Qodaa Bishaanii Isa Urataa.
<< kan duraa
kan itti aanu >>
Burqaa bishaan jiraataa.
William Branham.Akkaawuntii guutuu dubbisaa...
Qodaa Bishaanii Isa Urataa.Halkan kana mata duree “Qodaa Bishaanii isa urataa” jedhu irrattin yeroo gabaabaa fudhee dubbachuu barbaada. Israa'el Jal'ina gurguddaa lama hojjatee ture. Ana Buraqaa bishaan jireenyaa isa ta'e dhiisee, boolla kuusaa bishaanii isa urataa bishaan baachuu hin dandeenye qotate jedhee dubbate Waaqayyo. Amma, sun waan.... Sababni ani mata duree kana filadheefis, waanan ganama kana dubbachaa ture, waa'ee yeroo nuyi amma keessa jiraachaa jirruu fi kaayyoo nuyi qabsaa'aa jirruu wajjin wal faana deema waan ta'eefi.
Israa'el akka fakkeenyaatti yoo ilaallu, wanti Waaqayyo ture yeroo hundumaatti dhaabbataa ta'ee itti fufa. Wanti Waaqayyo ulfina kenneefii beeku waan tokko qofaatu jira; innis karaan isaa isa Inni saba Isaatiif kennee turedha. Karaa sana irraa yeroo maqanittis Waaqayyo ulfina dhabe, waan Waaqayyo isaanitti hime irraa fagaachuu isaaniitiinis Waaqayyo saba sana in dhiphise. Waan fedhe yoo ta'e illee. Inni seera iyyuu isaaniif kenneera: “Hin tuqin, harkaan hin qabin, afaaniin hin qabin,” jedhee— sun sababii jal'ina ta'eef osoo hin taane, waan Inni godhi jedhe gochuu dhiisuun jal'ina waan ta'eefi. Kun waanuma jiru— yeroo hundumaa adabbiin seeraa hin jiru taanaan, seerri jiraachuu hin danda'u, sababiin isaas yoo adabbiin seera yoo hin jirre, seerri maal bu'aa qaba— yoo adabbii qabaate malee, seerri seera hin ta'u.
Amma, wanti isaan guyyaa sanatti hojjetan waan nuti har'a hojjennu, waan namoonni waldaa har'a hojjechaa jiranii wajjin wal fakkaata. Amma, asitti waan ajaa'ibaa tokko argina. Namoota tokko tokkoof “Ati... isaan qodaa bishaanii isa urataa, boolla bishaanii isa bishaan hin qabanne qotataniiru” yeroo jedhu ajaa'iba itti ta'uu danda'a. Amma, tarii gariin keessan bboolli kuusaa bishaanii (cistern) maal akka ta'e hin beektan ta'a. Mee nama meeqatu boolli kuusaa bishaanii maal akka ta'e beeka? Tole, irra caalaa keessan ni beektu. Yoo bakka qonni itti adeemsifamutti guddattan yoo ta'e, boolli bishaan itti kuufamu maal akka ta'e ni beektu. Kuufamni bishaanii maal akka ta'e baruuf jedheen gaaf tokko ilbiisota baay'ee wajjin akkan dhuge nan yaadadha. Biyya akkasiitti keessatti lallabameera— boolla bishaanii guddaa qotanii boolla godoo citaa wayii irratti ijaaranii, bishaan roobaa keessaatti kuusan deemee beeka, isinis ni beektu, citaa iarratti ijaaramu sana irraas halkan halkan ilbiisonni gara bishaanichaatti seenu.... Kanaafis, bishaan boolla bishaanii keessatti kuufame maal akka ta'e nan beeka.
Boolli kuusaa bishaanii (a cistren) iddoo bakka eela bishaanii bu'ee akka nama gargaaruuf lafa bishaan itti kuusuuf qotamu dha. Namoonni eela yookiis biirii yookiis birkaa hin qabne, boolla qotanii bishaan itti kuufatu (keessumaa namoonni iddoo roobni ga'aan hin jirre jiraatan). Kana jechuun, boolla bishaanii (cistern) jechuun haroo nam-tolchee ykn boolla kuusaa bishaanii namn-tolchee namoonni qotanii itti fayyadamani dha. Gariin isaanii bishaan dhiqataaf, gariin immoo bishaan dhugaatiif itti fayyadamu, tarii waan biraatiifis ta'uu mala. Yeroo dhi'oon dura bishaan nuyi argachaa turre hundinuu kuusaa boolla bishaanii keessaa ture. Bishaan boolla bishaanii keessaa waraabuun dura waan xuraa'aa bishaanicharra jiru irraa haxoofnee, haxoofnee, haxoofnee sana booda baaldiidhaan gama qulqulluu waraabna turre.
Tole, kuusaan boolla bishaanii eela bishaanii irraa waan inni ittiin adda ta'e tokko hubanna. Egaa amma, boolli bishaanii ni goga. Boolla bishaanii ofiin bishaan ofitti guutuu hin danda'u. Inni waan amanatan miti. Boolla bishaanii amantanii itti hin hirkattan. Inni rooba gannaa ykn arfaasaa roobu irratti hirkatee jiraata.... Yeroo baay'ee waqtii gannaa yeroo roobni ga'aan roobutti lolaan gara boolla bishaanii sanatti lola'a. Yoo bishaan sun jiraate malee duwwaa ta'ee hafa jechuu dha. Hundi... kanaa achii guutummaatti ni goga. Ofiin ofitti guutuus hin danda'u. Boolla bishaanii durii ofiif of guutuu hin danda'u; bishaan roobaatiin guutama.
-----
Guyyoota muraasa booda bishanichi ni kuufama. Bishaan sun boolla bishaanii keessa dib jedhee ciisa, ni kuufama, akkasumas fattee, loccuu, fi bofaan guutama, nuyi dura wanoota kanaan “wiggletails” jenna, uumama xixiqqoo wayii ti... beekuu fi dhiisuu keessan... hin beeku. Ilbiisotas miti, isaan.... Maal jettanii akka waamtan ani hin beeku, garuu wantota xixiqqoo bishaan keessa jiraatabiin nuyi dur 'wiggletails' ittiin jenna. Maal jechuu akkan barbaade ni beektu. Mee waa'ee waanan dubbachaa jiruu nama meeqatu beeka? Oh, why sure, isin warri biyya kanaa hundi ni beektu. Inni gara guutummaatti kuufamuutti seena, sana booda warri wanta walitti kuufame jaallatan gara isaa dhufu. Dhugumatti garas ni dhufu, sababni isaas corroqa kufame ta'eera waan ta'eef. Egaa inni waan walitti kuufameef bineensa xuraa'aa walitti kiifame jaallatu ofitti harkisa.Sun waan baay'eedhaan waldoota keenya bara har'aa wajjin wal fakkaata. Ani akkan yaadutti nuyi dhiifneerra.... Cubbuu guddaa har'a waldaan kiristaanaa har'a hojjette keessaa tokko isuma Israa'el yeroo sana hojjetedha, isheen Isa, burqaa bishaan jiraataa isa ta'e dhiistee boolla bishaanii isa namtolchee ofii isheetii qotatte. Kanaafis iddoo jireenya lubbu qabeeyyii bishaan akkasii jaallatanii taate. Raachiif fatteen, loccuun fi jarmiiwwan xuraa'oon gosa hundaas ishee keessa jiraatu, sababiin isaas isheen taankerii namntolchee waan ta'eef; taankericha keessas wantootni kun ni jiraatu. Inni fakkeenya guutuu dhaabbilee amantii keenyaa har'aa ti.
“Amma,” jettu isin, “Obboleessa keenya Biraanhaam, maaliif namoota sana akkasitti haleeltaa?” jettu. Haleelamuu qabu. Isin ishee keessaa baqadhaa, sababiin isaas dhumarratti mallattoo bineensichaa hundeessiti waan ta'eef. Yaadadhaa, sun dhugaa dha! Mallattoon bineensichaa ni hundaa'a; dhaabbanni amantii kallattiidhaan gara sanatti nama oofuuf jira. Humnaan dirqisiisee gara sanatti nama oofuuf ammuma iyyuu karaa qabatee deemaa....
Ilaalaa, impaayera Roomaa durii keessatti wanti kallattiidhaan gara mallattoo gantummaa fudhachuutti isaan geesse isuma kana dha. Namni kamiyyuu mallattoo bineensichaa malee bituus gurguruus akka hin dandeenye hubadhaa. Namni sana qabaachuun dirqama ta'a.
-----
Sirna ykn boolla bishaanii namni tolcheef boolla artesian dhiisuun, namni tokko akkas akka godhu tilmaamuun ni danda'amaa? Haala sammuu nama boolla artesian haaraa irratti dhuguu danda'u, fi sanas boolla bishaanii namni tolche kan hantuuta, fi saroonni, fi wiggletails, fi waan hundumaa isa keessa jiruuf dhiisu tilmaamuun ni danda'amaa? Sirrii ta'uu illee waan hubatamu hin fakkaatu, garuu sirritti waan ummanni hojjete kana qofa. Isaan Dubbicha, burqaa dhugaa madda Waaqayyoo fi humna boolla bishaanii keessaa dhuganii boolla bishaanii of tolchuuf dhiisaniiru. Akkuma yeroo sanaa godhan ammas raawwataniiru. Jedhan.... Innis “Asitti na dhiisanii deeman” jedheen. Inni asitti Ermiyaas 2 fi 14 irratti dubbateera— ykn 13 irra caalaa. Innis “Isaan burqaa bishaan jiraataa na dhiisaniiru” jedhe.Amma, boolli bishaanii maal akka ta'e ni ilaalla. Waan inni of keessatti qabatus ni ilaalla. Akkamitti akka hojjetamus ni ilaalla. Inni waan namtolchee bantii manaa xuraa'aa irraa bishaan roobaa kana kuusu dha. Bokkaan roobu bantii manaa xuraa'aa irra bu'ee, bantii manaa sanas dhiqee karaa bo'oo namtolcheetiin, karaa tuubboo namtolcheetiin, gara taankerii namtolcheetti gadi yaa'a. Wanti xuraa'aan hundis achitti walitti qabama, jarmii, fattee, raachaa fi wanti lafarra munuuqu hunduu achitti walitti qabama. Hubadhaas, isaan lubbu qabeeyyii xuraa'oo dha, 'wiggletails' dha, balfamoo dha. 'Wiggletail'n bishaan qulqulluu keessa jiraachuu hin danda'u. bishaan qulqulluun isa ajjeesa. Inni balfa keessa jiraata.
Haaalli maxxantoota (parasites) bara har'aas baay'een akkasuma. Isaan bishaan qulqulluu Hafuura Qulqulluu keessa jiraachuu hin danda'an. Kanaafidha sababni isaan akka malee cimsanii Dubbicha mormaniif, inni walitti bu'a, wal faallessa jedhu; homaa waan wal faallessu hin qabu. Sababni isaas akka daakuuf isaaniif tolutti bishaan kuufamaa wayii qabaachuu waan qabaniifi. Sirriidha. Raachi, fatteen, taadipoolii fi kanneen kaanis akkuma warra kanaa ti. Isaan jiraachuuf lafa caffaa'aa ykn corroqa kuufamaa naanna'uu qabu, achi keessa jiraachuun haaluma uumama isaanii waan ta'eef. Bineensa tokko hanga uumama isaa jijjiirtanitti isa jijjiiruu hin dandeessan. Akkuma kanatti nama tokkos hanga uumamni isaa jijjiiramutti Sagalee Waaqayyoo hubachiisuu hin dandeessan. Uumamni nama sanaa isa inni duraan ture irraa gara ilma Waaqayyoo ta'uutti yummuu jijjiiramu, Hafuurri Qulqulluun isatti olseena.... Hafuura Qulqulluutu Dubbii Waaqayyoo barreesse.
-----
Komiin Isaas, “Ana, Sagalicha dhiisanii, bakka isaa boolla bishaanii isa urataa fudhataniiru. Fudhataniiru.... Ana isa burqaa bishaan jireenyaa ta'e dhiisanii, ana burqaa bishaan jireenyaa dhiisanii, bishaan boolla keessatti kuufame keessaa dhuguu hawwu, isa dhuguus filatu” kan jedhu ture. Kana yaaddaniittuu? Nama kunoo eela bishaan gaarii kan bishaan taliila dhagaa keessaa ol burqisiisu, bishaan diilallaa'aa lafa jalaa ol burqu of biratti dhiisee, bishaan roobaa xuri manarraa, citaa godoo fi waaan naannoo sanaa jiran hunda irraa, dallaa horii itti galtu irraa, mana horiin keessaa nyaattu irraa dhiqee gara boolla bishaan kuusuuttu yaa'u keessaa waraabee dhuguu barbaadu nama akkamiiti jettanii yaaddu? Bishaan eelaa keessaa dhugaa ture of biratti dhiisee namni bishaan xuraa'aa, bishaan bokkaa kuufame dhuguuf boolla bishaanii barbaacha deemu nama nagaa isinitti fakkaataa? Sammuun namichaatu rakkoo wayii qaba. Sirriidha.Akkasumas dhiirri yookaan dubartiin tokko damee waldaa amantii tokkoo yummuu fudhatanitti, inni rifeensa mataa akka muratan, uffata gabaabaa akka uffatan, meeshaa miidhaginaan akka of kuulan, wantoota gosa biroo kana hundumaas akka godhatan, sagantaa gaggabaabaa wayii akka qabaatan, kana hundumaa gochuus akka itti fufan, galma tiyaatiraa deemanii waan hin taane hundumaa akka ilaalan ni eyyamaaf, isaan isa duraan yeroo Dubbii Waaqayyoo isa dubartoota bocee qarees giiftii isaan taasisu bira turan caalaa isa kana ho'ifatu... isa duraan akka ta'utti uffatanii akka ta'utti jiraatan dhiisanii, sigaaraa xuuxuu, sobaan kakachuu, nama abaaruu, sobuu, hatuu fi waan biyya lafaa hundumaa hojjechuun gammachuu guutuu argachuudha jettanii yaadduu? Dhiirri yookiin dubatiin tokko gammachuun argadha jedhee attamitti iddoo akkasii dhaqa? Sana keessaa gammac attamii argachuu dandeessu?
-----
Namoonni bara dhumaa kanaas Isa, Sagalee dhugaa isa ta'e, bishaan jireenyaa isa ta'e dhiisanii, boolla damee waldaa amantii ofii isaanii bocataniiru. Ammas, qotanii, qotanii.... Egaa ammas, boolla bishaanii isa urataa akka qaban argina. Boolli bishaanii kunis jarmii hin amanneen, warra hin amanneedhaan, warra of tuuloodhaan, sagantaalee barnootaa fi kkfn kan guutame yoo ta'u, kunis abdii Waaqayyoo abdachiise kan faallessudha. Isaan warra Dubbii Waaqayyoo mamanidha.-----
Amma, dhuma irratti kana jechuun barbaada: Wanti kana irraa adda ta'e kamiyyuu gaanii bishaanii urataa ti, dhumarrattis waan isin itti guuttan of keessaa yaasa. Yoo abdii keessan hundumaa, yeroo keessan hundumaa, waan hundumaas boollawwan kuusaa bishaanii kanneen keessaa tokko keessa kaa'aa jirtu ta'e.... isaan qodaa bishaanii uratoodha jedheera Yesuus. Isaan uratoodha jedhe Waaqayyo, isaan waan isin itti naqxan hundumaa of keessaa yaasu. Isaanii wajjin fagoo deemuu hin dandeessa, sababni isaas ni dhangala'u. Karaan gara dhugaatti, gara jireenyaatti, gara gammachuu bara baraa fi nagaa bara baraatti geessu Isa tokkicha waan ta'eef. Inni tokkicha karaan isatti geessus tokkicha.Oo, maaloo! Burqaa jireenyaa waraabamee hin dhumne Yesuus Kiristoos dha. Maalif? Inni eenyudhas? Inni Sagaledha, isuma sana; Sagaleedha, jireenya, burqaadha, kaleessa, har'as, bara baraanis isuma sana. Amanaa dhugaa nama ta'eef, gammachuun isaa inni ol aanaan, jireenyi isaa inni ol aanaan, itti quufinsi isaa inni ol aanaanis Kiristoos keessa jira. 'Pump' gochuu miti, harkisuu miti, itti makamuu miti, wabii dhi'eeffachuu miti, amananii boqochuu qofa. Inni warra amananiif akkasi.
Akkaawuntii guutuu dubbisaa...
Qodaa Bishaanii Isa Urataa.