Bara Waldaa Laa'odiiqeyaa.


  Macaafa Mul'ataa.

“Ati 'Ani... jetta' jedhu”


William Branham.

Dubbisaa macaafa (PDF)...
Bara Waldaa Laa'odiiqeyaa.

Mul’ata 3:15-19,
15 Ani hojii kee beeka; hojii kee keessatti ati buluqaa yookiis diilallaa'aa miti; ati buluqaa yookiis diilallaa'aa utuu taatee in wayya ture!
16 Ati garuu Bu'aa'aa dha; diilallaa'aa yookiis buluqaa waan ati hin ta'iniif, akka nama bishaan bu'aa'aa afaan isaa keessaa tufuutti, anis si tufuufan jira.
17 “Atis, 'Ani sooressa, geessifadheera, wanti ana barbaachisus hin jiru' in jetta; ati garuu nama gadadamaa namni boo'uufiin ta'u, deegaa, jaamaa, qullaas ta'uu kee hin beektu.
18 Ani immoo akka sooromtuuf warqee qulqulluu ibiddaan ilaalame, qullaa taatee yeella'uun kee akka hin mul'anetti, uffata adii, arguu akka dandeessuuttis qoricha ijatti naqattu ana irraa akka bitattu sin gorsa.
19 Warran jaalladhu hundumaa balleessaa isaanii ittan mul'isa, barsiisuudhaafis nan adaba; ammas dhimmiitii yaada garaa kee geeddaradhu!

Kana akkuma walii wajjin dubbifnetti waa'ee bara kanaa ilaalchisee Hafuurri Qulqulluu waan gaarii tokko akka hin dubbanne ni hubattu jedheen abdadha. Inni himata lama qopheessee lamaan isaanii irrattis murtii Isaa dabarse.

(1) Mul'ata 3:15,16
15 Ani hojii kee beeka; hojii kee keessatti ati buluqaa yookiis diilallaa'aa miti; ati buluqaa yookiis diilallaa'aa utuu taatee in wayya ture!
16 Ati garuu Bu'aa'aa dha; diilallaa'aa yookiis buluqaa waan ati hin ta'iniif, akka nama bishaan bu'aa'aa afaan isaa keessaa tufuutti, anis si tufuufan jira.

Kana sirriitti ilaaluuf deemna. Gareen bara waldaa Laa'odiiqeyaa kun bu'aa'aadha jedha. Bu'aa'ummaan adabbii Waaqayyoo barbaada. Adabbichis isa isaan afaan Isaa keessaa tufamani dha. Iddoon kun iddoo nuti akka namoonni baay'een karaa irraa maqan gochuu hin barbaanne dha. Isaan gowwummaadhaan Waaqayyo afaan Isaa keessaa si tufuu danada'a jedhu kunis doktiriinii warra Waaqayyoof qulqullaa'anii keessa dhugummaan akkasii akka hin jirre mirkaneessa. Yaada keessan ammuma sirreessuun barbaada. Luqqisi kun nama dhuunfaaf hin kennamne. Inni waldaadhaaf kenname. Inni waldaa kiristaanaatti dubbachaa jira. Itti dabalees, Dubbicha yoo yaadaan qabdanii ilaalatan iddoon inni itti nuyi AFAAN Waaqayyoo keessa jirra jedhu akka hin jirre ni qalbeeffattu. Nuti barruu harka Isaa irra jirra. Nuti bobaa Isaatti baatamna. Dur dur bara barri lakkaa'amuu hin jalqabinitti nuyi sammuu Isaa keessa turre. Nuyi karra Isaa keessa kaloo Isaa keessas jirra malee gonkumaa afaan Isaa keessa hin jirru. Yoos afaan Gooftaa keessa maaltu jira ree? Afaan Isaa keessa Sagaleetu jira.

Maatewos 4:4,
4 Yesuus garuu deebisee, 'Caaffata Qulqulla'aa keessatti 'namni nyaata duwwaadhaan hin jiraatu, dubbii afaan Waaqayyoo keessaa ba'u hundumaan malee' kan jedhu caafameera' jedhe.
Dubbichi afaan keeenya keessas jiraachuutu malaaf. Amma waldaan kristaanaa dhagna Isaa akka taate ni beekna. Isheen iddoo Isaa buutee lafarra jirti. Afaan waldaa Kirstaanaa keessaa maaltu jiraata ree? DUBBII WAAQAYYOO TI.

1Phexros 4:11,
11 Inni dubbatu, isa Waaqayyo jedhe haa dubbatu.
2Phexros 1:21,
21 Raajii dubbachuun takkaa jaalala namaatiin hin taane; garuu namoonni hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii, wanta Waaqayyo biraa fudhatan dubbataniiru.
Egaa namoota bara dhumaa kana michii maaliitu isaan dha'eree? ISAAN DUBBII WAAQAYYOO IRRAA FAGAATANIIRU. ISAAN KANA BOODA WAA'EE ISAATIIF BULLUQOO MITI. ISAAN BU'AA'OO DHA. Amma waa'ee kanaa isiniif nan mirkaneessa.

Warri Baaptistii qanoonaa fi dogmaa Dubbii Waaqayyo irratti hundaa'e waan qabaniif isaan raasuu hin dandeessan. Barri hojii dinqii ergamootaa darbeera waan ta'eef amanuutti aansee Cuuphaa Hafuura Qulqulluutu jira wanti jedhamu hin jiru jedhu. Warri Meetodistii (Dubbii Waaqayyoo irratti hundaa'anii) cuuphaan bishaanii hin barbaachisu (bishaan namatti facaasuun cuuphaa miti) qulqullummaan jiraachuutu Cuuphaa Hafuura Qulqulluu ti jedhu. Warri 'Church of Christ' cuuphaa lammata dhalachuu irratti kan xiyyeeffatan yoo ta'u dhimmoota hedduu keessatti fayyina lubbuutiif cuuphaa qofti akka ga'aa ta'etti amanu. Ta'us doktiriiniin isaanii Dubbii Waaqayyoo irratti kan hundaa'edha jedhu. Haaluma sanaan deemaa deemaa dhufee warra Pheenxeqoostaalii bira ga'a. Isaan Dubbii Waaqayyoo qabuu? Dubbichumaan isaan qoraa ilaalaa. Isaan yeroo hundumaa miira gammachuuf jedhanii Dubbii Waaqayyoo in ganu. Dinqii hojii hafuuraa kan akka zayitaa fi dhiigaa, afaan haaraa dubbachuu fi milikkita biroo yoo agarsiiftan, Dubbii Waaqayyoo keessa haa jiraatuu jiraachuus haa baatuu, ykn Dubbii Waaqayyoo irraa sirriittis haa hiikamuu, garri caalu gowwomfamee itti amana. Dubbiin Waaqayyoo garuu maal ta'eera? Dubbiin Waaqayyoo tuffatameera, kanaafis Waaqayyo, “Ani hunda keessan irratti nan ka'a. Ani afaan koo keessaa isin nan tufa. Kun bara isa xumuraa ti. Baroota torban kana keessatti namoota dubbii ofii isaanii kan Koo caalchifatan malee homaa hin argine. Egaa bara isa dhumaa kanatti afaan koo keessaa isin tufuufan jira. Kun xumura dubbii ti. Waan gaarii ta'e dubbachuufan jira. Eeyyee, Ani as Waldaa Kristaanaa gudduun jira. Ameen Waaqayyoo inni ta'e, inni amanamaa fi dhugaan Ofii Isaa in mul'isa, innis RAAJII KOOTIIN IN MUL'IFAMA” jedha. Oo, eeyyee akkas in ta'a.

Mul'ata 10:7 KJV.
7 Bara sagaleen ergamaa isa torbaffaa dhageessifamutti garuu, wanti Waaqayyo dhoksaatti akeeke, akkuma inni raajota hojjetoota isaatti himee ture sanatti, raawwatamuuf jira.
Haalichi akkasi. Inni raajii dhugaan ba'ameefii mirkaneeffame ergaa jira. Inni gara Waggaa kuma lamaatiin booda raajii tokko ergaa jira. Inni nama dhaabbata, barnootaa fi addunyaa dhaaba amantii irraa baay'ee fagoo ta'e nama akka Yohaannis Cuuphaa fi Eliyaas durii ergaa jira; inni Waaqayyo qofaarraa in dhaga'a, “Gooftaan akkas jedha” jechuudhaanis Waaqayyoof in dubbata. Inni afaan Waaqayyoo in ta'a, INNI AKKUMA MIILKIYAAS 4:6 KEESSATTI LABSAMEETTI GARAA IJOOLLEE GARA KAN ABBOOTAATTI IN DEEBISA. Inni warra guyyaa dhumaatiif fo'aman iddootti ni deebisa isaanis dhugaa raajiin tokkichi mirkanaa'e kun kennu akkuma Phaawuloositti in dhaga'u. Inni dhugaa isa isaan qabaachaa turan iddootti in deebisa. Warri isaa wajjin fo'amanis guyyichatti warra dhugaadhumatti Goofticha calaqqisiisan, warra Dhagna Isaa ta'an, warra sagalee Isaa ta'anii fi warra hojii Isaa hojjetan in ta'u. Haaleeluyaa! Argitanii?

Seenaa waldaa kiristaanaa gabaabsanii ilaaluun yaadni kun sirrii akka ta'e ni mirkaneessa. Bara Dukkanaatti Dubbiin Waaqayyoo guutummaatti saba jalaa dhokfamee ture jechuun ni danda'ama. Waaqayyo garuu Sagalichaa wajjin Luuteriin erge. Luuteraanonni yeroo sanatti Waaqayyoof dubbatu turan. Garuu ni gurmaa'an, ammas Sagaleen qulqulluu sun sababa jaarmiyaatiif balleeffamee dogmaa fi qanoonaadhaan bakka buufame. Sana booda isaan Waaqayyoof dubbachuu hin dandeenye. Ergasii Waaqayyo Wesley erge, innis bara isaatti nama Sagalicha of harkaa qabu ture. Mul'ata Waaqayyo isatti kenne namoonni fudhatan dhaloota sanaaf caaffata lubbuu qabu isa namni hundinuu akka beekuuf akka dubbisuuf caafame ta'an. Yeroo Meetodistoonni kufanitti, Waaqayyo warra kaan kaasee haalichis waggoota dheeraadhaaf itti fufuudhaan hanga guyyaa dhumaa isa sabni biraa ammas laficharra jiraatuutti itti fufe, sabni biraa kun warri ergamaa isaanii jala jiran bara xumuraatiif sagalee isa xumuraa in ta'u.

Eeyyee gooftaa. Waldaan kiristaanaa kana booda “abukaatoo (mouthpiece)” Waaqayyoo miti. Isheen abukaatoo ofii ishee taateetti. Kanaaf Waaqayyo ishee irratti ka'e. Inni karaa raajichaa fi misirrottii waliin ishee makuuf jira, kanaanis sagaleen Waaqayyoo ishee keessa in jiraata. Eeyyee akkas in ta'a, sababiin isaas Mul'ata boqonnaa dhumaa lakkoofsa 17 irratti akkas jedha,
“Hafuurichii fi misirrottiin, 'kottu' in jedhu.”
Ammas biyyi lafaa akkuma guyyaa Pheenxeqoosxeetti kallattiidhaan Waaqayyoo irraa ni dhageessi; garuu Misirroo Sagalee taate kun akkuma bara jalqabaatti ni tuffatamti.

Amma Inni bara dhumaa kanaan,“Ati Sagalicha qabda. Yeroo kam iyyuu caalaatti Macaafa Qulqulluu qabda, garuu qoqqooduu fi kutaa kuttaatti hiruu malee, waan barbaadde fudhattee waan hin barbaanne dhiisuu malee waa'e Sagalichaatiif homaa tokko iyyuu gochaa hin jirtu. Ati ittiin falmuu malee Isatti JIRAACHUUF fedhii hin qabdu. Utuu diilallaa'aa ykn bulluqaa taatee irra naaf wayya ture. Utuu diilallaa'aa taatee isa tuffatte ta'ee, silaa siifan dhiisan ture. Utuu dhugummaa isaa beekuu fi itti jiraachuutti akka malee bulluqaa taateetta ta'ee, silaa kana gochuu keef sin ulfeessan ture. Garuu yeroo ati Dubbii koo salphaatti fudhattee ulfina dhowwattutti, Anis deebisee ulfina si dhowwaachuun qaba. Ati ol na deebisiisuuf (nauseate) waan ta'eef afaan koo keessaa sin tufa” jdhee iyyaa jira.

Amma bishaan bu'aa'aan garaacha akka nama dhukkubsu namni kamuu ni beeka. Qoricha ol nama deebisiisu barbaaddu taanaan bishaan bu'aa'aa kan caalu hin jiru. Waldaa bu'aa'oftuun Waaqayyoon waan dhukkubsachiifteef afaan Isaa keessa ishee tufuuf labseera. Kun aarii Isaa isa bishaan badiisaa duraa nu yaadachiisa mitii ree?

Oo, Utuu waldaan bulluqaa ykn diilallaa'aa taaatee silaa Waaqayyoof gaariidha ture. Hunda caalaa isheen ho'ituu (bulluqxuu) ta'uu qabdi. Isheen garuu akkas miti. Murtiin darbeera. Isheen kana booda biyya lafaatti sagalee (voice) Waaqayyoo hin taatu. Isheen ani sagaleedha ofiin jetti, Waaqayyoo garuu akkas hin jedhu.

Oo, Waaqayyo akkuma misirrottiidhaaf sagalee kennetti, Inni amma iyyuu saba biyya lafaatiif sagalee qaba. Akkuma kanaan dura jennee fi yeroo xiqqoo booda irratti dubbachuuf jirruutti sagaleen sun misirrottii keessa jira.

(2) Mul'ata 3:17-18,
17 Atis, 'Ani sooressa, geessifadheera, wanti ana barbaachisus hin jiru' in jetta; ati garuu nama gadadamaa namni boo'uufiin ta'u, deegaa, jaamaa, qullaas ta'uu kee hin beektu.
18 Ani immoo akka sooromtuuf warqee qulqulluu ibiddaan ilaalame, qullaa taatee yeella'uun kee akka hin mul'anetti, uffata adii, arguu akka dandeessuuttis qoricha ijatti naqattu ana irraa akka bitattu sin gorsa.

Amma gaalee jalqabaa, “Ati 'Ani… jetta' jedhu” ilaalaa. Hubadhaa, isaan dubbachaa turan. Isaan abukaatoo Waaqayyootti dubbachaa turan. Kun isan yaadni lakkoofsi 16-17 hiikni isaa maal akka ta'e dubbadhe mirkaneessa. Isaan haa jedhan iyyuu malee, dubbachuun isaanii sirrii isa hin taasisu. Waldaan Kaatolikii Waaqayyoofan dubbadha jetti, isheen ani sagalee Gooftaa isa amanamaadha ofiin jetti. Namoota ani beeku hundumaa caalaa isaan namoota karaa hafuuraa hamoo ta'anidha, garuu isaan gosuma sanyii midhaan isaan keessatti faca'ee in godhatu, sanyiin sun eessaa akka dhufes ni beekna, hin beekna mitii?

Waldaan Laa'odiiqeyaa,“Ani sooressa, geessifadheera, wanti ana barbaachisus hin jiru” jechaa jirti. Innis akka isheen itti fudhatte dha. Yeroo of gamaggamtetti wanti isheen irra geesse kana dha. Isheen, “Ani sooressa” jette, kana jechuun waan biyya lafaa kanaan badhaatuudha jechuu dha. Isheen fuula Yaaqoob 2:5-7 duratti of jajaa jirti,
5 Yaa obboloota ko jaallatamoo, dhaggeeffadhaa! Waaqayyo akka isaan amantiitti sooromaniif, mootummaa isaa isa inni warra isa jaallatan abdachiisettis akka galaniif, namoota biyya lafaa duratti hiyyeessota warra ta'an fo'ate mitii ree? 6 Isin garuu nama hiyyeessa ulfina dhowwitan; warri isin cunqursan, gara yaa'iittis warri isin harkisan sooressota mitii ree? 7 Maqaa ba'eessa isa isin ittiin waamamtan kan arrabsu isaan mitii ree?

Ani amma namni sooressi tokko nama Hafuuraa ta'uu hin danda'u jedhee yaada HIN dhi'eessu, garuu Sagaleen Waaqayyoo warri baay'ee muraasaa ta'an jiru isa jedhu hundi keenya beekna. Waldaa dhugaa keessatti qaamni heddummatu hiyyeessa. Amma erga akkas ta'ee, waldaan qabeenyaan badhaatuu yoo taate, waan tokko qofa beekna; innis, “Ikaabood” balbala kellaa ishee irratti barraa'eera.

Dubbisaa macaafa (PDF)...
Bara Waldaa Laa'odiiqeyaa.


Malkiisedeq kun eenyu?

English Newsletter Site.

Macaafa Mul'ataa.

 
 

Waaqayyo fi Beekumsa. Index.
Tulluu Siinaa.

Sagalichi Jireenyaatti.
Kristos Sagalee Isaa
Keessatti Mul’ifama.

Wangeela.
Kristos cubbuu
keenyaaf du’eera.

Cuuphamaa.

 
 

Duumessoota waaqaa.

Utubaan ibiddaa.

Olbutamuu.

 

Mul’aticha
Yesuus Kiristoosi.

Bara dhumaa series.
Gaa’elaa fi
Gaa’ela Diiguu.

Dubartii Jeezebeel
Jedhamtu sana.

Mul'aticha Phaaximoos.

Daddarbaa Addaamii.
Firrii mukaa hin turre.
Sanyicha Bofaa.

Archaeology.
Sodoomii fi Gomoraa.

Bara Waldaa
Laa'odiiqeyaa.

Kiristoos waldaa ala
jira.

  Macaafni Qulqulluun jedhuu dha...

Kunoo, ani balbala dura dhaabadhee balbala nan rukuta; namni sagalee koo dhaga'ee balala yoo anaaf bane, ani ol nan lixa, isaa wajjinis maaddiitti nan dhi'aadha, innis anaa wajjin in nyaata.

Ani ofii kootii mo'ee abbaa koo wajjin teessoo isaa irra akkuman taa'e, inni mo'u anaa wajjin teessoo koo irra akka taa'uuf aboo nan kennaaf.

“Namni gurra qabu, isa hafuurri qulqulluun waldoota kiristiyaanaatiin jedhu haa dhaga'u!” kan jedhuu dha.

Mul'ataa 3:20-22



Macaafa Mul'ataa.
Ilaalaa itti....
(Kiristoos waldaa ala jira.)




Click on an image to download PDFs or fullsize picture.


Acts of the Prophet.

(PDFs - English)

The Two Babylons

by Rev Alexander Hislop.
(PDF English)

Mountainside and
rosebush in snow,
in China.

Lillies of Fire.

Utubaan ibiddaa.
- Houston 1950.

Light on pyramid
rock.


Ergicha hub... Ergicha William Branham.