Iddoo tokkicha Waaqayyoon waaqessuuf qophaa’e.

<< prev

next >>

  Sagalichi Jireenyaatti.

‘Deuteronomy’ - Seerota lama.


William Branham.

Dubbisaa macaafa...
Iddoo tokkicha Waaqayyoon waaqessuuf qophaa’e.

Seera Keessa Deebii 16:2-4,
2 Iddoo Waaqayyo maqaan isaa akka itti waamamuuf fo'atu sanatti, ati bushaayee keessaa yookiis saawwan keessaa aarsaa Faasikaa Waaqayyo Gooftaa keetiif dhi'eessi!
3 Isaan buddeena bukaa'aa wajjin hin nyaatin! Ati ariitiidhaan biyya Gibxii keessaa waan baateef, guutummaa bara jireenya keettis guyyaa itti biyya Gibxii keessaa baate sana akka yaadattuuf guyyaa torba maxinoo wajjin nyaadhu! Innis buddeena rakkinaa ti.
4 Guyyoota torban sana raacitiin tokko illee guutummaa biyya keetii keessatti hin argamin! Foon ati guyyaa duraa galgala aarsaa dhi'eessite irraas guutummaa halkan sanaa irraa hafee hamma ganamaatti hin turin!

Jechi 'Deuteronomy' jedhu, Seerri Keessa Deebii, hiikkaan isaa “seerota lama” jedhuu dha. Waaqayyo seerota lama qaba. Seeronni lamaanis: Seerri inni tokko Sagalichaaaf abboomamuu didanii du'uu yoo ta'u, seerri inni lammataa immoo Sagalichaaf abboomamnii jiraachuu dha. Isaan kun seera lamaan yummuu ta'an, Seera Keessa Deebii, yookiin 'Deuteronomy' jechuun seerota lamaan kana jechuu dha. Lamaan isaanii dhugaadhumatti Caaffata keessatti agarsiifamanii jiru. Inni tokko du'a, inni kaan immoo Jireenya; Jireenyaa fi du'a. Waaqayyo Jireenya keessa duwwaatti hojjeta, Seexanni immoo du'a keessa duwwaatti hojjeta. Isaan kun biyya lafaatti fuula nama hundumaa duratti, akka iji nama hundumaa arguu danda'utti mul'ifamaniiru, kaniifis dhiifamni nuuf godhamu hin jiru. Inni tokko yeroo seerri kenname Tulluu Siinaa irratti agarsiifame, innis guutummaa dhala namaa du'aan adabe; inni kan biraan immoo Tulluu Qaraaniyoo irratti kenname, inni kun immoo guutummaa dhala namaa gara Jireenyaatti fide, kunis yeroo gatiin adabbii dhala namaa Yesus Kristosiin kaffalametti. Seeronni lamaan Seera Keessa Deebii, 'Deuteronomy', wantoota gurguddoo kana lamaaniin raawwatame.

Amma akka hubattanin barbaada, akkuma kana kakuun kennames lama ture. Kakuun inni tokko Addaamitti kan kenname ture, innis haala irratti kan hundaa'e ture, akka seeraa ti: “Kanatti hin buutu yoo ta'e, in jiraatta; kanatti yoo buute garuu, in duuta” kan jedhu ture. Innis seera ture. Sana booda seera kan biraatu Abrahaamiif kenname, inni kun haala irratti utuu hin hundaa'in, ayyaanaan kenname: “An siif sanyii sirraa dhalatan oolcheera (saved).” Ameen! Qaraaniyoon fakkeenya kakuu Addaam utuu hin ta'in, fakkeenya kakuu Abrahaamii ti. Garuu amma iddoon itti namni Isa argee sagaduuf iddoo tokko duwwaa dha jedhee utuu Inni dubbatuu dhageenyeerra. Isa kana amma reefuu barreeffama keessaa dubbifneerra. Daqiiqaa muraasa booda, kuticha deebinee in dubbifna.

Erga iddoon Waaqayyo itti nama quunnamu tokkicha ta'ee, utuu baay'isnee of eeggannee nuuf wayya. Mee amma ganama kana Barumsa Mucoolii kana keessatti aadaa barsiifataa keenya moggaatti dhiifnee, iddoo tokkicha sana argachuuf haa dhamaanu. Sababiin isaa, Waaqayyo as irratti akkuma dubbate, iddoo kan biraa kamitti illee isin hin simatu. Waldaa kan biraa kam keessatti illee Inni isin hin simatu. Iddoon tokkichi Inni itti isin simatu Waldaa Isaa keessatti.

Amma, “Obboleessaa Branhaam, an yoo nama qulqullummaatti jiraatu ta'e hoo?” Lakki. Yaadadhaa, Yesus qulqullummaatti jiraatan tokkotti dubbate, isaan waaqessitoota bara Isaa keessa turani dha, Inni, “Isin akkasumaan na waaqessitu” isaaniin jedhe. Isaan amanamummaadhaan, dhugaatti keessa laphee isaanii irraa waaqessu turan. “Ana waaqessuun keessan akkasumaan, abboommii namaa akka seera Waaqayyootti barsiiftu,” yookiis seera damee amantii (denominational creed) akka seera Waaqayyootti barsiiftu isaaniin jedhe. Isaan namoota qulqulluu (sincere), akka seera amantiitti of qabanii warra jiraatan turan. Kun immoo waan haaraa Fariisota irratti argame miti. Qaayinii fi Abeel, waaqeffattoonni lamaan yeroo jalqabaatiif karaa uumamaa nama irraa dhalatanis, ilaalchu kana fakkaatu keessa darban.

Qaayin akkuma Abeel nama amantii ture. Lamaan isaanii iddoo aarsaa ijaaraniiru. Lamaan isaanii Waaqayyoon in jaallatu turan. Lamaan isaanii aarsaa dhi'eessaniiru. Lamaan isaanii waaqeffataniiru. Lamaan isaanii kurnoo kaffalaniiru. Isaan lachuu waanuma wal fakkaatu godhan. Abeel garuu amantiidhaan, kana jechuunis “mul'ataan,” Dubbii Waaqayyoo isatti mul'ate, lafa diriiraa ta'ee isatti mul'atee, aarsaan isaas fudhatama argate. Ulfaadhu! Qaayin kennaa dhi'eesse, Waaqayyi garuu isa hin simanne. Waaqayyo waaqeffamuu barbaade, Qaayin immoo kennaa dhi'eesse, Waaqayyo garuu isa hin kennicha hin fudhanne. Adeemsa karaa sirriitiin garuu...

Ati, “Bayeessa, waldaan koo Isa... koo...” jetta. Xiqqoo turi mee. Waaqayyo Dubbii Sagalee Isaa kan hiiku akkataa termoota (terms) Ofii Isaatii itti dubateen hiika. Hubadhaa, Qaayin, “An nama amantii qabu dha. An nama Uumaa isaa jaallatu dha. An iddoo aarsaa bareedaa kanan Siif ijaara ijaare. Aarsaa kanan Siif dhi'eessa. Yaa Gooftaa, wantoota kana hundumaa sababan Si jaalldhuufan ijaare” jedhe. Abeelis waanuma kana jedhe. Amma egaa kan abbaa ragaadhaan deegaramee mirakaneeffamee ti. Waaqayyo gadi bu'ee aarsaa Abeel dhi'eesse simate, sababiin isaa, inni mul'ataan daandii dhugaa Waaqayyo ittiin simachuu danda'u cabsee bira waan ga'eef.

Amma egaa hafuuri Qaayin baroota hundumaa keessa darbee hanga bara amma keessa jiraachaa jirruutti dhufuu isaa Caaffata Qulqullu'aa keessaa ilaalaa. Jabina qabaa? Eeyyee akkuma isa kaanii jabina kan qabu dha. Mee raajii Bala'aamii fi raajii Musee fudhaa ilaalaa. Lamaan isaanii iddoo aarsaa torba ijaaran, lamaan isaanii Yaahweef iddoo aarsaa ijaaran, lamaan isaanii dhiiga buusan; kana duwwaa miti, lamaan isaanii tuntunoo qopheessan. Gama lakkoofsaatiin yoo illee, dhugaadhumatti torba, “guutuu” dha, tuntunoo torba. Iddoon aarsaa lachuu sirriitti kan wal fakkaatan turan. Inni kaanis bu'uurama isa tokkootiin kan ijaarame dha. Garuu Waaqayyo kara isa kan eenyuu ilaale? Hubattanii? Hubattanii? Kan isa Dubbii Sagalee Isaa keessa jiruu ilaale. Bu'uura irraa ka'anii hojjechuun hagas mara gatii hin qabu; mul'ataa Waaqayyootiin hojjechuu dha malee.

Amma yaadaa mee! Namoota kanneen (Fariisota) Yesus isaan waamee, “Akkasumaan Na waaqessitu” isaaniin jechuudhaan haala keessa maaliif isaan galche? Isa in waaqessu: waaqeffannaa dhugaa, dhugaatti garaa isaanii irraa bu'anii Isa waaqessu. “Isin akkasumaan na waaqessitu.” Maaliif? “Seera muka abbaa keessanii isa walitti dabarsitan barsiisuudhaan Dubbii Waaqayyoo namoota biratti fudhatama dhabsiiftu.”

Utuun ergaa Metedidtii barsiisee isin irratti jijjiirama fidu hin qabu, yeroon kun yeroo Misirroo ti. Museen utuu ergaa Nohi barsiiseera ta'ee dhiibbaa uumu hin qabu ture. Yesus utuu ergaa Musee barsiiseera ta'ee jijjiirama fidu hin qabu ture. sababiin isaa, sanyiwwan durumaan yaada Waaqayyootiin qabamanii achitti facaafamanii jiran gosa bishaan isa sanyichaaf kennamee obaafamuu qabu waan ta'eefi. Hubattanii? Inni haala kan biraa kamuu hin guddisu. Dirqama kan isa guddiu haala inni keessa jiru dha.

----
Wanti dameen amantii godhu kana. Hubattanii? Waaqayyo hundeessaa damee amantii miti, sababiin isaa dameen amantii (denomination) n Baabiloni dha, Inni madda waliin dha'umsaa (confusion) miti. Ishee waan hundumaan...in argina. Kana hubachuuf nama barate ta'uun iyyuu isin irraa hin eegamu. Inni Baabiloon dha! Hubattanii? Seera muka abbootaa (Traditon) tti warra qabamanii jiraatan (yaadaa mee), isaan namoota qulqulluu garaa keessaa waa hin qabne (sincere) dha. Amma egaa, amma iyyuu, sababa isaan sanatti amananiif, amma iyyuu iddoo qulqulluun Waaqayyo itti argamu jiraachuu barbaachisa.

Amma mee lakkoofsa 2 qalbeeffadhaa, “Iddoo Ani fo'adhutti Na waaqessaa.” Aarsaan sun, eeyyee, iddoo aarsaa dhi'eessanitti waaqeffatu. “Iddoo Ani fo'adhutti; waan isin fo'attan miti, waan namni filatu miti. Waan An fo'adhu malee, iddoon fo'adhu sanatti Na waaqessaa.” Kun kan agarsiisu, iddoo tokkichi duwwaan jiraachuu isaa ti, kanneen biroon akkasumaani. Waan filannoo keessanii ta'uu hin qabu, filannoo Isaa ta'uu qaba malee.

“Ba'eessa, wadaa dhaquun narra hin jiraatu.” Yookiin, “Ati nama baay'ee sammuun dhiphaa dha! Maaliif jennaan, waa'ee lallabuu dubarootaa in aarta, waa'ee rifeensa mataa gaggabaabsachuu dubartootaa, waa'ee waan dhiirotaan wal qabataniif miira keessa galtee dubbatta. Maaliif jennaan, ati nama baay'ee sammuu dhiphaa dha!” Tole egaa, waa'ee kanaatii Dubbii Sagalee Waaqayyoo fudhachuu iyyuu isin hin barbaachisu, callisaatii bakkee iddoo isaan itti isa godhan dhaqaa. Hubattanii? Sana booda Caaffata Qulqulla'aa keessa jiraachuu isaa in argattu, innis, “Isaan akkasumaan Ana waaqessu” isa jedhu dha. Yesus waanuma tokkicha (same) dubbate. Hubattanii?

----
Mee bakka aarsaan sun akka kaa'amuuf Inni fo'ates, bakka aarsaan akka kaa'amuuf Inni fo'ates haa qalbeeffannu. Mandaroota siif kennaman kam keessatti iyyuu hin dhi'eessin; iddoo Waaqayyo Maqaan Isaa akka itti waamamuuf fo'atu sanatti garuu, aarsaa faasikaa dhi'eessi. Inni waan Inni addanatti dubbatu dha. Inni Maqaa Isaa isa keessa kaa'uuf fo'ate. Egaa amma iddoo kana Caaffatoota keessaa haa qorannu, iddochi iddoo Inni Maqaan Isaa akka itti waamamu godhe waan ta'eef.

Seera Keessa Deebii 16:2,
Iddoo Waaqayyo maqaan isaa akka itti waamamuuf fo'atu sanatti, ati bushaayee keessaa yookiis saawwan keessaa aarsaa Faasikaa Waaqayyo Gooftaa keetiif dhi'eessi!

Amma, qulqullummaa garaa keessanii, cubbuu himattan hundumaa iddoo aarsaa Metedidtiitti, iddoo aarsaa Baaptistiitti, iddoo aarsaa warra Phenxeqoostaaliitti geeffachuu hin dandeessan, garuu iddoo ta'e tokko iddoon aarsaa kan Inni fo'atee, Maqaa Isaa keessa kaa'e jira, Inni egaa iddoo sanatti isin arga. Egaa waan hundumaa sirriitti adeemsisuuf jettu yoo ta'e, inni adeemsifamuuf jira; wanti hunduu tooraan kaa'ama. Shiboon sun hanqina qaba utuu ta'ee, ifti sun hin dhufu ture; sababiin isaa lafa keessa awwaalamaa ture waan ta'eef. Sagalee Waaqayyoo keessaa tokko fudhattanii, yookiins iddoo Isaa keessaa tokko fudhattanii, garaa keessan keessatti kaayyoo ofittummaa yoo qabaattan, inni humna Waaqayyoo achumatti awwaala. Sababa nama gaarii ta'uu barbaaddaniif gootu yoo ta'e, nama kan biraa irraa adda ta'uuf, yookiin waan biraaf gootu yoo ta'e, inni achumatti awwaalameera, inni fiyuuzii gubee in xaaxessa. Karaa sirriirra hin jirtan. Yaada garaa cabaadhaan, garaa keessan guutuudhaan dhufuu qabdu. Kaayoo fi akeeka keessan sirriitti Waaqayyo irra kaa'aa. Sana booda iddoo Isaa barbaaddadhaa, iddoo Inni jedhe barbaadaatii achitti isa fidaa. Hubattanii?

Isaan buddeena bukaa'aa wajjin hin nyaatin!...
Sun aarsaa dhi'eessuu keessatti maalitti fakkeeffama? Sagalicha duwwaa malee, labsii seera waldaa (creed) wajjin walitti hin makin kan jedhu bakka' bu'a. “Buddeena bukaa'aa wajjin hin nyaatin.” Raacitiin... Raacitiin waan kam iyyuu keessatti maal akka ta'e in beektu. “Raacitii xinnoo tokkittiin guutummaa bukoo bukeessiti,” guutummaan bukoo Dhagnicha. Cittuu damee amantii yookiis cittuu labsii seera waldaa (Creed) Kristositti dabaluu hin dandeessan. Lakki, yaa obbo, inni kun hin hojjetu. Ergaa Kamisa darbe galgalaa in yaadattuu? Abbaan manaa keessan inni durii du'uu qaba. Sirrii dha. Abbaan manaa keessan inni haaraan Sagalicha.

...guyyaa torba maxinoo wajjin nyaadhu!...
“Guyyoota torban,” sun maal bakka bu'a? Guyyoonni torban, guutummaa Bara Waldootaa Torbanii ti. Maaliif guyyoota torba nyaatan? Maal dura? Biyya Gibxiitii ba'uun dura. Guutummaan bara waldaa, jalqabaa hanga dhumaatti, Sagalee Waaqayyoo kan bara sanaa duwwaarra jiraatan. Kanaafuu labsiin (creed) Roomaa, labsiin Metedistii, labsiin Baaptistii, fi labsiin Pheenxeqoostaalii hunduu du'eera.

----
Amma sirriitti qalbeeffadhaa.
...Innis buddeena rakkinaa ti.
Isaaf jedhanii ari'ataman; Luuter, Wesiliin, Pheenxeqoostaalonni; hunduu ari'atamaniiru, isinis akkasuma ari'atamuuf jirtu. ...Ati ariitiidhaan biyya Gibxii keessaa waan baateef, guutummaa bara jireenya keettis guyyaa itti biyya Gibxii keessaa baate sana akka yaadattuuf guyyaa torba maxinoo wajjin nyaadhu... Guyyoota torban sana raacitiin tokko illee guutummaa biyya keetii keessatti hin argamin...

Miidhagduttii Misirroo Kristos keessatti, Baroota Dukkanaa keessa impaayeraa Roomaatiin ajjeefamaa baate, du'uutu Ishee irra ture, “Akkuma sanyiin ija qamadii lafa keessatti du'ee awwaalamee biquluu.” Dhirsi Misrroo dhufuu qaba, Inni Boca Fakkaattii Waaqayyoo (Masterpiece of God) isa dhugaa ti. Kana irratti ergaa koo hundi keessanuu dhageessaniittu.

Addanatti kana qalbeeffadhaa. Inni akkas jedhe:
...guyyaa torba maxinoo wajjin nyaadhu!...
Egaa buddeenni waan bakka bu'u qaba. Yesus, “Namni buddeena duwwaadhaan hin jiraatu, Dubbii afaan Waaqayyoo keessaa ba'u hundumaan malee” jedhe. Akka isa dameen amantii keessan asii fi achii jecha tokko fudhatee itti amanuu miti. Sagaleen Waaqayyoo garuu guutuu (perfect) dha! Inni Waaqayyo bifa barreeffamaatiin jiru kan “Sanyii (seed)” jedhamu dha. Amantii sirrii kan makaa of keessaa hin qabne Sagalichaaf qabaachuun Sanyichi gara Jireenya isaatti in fida.

Inni kun dhibbaa dhibbatti wanta isin galgala galgala dhoksaa yaada garaa namaa beekuu, fi wantoota kanneen biroo hundumaa keessatti argitanii dha, inni abdii Waaqayyo abdachiise dha. Inni bukkee koo dhaabatee, “Fakkeessitoonni in ka'uu, ati garuu cimii dhaabadhu” jedhee natti dubbate. An Isa nan amana. Ilaalcha ofittummaa qabaadhee nama kamuu waraanuuf miti, Waaqayyoof amanamaa ta'ee wanti Inni hojjedhu naan jedhe hojjechuufan wantoota kanneen dubbadha. Waaqayyos deebisee isa mirkaneessuudhaan, kennaa fi aarsicha in simata, Dhugaa ta'uu isaa mul'inatti dhugaa ba'uudhaan in mirkaneessa. Gaaffiin Isaaf dhi'aatu hin jiru! Egaa amma Dubbii Sagalee sana ilaalaa!

Egaa amma, addanatti, “Guyyaa toraba,” haa qalbeeffannu; inni bara waldaa hundumaatiif kan dhaabbatu dha. Akkuma Siidaan Fakkaattii Dhugaa sun nu oolchuudhaaf du'uun Isarra ture, Waldaan Inni guyyaa Pheenxeqoosteetti toora qabsiise aarsaa keessa darbuutu ishee irraa eegama ture; addunyaan Roomaa ishee ajjeeftee lafa keessa awwaalte.

----
“Guyyaa torba maxinoo wajjin nyaadhu!”
Raajitiin Misirrottii gidduutti hin argamin, jechi itti hin dabalamin, wanti tokko illee. Yaadadhaa, jechi sagalee tokkittii du'a biyya lafaa keessaa hundumaaf sababa ta'e; ijoollee maatii seera gaa'elaan walitti hin hidhamin irraa dhalatan hundumaaf sabab kan taate Hewaani, waldaa ishee jalqabaa ti, misirroo Addaam ishee jalqabaa ti, isheen Dubbii Sagalee Waaqayyoo amanuu diduudhaan damee amantii fudhatte, yookiis immoo beekumsa biyya lafaa, yookiin iddoo Isaa mana barumsaa ofitti simatte; Sababiin isaa, “Dhuguman siin jedha, Waaqayyo Waaqayyoo gaarii dha” jedhamee sababeeffatame. Waaqayyo Waaqayyoo gaarii dha, garuu Inni akkasumas Waaqayyoo qajeelinaa ti. Dubbii Sagalee Isaa diqama eeguu qabna! Isheen mana barumsaa simatte. Iddoon isin ijoolleen seminarii kaan keessan mamii tokko malee jireenuya keessan keessatti waamicha qabdan jira, isin garuu diddanii doktiriinii kana akka isin waraananiif gara mana barumsaa Macaafa Qulqulluutti fiigdu, egaa iddoon isin itti duutan achi... Waaqayyoo fi Dubbii Sagalee Isaa bira turaa. Isaan isin hin waaman; yookiis mana sagadaa isaaniitti miseensa ta'uu iyyuu hin dandeessan, isaanuu gara waltajjii isaanitti isin hin afeeran. Kanaafis, mee isaan isa haa qabaatan, mee du'aan du'aa haa awwaalu, Nuyi immoo Kristos Sagalicha duukaa haa buunu.

Egaa amma, guyyaa torba guutuu raacitiin Misirrottiitti hin makamin, Waldattiitti guyyaa torbaaf raacitiin hin makamin. Amma qalbeeffadhaa. Amma... Guyyoota torban sana raacitiin tokko illee guutummaa biyya keetii keessatti hin argamin! Foon ati guyyaa duraa galgala aarsaa... (Addanatti aarsaan Misirrottii ishee Aarsaa Kristos booda dhuftu bakka bu'a) dhi'eessite irraas guutummaa halkan sanaa irraa hafee hamma ganamaatti...

----
...Foon ati guyyaa duraa galgala aarsaa dhi'eessite irraas guutummaa halkan sanaa irraa hafee hamma ganamaatti hin turin!
Egaa amma, Luuter nama Dhugaa of harkaa qabuu fi nama, “Namni qajeelaan amantiidhaan in jiraata” jedhee barsiise dha. Isin bara Metedidtii keessa isa kana doktiriinii guutuu taasiftanii itti hidhamuun isin hin barbaachisu. Maal gooturee? Ibiddaan isa gubaa. Kun maalitti fakkeeffama? Dameen amantii Sagalicha irraa foxxoqee hundeeffame hoffaa dha, cidiidhas waan ta'eef ibiddaan gubamuu qaba. Garri qaama damee amantii baroota keessa lufee dhufe itti fufee jiraachuu hin qabu, du'uu qaba. Amma barri biraa cabutti hin dhiisinaa, itti qabsiisaa gubaa! Inni amma Kunoo asitti Misirrootti dubbachaa jira, Misirrottiin baroota hundumaa keessa dabartee ol guddachaa jirti.

“Dhiigni hoolichaa” attam akka bareedu qalbeeffadhaa. Isaan kunneen Dhagna Kristosi, Aarsaan: dhiiga hoolaa balbala irratti dibamu dha. Amma, yaadadhaa, hoolaan qalame sun Kristos kan bakka bu'u ture.

Dubbisaa macaafa...
Iddoo tokkicha Waaqayyoon waaqessuuf qophaa’e.


Malkiisedeq kun eenyu?

English Newsletter Site.

Macaafa Mul'ataa.

 
 

Waaqayyo fi Beekumsa. Index.
Tulluu Siinaa.

Sagalichi Jireenyaatti.
Kristos Sagalee Isaa
Keessatti Mul’ifama.

Wangeela.
Kristos cubbuu
keenyaaf du’eera.

Cuuphamaa.

 
 

Duumessoota waaqaa.

Utubaan ibiddaa.

Olbutamuu.

 

Mul’aticha
Yesuus Kiristoosi.

Bara dhumaa series.
Gaa’elaa fi
Gaa’ela Diiguu.

Dubartii Jeezebeel
Jedhamtu sana.

Mul'aticha Phaaximoos.

Daddarbaa Addaamii.
Firrii mukaa hin turre.
Sanyicha Bofaa.

Archaeology.
Sodoomii fi Gomoraa.

Bara Waldaa
Laa'odiiqeyaa.

Kiristoos waldaa ala
jira.

  Macaafa Qulqulluu jedha...

Iddoo Waaqayyo maqaan isaa akka itti waamamuuf fo'atu sanatti, ati bushaayee keessaa yookiis saawwan keessaa aarsaa Faasikaa Waaqayyo Gooftaa keetiif dhi'eessi!

Seera Keessa Deebii 16:2


Click on an image to download PDFs or fullsize picture.


Acts of the Prophet

(PDF English)

Chapter 11
- The Cloud

(PDF English)
 

William Branham
Life Story.

(PDF English)

How the Angel came
to me.
(PDF English)

Waaqayyo Dubbii
Sagalee Isaa
kan hiiku
akkataa termoota
Ofii Isaatii itti
dubateen hiika.



Message Hub...Choose your Language and download Free Messages from Brother Branham