Sanyicha Bofaa. Biqiltuu jireenyaa.


  Macaafa Mul'ataa.

“Firrii mukaa hin turre”
(Sanyicha Bofaa.)


William Branham.

Dubbisaa macaafa...
Baricha Waldaa Efeeson.

Mul'ata 2:7,
“...Isa moo'eef muka ija isaa nyaatanii jiraatan isa jannata waaqayyoo keessa jirutti nyaachuu nan kennaaf.”

Inni kun warra baroota hundaa keessatti moo'aniif kaffaltii qophaa'ee dha. Yommuu waamichi dhumaa Waraanaa inni dhumaa dhageessifamutti, yommuu meshaa waraanaa keenya lafa keenyutti, yeroo sanatti jannata Waaqayyoo keessatti ni boqonna, ga'een keenyas Biqiltuu jireenyaa ta'a yeroo hundumaaf.

“Biqiltuu jireenyaa.” Inni kun dubbii fakkeenyaa bareedaa mitii? Macaafa Seera Uumamaa keessattis macaa Mul'ataa keessattis yeroo sadi tarreeffamee jira. Iddoo jahanuu keessatti biqiltuu wal fakkaatu fi wanta tokkoon fakkeeffama. Garuu Biqiltuun jireenyaa maalii dhaa? Haa ta'u, duraan dursinee, biqiltichi mataan isaa maal bakka bu'ee akka dhaabbate beekuu qabaanna. Faarfanaa 24:6 keessatti, Baalaam Israa'etootaan akka ibsetti, “Isaan akka muka Sabrii Waaqayyo dhaabeti.” Biqiltuun caafatoota hundaa keessatti, akkuma Faarfannaa 1 keessatti namootaa kan bakka bu'anii dha. Kanaafuu biqiltuun jireenyaa nama jireenyaa ta'uu qabaata, sunis Yesuusi dha.

Amma Dallaa Edan keessatti biqiltoonni lama wal ladda dhaabbachaa tura. Inni tokko Biqilqtuu Jireenyaa yommuu ta'u, inni kaan immoo Biqiltuu Beekkumsa Gaarii fi Hamaa ture.Namni Biqiltuu Jireenyaatii akka jiraatu fi biqilticha isa kaan akka hin tuqnee fi yoo tuqe immoo ni du'a ture. Garuu immoo namni biqiltuu isa kaan irraa ni qoodate, yommuus kana raawwatu sababa cubbuu isaatiin duuti gara isaatti seene, Waaqayyo irratis ni foo'ame.

Amma biqiltuun Dallaa Edan keessa ture sun, biqiltuun madda jireenyaa ture sun, Yesuus ture. Wangeela Yohaannis, Boqonnaa jaha hanga sadeetti, Yesuus mataa isaa akka madda Jireenya bara baraatti agarsiisee jira. Buddeena waaqaa dhufe jedhee of waame. Mataa ofii dabarsee kennuu Isaatii fi namni kamiiyyuus foon isaa yoo nyaate akka hin duune ni dubbata. Abrahaamiin beekuu isaa ni labse, Abrahaamiin duras Inni akka TURE ibse. Inni mataan Isaa bishaan jireenya qabu akka isaaniif kennu fi namni kamiiyyuu immoo bishaan kana irraa yoo dhuge akka hin dheebonne, garuu immoo Jireenya bara baraa akka jiraatu raajii dubbate. Inni mataa ofi akka ANI GUDDICHA ANAAttii agarsiise. Inni buddeena jireenyaatti, Burqaa jireenyaa, Isa jireenya bara baraa qabu, BIQILTUU JIREENYAATI. Akkuma Inni Jannata Waaqayyoo keessatti argamutti, yeroo duriis Dallaa Edan keessa ture.

Namoonni tokko tokko Biqiltoonni lamaan sun akkuma biqiltoota biroo Waaqayyo Dallaa sana keessatti magarsiiseeti jedhanii yaadan. Garuu barattoonni ciccimoon kana akka hin taane sirritti ni beeku. Yommuu Yohaannis cuphaan hiddoota biqiltuu irratti qottoon kaa'amuu isaatiif booy'u san, calisee biqiltoota uumamaatiif hin turre kan boo'e, haa ta'u malee sirnoota Amataatiif dha. Amma Yohaanis 5:11 keessatti akkana jedha, “Waaqayyo jireenya bara baraa nuuf kennee jira,egaa DHUGAAN isaa isa kana, jireenyi bara baraa kunis ilma Isaa keessatti argama.”

Yohaannis 5:40 keessatti Yesuus akkana jedhe, “Haa ta'u iyyuu malee Jireenya akka qabaattaniif gara koo dhufuu hin barbaaddan.” Kanaafuu dhugaan, Sagaleen Waaqayyo ifaan ifatti JIREENYI, JIREENYI BARA BARAAIlmicha akka ta'e ni ibsa. Kunis Iddoo biraatti miti.1Yohannis 5:12, “Namni Ilma Waaqayyo qabaatu JIREENYICHA qaba, Namni Ilma Waaqayyoo hin qabaanne JIREENYICHA HIN QABU.” Kanaafuu amma dhugaan jijjiramuu waan hin dandeenyeef, itti dabaluus irraas hir'isuun waan hin danda'amneef ddhugaan JIREENYI ILMICHA keessa jira jedhu hin jijjiramu... kana waan ta'eefis BIQILTUUN DALLICHA KEESSA TURE YESUUS TA'UU QABAATA.

Gaarii dha. Biqiltuun jireenyaa Nama erga ta'e, Biqiltuun Beekkumsa Gaarii fi Haamaas sanuma. Kan biraa ta'uu hin danda'u. Kanaafuu Dalladhuma Edan keessatti Inni qulqulluuni fi Hamaan wal ladda dhaabbachaa turan jechuu dha. Hisqi'eel 28:13, “Ati (Seexanni) iddoo dhaaba Waaqayyoo isa Eden jiru keessa turte.”

Mul'ata sanyicha bofaa sirritti bakki itti hubannu iddoo kana. Iddoo dhaaba Waaqayyo Eden keessatti wanti dhugaatti raawwatame kana. Heewaan bofichaan dogongorsamuu ishee Sagalichi ni dubba. Dhugumattis isheen bofichaan sobamtee turte. nSeera Uumamaa 3:1 keessatti akkana jedha, “Bineensa bakkee Waaqayyo Gooftaan uume keessaa bofni caalaa haxxee ture.” (Uumamni kun guutumatti bineensa ta'ee utuu jiruu) garuu baay'inaan dhala namaatti kan dhiyaatu waan ta'eef ni yaadas ni dubbatas. Uumama dhaabbataa ta'ee Chimpaazii fi nama jidduu kan jiru ta'ee garuu caalatti namatti kan dhiyaatu dha. Uumamni kun caalatti gara dhala namaatti kan dhiyaatu waan ta'eef sanyiin isaa sanyii dubatitti wajjiin makamuu waan dsanda'uuf, makamee isheenis akka qabattu ishee taasise jira. Yommuus kun raawwatamu, Waaqayyo boficha ni abaare.Lafee qaama bineensichaa keessa jiru hundaa Waaqayyo jijjire akka bofaatti lafa irra akka loo'u isa taasise. Saayinsiin wanta barbaade hunda gochuudhaaf ni yaala, garuu walqabsiiftuu kana argachuu hin dandeenye. Isa sana Waaqayyo qofatu arge. Namni qaroo waan ta'eef walitti dhufeenya namaa fi bineensaa arguu waan danda'eef namni kan uumame adeemsa jijjiramaatiin jedhee mirkaneessuudhaaf ni yaala. Wanti adeemsa jijjiramaa jedhamu hin jiru. Garuu immoo namni fi bineensi walitti makamanii jiru. Inni kun icciitiiwwan waaqayyo dhokatan keessaa isa tokkoo dha, garuu immoo nuuf ibsamee jira. kuni yeroo durii Heewwan jireenya diddee du'a ofitti fudhatetti iddoo dhaabaa keessatti kan raawwatamee dha.

Iddoo dhaabaa keessatti Waan Waaqayyo isaaniin jedhe ilaalaa. Seera Uumamaa 3:15, “Anis ii fi dubartitti jidduu, sanyii keetii fi sanyii ishee gidduu diinummaa nan buusa, inni mataa kee ni buruqsa, atis komee isaa ni iddita.” Durbartittiin sanyi qabaachuu ishee sagalicha dubbatuuf gatii yoo kennine, Bofichis dirqamatti sanyii ni qabaata. Sanyichi dubartii namaan alatti kan daa'ima namaa yoo ta'e sanyichi bofichaas haaluma sana ta'a, namtichaan biraa sun immoo wal qunnamtii dhiiraatiin alatti dhalaqchuu qabaata. Sanyichi dubartittii sun Wal qunnamtii namaatiin utuu hin ta'in Kiristoos karaa Waaqayyootiin dhufuu isaa barataan hin beekne tokkos hin jiraatu.Haaluma sanaanis tilmaamni buruqsamuun mataa bofichaa sirriidhumatti wanta Kiristoos masqala irratti Seexana irratt raawwatuuf kan raajeffamee dha.Masqalicha irratti Kiristoos mataa Seexanaa ni buruqsa, Seexanni immoo Komee Gooftaa ni idda.

Caafatichi kun haala sanyichi bofaa biyya lafaa irratti facaafame kan agarsiisuu dha, Luqaas 1:26-35tti yommuu ilaalcha keessa galchinus haala sanyyiin dubartii sanyii dhiiraatiin alatti jireenyatti akka deebi'e kan agarsiisuu dha. “ Ergamichi Gabri'eel Waaqayyo biraa Kutaa biyya Galilaa mandara Naazaret jedhamtutti ergame, Ergaan isaas gara durba Maariyaam jedhamtu tokkotti ture, isheen nama Yoosef jedhamu Sanyii Daawit keessa dhalate tokkoof kaadhimatamtee turte. Ergamichi isheetti mul'atee, 'Waaqayyo gooftaan si wajjiin jira'o nagaan siif haa ta'u, Yaa ayyaana qabeetti' jedheen. Maariyaam nagaa kana yommuu dhageesse, yaadaan dhiphatte, 'Kun maal jechuu dhaa'? jettee of gaafatte. Yommuus ergamichi isheedhaan, 'Yaa Maariyaam Waaqayyo biraa ayyaana argatetta hin sodaatin!' jedheen. Kunii ni ulfoofta,ilmas ni deessa, Maqaa Isaa immoo YESUUS jedhii moggaasi!. Inni guddaa ni ta'a,ilma abbaas jedhamee ni waamama, Waaqayyo gooftaanis teessoo abaabilii isaa Daawwitiin ni kennaaf. mana Yaaqob irratti bara baraan ni moo'a, Barri Mootummaa Isaas dhuma hin qabu' jedhe. Maariyaam yommuus , 'anoo ammalle durba, kun akkamitti ta'uu danda'aa?'jettee ergamicha gaafatte. Erhgamichi immoo, 'Hafuurri Qulqulluun si irra ni bu'a,humni aabbaas si golboota, kanaafis mucichi si irraa dhalatu kun Qulqulluudhaa fi ilma Waaqayyoo jedhamee ni waamama.“ Sanyiin dubartittii ifaan ifatti Waaqayyo qaama namaatiin yommuu of uumuu dha, haaluma sanaan sanyiin Seexanaas gara dhala namaatti of seensisuudhaaf balbala kan ittiin banatee dha. Seexanni ( UUMAA hafuura ta'e) waan ta'eef haala Waaqayyoo of uumeen uumamuudhaaf hin danda'amneef ture, kanaafis seerri uumamaa haala inni sanyyi isaa gara sanyii namttiitti make of baay'ise ni dubbata. Akkasumas yaadadhaa Seexanni bofa jedhamuu isaa. Sanyyiin isaa gara dhala namaatti makamuu isaati kan nuti dubbachaa jirru.

Addaam, Heewaanin bira ga'uu isaatiin dura, bofichi waay'e kana dursa sammuu isaa keessatti ni beeka ture. Kan isa irraa dhalate immoo Qaayil ture. Qaayiliin kan“Hamaa” sanature. 1Yoh3:12. Hafuurri Qulqulluun Yohaannis keessa ture bakka tokkotti illee Addaamiin “kan Hamaa sana” ture hin jedhu,(inni abbaa Qaayiil utuu ta'e kan ta'uu danda'u kanuma) bakka biraatti, bakka biraatti immoo Addaamiin “Ilma Waaqayyo” kan uumame jedhaan. Luqaas 3:38. Qaayil inni du'a fidu,ajjeessaan amalaan abbaadhuma isaa fakkaate.Eenyummaan isaa yeroo Seera Uumamaa 4:5,9,13,14keessatti inni amala namaa akka qabu yoommuu itti agarsiisu. “Gara Qaayinii fi gara kennaa isaa garuu faaraa gaariidhaan hin ilaalle,kana irratti aare boba'e mataa buuse. Waaqayyo yommus, 'Abeel obboleessi kee eessa jiraa?' jedhee Qaayiin gaafate;inni immoo deebisee, 'Ani hin beeku, obboleessa koo natu eegaa?' jedhe. Qaayiin deebisee Waaqayyoon, 'adabamuun koo isa ani baachuu danda'uu gararraa ta'e. Kunoo,ati har'a lafa maasii koo irraa na ariiteetta, fuula kee duras dhokachuun na irra jira;ani lafa irratti nama joora,nama lafa dhaqu hin qabnes nan ta'a, namni na arge hundinuus ana ni ajjeessa' jedhe.“

Dhaloota Qaayii,Abeelii fi Seexii haala Waaqayyo karaa adeemsa dhaloota isaanii sirritti galmeesse ilaalaa. Seera Uumamaa 4:1, “Addaam, Heewaan haadha manaa isaa bira ga'e, isheenis ulfooftee ilma Qaayiin jedhamu deesse, 'Ani gargaarsa Waaqayyootiin nama tokko godhadheera' jette, itti dabaltees obboleessa isaa Abeeliin deesse.” Seera Uumamaa 4:25, “Addaam ammas haadha manaa isaa bira ga'e, isheenis ilma deesse, maqaa isaas 'Sheet' jettee moggaafte...” Addaam haadha manaa isaa bira yeroo LAMA ga'uu irraan kan ka'e ijoolleen SADI dhalachuu danda'anii jiru.Macaafni Qulqulluun Sagalee Waaqayyoo isa qulqulluu fi sirrii waan ta'eef, inni kun dogongora utuu hin ta'in ibsa keenyaaf kan barreeffamee dha. Gocha LAMAAN addaamii irraa kan ka'e ijoolleen SADI waan dhalataniif, ilaalcha GAARIIDHAAN ijoollee sadeen keessaa inni tokko kan Addaamii akka hin taane ni beektu. Waaqayyo haala sirri ta'e kanaan kan galmeesseef waan tokko nutti agarsiisuudhaaf. Dhugaan dhimmichaa Heewwaan gadaamessa ishee keessatti ijoollee dhiiraa LAMA(Lakkuu) sanyii GARAGARAA irraa ulfooftee jirti.Garaa ishee keessatti lakkuu lama, Qaayiin dursa dura ulfooftee itti aantee immoo Abeeliin ulfoofte.

Dubbisaa macaafa... Baricha Waldaa Efeeson.

Download... Sanyicha Bofaa. - William Branham.


Malkiisedeq kun eenyu?

English Newsletter Site.

Macaafa Mul'ataa.

 
 

Waaqayyo fi Beekumsa. Index.
Tulluu Siinaa.

Sagalichi Jireenyaatti.
Kristos Sagalee Isaa
Keessatti Mul’ifama.

Wangeela.
Kristos cubbuu
keenyaaf du’eera.

Cuuphamaa.

 
 

Duumessoota waaqaa.

Utubaan ibiddaa.

Olbutamuu.

 

Mul’aticha
Yesuus Kiristoosi.

Bara dhumaa series.
Gaa’elaa fi
Gaa’ela Diiguu.

Dubartii Jeezebeel
Jedhamtu sana.

Mul'aticha Phaaximoos.

Daddarbaa Addaamii.
Firrii mukaa hin turre.
Sanyicha Bofaa.

Archaeology.
Sodoomii fi Gomoraa.

Bara Waldaa
Laa'odiiqeyaa.

Kiristoos waldaa ala
jira.

Click on an image to download PDFs or fullsize picture.


The Acts of the Prophet.
(PDF English)

The Two Babylons

by Rev Alexander Hislop.
(PDF English)

Mountainside and
rosebush in snow,
in China.

Lillies of Fire.

Utubaan ibiddaa.
- Houston 1950.

Light on pyramid
rock.

If apples made
women realise
they were naked,
it's time to pass
the apples
again.


  Macaafa Qulqulluu jedha...

Namni waan qajeelaa hin hojjenne, obboleessa isaa hin jaallannes hundinuu, kan Waaqayyoo miti; ijoolleen Waaqayyoo fi ijoolleen Seexanaas kanaan in beekamu.

Ergichi isin jalqabaa jalqabdanii dhageessan, “Wal jaallachuun nuuf ta'a” isa jedhuu dha.

Akka Qaayin ta'uun hin ta'u. Inni kan isa hamaa sanaa ture; obboleessa isaas in ajjeese. Sababii maaliitiif immoo isa ajjeese? Hojiin ofii isaa hamaa ta'ee, hojiin obboleessa isaa qajeelaa waan ta'eef isa ajjeese.

1 Yohannis 3:10-12



Message Hub...Choose your Language and download Free Messages from Brother Branham