Sagalichi Jireenyaatti.

  Sagalichi Jireenyaatti.

Mul'anni Misirroo.


William Branham.

Dubbisaa macaafa...
Ciniinsuu Da’umsaa.

Macaafni Qulqulluun, “Haati Manaa Isaa Of qopheessiteetti” in jedha, kuni bara dhumaatti. Isheen maaliif Of qopheessiti? Haadha manaa Isaa ta'uudhaaf. Isheen maal hojjitti? Uffanni isheen uuffattee jirtu maali? Sagalee Isaa ti. Isheen Qajeelummaa Isaa uffatteetti. Uffatichi Isa kana. Kun sirrii dha. Hubattanii. Mul'ata! Qalbeeffadhaa, amma xumuraan jira. Xumuruu kootiin dura wanta tokko dubbachuun barbaada. Kana akka dubbadhu kan na godhe Isa. Egaa, inni ISA GOOFTAAN DUBBATE dha. Namni tokko utuu Waaqayyo isa kana utuu hin jedhin, yaada mataa isaatiin lafaa ka'ee waa yoo hime, inni nama Waaqayyo malee jiraatu (hypocrite) yoo ta'u, isa kanaaf immoo qiliilleetti in darbatama. Sun sirrii dha. Inni gurmuu namoota argachuu barbaada yoo ta'e, namoota gaggaarii akka keessanii argachuuf yaalii godha yoo ta'e, inni maali? Inni seexana foon uffatee deemu dha. Waaqayyo ulfina isaaf hin kennu. Waaqayyo seexan yookiin soba in ulfeessa jettanii yaadduu? Lakki, gonkumaa. Hubattanii? Inni gubbee mataa isaanii irratti waan ol ba'uuf, isaan isa hin argan. Inni warra fo'aman harkisee in baasa.

Mee raajota baroota keessaa ilaalaa, attamitti akka isaan warra fo'aman argachaa turan ilaalaa. Baroota hundumaa keessa gadi bu'aatii ilaalaa, gara haaromsaatti illee gadi bu'aatii ilaalaa. Akkuma isa waldaan Kaatolikii Roomaa qoricha namatti gooti (witch) jechuudhaan Jo'aan Aarkiin jiraatti gubdee ti. Kun sirrii dha. Booda keess garuu isheen akkas akka hin turre bira ga'an. Isheen qulqulleettii (saint) turte. Eeyyee, adabbii yaada garaa geeddarannaa (penance) isaan irraan ga'aniiru, reeffa lubootaa awwaala keessaa qotanii baasanii bishaan lagaatti guuraniiru. Garuu, isinuu beektu, garuu inni sun kitaabota Waaqayyoo keessa hin kaa'amne. Lakki. Isaan Qulqulluu Paatrik isa qofaa isaa hafes in waaman, inni nama akkuma koo kana qofaatti hafe ture. Kanaafuu, haa qalbeeffannu, mee ijoollee isaa ilaalaa. Mee iddoo inni jiraachaa ture ilaalaa, nama meeqatu ajjeefame. Seenaa wareegamtootaa ilaalaa, namoonni meeqa akka achitti ajjeefaman hubadhaa. Hubadhaa, inni akka sana miti. Garuu yaadni namni dhi'eessu isa dhugoomuu hin danda'u. Wanta Waaqayyo mirkaneessutu Dhugaa dha. “Waan hundumaa qoraa, isa gaarii jabeessaatii qabadhaa!”

Egaa amma waa ilaalla, addanatti ji'oota muraasaan dura ganama gaaf tokko manaa ba'ee utuun deemaa jiruu mul'anni (vision) naaf dhufe. Namni as jiru hunduu waan tokko akka jedhun dirqisisa, waggoota kana hundumaatti yeroo kamitti illee takkaa Gooftaan, “KANA GOOFTAATU DUBBATE” jedhi naan jennaan dubbadhee utuu hin raawwatin hafee akka hin beekne beekamaa dha. Nama meeqatu kun Dhugaa ta'uu isaa beeka? Harka keessan ol qabaa. [Amantoonni, “Ameen” jedhan.] Sirrii dha. Namni waan kana faallessu dubbatu jiraa? [Obboleessi keenya Branhaam in callise. Waldaanis in callise.] Inni dhugaa dha. Yaada keessan tokko illee ergamaa irra hin kaa'atinaa. Maalummaa Ergichaa irra ija keessan kaa'aa. [Waldaan, “Ameen” jedhan.] Wanti ta'uu qabu isa kana. Hubattanii? Kan irratti xiyyeeffatamu ergamicha miti. Wanta xinnoo [Iddoo duwwaatu teeppii irra jira] mataa moluu hin qalbeeffatinaa, isinuu beektu, inni nama, inni dhala namaa ti, hundumti keenya tokko, dhala namaa ti. Garuu wanta ta'aa jiru akeekkadhaa. Inni wanta isa labsu dha. An fuudhameen... Egaa amma, namoonni wantoota garaa garaa akka dubbatan nan beeka, garuu baay'een wanta dubbatamu sanaa dhugaa miti. An wanta namni kan biraan dubbatetti hin gaafatamu. An wanta dubbadhettin gaafatama. An wanta Dhugaa ta'e duwwaan dubbadha, kana miti taanaan hin dubbadhu. Namni isa dubbadheef itti gaafatamu ana, waan namni kan biraan dubbatetti an hin fgaafatamu. An nama kamitti iyyuu hin faradu. An namatti faraduuf utuu hin ta'in Ergicha lallabuufan ergame.

Qalbeeffadhaa. Fuul duratti Waldaan maal akka fakkaattun argan ture. An Nama ta'e tokko naman eenyummaa isaa arguu hin dandeenyeen butameen waan akka iddoo ol ka'aa irra kaa'ame. Achumaanis sagalee muuziqaa miidhaagaa kanan takkaa dhag'ee hin beeknen dhaga'e. Utuman ilaaluu gurmuun ijoollee durbaa kan umuriin isaanii naannoo digdamaa, kudha saddeetii, digdamaa ta'u as adeemu turan. Isaan rifeensa dhedheeraa kan qabanii fi qoloo (dress) gosa garaa garaa uffatanii turan. Isaan rukuttaa muuziqichaa irraa utuu hin kaatin isa duukaa tarkaanfatu turan. Isaan karaa bitaa kootii darbanii naannoo kanaan deemaa jiru. Anis akeekkadheen isaan ilaale. Sana booda namni natti haasa'aa jiru eenyu akka ta'e hubachuuf yummuun ilaalu, nama tokko arguu hin dandeenye. Sana booda baandii gosa muuziqaa rook ende roolii (rock-and-roll) as dhufaa jirun dhaga'e. Yummuun gara mirgaatiin ilaalu, karaa kanaan, karaa boodaa kanaan, kunoo waldaalee biyya lafaatu as dhufaa jira. Tokkoon tokkoon isaanii erbee (banner) eessaa akka dhufan ibsu baatanii turan. Wantoota xuraa'ummdhaan dorgommii hin qabne kanan jireenya koo keessa arge keessaa tokko kana! Waldaan Amerikaa yummuu as baatu, an wanta gadhee akka ishee jireenya koo keessatti hin argine. Abbaan Inni Waaqa irraa abbaa firdii koo ti. Isaan gurdii (skirt) bifa bunaa qabu isa dubartiin gandarra labdu uffattu, isa dubartiin mana bunaa uffattu kan uffatnii jiran yoo ta'u dugdi isaanii, kanaa ol qullaa turan; waraqaa citaa bifti isaa gara bifa bunaatti siqu qabatanii turan, akka shubbisa huulaa (hula dance) shubbisu, halluu laaqqatanii, qumxaa uffattanii; rifeensa mataa muratanii, sigaaraa xuuxaa, dhodhommoqaa rukuttaa muuziqaa rook-ened-roolii utaalaa adeemu turan.
An immoo, “Sun waldaa Amerikaatii?”n jedhe.
Sagalee, “Eeyyee, ishee dha” naan jedhun dhaga'e.

Yeroo darbaa turanitti waraqicha akkasitti duuba isaaniiti qabaa darbaa turan. An boo'uun jalqabe. “Dadhabbii koo hundumaa fi waana hojjechaa ture hundumaa” yaadachuuttin ka'e. Wanti nuyi tajaajiltoonni walii wajjin gochaa turre hunduu... Yaa obboloota koo, mul'ata kana hamma akka amantan an hin beeku; garuu inni anaaf Dhugaa dha. Dhugummaan isaa yeroo hundumaa mirkanaa'eera. Yummuun want asana argetti, wanta ta'aa jiru waanan beekuuf, onneen koo na keessatti akka dho'uu taate. “Maalan godhe? Attamittin isa dhabuu danda'e? Yaa Gooftaa, anoo Sagalee sanatti jiraadheera. Attamittan kan gochuu danda'e?” “Ati maaliif dhi'oo kana mul'ata naaf laattee Achi keessatti of na argisiifte? Anis, 'Tole egaa, isaan in faradamaa?' jedheen gaafadhe, Inni immoo, 'Gareen Phaawuloosis akkasuma' naan jedhe. An immoo, 'An Sagalee isuma inni lallaben lallabe' isan jedhe” yaadachuuttin ka'e. Waldaan Kristiyaan Bizinesmeenii keeyyata isa baatanii turan. An immoo, “Maaliif? Kun maaliif akkas ta'a?” jedheen gaafadhe. Gurmuun ejjitootaa sun akka sanatti deemaa, akka sanatti uffatanii, “Waldaa Aadde U.S.A” jedhamanii yummuu waaman nan arge. An of wallaaleen kufe.

Sana booda, kallattiidhumaan, sagalee muuziqaa gurratti mi'ooft sana ammas nan dhaga'e, kunoo Misirroo miidhagduun ishee duraatiin tokko taate ammas as adeemaa jirti. Inni, “Isheen kun ishee isaan irraa adda baatu dha” naan jedhe. ISheen yummuu as adeemaa jirtutti, dhugaadhumatti Isheen Ishee jalqaba sagalee muuziqaa Sagalee Waaqayyootiin simatamtee suuta tarkaanfachaa turte sanaa wajjin tokko. Yeroon wanta sana argetti, an dhaabadhee harka koo lamaan ol qabeen akkasitti boo'aa ture. Yeroon dammaqee ofitti deebi'utti, balbala mana kootii jala dhaabdhee utuun dirree gamaa asii achi ilaaluun of arge. Maal? Isheen Misirroo tokko (same) in taati, Misirroo gosa tokko in taati, meeshaaleen Isheen irraa ijaaramte isa Isheen jalqabaa irraa ijaaramtee wajiin tokko. Egaa amma Miilkiyaas boqonnaa 4 dubbisaatii, mee guyyoota dhumaa jala Ergaan akka nuuf hin ergamne ilaalaa, inni, “garaa ijoollee gara garaa abbootaatti in deebisa,” kan jedhu dha, kana jechuun gara Ergaa Pheenxeqoosxee isa jalqabaa (original Pentecostal Message) tti, Jecha Jechaan, in deebisa jechuu dha. Obbolootaa, nuyi guyyoota sana keessa jirra. Egaa amma, waldaan kun milikkita arguu qabdi, innis milikkita isa dhumaa ti. Isa kana Caaffata Qulqulla'aa keessaa in arganna, amma hubadhaa, ciniinsuu jabaa bara Laa'odiiqeyaa keessa ta'aa jiru ilaalaatii hubadhaa. Inni waan nuffisiisaa dha. Waldaan isaanii lammata dhalachaa jirti.

Jaarmiyaan kan biraan gara fuulduraatti hundaa'u hin jiru. Yeroo ergaan dhufaa ture hundumaatti, akkuma namni hunduu beeku...Warra Seenaa baratan kan gaafadhaa. Erga ergaan tokko dhufee darbee booda, jaarmiyaatu isa keessaa ba'ee hundeeffama; Oo, Aleksaander Kaampibeel, kanneen biroo hunda, Maartiin Luuterii fi kanneen biroo ilaalaa. Isaan isa keessaa ba'anii jaarmiyaa hundeessan. Yeroo baay'ee ergaan tokko gara waggaa sadii duwwaadhaaf adeemsifama, haaromsi waggaa sadii qofaaf adeemsifama. Ergaan kun waggoota kudha shaniif adeemsifamaa jira, jaarmiyaan yookiin dhaabbanni isa keessaa ba'ee of hundeesse tokko illee hin jiru. Maaliif? Qolli sanyii isa gara dhumaa ti. Nuyi gara dhumaa jirra. Ciniinsuu da'imsichaa hubattanii? Rakkinichi maaliif akka ta'e hubattanii? Hafteen (remnant) dhalatee keessaa akka ba'uufi. Egaa hafteen dhalatee bakkeetti in ba'a. sababiin an boo'aa, itti dadhabaa, dhiibaa jiruuf isa kanaafi, sababiin an faara tolaadhaan ilaalamuu nama biyya lafaa moggaatti dhiisee, faara tolaan ilaalamuu Waaqayyo biraa barbaacha Dubbii Sagalee Isaa walitti fufiinsaan sochoosaa jiruuf isa kanaafi. Isheen ciniinsuu keessa jirti. Rakkoon kan ta'e isa kana. Isheen mucaa da'uu ciniinsifachaa jirti. Isheen tokko filachuu qabdi. Barreefni harkaa keenyan irra jira. Biyyi lafaa amma baduuf qophooftee xiqqoon akka ishee hafe in argina. Kun sirrii dha. Akkuma kana waldaa yoo ilaalle, isheen tortorteetti, isheen baduuf qophii xumuraa jirti. Ciniinsuun hundumaa qabateera, biyyi lafaas waldaanis ciniinsuu keessa jiru. Biyya lafaa haaratu dhalachuufi, Waldaan haaraanis gara Miliiniyeemii deemuuf dhalchuuf deemaa jirti. Isa kana in beekna.

Ilaalaa. Waaqayyo...isheedhaaf kenne. Kana sirriitti dhageeffadhaa, kana isinitti himeen xuma. Milikkita ishee isa dhumaa, Ergaa ishee isa dhumaan isinitti hima. Milikkinni ishee inn dhumaa, isa isheen haala jalqaba keessa turtetti deebitudha; waldaanis, biyyi lafaas haala jalqaba turanitti yummuu deebi'an, kun milikkita isa dhumaa ti. Jalqabatti, baroota Miilkiyaasii hanga Yesusitti jiran sana hundumaa keessa maal akka turte ilaalaa. Amma baroota sana hundumaa ilaalaa. Duuba deebi'aatii jal'ina isaan keessa galan ilaalaa. Lafti baroota hundumaa keessa maal akka turte ilaalaa, bara Nohii fi baroota biroo maal keessa akka isheen turte ilaalaa. Isheen haaluma sana keessa deebitee in galti, argaas jirra. “Akkuma guyyoota Nohitti ta'e.” Wantoonni kun hunduu ol guddachaa akka jiran in argina.

Dubbisaa macaafa... Ciniinsuu Da’umsaa.


Malkiisedeq kun eenyu?

English Newsletter Site.

Macaafa Mul'ataa.

 
 

Waaqayyo fi Beekumsa. Index.
Tulluu Siinaa.

Sagalichi Jireenyaatti.
Kristos Sagalee Isaa
Keessatti Mul’ifama.

Wangeela.
Kristos cubbuu
keenyaaf du’eera.

Cuuphamaa.

 
 

Duumessoota waaqaa.

Utubaan ibiddaa.

Olbutamuu.

 

Mul’aticha
Yesuus Kiristoosi.

Bara dhumaa series.
Gaa’elaa fi
Gaa’ela Diiguu.

Dubartii Jeezebeel
Jedhamtu sana.

Mul'aticha Phaaximoos.

Daddarbaa Addaamii.
Firrii mukaa hin turre.
Sanyicha Bofaa.

Archaeology.
Sodoomii fi Gomoraa.

Bara Waldaa
Laa'odiiqeyaa.

Kiristoos waldaa ala
jira.

  Macaafa Qulqulluu jedha...

Dhuguma, dhuguman isiniin jedha; isin in boossu in wawwaattus; biyyi lafaa garuu in gammada; isin in gadditu, gaddi keessan garuu gammachuutti in geddarama.

Dubartiin ciniinsifattu yeroon ishee waan ga'eef in gadditi; mucaa erga deessee garuu, namni biyya lafaatti waan dhalateef, gammachuu irraa kan ka'e rakkina ishee sana hin yaadattu.

Yohannis 16:20-21


Click on an image to download PDFs or fullsize picture.


Acts of the Prophet

(PDF English)

Gaa’elaa Fi Gaa’ela
Diiguu.
(PDF)

William Branham
Life Story.

(PDF English)

How the Angel came
to me.
(PDF English)


Message Hub...Choose your Language and download Free Messages from Brother Branham