Wangeela


Waaqayyoo, jaalala isaa isa guddaa sanaan nu jaallate.

Yohaannis 3:16 Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!

Hundinuu yakkaniiru...

Roomaa 3:10 ...Namni qajeelaan hin jiru, lakkii, tokko illee hin jiruu.
Roomaa 3:23 Hundinuu yakkaniiru, ulfinni Waaqayyoos isaanitti hir'ateera.

Ilaa hoolicha Waaqayyoo.

Yohaannis 1:29 Borumtaa Yohannis utuu Yesus gara isaa dhufuu argee, “Ilaa hoolicha Waaqayyoo, isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu”.
Yohaannis 1:36 Yohannis utuu Yesus achiin darbuu ilaalee, “Ilaa hoolicha Waaqayyoo” jedhe.

Yesus isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu

1 Yohaannis 2:2 Inni furee cubbuu keenyaa ti, cubbuu keenya duwwaafis miti cubbuu guutummaa biyya lafaatiifis malee.
Galaatiyaa 1:4 Kristos akka fedha Waaqayyoo abbaa keenyaatti bara hamaa isa si'anaa kana keessaa nu baasuudhaaf jedhee, sababii cubbuu keenyaaf dabarsee of kenne.

Waaqayyo garuu warra du'an keessaa isa kaase.

Roomaa 10:9 TYesus gooftaa akka ta'e afaan keetiin yoo beeksifte, Waaqayyo du'aa akka isa kaase immoo garaa keetti yoo amante fayyina bara baraa in argatta.
Roomaa 6:9 Kristos warra du'an keessaa erga kaafamee, deebi'ee akka hin duune, duunis si'achi isa irratti gooftummaa akka hin qabne beekna.
Hojii Ergamootaa 4:10 namichi amma fayyaa ta'ee isin dura dhaabatu kun, maqaa Yesus Kristos nama Naazireetiin akka fayye, isin hundumti keessan beekaa! Namoonni Israa'el hundinuus kana haa beekan. Isin Yesusin in fanniftan, in ajjeeftanis; Waaqayyo garuu warra du'an keessaa isa kaase.

Gooftaa Yesusitti amani.

Hojii Ergamootaa 16:31 Isaan immoo, "Gooftaa Yesusitti amani, ati in fayyitaa, Maatiin kees in fayyu" jedhanii deebisaniif.
Hojii Ergamootaa 15:11 Nuyi garuu ayyaana gooftaa keenyaa Yesusiin fayyuu keenya in amananna; isaan immoo akkuma kanatti in fayyu" jedheen.

tokko tokkon keessan maqaa Yesus Kristositti
Cuuphamaa.

Hojii Ergamootaa 2:38 Phexros immoo, "Yaada garaa keessanii geddaradhaa; cubbuun keessan akka isiniif dhiifamuuf, tokko tokkon keessan maqaa Yesus Kristositti cuuphamaa; kennaa hafuura qulqulluus in fudhattu.

Kennaa hafuura qulqulluus in fudhattu.

Roomaa 8:11 Hafuurri Waaqayyoo inni Yesusin warra du'an keessaa kaase, isin keessa yoo jiraate, inni Kristosin warra du'an keessaa kaase, hafuura isaa isa isin keessa jiraatuun, dhagna keessan isa du'us immoo in jiraachisa.


  Macaafa Qulqulluu jedha...

“Egaa Waaqayyo, Yesus isa isin muka irratti fanniftan kana gooftaadhaa fi Masiihii akka godhe, Israa'eloonni hundinuu utuu hin mamin haa beekan!” jedhe.

Namoonnis kana dhaga'anii garaan isaanii baqaqe; Phexrosii fi ergamoota warra kaaniin, “Yaa oboloota nana maal goonu ree?” jedhan.

Phexros immoo, “Yaada garaa keessanii geddaradhaa; cubbuun keessan akka isiniif dhiifamuuf, tokko tokkon keessan maqaa Yesus Kristositti cuuphamaa; kennaa Hafuura Qulqulluus in fudhattu.

Abdiin Waaqayyo abdachiise isinii fi ijoollee keessaniif, warra fagaatanii jiraataniif, Waaqayyo keenya gooftichi itti waamu hundumaafis” jedhee deebiseef.

Hojii Ergamootaa 2:36-39


Click on an image to download PDFs or fullsize picture.


William Branham
Life Story.

(PDF English)

How the Angel came
to me.
(PDF English)

Chapter 13
- God is Light.

(PDF English)

Chapter 9
- The Third Pull

(PDF English)

As the Eagle
Stireth her nest.

(PDF English)

Chapter 14
- Sabino Canyon

(PDF English)

Sirs, is this the time?

(PDF English) - Mt Sunset.
Where cloud appeared.

Chapter 11
The Cloud

(PDF English)


Message Hub...Choose your Language and download Free Messages from Brother Branham


Malkiisedeq kun eenyu?

English Newsletter Site.

Macaafa Mul'ataa.

 
 

Waaqayyo fi Beekumsa. Index.
Tulluu Siinaa.

Sagalichi Jireenyaatti.
Kristos Sagalee Isaa
Keessatti Mul’ifama.

Wangeela.
Kristos cubbuu
keenyaaf du’eera.

Cuuphamaa.

 
 

Duumessoota waaqaa.

Utubaan ibiddaa.

Olbutamuu.

 

Mul’aticha
Yesuus Kiristoosi.

Bara dhumaa series.
Gaa’elaa fi
Gaa’ela Diiguu.

Dubartii Jeezebeel
Jedhamtu sana.

Mul'aticha Phaaximoos.

Daddarbaa Addaamii.
Firrii mukaa hin turre.
Sanyicha Bofaa.

Archaeology.
Sodoomii fi Gomoraa.

Bara Waldaa
Laa'odiiqeyaa.

Kiristoos waldaa ala
jira.

Click on an image to download the fullsize picture.


Broad Way or Narrow Way.