Olbutamuu.

<< prev

next >>

  Sagalichi Jireenyaatti.

Olbutamuu.


William Branham.

Dubbisaa macaafa...
Olbutamuu.

Psalm 27:4-5,
4 Ani waaqayyoon waan tokkicha nan kadhadha, isas argachuu nan barbaada;innis, bara jireenya koo hundumaa,mana Waaqayoo keessa jiraachuu, gaarummaa Waaqayyoo hojjatu ilaaluu, mana qulqullummaa isaa keessattis isa yaadachuu dha. 5 Inni guyyaa wanti hamaan narra ga'utti,mana isaa keessa na kaawata. Suuqaa godoo isaa keesa na dhoksa, nagaattis kattaatti ol na baasa.

Amma, Waaqayyoo karaa wantoota haojjatuun ni qaba,kaayyoo Isaa yommiyyuu hin jijjiru. Hin jijjiramu... Inni waaqa hin jijjiramanee dha. Amoos 3:7 keessatti akkana jedhe, Hanga ergamtoota Isaatiif ibsutti biyyaa lafaa irratti waan tokkos akka hin goonee himee jira. Akkuma waada Nuuf galeen, ni mirkaneessa.

Amma, baroota amantaa keessaan dhufne, garuu waadaan Nuuf galamee jira, akka Malakaayi 4tti, deebi'ee dhufuun Isaa, ergamaan gara biyya lafaatti akka dhufu waadaan galamee jira. Kun dhugaa dha! Dhaloota Isaati fi akkataa iSaa hubadhaa. Waaqayyoo Hafuura sana yeroo shaniif itti fayyadame: yeroo tokko Eliyaas keessatt, Elishaa keessatti, fi Yohaannis cuuphamaa keessatti, waamicha maneen amantaa, hambaa Jewushotaa; yeroo shaniif, Ruuda, y-e-s-u-s, f-a-i-t-h fi lakkoofsa ruuda Isaa. Ilaaltanii? Gaarrii dha.

Amma yaadadhaa, ergaan kun waadaa dha. Kanaaf icciitiin kunnin lallabdoota baayeen odoo hin insamin yommuu hafuu, waaqayyo ergamaa sirrii kan ibsuu danda'u ni erga. Kun immoo waan waada galee dha. Ilaalaa? Amma, yaadadhaa, sagaleen waaqayyoo gara nabiyyiitti dhufe, baruumsa amanti kan barateefi miti, Nabiyyiittii. Inni sagalee waaqayyoo kan balaqqisuu dha. Waan biraa hin jedhu, Yaada mataa Isaa hin jedhu; waan Waaqayyoo itti mul'ise qofa dubbata. Nabiyyii Baalaamiyyuu yeroo mirga Isaa dabarsee kennu; akkana jedhee ture, “Akkamitti nabbiyyiin waan waaqayyoo Isaaf ibseen alatti waa jechuu hin dandeenye?” Waa jechhu akka hin dandeenye waaqayyootu jedhe. Haala sanaanis kan dhalattan. Wanta hin danda'amnee miti...

Jechuu yoo dandeessan, “Ija kiyya banuu hin danda'u,” otuu ilaalaa jirtanuu, ilaalaa? Ni dandeessu. Harka keessan dhaqqabuu hin dandeessan otuu dandeessaniiyyu. Ilaalaa? Haala kanaan uumamtan, waaqayyo yeroo hundaaa,... baroota Isaayyas, Ermiyaas, fi hunda... Eliyaas, baroonni hundinuu darban, yommuu lallabdoonni waan hundaa walitti makan, Inni nabiyyi ni erga, bakka gadii aanadha kaase. AkkaataIsaani kamiittu hin hundaa'u, sagalee Isaa qofa kan beekan. Akkasumas, yeroo maraa... karaan itti himuu dandeessan, akkka Inni jedhetti, “Namni tokko, nama waan waaqayyoo isatti mul'isee himu yookiin nama kennaa hafuuraa....”

Ammaa raajicha... kennaan Waaqayyoo mana amantaatiif akka jiru raagamee jira, garuu raagichi yeroo amma keessa jirru dursee kan murteeffamee fi kan muudamee dha. Ilaalaa? Eeyyeen kabajamoo. Amma, ragaan haala kanaan yoo itti fufe, Namoonni lamaa fio sadi taa'ani manni amantaa ofitti fudhachuu isaaniitiin dura dhugaa fi soba ta'uu Isaa xiinxaluu qaban. Garuu raajicha dura eenyuus bu'uu hin qabu, 'sababni Isaas, Inni dhugumatti sagalee waaqayyoo waan ta'eef. Inni sagalee bara Isaa keessaati. Inni balaqqisa waaqayyooti... Amma, waaqayyoo ergamaa Isaa bara dhumaa kanattis akka nuuf ergu yommuu waadaa nuuf galu raata'uu manneen amantaa keessaa misirroota Isaa filuu dhaaf, kun immoo carraa Isa dhumaaati.

Kun immoo yoomiyyuu ta'uu hin danda'u... manneen amantaa kiristoosiin ofitti hin fudhatan. Warri peenxee, ergaa kana haala manni Amantaa amma keessa jirtuun fudhachuu hin dandeenyu. Haala manni amantaa keessa jirtuun akkamitti bara dhumaa keessa dabarra, haala namni namaa dabe kanaan, bara wanti hundinuu faallaa ta'e kanaan, manni amantaa bara walii hin galle kanaan? Ooh, dhiifama, kun raata'uu dha. Kun gara gareewwan amantaatti deemee jira. Yeroo hundaa, namoota seenaa beekan wanta adda ta'e akka natti himan ni gaafadha. Ergaan gara lafaatti yeroo kamiiyyuu yoommuu gadi lakkifamu fi gurmeessanitti, iddoodhuma sanatti du'a. warrii Peenxeellee waaanuma wal fakkaatuun amantaan peenxee akka du'u taasisan.

You Assemblies of God, when your forefathers and mothers come out of them organizations back there in the old General Council, shouted and praised God and talked against those things; and you turn like a dog to its vomit and a hog to its wallow and done the same thing that they did; and now so ecclesiastical you shut up your bowels of compassion, and you have to have a fellowship card before you can even associate with you hardly. And you oneness, God given you a message like that, and instead of you going ahead and just keeping humble and going ahead, you had to turn loose and organize your group. And where are you all at? The same bucket. That's exactly! And God's Spirit moving on. “I the Lord will plant; I'll water it day and night lest some should....” He ordained these things to be, and He must send this.

Isin warri mana Waaqayyootti walitti qabamtan, yommuu abbootii fi haawwotiin keessan gurmmiiwwan duraa kaawonsilii waliigalaa keessaa bahanii yommuu dhufan, iyyaan waaqayyoon galateeffachaa waayee badaa jaraa haasayan; Isin immoo akka saree deeffattu irraa yoo garagaltani waan nuffisiisaa yoo taasiftan, Isaan wajjiin garee uumuu yoo diddan, sun kan waaqayyooti miti. Tokkummaadhaan, waaqayyoo ergaa kan Isiniif kennee haala sanaan, akkasumas fuuldura deemuu fi callisanii deemuu irra, of deebitanii garee keessan gurmeessu wayya. Eessa akka jirtan beektuu? Waanuma wal fakkaatu keessa. Kun sirriidha! hafuurri waaqayyoo immoo itti fufaa jira. “Ani gooftaan biqiltuu ni dhaaba; ganamaa galgala bishaan ni obaasa yoo xinnaate muraasni....” Wantoota kana erga muudee, wanta kanas sirriidhumatti ni erga.

Wanti duraa kan eegaluu yommuu Inni Jeennata keessaa dhufuu dha, sagalee guddaan ni jira! Maal inni? Ergaa namoota walitti qabuu dha. Ergaa dursee dhufu. Amma, “faanosii keessan sirreessa. Faanosii keessan kaasaa qopheessaa.” Yeroon sun kamiiyyu? Torbaffaa, jahaffaa miti, torbaffaa dha. “hubadhaa missirichi dhufaa jira. faanosii keessan kaasaa qopheessa.” Isaanis ajaja ni raawwatan, gariin Isaanii faanosicha keessaa gaazii hin qaban ture. ilaalaa? Garuu yeroo faanosii sirreessaati. Kun yeroo Milkiyaas 4ffaati. wanti inni... Luqaas 17 keessatti, Issaayyas keessatti... raajonni kun martinuu tartiibaan bara kanaaf sagalee waaqayyoo tiin kan himamanii dha. Hin jiru...

Wantoota kana yommuu raawwataman ilaalaa, obboleewwan koo, battaluma waltajjii kanatti du'uu koo waaqayyoo samii keessaa yoo ni beeka ta'e, yeroo muraasaaf naannawa kanatti ni deddemtu ta'a. kun... wanta olaanaa dha. Yommuu waaqayyoo samii keessaa dhufu argitan, gurmii namootaa fuldura dhaabbadha, asittis dhaabbadhaa, haaluma baramee ta'uu Isaa baraa. Sun immoo waan dhugaa dha, macaafnis kanuma hima. Ilaalaa? Iddoo kana jirra! Barsiifni gareewwan amantaa du'aa dha. Darbee jira. Deebi'ee ka'uu hin danda'u. ni gubata. Kun immoo maasaa keessatti haala itti fayyadamtanii dha. Ni quuncistu. Gara kiristoossitti ni seentu. Hin jedhinaa, “Ani meetoodistii dha.”; “Ani cuuphamaa dha.”; “Ani peenxee dha.” Kiristoossitti olseenaa. Kiristoossiin keessa yoo jiraaattan immoo, jechaan wanti barraaye tokko as hin jiru wanta amantani dha malee. Eenyullee waan fedhe yoo jedhe naa hin galu, waaqayyoo immoo waan sana ni mirkaneessa, 'sababni isaas, Isin... yommuu inni hafuura Isaa sagalee irratti naqu, maaltu ta'a? haaluma sanyyi kiyya irratti bishaan naquu dha. Lubbuun ni jiraatas kan Isa fakkaatus ni horata.

“Hafuura qulqulluun cuuphamee jira.” jettu. Sun immoo Isin fayyitanii jirtu jechuu miti, karaa dheeraani miti. As ilaalaa, Isin waaqa tokko keessattii. Isin... waldaa xinnoo kana keessa lubbuun ni jira;lammaffaan hafuura; itti aanee qaama. Amma, qaamolee miira shan qabdu biyya lafaatiin wal qunnamuuf. Kanaanj alatti wal qunnamuu hin danda'an. Asitti immoo qaamolee miiraa kan afuuraa shan, jaalala, sammuu fkk nuuf kennitee jirta. Iddoon kun garuu bakka jireenya keessan. kunis maalummaa keessan. Roobni bakka sirrii fi sirrii hin taanee ni rooba hin jennee Yesuus? Sanyii kookleboori as kaa'a, kan qamadii immoo gama sana kaa'atii bishaan obaasaa. Kana booda akka biqilan xaa'oo itti kennaa, lachuu bishaanuma sanaan jiraachuu hin danda'anii? Sirrittii! Gaariidha, kun maalii? Isaan keessaa tokko firii kooklebarii ni baafata, 'sababani Isaas sun gosa Isaa waan ta'eefi dha, kooklibarichi harkaa isaa baasee sagalee guddaan iyyuu ni danda'a akkuma isa qamadiitti.

Guyyaa dhumaa kiristoosiin sobaa akka dhufan macaafni qulqulluun hin dubbatuu, sobaan Yesuus kan ofiin jedhan, gooftaa sobaa, spobaan kan sagaleen muudaman. Garee amantaatiin kan muudaman sagaleen osoo hin taane, sagaleen waraabbii Isaa waan mul'isuuf. Waan biraa hin barbaadu; waraabbii Isaa mul'isa. Kana booda sobaan kan muudaman ni dhufu. Kana irratti teeppi koo argattanii, muudamni sana... Ooh nama tokko waamtani akkana jettanii, “Ooh ati Yesuusii?”, “ooh, dhugumatti miti.” Sanaaf dhaabachuu hin danda'an. Garuu yommuu kanatti dhufu, “Ooh galanni haa gahu, muudama ni argadhe....” muudama amanamaa dha.

Yaadadhaa, kana kaayifaanis muudama kana ni qabas raajesseras. Baalaamis ni qabas raajesseras, garuu keessi Isaa duwwaa dha. Sanyii waaqayyoo yoo ta'e malee, jalqabumaayyuu sanyiin isaa, dursee murtaa'ee jira, xummuramee jira waayeen keessan. Hanga fedhe yoo iyyitan, sagaleen dubbattan, fiigdan iyyitan; wanti Isaan wal qabatu hin jiru. Kookleriin tokko qoftii hanga kaawwanii iyyuu ni danda'a. warra hin qaroomne of ol kaasan, sagalee guddaan iyyan, hafuuraan dubbatan, buqqee mataa namaa keessa dhiiga dhugani seexana waaman baayee beeka. Ilaalaaa? Wantootaa nama hawatan Isaan keessatti hin argine; Isa hirraaffadhaa. Lubbuu keessan keessatti sagaleen Isaa ni jira, sun immoo kiristoosii dha. Garas fidaa sana, akkuma sanyii biraatti ol guddachuu eegaluudhaan eenyummaa Isaa achumaan ibsa. Luzar dame xinnoo malee waan biraa hin finne. Isaan biros waan biro fidanii jiru. Amma nuti bara qamadii keessa jirra.

Luzaraanonni, luzaraanonni amanamtoonni Isaan amanamaa ta'uu danda'an uumuu qabu. Peenxeen dhugaalle akkanuma peenxee dhugaa horachuu qabu. Kun kana. Garuu bar asana dabarree fuulduratti deemaa jirra. Manni amantaa Kaatolikii amantaa Peenxeeqosxee akka jalqabe beektuu? Amantaan peenxeqosxee woggoota kuma lamaa ol osoo jiraatee , mana amantaa kaatoolikii amma jiruu caalaa nuffisiisaa ta'a ture. Kun sirriidha! Amma, kana kan jedhe obboleewwan koo kan jaaladhuuf jedhe, Waaqayyos kan beeku. Garuu hiriyyoottan yaadadhaa, gama bakka murtiitti wal arguuf taana. Kun immoo baayee fagoo miti. Waraabbiin dhugaa kam kan jedhuu hubachuutti jira.

Yeroo Isin wajjiin gara walgahiitti deemaa dhukkubsataaf kadhannu, waan gaarii dha, garuu ergaa qabadhee yommuu dhufu... ergichi fudhatama yoo argate, ergaa dhugaa yoo ta'e, dhugaa yoo ta'e, raajii amanamaa Waaqayyoo yoo ta'e fi waldaa sana keessatti sirriitti fannifame, kan waaqayyoo akka hin taane yoo hubattan, kanaaf wanti hundinuu ifa bahee jira. Yesuus xiyyeeffannoo ummataa argachuuf kan dhukkubsate fayyisuufi ergaa Isaas dabarsaa tureera. Sun dhugaa dha! Waan waaqayyoo nu barsiisuu fedhu of keessaa qabaachuu qaba. Waaqeffannan fayyuun... raajii akkasii xiyyeeffanna ummataa argachuuf. Hundhuurri Isaa ergaa dha. Maaltu jira, As keessaa kan dhufee dha. Deeggarsaa ummataa argachuun akka Isa dhageeffatanii fi duuka bu'an yaalii godhaa tureera. Ilaalaa, wanti jireenyaaf muudame achi keessaa waan jiruuf. Qamadiin erga lafatti gadi faca'ee booda garii sinbirroon ni guurratti, gariin acarii irra bu'an, gariin immo lafa mishaa irra bu'an, lafa dursee qophaa'e, achiis ol biqile.

Amma, wantii duraa sagalee dha yookaan xurumbaa dha, yookaan sagalee guddaa dha, achiis ergaa dha, itti aanee xurumbaa dha. Sagalee guddaa, ummata qopheessu. Lammaffaan sagalee du'aa ka'uuti. sagaleedhuma walfakkaatu, sagalee ol anaanaa, Yonaannis 11:38 fi 44 keessatti Laazaraasiin Awwaala keessaa kan waame. Missirroota wallitti sassabuu fi kan du'a kaasuuf (ilaalaa), Isaa wajjiin akka walitti qabamaniif, amma, wantoota sadeen hubadhaa.Kan itti aanuu maal innii? Xurumbaa ture - Sagalee guddaa, ergaa, xurumbaa.

Amma, wanti sadaffaan xurumbaa dha, yeroo baayee affeerraa guddaaf namoonni xurumbaa dhaan waamamu; sun immoo irbaata misirrootaati, akkasumas irbaata hoolichaa missirroota Isaa wajjiin kan samii keessaati. Ilaalaa, wanti duraan dursee dhufe ergaa Isaati missirroota Isaa walitti sassaabuuf. Kan itti aanu immoo Isaan rafan hirribaa kaasuuf, Isaan baroota duubaatti du'an, hundi Isaani walitti qabamu, xurumbaadhaan, waamicha irbaataa kan samii keessaa. Maaliif haala saniin raawwatama, obboleewwan koo. Amma, nuti qophoofnee iddoo sana jirra. Wanti tokko qofti, manni amantaa bilchinna akka argatuuf aduu irratti afamuu qaba. Walitti qabamiinsi guddaan kana booda ni ta'a. qamadiin... ni gubata, qolli ni hafa, sanyii qulqulluun qofti gootaraa keessatti kuufama. Ilaalaa?

Dubbisaa macaafa...
Olbutamuu.


Malkiisedeq kun eenyu?

English Newsletter Site.

Macaafa Mul'ataa.

 
 

Waaqayyo fi Beekumsa. Index.
Tulluu Siinaa.

Sagalichi Jireenyaatti.
Kristos Sagalee Isaa
Keessatti Mul’ifama.

Wangeela.
Kristos cubbuu
keenyaaf du’eera.

Cuuphamaa.

 
 

Duumessoota waaqaa.

Utubaan ibiddaa.

Olbutamuu.

 

Mul’aticha
Yesuus Kiristoosi.

Bara dhumaa series.
Gaa’elaa fi
Gaa’ela Diiguu.

Dubartii Jeezebeel
Jedhamtu sana.

Mul'aticha Phaaximoos.

Daddarbaa Addaamii.
Firrii mukaa hin turre.
Sanyicha Bofaa.

Archaeology.
Sodoomii fi Gomoraa.

Bara Waldaa
Laa'odiiqeyaa.

Kiristoos waldaa ala
jira.

  Macaafa Qulqulluu jedha...

Sagaleen guddisee nama abboomu, sagaleen angafa ergamootaa in dhaga'ama, malakanni Waaqayyoos in afuufama. Kana hundumaa wajjin gooftaan waaqa irraa gad in bu'a; warri Kristositti amananii du'an dura in kaafamu.

Kana booddee nuyi warri utuu hin du'in hafne immoo, isaanumaa wajjin qilleensa keessatti gooftaa simachuudhaaf duumessa keessa ol in butamna; ergasii yeroo hundumaa gooftaa bira in jiraanna.

Kanaafis dubbii kanaan wal jajjabeessaa!

1 Tasaloniiqee 4:16-18


Click on an image to download PDFs or fullsize picture.


Acts of the Prophet

(PDF English)

Mariibaa.

Before...

After...

William Branham
Life Story.

(PDF English)

How the Angel came
to me.

(PDF English)

Pearry Green personal
testimony.

(PDF English)

Gaa’elaa Fi Gaa’ela Diiguu.
(PDF)


Message Hub...Choose your Language and download Free Messages from Brother Branham