Misirroo Filachuu.

<< prev

next >>

  Kana Kristiyaana.

Filannoon Waan guddaa dha.


William Branham.

Dubbisaa macaafa...
Misirroo Filachuu.

Amma egaa Mul'ata boqonnaa 21, lakkoofsa9 irraa haa dubbifnu.
Ergasii ergamootaturban warra waciitii torba dha'icha gara dhumaa turban keessa guutan of harkaaqabu turan keessaa inni tokko dhufee natti dubbatee, “Kottu, ishee misirroo, haadha manaa hoolichaa sitti nan agarsiisaa!” jedhe.

Wantoota ittiin jiraannu baay'ee keessatti filannootu nuufkenname. Karaan jireenyaa mataan isaa filannoo dha. Karaa mataa keenya irra bu'uufmirga qabna, karaa barbaanne irra jiraachuuf filannoo mataa keenyaa qabna. Barumsi filannoo dha. Deemnee barumsa dhaquuf filannoo qabna,yookiin deemnee barachuu dhiisuuf filannoo qabna. Inni kun filannoo nuyi qabnudha. Karaan qajeelaa fi qajeelaa hin ta'in filannoo dha. Dhiirrihunduu, dubartiin hinduu, dhiirri, dhalaanis karaa qajeelaa irra jiraachaajiraachuu fi karaa qajeelaa irra jiraachuu dhabuu isaanii filachuu qabu. Innisfilannoo dha. Filannoon Waan guddaa dha.

Galmi jireenya bara baraa keessanii filannoo dha. Kanaaf tarii,galgala kana, isin keessaa kaan iddoo bara baraan jiraatan sana utuu tajaajillikun asii hin xumuramin dura in filatu. Guyyaan tokko jira, innis, yoo yeroobaay'ee waaqayyoon irraa galagaltan, guyyaan isin isa dhumaatiif isa irraagalagaltan in dhufa. Namaaf dhiifamuu fi firdii gidduu sararatu jira. Egaadhiiraaf, yookiin dubartiif, dardaraaf, yookiin durbaaf sarara sana tarkaanfiitokko darbinaan waan balaafamaatu jira, srara xumuraa sana tarkaanfii tokkodarbinaan deebi'uun waan hin jirreef. Kanaaf, galgalli kun tarii iddoo ittibakka bara baraan jiraattaniif murtoo laattanii dha.

Wanti nuyi jireenya keessatti filachuu qabnu kan biraan jira,innis hiriyaa wajjin jiraattanii dha. Dargaggeessi tokko, yookiindargaggeettiin tokko jireenyatti tarkaanfachuuf mirgi filannoo kennameeraaf.Dargaggeessi in filata. Isheen dargaggeettiin immoo mirga gaaffichakeessummeessuu fi haquu qabdi. Garuu amma iyyuu filannoon gama lamaaniin ta'uuisaati. Dhiiras ta'e dhalaa, lamaanuu filannoo qabu. Akkasumas, akka Kristaanaatti filannooqabdu. As Amerikaatti akkuma beekamu Waldaa barbaaddan dhaquuf filannooqabdu. Waldaa barbaaddan filattanii miseensa ta'uun, carraa nama Amerikaa ta'uukeessaniif qabdaniidha. Inni kun filannoo dha. Yoo hin barbaanne immoo, Waldaakamiin iyyuu dhaquu dhiisuu dandeessu. Garuu yoo Metedistii irraa garaBaaptistiitti, yookiin Kaatolikii irraa gara Protestaantiitti, yookiin kanbiraatti jijjiirrachuu barbaaddan, namni kam illee isinitti himuu yookiin garaWaldaa kanaa kottu isiniin jechuu hin danda'u. inni kun bilisummaa keenya. Innikun maalummaa diimokiraasii keenyaati. Namni kam iyyuu ofii isaatii filata.Inni kun walabummaa amantiiti, kunis waan guddaa dha. Hamma dandeenyetti isakana akka itti fufnuuf Waaqayyo nu haa gargaaru.

Isinis akkasuma filannoo qabdu. Yoo... Yeroo Waldaa kana filattan,Waldaa kana keessatti waldaan isheen daandii gara jireenya bara baraatti isingeessitu ishee kam akka taate in filattu. Waldaa seera mataa ishee qabdufilattanii, tarii seerri isheen qabdu sun immoo isa isin barbaaddan ta'uudanda'a. Yookiin, waldaan biraas seera mataa isaa qaba. Egaa sana booda Sagaleen Waaqayyoo jira filannoo dhaaf. Filannoogeggeessuu qabdu. Seera hin barreeffamintu filannoodhaaf nugidduu jira. Yeroo tokko Eliyaasi dha jedheen amana, gaara Qarmelositti ol ba'ee,yeroo guddaa bara ammaa kana isa ittiin wal morminu kanaa wajjin kan walfakkaatu keessa ture. Tarii anii fi isin akkuma inni gaara Qarmelos irrattifilate, har'a galgala filannoo geggeessina jedheen abdadha. Ifaan ifatti, ammaguutummaa addunyaatti adeemsifamaa jira jedheen yaada. Garuu yeroon isindhi'eenyatti filannoo geggeessitan fagoo miti dhi'oo dha.

Yaa namoota waldaa garee amantii garaa garaa irraa as jirtanii,isa kana amanaa, yeroon kun yeroo isin itti filannoo adeemsifanii dha. Yerooisin gara Waldaa tokkummaa addunyaatti deemtan, yookiin immoo yeroo isinmiseensa garee amantii kamiin iyyuu ta'uu irraa of qusattanii dha. Isa kanagochuuf deemaa jirtu, filannoon kun immoo fagoo miti dhi'oo dha. Hamma yeroo dhumaa sanatti wanta balaafamaatu jira, sababiin isaawanta isin raawwattanii irraa mixxiquu hin dandeenyetu jira. Yeroo tokko tokkoakka hin dabarreef in dhowwamtu, yeroodhowwamtanis diddanii karicha yoo tarkaanfattan, karaa sanaan mallattoon waankaa'ameef, karaa biraa bukkeedhaan dame itti baaftu.

Yaadadhaa, barri Iyobeeliyu yeroo ga'u, yeroo lubni keessa deemeemalakata hafuufutti garboonni hunduu birmaduu baafamu. Garuu isaan bilisummaaisaanii fudhachuudhaa yoo baatan, inni gara mana Qulqullummaatti isaan geesseelootii fokkisaa gurra isaatti kaa'ee garba ta'ee gooftaa isaa akka tajaajiluufmurtii dabarsa. Inni lootii sana gurra isaatti kaa'uun isaa dhag'uu isaamul'isuu bakka in bu'a. “Amantiin dhaga'uudhaan argama.” Inni Mlakata hafuufame dhaga'eera, garuudhaggeeffachuu hin barbaanne. Egaa yeroo baay'ee dhiirris dhalaanis dhugaa Sagalee Waaqayyoo indhaga'u, mu'inatti dhugummaan isaa kan mirkanaa'e ta'uu isaa in argu, garuuamma iyyuu isa dhaga'uu hin barbaadan. Sababa isaan dhi'eessan kan biraatujira. Gara dhugaa Wangeelaatti fuula isaanii deeffachuu irra, filannoo kanbiraa waan qabaniif gurri isaanii cuqqaalame. Lammata isa dhaga'uu hindanda'an. Isinan gorsa, Waaqayyo yeroo onnee keessanitti dubbatu, yeroo sanaisins akkuma sanatti hojjedhaa. Eliyaas waan gochuu qabaniif filannoo isaaniif kenne. “GooftichiIsraa'el Waaqayyo yoo ta'e, isa duukaa bu'aa! Yookiis Ba'aaltu Waaqayyo yoota'e, isa duukaa bu'aa” isaaniin jedhe.

Amma egaa, akkuma sila ganama keessa lixnee ilaalaa turretti,akkuma aduu fi uumama isaa ilaalaa turretti, wantootni uumamamaa hunduuwantoota hafuuraatti in fakkeeffamu. Inni egaa Macaafa Qulqulluu koo isajalqabaati. Kutaa Macaafa Qulqulluu fuula tokko utuun hin dubbisin dura, aniWaaqayyoonan beeke. Sbabiin isaa, Macaafni Qulqulluun uumamam bakka hundumaairratti barreeffamee kan jiruu fi Sagalee Waaqayyo wajjin hidhata kana qabuu dha;akkamitti uumamni du'anii, awwalamanii, du'aa akka ka'an; aduunis inbaati, dhuftee dabarti, in lixxi, induuti, ammas deebitee in kaati. Wantoonni nuyi uumama keessatti Waaqayyon biraqabnee ilaallu baay'eetu jira, ergaa kana keessatti waan baay'eetu jira.

Egaa, erga wanti Hafuuraa, yookiin... Wanti uumamma wan Hafuuraattiin fakkeeffama. Egaa, filannoon misirroo inni uumamaa, gosa filannoo misirrooisa kan hafuuraati Amma egaa, yeroo haadha manaa, yookiin abbaa manaa filannu waan ofeeggaanna barbaaduudha, kakuun keenya hamma du'aatti nuu wajjin jiraata waanta'eef. Innis akkamitti kakuu sana eeguu akka qabnudha. Waadaa sana fuulaWaaqayyoo duratti yoo galtan du'a qofaatu gargar isin baasa. Kanaaf akkanyaadutti isa kana gochuu qabna. Namni yaada sirrii qabu, namni jireenya isaafuul duraa karoorsaa jiru, haadha manaa isaa of eeggannoo guddaadhaan filachuuqaba. Waan gochaa jirtu irratti of eeggadhu. Akkasumas durbi abbaa manaafilattu, yookiin gaaffii abbaa manummaa keessummeessuuf deemtu, keessumaa baraammaa kana waan gochaa jirtu irratti of haa eeggattu. Inni dhiiraa utuu haadhamanaa hin filatin dura itti yaadee haa kadhatu.

Akkan yaadutti, yeroo ammaa dhimmi wal hiikuu baay'achaa jira,nuyi Amerikaan wanti nuyi ittiin addunyaa dursaa jirru dhimma wal hiikuuti.Nuyi addunyaa hundaa dursaa jirra. Lammii, biyya biyya Kristaanaati jedhanteeyaadamtu kana keessatti wal hiikuu haadha manaa fi abbaa manaa biyya hundumaacaalaatu keessatti raawwata. Wanti nuyi itti ceepha'amnu maali, murtii walhiikuu keenyaati! Akkan yaadutti isakanaaf sababa kan ta'e, sababii warri dhiiraa fuula Waaqayyoo duraa deemaniif,akkasumas warri dubartootaas fuula Waaqayyoo duraa deemanii fidha. Egaa, inni dhiiraa irratti kadhachuu, yookiin isheen durbaairratti kadhachuu akka qabdu in argina; ija ishee isa babbareedaa ilaaluu mit,yookiin maashaa irree jabaa qabaachuu isaa, yookiin waan biraa miti, yookiinwaan biyya lafaa kanaa ilaaluu miti; garuu dursaatii gara Waaqayyoo ilaalaatii,“Yaa Waaqayyo, inni kun karoora keetii?” jedhaa.

-----
Egaa yeroo fuudhuuf jennu, yeroo heerumuuf jennu, yeroo haadha manaafilannu, yeroo abbaa manaa filannu utuu qorannee, utuu irratti qo'annee!Guutummaa jireenya isaa miidhuu waan danda'uuf, inni dhiiraa dursee gadifageenyaan irratti kadhachuu qaba. Yaadadhaa, kakuun geggeeffamu, “Hammadu'aatti wajjin jiraanna” kan jedhudha, kanaaf filannoo dogoggoraatiin guutummajireenya isaa abaaraa jiraata. Garuu akka filannoo dogoggoraa adeemsisaa jirubeekee, dubartii isaaf hin gitne yoo fuudhe, maal na dhibdeen yoo itti gale,sana booda kufuu isaati. Dubartiin tokko dhiirri tokko akka ishee hin gitnebeektee, maal na dhibdeedhaan yoo ofitti fuute, erga waan gaarii fi gadhee addabaasuu dandeessee, kun kufaatii isheeti. Kanaafuu, hamma gadi fageenyaanirratti hin kadhatanitti waan akkasii hin godhinaa.

Waanuma wal fakkaataatu Waldaa irrattis hojjeta. Egaa, Waldaakeessatti feelooshiippii gochuu barbaaddan irrattis dursitanii kadhachuu qabdu.Yaadadhaa, Waldaan hafuura baatti. Amma egaa, ani yaadchisaa ta'uu hin barbaadu. Garuu akkanhubadhuttu, ani dulloomaa kanan ta'ee fi guyyaa tokko biyya lafaa kana gadidhiisee akkan deemudha. Waanan galgala kana dubbadhus ta'e waanan yeroo kamiiniyyuu dubbadhuuf guyyaa tokko itti gaafatamuufan jira. Ani egaa, kanaafuuqabdii du'aa fi firdiitu na eeggata. Garuu, waldaa dhaqaatii, yoo amala Waldaa sanaa baruu barbaaddan,callisaatii yeroodhaaf Paasterii waldaa sanaa ilaalaa, yeroo baay'ee hojiinWaldaa sanaa hojii Paasterii ishee wajjin wal fakkaata waan ta'eef. Yeroo tokkotokko yoo hafuura walii walii keenyaa bakka Hafuura Qulquulluutti qabaachuudhaabaanne na ajaa'iba. Iddoo Paasteriin waldaa sanaa sirriitti ciminaa fi jabinaangeggeessuuti, amantoota cimoo fi dhimmoo in argitu. Waldaa Paasteriin dhaabateemataa namaa asii fi achi urgufutti yoon isin geesse, ilaalaa, amantootniswaanuma inni godhe godhu. Paasterii waan hundumaa liqimsu immoo fudhadhaa,yeroo baay'ee Waldaanis akkuma isaa gooti. Kanaaf, yoon Waldaan filadha ta'e,waldaa ishee mudaa hin qabne, ishee guutuu Wangeelaa, walgaa macaafa Qulqulluu,ishee isheen bor maatii koo keessatti horadhun filadha. Isheen filadha.

-----
Ammas, gosti dubartii dhiirri tokko filatuu, fedhii fi amala isaacalaqqisiisa. Yoo dhiirri tokko dubartii sirrii hin ta'in filate, kun amalaisaa calaqqisiisa. Wanti inni itti of hidhu, dhugaadhumatti waan isa keessajiru dha. Dubartiin waan dhiira keessa jiru calaqqisiifti yeroo inni haadhamanaa godhachuuf ishee filatu. Inni waan keesa yaada isaa jiru agarsiisa. Waaninni bakkeedhaan haasa'u dhiisaatii waan iin fuudhu ilaalaa. Biiroo nama ta'ee dhaqeen, akka Kristaana ta'e natti hime; keenyanisaa suuraa nama qullaatiin kan faayamee fi muziqaa sirba ammayya'aa kanaan kanmachaa'eedha. Waan inni jedhuttii an dhimma hin qabu. An dhuga'a ba'umsa isaa hin amanu, sababiinisaa, hafuurri isaa waan biyya lafaa irraa soorataa jira waan ta'eef. DurbaQu'aarii keessaa yoo fuudhe, giiftii bareedinaa yoo fuudhe, yookiin durbabareedduu, durba ammayyooftuu kana yoo fuudhe maal jettu? Isaan kun hunduu isacalaqqisiisu. Inni kun waan sammuu isaa keessa jiruu fi waan manni isaa garafuulduraatti ta'uuf jirtu agarsiisa, sababiin isaa, inni ishee fuudhee ijoolleeirraa hirachuuf waan ta'eefi. Maaliin yoo taate iyyuu akkuma amala isheesanatti ijoollee isaaf in guddifti. Kanaaf, waan sammuu namichaa keessaa jirucalaqqisiisa. Namni dubartii akka sanatii fuudhu waan gara fuulduraatti yaadaisaa keessa jiru agarsiisa. Kristaanni waan akkasii gochuu danda'a jettanii yaadduu? Lakki,obboo. Ani kana hin yaadu. Kristaanni dhugaan durba Kuwaarii, giiftiibareedinaa, giiftii miidhaginaa ta'uu ishee hin ilaalu. Inni amalaKristaanummaa ishee ilaala.

Egaa amma, yeroo muraasaaf gara isa kan Hafuuraatti deebifneeilaaluu yaalla. Egaa yoo waldaa tokko biyya lafaa keessatti argitan, ishee akkabiyya lafaatti jiraattu, ishee biyya laatti hirkattu, ishee biyya lafaa keessaahirmaattu, ishee abboommii Waaqayyoo akka waan inni hin barreessineetti fudhattuyoo argitan, Kristoos Misirroo ishee akkasii gara ofii isaatti fudhata jettaniiyaadduu? Lakki yaa Gooftaa koo. Ani hin... An konkumaa isa kana jechuu hindanda'u. Lakki. Yaadadhaa, egaa haati manaa fi abbaan manaa tokko. Nama akkasiiwajjin hidhata ta'uuf deemtuu? Yoo akkas gootan, amantiin isin irraa qabu namamsiiftaniittu.

Egaa, yoos Waaqayyo akkamittin hidhata warra akkasii of godha, ejjituu garee amatii hin jijjjiiramnee? Hidhata warra akkasii in ta'a jettaniiyaaddu, “Humna sana morman iyyuu nama Waaqayyoo ta'uudhaan” jettanii? Inniraawwatee isa kana hin godhu. Isheen amala isaa of keessaa qabaachuun dirqama. Isheen dhugaan, isheen mudaa hin qabne, Waldaan isheen lammata dhalatte amalaKristoos qabaachuu qabdi, sababiin isaa, abbaan manaa fi haati manaa tokko. Kanaaf erga Yesuus waan Waaqayyoon gammachiisu qofa hojjetee, erga inni sagaleeisaa mul'ina sagalee isaa ta'ee, Misirroon isaas amaluma isa fakkaatu qabaachuuqabdi. Isheen gama kamiin iyyuu garee amantii ta'uu hin qabdu. Sababiin isaa,hammam akka isa isin, “Lakki” jechuu barbaaddanii tutu hin ta'in, isheenboordii bakka biraa jiruun kan hoogganamtuu fi waan isheen gochuu qabduu, waanisheen gochuu hin qabnes, garuu dhugaa sagaleeWaaqayyoo irraa maayilii miliyoonaankan irraa fagaatu kan isheetti himu booydicha waan ta'eef.

Geeggeessaa isa bara hundumaaf Waaqayyo Waldaa akka geggeessuufnuuf kenne dhiifnee yoo deemne, inni kun waan baay'ee gadhee ta'ee dha. Inniwarra Presbayiterii raawwatee hin ergine, inni raawwatee Ilaaltuu waldaaKristaanaa, luba lubootaa, luboota, phaaphaasii hin ergine. Inni Waldaadhaaf,Waldaa akka geggeessuuf Hafuura Qulqulluu erge. “Inni, Hafuurri Qulqulluunyummuu dhufu, gara dhugaa hundumaatti isin in geggeessa, waanan isinitti himu kanahundumaa inni isiniif in ibsa, waan kana hundumaa, waan dhufuuf jirus inni isinin hubachiisa.” Hafuurri Qulqulluun isa kana gochaa ture. Amma egaa Waldaanammayyooftuun isa kana in jibbiti. Isaan isa hin jaallatan, kanaaf akkamittiisheen Misirroo Kristoos ta'uu dandeessi? Namoonni bara har'aa garee amantiiammayyoofte filachaa jiru. Inni kun maal mu'isa, inni kun hubannoosagalichaatiinf hiyyeessa ta'uu isaanii calaqqisiisa. Isin madeessuuf hin dubbanne, sirriitti gadi fageessitanii akkailaaltaniifan jedhe malee.

Dubbisaa macaafa...
Misirroo Filachuu.


Malkiisedeq kun eenyu?

English Newsletter Site.

Macaafa Mul'ataa.

 
 

Waaqayyo fi Beekumsa. Index.
Tulluu Siinaa.

Sagalichi Jireenyaatti.
Kristos Sagalee Isaa
Keessatti Mul’ifama.

Wangeela.
Kristos cubbuu
keenyaaf du’eera.

Cuuphamaa.

 
 

Duumessoota waaqaa.

Utubaan ibiddaa.

Olbutamuu.

 

Mul’aticha
Yesuus Kiristoosi.

Bara dhumaa series.
Gaa’elaa fi
Gaa’ela Diiguu.

Dubartii Jeezebeel
Jedhamtu sana.

Mul'aticha Phaaximoos.

Daddarbaa Addaamii.
Firrii mukaa hin turre.
Sanyicha Bofaa.

Archaeology.
Sodoomii fi Gomoraa.

Bara Waldaa
Laa'odiiqeyaa.

Kiristoos waldaa ala
jira.

  Macaafa Qulqulluu jedha...

Ani har'a jireenyaa fi du'a, eebbaa fi abaarsa isin dura akkan kaa'ee, waaqaa fi lafa waamee isin irratti dhugaa nan baasisa; kanaaf isin, ijoolleen keessanis akka jiraattaniif jireenya fo'adhaa!

Seera Keessa Deebii 30:19


Click on an image to download PDFs or fullsize picture.


Acts of the Prophet

(PDF English)

Gaa’elaa Fi Gaa’ela
Diiguu.
(PDF)

William Branham
Life Story.

(PDF English)

How the Angel came
to me.
(PDF English)

As the Eagle
Stireth her nest.

(PDF English)

Chapter 14
- Sabino Canyon

(PDF English)


Message Hub...Choose your Language and download Free Messages from Brother Branham