Bara dhumaa series.

  Bara dhumaa series.

Isaan bara dhumaatti dibaman.


William Branham.

Dubbisaa macaafa...
Isaan bara dhumaatti dibaman.

Maatewos 24:23-24,
23 Egaa yeroosanatti namni, 'Ilaa Masihiin as jira' yookiis 'Achi jira' yoo isiniin jedhe hin amaninaa!
24 Masiihonni sobaa fi raajonni sobaa ka'anii yoo danda'ame warra Waaqayyoof fo'aman iyyuu akka wallaalchisaniif milikkita gurguddaa fi dinqii baay'ee in agarsiisu.

Maatewos 24 kana keessatti waan tokko akka hubattan nan barbaada, innis jecha Yesuus itti fayyadame isa “Kristoosota (Masiihota)” jedhudha, Kristoos utuu hin ta'in, Kristoosota, baaqqee utuu hin ta'in baay'ina kan agarsiisuu dha. “Kristoosota.” Kanaafuu, jechi Kristoos jedhu, “Isa dibame” jechuu dha. Inni isa dibame yoo ta'e egaa nama tokko utuu hin ta'in baay'een kan dibaman ta'uu isaati, “Isaan dibamanii dha.” Hubattanii? Karaa biraatiin, utuu inni gargar cabsee dubbateera ta'ee kana caalmaatti yookiin kanaa gaditti ifa goonee hubanna turre, inni “Bara dhumaatti dibamtoonni sobaa in ka'u” jechuu danda'a ture. Egaa inni kun gonkumaa waan hin danda'amne fakkaata, jecha “dibamuu” jedhu hubadhaa. Garuu jechoota itti aanan sirriitti hubadhaa, “Raajonni sobduun,” isa jedhu. Raajota, danummaa kan agarsiisuu dha malee baaqqee miti.

Amma egaa, inni dibame, “Nama tokko kan ergaa tokko of harkaa qabu” dha. Karaan ergaan ittiin dhufuu danda'u karaa nama dibamee yummuu ta'u, innis immoo raajii dha, isa dibame. “Barsiisonni sobamaa dibamanii in ka'u.” Raajiin tokko waa'ee ergaa isaatii in barsiisa. Barsiisota dibamaniidha, garuu barsiisa sobaatiin dibaman. Isaan dibamanii dha, “Kristoosota,” danuu dha; “Raajota,” danuu dha. Isaan akka Kristoos, baaqqee, utuu ta'anii, silaa “Isaan dibaman” ta'u turan, raajiin barsiisa isaaniis kan addaa ta'a ture, sababiin isaa isaan kan dibaman waan ta'aniif, warra dibaman.

Amma egaa, barumsa guyyaa sambataa waan ta'eef, yaada wal mormisiisaa bifa dhugaa ta'een gadi teessisuuf in yaalla, waan namni jedhuun utuu hin ta'in, macaafa Qulqulluudhaan, kutaa Macaafa Qulqulluu dubbisuudhaan deebii itti laanna. Tarii, “Kun akkamitti ta'a? warri dibaman...” jettu ta'a. Isaan maali? “Krostoosota,” Kristoosota, warra dibamanidha. “Kristoosta, raajota sobduu dhas.” Warra dibamanii dha, garuu raajota sobduuti! Yesuus,“Bokkaan warra Qajeelotaa fi warra qajeelota hin ta'iniifis in rooba” jedhee dubbateera. Amma egaa, namni tokko tarii, “Dibanni namoota kanaa dibata Hafuura Qulqulluuti jettee in amantaa?” jedhee na gaafachuu danda'a. Eeyyee, Obboo, Hafuurri Qulqulluun kan Waaqayyoo inni dhugaan nama irra buufatee utuu jiruu isaan garuu sobduu in ta'u. Amma siriitti waan inni jedhe dhaggeeffadhaa. “Isaan ka'anii yoo danda'ame warra Waaqayyoof fo'aman iyyuu akka wallaalchisaniif milikkita gurguddaa fi dinqii baay'ee in agarsiisu.” Isaanis warra Hafuura Qulqulluu isa dhugaatiin dibamanii dha. Inni kun gowwummaa akka fakkaatu nan beeka, garuu yeroo bal'aa fudhannee Sagalee Waaqayyoon wal qabsiifnee ilaaluuf deemaa jirra, innis immoo dhugaadhumatti, ISA GOOFTAAN DUBBADHU JEDHE, isa dhugaati.

-----
Maatewos 5:45,
45 Kana yoo gootan ijoollee abbaa keessanii isa Waaqa irraa in taatu; innoo aduu isaa warra hamootaa fi warra gaggaariidhaaf in baasa, bokkaa isaas warra qajeelotaa fi warra jal'ootaaf in roobsa.

Ibroota 6:7-8,
7 Lafti bokkaa yeroo baay'ee irratti riibu dhugee, biqiltuu warra qotameefiif waa'ee baasu biqilchu eebba Waaqayyoo in argata.
8 Qoraattii fi baalaanwaraantee yoo baase garuu, abaaramuuf jedha malee, homaa dhimma hin baasu, dhuma irrattis in gubama.

-----
Amma egaa ammas Maatewos 5:45 wajjin wal bira qabaa. Hubadhaa, Yesuus roobnii fi aduun lafa irratti in rooba, in ba'as jedhe, innis immoo isa Waaqayyo nama lafa irra jiraatuuf waan inni nyaatu lafti akka qopheessituuf isa inni erguu dha. Bokkaan kan ergamu egaa biqilaa midhaaniitiifi. Garuu aramaa fi inkirdaadi maasii keessa waan jiruuf rooba sana in argata. Bokkaa isuma qamadiin akka margu godhutu, aramaanis akka margu godha.

-----
Amma egaa, bokkaan biqilaa uumamaan lafa irratti argaman irratti roobu, bokkaa Hafuuraa isa roobee jireenya bara baraa namaa kennutti in fakkeeffama, inni Waldaa Kristaanaa irratti in rooba, nuyis kanaaf, bokkaa isa duraa fi bokkaa isa boodaa jennee waamna. Egaa inni bokkaa isa Waaqayyoon biraa Waldaa isaa irratti dhangala'u dha.

Hunadhaa, asitti baay'ee keessummaa kan ta'e dha. Argitanii? Sanyiiwwan sun yeroo lafa irratti facaafamnitti hundumtuu lafa irra bu'an, haa ta'u malee, jalqatti isaan qoraattii turan. Garuu jalqaba biqiltuun qamadiis jira. Kanaaf tokkoon tokkoon biqilaa qamadii ammas deebi'ee ofii isaa bakka buuse, kunis kan agarsiisu inni akkuma jalqaba isaa duriitti jiraachuu isaati. “Yoo isaaniif danda'ame isaan warra fo'aman iyyuu in wallaalchisu,” sababiin isaa isaan bokkaa gosa tokko, eebba gosa tokko, milikkita gosa tokko, dinqii gosa tokko waan qabaniifi. Argitanii? “Isaan utuu isaaniif danda'amee warra fo'ataman in wallaalchisu.” Amma egaa, qoraattiin qoraattii ta'uu isaatiin waan fayyadu hin qabu, qamadiinis qamadii ta'uu isaatiin waan fayyaadu hin qabu; uumaan isaan lamaanii jalqabatti murteesseera. Innis immoo isa filatameedha. Rooba gosa tokko!

-----
Egaa aduun ba'ee ija midhaanii in bilcheessa. Egaa yeroodhuma tokkotti bilcheessa miti. Akkuma inni bilchaachaa deemuun, walitti fufiinsaan hamma inni bilchaatee xumurutti itti fufa. Uumama jeequun isin irra hin jiraatu. Rakkoon bara kanaa isa kana. Nuyi boomnii garbatti darbataa jirra, boombii atoomawaa itti dhoosuudhaan addaan isa hiraa jirra. Hammuma isin isatti dhoosaa deemtan xuraa'ummaan isaa itti dabalaa deema. Bosona cirtanii balleessitan; lolaan isin fudhachuuf jira. Dildila ijaartanii; isa cabsee irra lola'uuf jira. Karaa ittiin waa hojjetan isa kan Waaqayyoo barbaaddanii isa keessa jiraachuu qabdu. Nuyi saba Waldaa Kristaanaa keessatti fi dhaabbilee keessatti gurmeessineerra; mee waan nuyi taane ilaalaa! Karaa isa kan Waaqayyoo keessa jiraadhu.

Garuu hubadhaa, “Inni bokkaa in erga,” mata duree keenyatti yummuun deebi'u, “Warra qajeelotaa fi warra qajeelota hin ta'in irratti.” Milikkitni kun bara dhunmaatti akka ta'u Yesuus as irratti, Maatewos 24 keessatti isinitti dubbateera. Amma egaa, erga milikkinni kun bara dhumaatti beekama ta'ee, inni kun kan ta'uu danda'u erga mallattowwan sun banamanii booda ta'uu qaba. Argitanii? Inni milikkita dhumaati. Erga wantoonni raawwatanii booda dhuma biyya lafaatu ta'a. Egaa milikkinni in ta'a, kanaaf, warri fo'aman waan kanaan bita isaanitti galuun irra hin jiraatu. Hubattanii? Inni mul'ifamuuf jira, ifatti baafamuuf jira.

Hubadhaa, qamadiinii fi inkirdaadi lamaan isaanii iyyuu dibata Waaqa irraa gosuma tokkoon jiraatu. Lamaan isaanii isatti in gammadu. Fakeenya kana isa gaafa Griin Miilitti ta'e yummuun duuba deebi'ee fudhu, isa sirriittan yaadadha. Mul'ata sana nan arge. Lafa bal'aatu ture, lafichis waan akka waciitii wayii ta'ee ol in ka'e. namicha sanyii facaasutu dursee achitti argame. Isa kana itti fufuun barbaada. Jalqa irratti waan ta'ee fi itti aansuun waan raawwate ilaalaa. Akkuma namichi inni wayyaa adii uffate sun sanyicha facaasee deemeen, damichi inni kan biraan, inni wayyaa gurraacha uffatu sun dhokatee qaxxisee boodaan dhufee aramaa laficha irratti facaase. Wantootni kun erga raawwatanii booda biqiltuun kun lamaan utuu biqilanii mul'atanii nan arge. Akuma biqilaniin sanyiin inni tokko qamadii ta'ee, inni kaan immoo aramaa ta'ee biqile.

Sana booda hongeen waan isaanitti dhufeef, lamaan isaanii mataa buusanii bokkaadhaaf waan boo'an fakkaata. Sana booda duumessi guddaan lafa uwwisee, achumaan bookkanis in robe. Qamadiin ol ka'ee, “Gooftaa si haa galatu! Gooftaa siif haa galatu!” jedhe. Aramaanis caraanee, “Gooftaa si haa galatu! Gooftaa si haa galatu!” jedhe. Waanuma wal fakkkaataa. Lamaan isaanii iyyuu du'aaf ga'an, lamaan isaanii iyyuu dhabamuu irra ga'anii turan. Sana booda qamadiin in dheebote. Sababii maasii tokko keessa jiraniif, ooyiruu tokko keessa jiraniif, biyyoo tokko keessa waan jiraniif, bishaanuma gosa tokko waan dhuganiif qamadii fi inkirdaadi sun haaluma wal fakkatu ta'anii mul'atan. Hubadhaa, dibata bishaanii isuma qamadii guddisutu, inkirdaadas guddisa.

Hafuura Qulqulluu isuma Waldaa dibutu, isuma fayyina lubbuu isaaniif kennutu, isuma dinqii akka hojjetaniif humna kennuufitu, isuma warra qajeelotaa irra bu'utu warra qajeelota hin ta'in irras bu'a. Hafuuruma gosa tokko! Egaa, karaan biraa ittiin Maatewos 24:24 hubattan hin qabdan. Inni , “Kristoosonni sobaa in ka'u” jedhe, dibamtoota sobaa. Waan dhugaatiin dibamana, garuu dinbatichaaf raajii sobaa ta'an, dibatichaaf barsiisota sobaa ta'an. Namni wanta dhugaa ta'e tokkoof barsiisaa sobaa akka inni ta'u maaltu godha? Daqiiqaa muraasaaf waa'ee milikkita bineensichaa waliin in ilaalla, dhaabbata amantii isaas immoo arguuf jirtu. Argitanii? Barsiisota sobaa; dibamniiru, garuu sobduu dha. Kristoosota dibamaniidha, garuu barsiisota sobaati. Karaan isin ittiin hubattan isa kana qofa.

-----
Hubadhaa, garaa garummaa jiru kan isinitti himu ija isaan godhatanii dha. Yesuu, “Ija isaan godhataniin isaan in beektu” jedheera. Hamma baalaanwaranteen wayinii keessa yoo jiraate, isa irraa ija wayinii hin eeggattan. Wal keessa jiraachuu danda'u, garuufiriin ija isaa eenyummaa isaa in beeksisa. Firiin ijaa maali? Sagaleedha, inni firii ija waqtii sanaati waan ta'eef. Innis immoo maalummaa isaati, barsiisa isaati. Barsiisa waa'ee maali? Barsiisa waqtii sanaa, barsiisa yeroo akkamii keessa akka jiraniiti. Waqtii kanaaf barsiisa namaatii, barsiisa garee amantiitii, yookiis barsaiisa Sagalee Waaqayyooti kan barbaachisu?

Garuu tarii dibatni nama qajeelaa hin ta'in irra bu'ee, barsiisota sobaa irra bu'ee, waan Waaqayyo hin godhinaa jedhe dhugaadhumatti akka isaan godhan isaan in taasisa; utuma beekanii maal dhibdeedhaan in raawwatu. Maaliif? Isaan homaa hin fayyadan. Akkamittiin baalaanwaraanteen, ija ofii isaa malee kan biraa godhachuu danda'a? Hammam bokkaan gaariin yoo itti roobe iyyuu inni baalaanwaraanteedhuma. Sababiin Yesuus, “Yoo isaaniif danda'ame warra fo'ama,” warra hidicha keessa jieran, “Yoo isaaniif danda'ame hamma wallaalchisuutti in ga'u” jedheef isa kanaafi. Garuu wallaalchisuu hin danda'an. Mukti qamadii ija qamadii in godhata, kanaan ala kan biraa godhachuu hin danda'u.

Dubbisaa macaafa...
Isaan bara dhumaatti dibaman.


Malkiisedeq kun eenyu?

English Newsletter Site.

Macaafa Mul'ataa.

 
 

Waaqayyo fi Beekumsa. Index.
Tulluu Siinaa.

Sagalichi Jireenyaatti.
Kristos Sagalee Isaa
Keessatti Mul’ifama.

Wangeela.
Kristos cubbuu
keenyaaf du’eera.

Cuuphamaa.

 
 

Duumessoota waaqaa.

Utubaan ibiddaa.

Olbutamuu.

 

Mul’aticha
Yesuus Kiristoosi.

Bara dhumaa series.
Gaa’elaa fi
Gaa’ela Diiguu.

Dubartii Jeezebeel
Jedhamtu sana.

Mul'aticha Phaaximoos.

Daddarbaa Addaamii.
Firrii mukaa hin turre.
Sanyicha Bofaa.

Archaeology.
Sodoomii fi Gomoraa.

Bara Waldaa
Laa'odiiqeyaa.

Kiristoos waldaa ala
jira.

  Macaafa Qulqulluu jedha...

Kana booddees ergamichi torbaffaan malakata isaa afuufe. Waaqa keessaas sagaleen guddaan, “Mootummaan biyya lafaa kan gooftaa keenyaa, kan Masiihii isaatiis ta'eera; inni immoo baraa hamma bara baraatti in mo'a" jedhu in dhaga'ame.”

Mul’ata Yohannis 11:15


Click on an image to download PDFs or fullsize picture.


Acts of the Prophet

(PDF English)

Isaan bara dhumaatti
dibaman.
(PDF)

William Branham
Life Story.

(PDF English)

How the Angel came
to me.

(PDF English)

As the Eagle
Stireth her nest.

(PDF English)

Chapter 14
- Sabino Canyon

(PDF English)


Message Hub...Choose your Language and download Free Messages from Brother Branham