Duumessoota waaqaa.
Duumessoota waaqaa.
Luqaas 21:25-27,
25 Itti fufee, "Milikkinnis biiftuutti, ji'atti, urjootatti in ta'a; lafa irratti sabni hundinuu, in muddama, huursaadhaa fi dha'aa galaanaa kan akka isaatii dhaga'amee kan hin beekne irraa kan ka'es, waan godhu in wallaala.
26 Namoonni naasuudhaaf isa biyya lafaatti dhufu sodaatanii eeggachuu irra kan ka'e in laafu, humnoonni bantii waaqaa keessaa in raafamu.
27 Yommus ilmi namaa humnaa fi ulfina guddaadhaan duumessa keessa utuu dhufuu in argu.Maatewos 24:23-24,
23 “Egaa yeroo sanatti namni, 'Ilaa Masiihiin as jira' yookiis 'Achi jira' yoo isiniin jedhe hin amaninaa!
24 Masiihonni sobaatii fi raajonni sobaa ka'anii yoo danda'ame warra Waaqayyoof fo'aman iyyuu akka wallaalchisaniif milikkita gurguddaa fi dinqii baay'ee in argisiisu.Maatewos 24:25-26,
25 Kunoo, ani duraan dursee isinitti himeera.
26 “Kanaafis, 'Kunoo, lafa onaa keessa jira' yoo isiniin jedhan gad hin ba'inaa; 'Kunoo, mana keessa gola jira' yoo isiniin jedhanis hin amaninaa!Maatewos 24:27,
Akka bakakkaan ba'a-biiftuutti bu'u hamma lixa-biiftuutti ibsu, dhufni ilma namaas akkasuma in ta'a.Maatewos 24:28,
Raqni iddoo jirutti goggocoroonni wal ga'u” jedhe.Maatewos 24:29-30,
29 Yesus itti dabalee, “Rakkina guyyoota sanaa booddee achumaan biiftuun in dukkanoofti, jiinis ifa ishee hin laattu; urjoonni waaqa irraa in harca'u, humnoonni bantii waaqaas in raafamu.
30 Yommus milikkinni ilma namaa waaqa keessatti in mul'ata; yeroo sanatti sabni biyya lafaa hundinuu boo'uuf jiru; ilmi namaa immoo duumessoota waaqaa irra humnaa fi ulfina guddaadhaan dhufuu isaa arguuf jiru.”Daani’el 7:13,
“Kunoo, ilma namaa kan fakkaatu duumessoota waaqaatiin dhufuu isaa halkan mul'ataan nan arge;...”Download (PDF English):
"Is this the sign of the end Sir"Read the full account in "The acts of the Prophet"
- Pearry Green. (PDF English)
Click on an image to download PDFs or fullsize picture.
Utubaan ibiddaa. |
Duumessoota waaqaa. |
Acts of the Prophet (PDF English) |
Chapter 11 - The Cloud (PDF English) |
Before... |
After... |
There they crucified Him The place of the skull The Indictment (PDF English) |
William Branham Life Story. (PDF English) |
Pearry Green personal testimony. (PDF English) |
Gaa’elaa Fi Gaa’ela Diiguu. (PDF) |
Giddugala Ergaa... Erggwwan bilisaa Obboleessa Biraanhaam irraa buufadhaa.