Malkiisedeq kun eenyu?

<< prev

next >>

  Sagalichi Jireenyaatti.

Malkiisedeq kun eenyu?


William Branham.

Dubbisaa macaafa...
Malkiisedeq kun eenyu?

Ibrootaa 7:1-3,
1 Malkiisedeq kun mootii Saalem, luba Waaqayyoo isa hundumaa gararraa jiruu ture; gaaf tokko Abrahaam mootota tokko rukutee mo'atees utuu deebi'uu, Malkiisedeq karaatti itti adeemee isa eebbise.
2 Abrahaam immoo waan hundumaa irraa kudhan keessaa tokko qoodeef; Malkiisedeq akka hiikaa maqaa isaatiitti tokkoffaa “Mootii qajeelummaati” akkasumas mootii Saalem, inni immoo, “Mootii nagaa” jechuu dha.
3 Inni abbaa, haadha, yookiis hidda dhalootaa hin qabu; barri jireenya isaas jalqabaa fi dhuma hin qabu; garuu akka ilma Waaqayyoo bara baraan luba ta'ee in jiraata.

Waa'ee nama guddaa kanaa mee yaadaa, namni kun hammam guddaa akka ta'e! amma gaaffiin, “Namni kun eenyu” isa jedhudha. Warri Tiyooloojii as irratti yaada garaa garaa qabu. Garuu yeroo malakanii inni torbaffaan hafuufametti, dhoksaan macaafichaa inni nu duraa dhokatee ture.... Akkuma mul'ata 10:1-7 tti, wanti dhoksaadhaan macaaficha keessatti barreeffamanii dhokfaman hunduu, bara warra haaressitootaatti (refofmers) dhokatee kan ture, bara ergamaa bara waldaa isa dhumaatti ifa akka ba'u abdachiifameera. Namoota meeqatu inni kun sirrii ta'uu isaa amana? [Amantoonni, “Ameen” jedhan.] Sirriidha, inni kun dhufeera jedheen yaada. Wantootni dhokatan hunduu macaafa dhoksaa sana keessaa, bara ergamaa Waldaa Laa'odiiqeyaatti mul'ifameera. Walitti bu'iinsa yaadaa baay'ee, waa'ee nama kanaa erga ilaallee, cabsinee keessa seenuun barbaachisaa natti fakkaata, namni kun eenyuun akka ta'e bira ga'uudhaaf. Egaa, mana barumsaa hedduutu waa'ee nama kanaa irratti yaada hedduu qaba. Isaan keessaa tokko akka yaada isaatti, “Inni oduu duriiti malee nama qabatamaa miti” in jedha. Warri kaan immoo, “Inni luba ture, lubummaa Malkiisedeq” in jedhu. Inni kun baay'ee kan itti fakkaatuu fi fooyya'aa ta'eedha. Sababiin isaa inni luba Waaqayyoo ture. Lakkoofsa 4ffaa irratti inni “Nama” ture waan jedhuuf, isa isaan jedhan kanas ta'uu hin danda'u. kanaaf, inni nama jedhamuudhaaf amala namummaa qabaachuutu irraa eegama. Inni nama tokko malee sadarkaa lubummaa kan qabu miti. Kanaafuu inni oduu duriis ta'e sadarkaa lubummaas miti. Inni nama ture.

Namichi immoo nama bara baraati. Ni yaadattu yoo ta'e, “Inni Abbaa hin qabu, haadhas hin qabu, inni jalqabaa fi dhuma hin qabu.” Inni ture sun har'a galgala kanas jiraataadha. Sababiin isaa, macaafni qulqulluun , “Inni haadhas abbaas hin qabu, inni jalqabas dhumas hin qabu” waan jedhuufi. Kanaafuu namni kun nama bara baraan jiraatu ta'uu qaba. Inni kun sirriidhaa? [Amantoonni, “Ameen” jedhan] Nama bara baraan jiraatu! Kanaafuu inni nama tokko qofa ta'uu danda'a. Innis immoo Waaqayyoodha. Sababiin isaa inni bara baraan jiraatu Waaqayyoon qofa waan ta'eef. Amma egaa, Ximotewos 6:15 fi 16 irratti, yeroo biraa dubbifachuu dandeessu. Amma egaa, wanti ani isiniif dhugoomsu namni kun Waaqayyoon ta'uu isaati. Sababiin isaa namni hin duune isa qofaa waan ta'eefi. Waaqayyotu ofii isaa gara namaatti jijjiire. Inni isa, “Abbaa hin qabne, haadha hin qabne, jalqabaa fi dhuma hin qabne” sanadha.

Amma egaa, barsiisa baay'ee keessatti, “Sadan tokkummaa keessa qaama namummaa sadiitu jira” kan jedhu in argina. Egaa namni utuu hin jiraatin qaamni namummaa jiraachuu hin danda'u. Qaamni yookiin amalli namummaa jiraachuuf namni jiraachuutu irra jira. Tajaajilaan Warra Baaptistii tokko torban muraasa dura gara koo dhufee, “Yoo yeroo qabaatte, yeroo biraa, sadan tokkummaa irratti si sirreessuun barbaada” naan jedhe. An immoo, “Ammayyuu yeroo qaba. Sababiin isaa sirraa'uun barbaada. Waan biraa irratti wal sirreessuufis wal cina dhaabannan” ittiin jedhe. Inni akkas jechuun jalqabe, “Obboleessa koo Branhaam, ati Waaqayyo tokkichatu jira jettee barsiifta” naan jedhe. An immoo, “Eeyyee, sirriidhan” ittiin jedhe. Inni immoo, “Anis waaqayyo tokko akka ta'e nan amana, garuu Waaqayyo tokkotu namoota sadiin jira” naan jedhe. Ani deebisee, “Obboo, mee isa jette kana irra naaf deebi'in” ittiin jedhe. Inni immoo deebisee, “Waaqayyo tokkotu namoota sadiin jira” naan jedhe. An immoo, “Eessatti baratte?” jedheen isa gaafadhe. Argituu? Inni immoo kolleejjii kitaaba qulqulluutti akka barate natti hime. An immoo, “Isa kanatti amanuun danda'an ta'a garuu, qaama namummaa utuu hin qabaatin nama ta'uun hin danda'amu. Ati qaama namummaa yoo qabaatte, amala namummaa tokko qofa qabaatta. Ati nama adda ba'eedha; nama qeenxeen” isaan jedhe. Inni deebisee, “Gaariidha, warri Tiyooloojii iyyuu isa kana ibsuu hin danda'an” naan jedhe. An immoo, “Inni kun Mul'ataan ibsaman” isaan jedhe. Inni immoo, “An mul''ata hin fudhadhu” naan jedhe. An immoo, “Yoos ati karaa ittiin Waaqayyoon argitu hin qabdu, sababiin isaa, inni Warra ogeessotaa fi beektotaa jalaa dhokatee, warra wallaalotaatti waan mul'ateef, inni warra isa fudhatanii isa irraa waa baratanitti mul'aten” isaan jedhe. Itti fufees, “Ati Waaqayyoon irraa waan fagaatteef, inni karaa ittiin si argu hin qabun” isaan jedhe. Guutummaan macaafa qulqulluu mul'ata Waaqayyooti. Guutummaan waldaa kiristaanaa mul'ata Waaqayyoo irratti ijaaramte. Karaan ittiin Waaqayyoon baran mul'ata malee hin jiru. Nama kamitti iyyuu, “Ilma namaatu mul'isa” Mul'ata; wanti hundinuu mul'ata. Kanaaf, ati mul'ata hin fudhattu erga ta'ee, nama tiyooloojii isa diilalla'aa waan taateef, abdii hin qabdu.

Amma egaa, namni kun, “Abbaa kan hin qabne, haadha kan hinqabne, jalqabaa fi dhuma kan hin qabne” ta'uu isaa argina. Inni Waaqayyoon ture, inni Inmoorfee (en Morphe) ture. Amma egaa, jechi Inmorfee (en morphe) jedhu jecha Griikii yummuu ta'u, hiikkaan isaa “jijjiiruu” jechuudha. Inni Inmoorfeedha; inni nama tokko irraa isa kan biraatti kan of jijjiiruudha. Jechi kun kan fudhatame aartii waltajjii irraa yummuu ta'u, taatoo biraa ta'ee diraamaa hojjechuuf yummuu namni waan uffate ofirraa jijjiiruudha. Akkuma Ribqaanfaa mana barumsaa keessatti, dhi'eenya kana eebbifamuu isheen duratti , taphoota Sheekispiir keessaa tokko taphatanii turaniiti. Yeroo sana dargaggeessi tokko yeroo baay'eedhaaf wayyaa isaa jijjiiraa ture. Sababiin isaa bakka adda addaa lama yookiin sadiitti waan taphateefi; garuu inni nama tokko ture. Yeroo jalqabaa Viileeyin ta'ee as ba'e, yeroo itti aanutti immoo nama biraa ta'ee as ba'e. Amma egaa jechi Griikii Inmoorfee (en morphe) jedhu, “ wayyaa isaa jijjiirrate” jechuudha.

Waaqayyos akkasuma godhe. Inni yeroo hundumaa Waaqayyo tokkicha dha. Waaqayyo akka Abbaatti, akka hafuuraatti, akka utubaa ibiddaatti mul'ate. Waaqayyo isuma sanatu foon uffatee nu gidduu buufate; Inmoorfee ta'ee nu gudduutti mul'ate. Amma immoo, Waaqayyo isuma sanatu Hafuura qulqulluudha. Abbaa, Ilma, Hafuura qulqulluu. Waaqayyo sadii miti. Waaqayyo tokkichatu bakka sadii buufatee hojii sadii hojjete malee. Kitaabni qulqulluun akka jedhuttu, “Waaqayyo tokkichatu jira” jedha malee sadii miti. Garuu inni kun akkaataa isin sirraa'uu dadhabdanii, Waaqayyoota sadii qabaattaaniidha. Warri Yihudootaa isa kana gonkumaa hin fudhatan. Egaa isinittan himaa, namni hunda caalaa waa beeku yoo jiraate isa Waaqayyo tokkicha beeku sanadha.

Hubadhaa, inni akkuma fakkiin bobbocaan hojjetamu haguugamee booda mul'ifamuutti of dhoksee ture. Inni kun egaa waan Waaqayyo dhaloota kanaaf godheedha. Wantootni kun hunduu dhokfamanii turan. Garuu, dhaloota kanatti akka mul'ifamu godhameera. Macaafni qulqulluun egaa yeroo gara boodaatti akka ifa baafamu in dubbata. Inni egaa akkuma ogeessi bobbocaa waan hojjete tokko amma guyyaa eebba isaatti aguugee dhoksuuti. Macaafni qulqulluunis egaa akkasuma aguugee ture. Isa aguugee turuun immoo hojii Waaqayyoo ture. Inni egaa uumamuu biyya lafaatii jalqabee dhokfamee ture. Innis immoo dhoksaa gurguddaa torba ture. Waaqayyo bara ammaa kanatti, bara Waldaa laa'odiiqiyaa kanatti aguuggii sana irraa fuudhee nutti mul'isuuf nu abdachiiseera. Kun waan ulfina qabeessa akkamiiti! Waaqayyo, Inmoorfeen, utubaa ibiddaa keessa dhokfame; Waaqayyo, Inmoorfeen, nama Yesuus jedhamu ta'ee mul'ate; Waaqayyo Inmoorfeen Waldaa isaa keessa jira. Waaqayyo nuun ol jira, Waaqayyo nuu wajjin jira, Waaqayyo nu keessa jira; kun dandeettii Waaqayyoo isa eenyu illee hin qabneedha. Ol gubbaa sanatti, inni qulqulluudha, eenyu illee isa tuquu hin danda'u. Inni gaaricha irra waan buufateef, bineensi illee yoo achitti argaman in du'u. Yeroo sanatti Waaqayyo gadi bu'ee dunkaana isaa jijjirrate, gadi dhufee nuu wajjin in jiraate, nu keessaas akka isa tokkoo in ta'e. macaafni qulqulluun Ximotewos isa duraa 3:16 irratti, “Nama Waaqayyoo ta'uu keessa iyyuu dhoksaan guddaan akka jiru amanamaadha; kanaafis Waaqayyo foon uffatee mul'ateera, harkaan qaqqabatameera” in jedha. Waaqayyo foon nyaate. Waaqayyo bishaan dhuge. Waaqayyo irriba rafe. Waaqayyo in boo'e. Inni nu keessaa akka isa tokkoo ta'e. Inni kun bareechee Wangeela keessatti barreeffameera. Inni kun egaa, Waaqayyo nuun ol ture; Waaqayyo nuu wajjin jira; amma immoo Waaqayyo hafuura qulqulluudhaan nu keessa jira. Nama sadaffaa miti, isuma sana malee.

Waaqayyo foon uffatee gadi dhufee, Kiristoosiin keessatti du'a du'e, kana kan godhe immoo waldaasaa qulqulleessuu fi isa keessa buufachuuf, akkasumas isa keessatti walitti qabama hundeessuufi. Waaqayyo walitti qabama in jaallata. Waaqayyo jalqaba kan nama uume walitti qabamanii akka isa Waaqessaniifi. Waaqayyo kophaa isaa kiruubeelii wajjin ture. Amma egaa hubadhaa, inni nama uume, namni immoo in kufe. Kanaaf inni gadi dhufee namatti araarame, sababiin isaa Waaqayyo Waaqeffamuu jaallata waan ta'eefi. Jechi ' Waaqayyo' jedhu, “Mi'a itti sagadan” jechuudha. Inni nu gidduu jiru kun egaa, isuma utubaa ibiddaatiin dhufee laphee keenya jijjiireedha, inni Waaqayyo isuma, “Ifni haa ta'u” jedhee; ifnis ta'e sana dha. Inni isa kaleessa ture, har'a jiruu fi isa bara baraan jiraatudha.

Amma egaa Waaqayyo kophaa isaa jiraata ture, Warra gargaartota isaa wajjin, akkuman ganama kana isinitti himaa turetti. Inni kun yaada isaati. Homtinuu isa bira hin turre Waaqayyo kophaa isaati. Garuu inni durumaan yaada qaba ture. Akkuma Arkitekcherii cimaan, taa'ee yaada isaatiin, ijaarsa akkamii akka ijaaruu qabu dursee suuraa isaa sammuu keessatti kaasuuti. Inni egaa in uuma utuu hin ta'in, Waanuma duraan uumamee duraan jiru bifa isaa jijjiira. Sababiin isaa, dandeettii waa uumuu kan qabu Waaqayyoon qofaa waan ta'eefi. Garuu waan hojjechuuf jiru yaada isaa keessaa qaba, inni kun yaada; fedhii isaati. Amma egaa, inni yeroo sanatti isa yaade sana in dubbate, innis sagalee ture, sagaleen immoo... Yaadni isaa yummuu ibsame sagalee ta'e. yaadni ifatti baafame sagaleedha, garuu dursee itti yaadamuu qaba. Kanaafuu wanti Waaqayyo uume hunduu erga itti yaadamee booda sagalee ta'e.

Hubadhaa, Warri galgala kana jireenya bara baraa argachuuf jiran kun isa bira turan, isa keessa turan, yaada isaa keessa turan, sana dura ergamootni waaqayyoo, urjiin, kruubeeli fi kanneen biroonis achi tura, inni sun kan barabaraati. Yoo jireenya barabaraa qabaattan, isin yeroo hundumaa isa bira turtan. Akkuma amma jirtan kanatti utuu hin ta'in bocaa fi bifa waaqayyoo isa dhuma hin qabnee sanaan... Inni kan dhuma hin qabne miti yoo ta'e, Waaqayyoon miti. Waaqayyo dhuma kan hin qabne ta'uu qaba. Nuyi warra dhuma qabaniidha. Inni garuu dhuma kan hin qabneedha. Inni bakka hundumaa jira. Waan hundumaa beeka, hunda danda'aadha. Kana hundumaa miti yoo ta'e, inni Waaqayyoon miti. Inni waan hundumaa beeka, bakka hundumaa beeka. Beekaa waan hundumaa waan ta'eef, inni kun immoo bakka hundumaa jiraachuu isaa ibsa. Inni qaama jiraataadha; inni akka qilleensaa miti. Inni nama jiraataadha; inni mana keessa in buufata. Garuu, hunda beekaa ta'uun isaa, waan hundumaa waan beekuuf, bakka hundumaa akka jiraatu isa godha. Sababiin isaa inni waan raawwatamaa jiru hundaa waan beekuuf. Inni ija isaa hin libsatu hundumaa beeka. Kana hundumaa inni uumamuu biyya lafaatiin dura beeka, yeroo meeqa eenyuun mariisise, dhoqqee ittiin biyya lafaa kana uume eenyutu madaaleef? Inni isa dhuma hin qabneedha, guutumaatti sammuu keenyaan oli. Garuu inni Waaqayyoodha, Waaqayyoo, isa dhuma hin qabne!

Dubbisaa macaafa...
Malkiisedeq kun eenyu?


Malkiisedeq kun eenyu?

English Newsletter Site.

Macaafa Mul'ataa.

 
 

Waaqayyo fi Beekumsa. Index.
Tulluu Siinaa.

Sagalichi Jireenyaatti.
Kristos Sagalee Isaa
Keessatti Mul’ifama.

Wangeela.
Kristos cubbuu
keenyaaf du’eera.

Cuuphamaa.

 
 

Duumessoota waaqaa.

Utubaan ibiddaa.

Olbutamuu.

 

Mul’aticha
Yesuus Kiristoosi.

Bara dhumaa series.
Gaa’elaa fi
Gaa’ela Diiguu.

Dubartii Jeezebeel
Jedhamtu sana.

Mul'aticha Phaaximoos.

Daddarbaa Addaamii.
Firrii mukaa hin turre.
Sanyicha Bofaa.

Archaeology.
Sodoomii fi Gomoraa.

Bara Waldaa
Laa'odiiqeyaa.

Kiristoos waldaa ala
jira.

  Macaafa Qulqulluu jedha...

“Isheen ilma in deessi; atis maqaa isaa 'Yesus' jettee in moggaafta, inni ofii isaatii saba isaa cubbuu isaaniittii isaan in fayyisa” jedheen.

Kun hundinuu inni Waaqayyo gooftaan afaan raajichaatiin dubbate akka raawwatamuuf ta'e.

Innoo, “Kunoo, durbi in ulfoofti ilmas in deessi, maqaa isaas 'Amaanu'el' jedhanii in moggaasu” jedhe; “Amaanu'el” jechuun “Waaqayyo nuu wajjin jira” jechuu dha.

Maatewos 1:21-23


Click on an image to download PDFs or fullsize picture.


Acts of the Prophet

(PDF English)

Mariibaa.

Before...

After...

William Branham
Life Story.

(PDF English)

How the Angel came
to me.

(PDF English)

Pearry Green personal
testimony.

(PDF English)

Gaa’elaa Fi Gaa’ela Diiguu.
(PDF)


Message Hub...Choose your Language and download Free Messages from Brother Branham