamananiif, Inni mul'ata Waaqayyoo isa bara nuyi keessa jirru kana keessamul'ifamaa jiru dha. Inni, “Dubbiin Koo Hafuuraa fi Jireenya” jedhe. Yesustukana dubbate. Ammas immoo, “Dubbiin Sagalichaa Sanyii namichi midhaan facaasufacaasu dha” jedhe. Inni kun dhugaa ta'uu isaa in beekna. Inni Waaqayyo bifaDubbii Sagalee tiin jiru waan ta'eef, Isuma duwwaadhaan hiikamuu qaba. Sammuun dhala namaadandeettii ittiin yaada sammuu Waaqayyoo hiiku hin qabu. Atamitti sammuuxinnoon dhuma qabdu (finite mind) Sammuu dhuma hin qabne (infinite Mind) hiikuudanda'a, yaada sammuu walii walii keenyaa illee hiikuu kan hin dandeenye,attamatti kan Isaa hiikuu dandeenya? Egaa isin hubadhaa, Namni Isa hiikuu danda'u Isa duwwaa dha, Inninama hiikuufii barbaadeef Isa in hiika. Inni, “Namoonni bara duriitti du'an,akkuma bara duriitti karaa garaa garaatiin biyya lafaa irra deemaa turan,” hinjedhu. “Waaqayyo, bara duriitti si'a baay'ee karaa garaa garaatiin, raajotaanabboota keenyatti dubbateera” jedha. Hubattanii?

Dubbisaa macaafa...
Kristos Sagalee Isaa Keessatti Mul’ifama.


Malkiisedeq kun eenyu?

English Newsletter Site.

Macaafa Mul'ataa.

 
 

Waaqayyo fi Beekumsa. Index.
Tulluu Siinaa.

Sagalichi Jireenyaatti.
Kristos Sagalee Isaa
Keessatti Mul’ifama.

Wangeela.
Kristos cubbuu
keenyaaf du’eera.

Cuuphamaa.

 
 

Duumessoota waaqaa.

Utubaan ibiddaa.

Olbutamuu.

 

Mul’aticha
Yesuus Kiristoosi.

Bara dhumaa series.
Gaa’elaa fi
Gaa’ela Diiguu.

Dubartii Jeezebeel
Jedhamtu sana.

Mul'aticha Phaaximoos.

Daddarbaa Addaamii.
Firrii mukaa hin turre.
Sanyicha Bofaa.

Archaeology.
Sodoomii fi Gomoraa.

Bara Waldaa
Laa'odiiqeyaa.

Kiristoos waldaa ala
jira.

  Macaafa Qulqulluu jedha...

Bara duriitti Waaqayyo si'a baay'ee karaagaraa garaatiin, raajotaan abboota keenyatti dubbateera.

Guyyoota bara isa dhumaa kanatti immooilma isaatiin nutti dubbate; Waaqayyo ilma isaa kanaan waaqaa fi lafa uume;waan hundumaas harka isaatti kennuuf isa dhaabe.

Ibroota 1:1-2


Click on an image to download PDFs or fullsize picture.


Acts of the Prophet

(PDF English)

Chapter 14
- Sabino Canyon

(PDF English)
Where sword appeared.

William Branham
Life Story.

(PDF English)

How the Angel came
to me.
(PDF English)

Yesus Waaqayyo
nama keessaan
mul'ate ta'uu Isaa
garmalee yoo hiikte,
Waaqayyo
sadii keessaa tokko
Isa goota.



Message Hub...Choose your Language and download Free Messages from Brother Branham