Mul'aticha Phaaximoos.


  Macaafa Mul'ataa.

Yohaannis Phaaximoositti.


William Branham.

Dubbisaa macaafa...
Mul'aticha Phaaximoos.

Mul'ata Yohaannis 1:9-10,
“Ani Yohaannis obboleessi keessan rakkina keessaa, mootummaa keessaa, obsaan Yesuus wajjiin hafuu keessaas isin wajjiin nan hirmaadha. Dubbi waaqayyoo duukaa, wanta Yesuus dhugaa ba'e duukaas, waanan bu'eef, biyya bishaan keessaa ishee Faaximoo jedhamtu tokkotti nan geeffame. Guyyaa isa 'guyyaa Gooftaa' jedhame beekkametti ani hafuuraan guutameen booddee kootiin sagalee guddaa sagalee malaakataa fakkaatu tokkon dhaga'e.”

Mul'atni namummaa Yesuus kun kan Yohaannisiif kenname yeroo inni gara biyya bishaan keessaa Phaaximoo jedhamtutti geeffame ture. Biyyittiin xinnoon galaana Agaan keessaa kun qarqara Eshiyaa xiqqittii irraa kiloomeetira soddoma kan fagaattu turte. Biyyaa dhagaan guutamte, sanyi bofa hadhaawaa,lootuu fi giinxii qabaachuudhaan,gatii daldaalaa xinnoo kan qabdu waan turteef Empaayerri Rooomaa yakkamtoota gurguddoo fi hidhamtoota siyaasaatiif akka bakka adabbiitti itti fayyadamaa kan turtee dha.

Yohaannis Kiristaanota hundaaf yeroo rakkinaatti obbolummaa isaa ibsuu isaa ni hubattu.Yeroo sanatti ture waldaan isheen durii waraana guddaa keessa kan dabarte. “Bakka hundaatti hamannaa amantaa isaanii qofa” utuu hin ta'in namoonnis mataan isaanii hidhaa fi ajjeechaa keessa darbanii jiru. Yohaannis,akkuma hedduu kaawwanitti, sagalee waaqayyooti fi Yesuus Kiristoosiif aboo ba'uu isaatiif rakkina hidhaa keessa dabarsee jira. Yommuus isa qabanitti, Zayita hoo'aa keessatti sa'aa digdamii afuriif isa affeeluun fooniin isa ajjeesuuf yaalanii turan. Sana booda Abbootiin aangoo humna dhabeeyyiini fi gaddisisaa ta'an akka qaalluutti gara biyya bishaan keessaa Phaaximoo jedhamtutti geeffamu itti murteessan.Garuu waaqayyo isa wajjiin ture,biyya bishaanicha keessaas dhiisee bahuuf haaromsamee gara Efeesoon, bakka hanga guyyaa du'a isaatti hojii tajaajilummaa isaa itti fuufetti ni deebi'e.

Baqqaana Torban Ulfina Namummaa Isaa.

Mul'ata Yohaannis 1:14-16,
“Rifeensi mataa Isaa akka rifeensa hiddamaa yookaan akka cabbiitti ni calaqqisa,ijji isaas akka barbadaa ibiddaati. Millii isaa akka sibiila diimaa isa boolla ibiddaa keessa baqfamee ifuu ti, sagaleen isaas akka sagalee huursaa bishaan baay'eeti. Harka Isaa mirgaa keessaa urjoota torba qaba, afaan isaa keessaa akka billaa qara qabeessa gara lamaan qarametu ba'a, fuullii Isaas akka biiftuu saafaatti ni ifa.“

Yesuus haalli Yohaannis isa Sagalee Waaqayyootiif jecha godaansa irra jiruuf gadi fageenyaan kan sochoosu fi dinqisiisuu dha,akkasumas kunoo SAGALEEN jiraataan waaqayyoo amma fuuldura isaatti dhaabbachaa jira. Ifa baastuu mul'ataa akkamiiti, ibsituun qaamaa tokkoo tokkoo ishee faayidaa qabeettii waan taateef. Ulfinni Isaa mul'ata akkam nama hawatuu dhaa.

1. Rifeensi Mataa Isaa Akka Cabbiitti calaqqisa.

Yohaannis dursa hubatee addummaa mataa Isaa ibse.Mataan Isaa adii fi akka cabbiitti calaqqisaa ture. Inni kunis kan ta'e sababa umrii Isaatiin hin turre.Oh,miti.Addummaan mataa umrii kan mul'isu utuu hin ta'in muuxannoo, bilchinaa fi beekkumsa kan agarsiisuu dha. Inni jireenya bara baraa qabu umrii hin qabu. Waaqayyoof yeroon maali? Waaqayyoof yeroon xinnoo dha, garuu qaroominni Isaaf waan guddaa dha. Akkuma Solomoon saboota Esraa'elitti faraduudhaaf waaqayyoo irraa qaroomina gaafateeti. Amma Innummaan dhufaati jira, abbaan firdii biyya lafaa maraa.Hayyummaa wajjinis ni Ulfaata. Maalummaan hiddamaa yookaan calaqqisummaan rifeensaa kan mul'isu kana.

Inni abbaa firdii waan ta'eef macaafa kan banuu fi isaanitti faradus Isuma. Daani'elis yommuu Inni duumessa keessaan dhufu Isa arge. Wanti Yohaannis arges kanuma.Isaan lachuu haaluma walfakkaatuun Isa argan. Isaanis yommuu abbaan firdii ulfinaan aangoo abbaa firdummaa Isaa gateetti irratti kaawwate,qulqullummaa fi qaroominaan dhaabbatee, qulqullummaanis addunyaa maraatti faraduuf ga'aa ta'uu Isaa argan.Haaleluyyaa.

2. Ijji Isaa akka Ibiddaati.

Waay'ee kana itti yaadaa. Ija yeroo tokko sababbi gaddaa fi cunqursaan imimmaaniin dukkanaa'e ture san. Ijoottan yeroo sana awwaala Alaazar irratti roorroo guddaadhaan imimmaan buufatan sun. Ijoonni yeroo ajjeeftonni sun masqala irratti Isa fannisan badii isaanii utuu hin argin garuu booyichaan gadda keessa ta'uudhaan,“YaaAbbaa dhiifama godhiif,” jedhe. Amma ijjoonni kun arraba ibiddaati,ija Abbaa Firdichaa warra Isa didanitti faraduuf jiru. Yeroo fakii ilma namaatiin mul'atetti sochiiwwan Inni mul'ise keessa inni guddaan, yeroo hundaa boo'uu Isaati. Garuu booyichaa fi rakkoo sana duuba yeroo hunda Waaqayyo ni jira ture. Ijjoonnummaan sunis mul'ata ni argan. Onnee namoota keessatti gadi fageenyaan seenanii ilaaluudhaan yaada fi daandii gara garaa isaanii hunda ni beeku.Ija du'uu sana keessaa ifaa kan ba'e garuu Waaqayyoo warra eenyummaa Isaa waan hin ta'iniin isa beekaniif boo'aa ture san ture, “…Ani eenyu akkan ta'e beektanii yoo manuu dhabaattan cubbuu keessaniin ni duutan.” Yohaannis 8:24. “Egaa (Ani hojjii Abbaa koo hin hojjadhu) yoon ta'e, Anatti hin amaninaa. Ani hojii Abbaa koo nan hojjadha yoo ta'e garuu, Anatti yoo amanuu dhabaattan iyyuu, hojii kanatti amanaa… Yohaannis 10:37,38. Innis akkuma Ermiyaas isa bara duriitti, saboonni sagalee waaqayyoo ofitti waan hin fudhannee fi mul'atichatti hin amanneef,raajicha booyaa ture.

Ijjoonni Abbaa firdii baay'ee hoo'aa fi nama guban sun amma iyyuu jireenya nama foonii hunda galmeessutti jiru. Biyya lafaa olii fi gadi fiiguudhaan wanti Inni hin beekne tokko ittuu hin jiru. Yaada Onnee fi namni hundi maal gochuu akka barbaadu Iyyuu Inni ni beeka.Wanti nuti raawwannu Isa fuulduratti qullaa waan ta'eef,wanti dhokatee fi hin mul'anne tokkos hin jiru. Itti yaada. Amma iyyuu wanta isin yaaddan ni beeka.

Eeyyee, firdii kennuudhaaf ija baay'ee hoo'aa ta'een Inni achitti dhaabbachaa jira. Guyyaan dhiifansaa darbee jira. Oh, namoonni sunniin utuu yeroon hin dhumatin cubbuu garaa isaanii himatanii Fuula Qulqullummaa Isaa utuu barbaadatanii gaarii ture. Kanaanis yommuu addunyaa hafe ibidda keessatti gubatutti Harki mirga Isaa isaaniif boraatii utuu ta'eefi.

3. Miillii Isaa Akka Sibiila Diimaati.

“Miilli Isaa akka siibilaa diimaa isa boolla ibiddaa keessaa baafamee ifuuti.” Sibiilli Diimaan cimina isaatiin beekkama.Cimina isaa madaaluudhaan wanti beekkamu tokkos hin jiru.Garuu sibiilli diimaan miila Isaa ibsuudhaaf itti fayyadamame kun qormaata boolla ibiddaa isa wanti biraa kamiiyyuu darbuu hin dandeenye inni waan darbuu danda'eef caalatti ciminni isaa guddaa dha.Kun immoo dhugummatti sirrii dha.Sibilli Diimaan Firdii waaqummaatiin waan fakkeeffamuuf: Isa Firdii waaqayyoo kan ta'ee fi raawwatamuuf jiruu dha. Seera Laakkofsaa 21:8,9; “Waaqayyoo immoo Muuseedhaan bofa Sibiila boorrajji tolchi utubaattii rarraasi, Namni bofni idde gara isaa yoo ilaale ni fayya. Muuseen kana irratti bofa sibiila borrajjii irraa tolchee utubaatti ni rarraase, namni bofni idde hundinuu gara bofa boorrajjii irraa tolfame sana yoo ilaaletti ni fayye. Warri Israa'elootaa ni cubbooman. Cubbuutti faradamuun barbaachisaa ture. Kanaafuu waaqayyoo immoo Muuseedhaan bofa sibiila boorrajjii irraa hojjatee utubaatti akka rarraasuu fi namni gara isatti ilaalee adabbi cubbuu isaa irraa ni fayya ture.

Garuu gaaf tokko miilonni sibiila diimaa sun biyya lafaa irra ni ijjatu. Innis Abbaa Firdii biyya lafaa hundaa ni ta'a, haqaa fi qulqulluummaadhaanis dhala namaa hundatti ni farada. Sana boodas firdii sana irraa dheesuun hin danda'amu. Haqa sana jijjiruunis kan danda'amuu miti. Itti gadduunis hin danda'amu, Inni qulqulluu hin ta'in, akkuma qulqullummaa isaa dhabetti jiraata,inni xuraa'aa ta'es akkasumatti hafa.Kan hin jijjiramne kun, yeroo santtis hin jijjiramu,Inni kanaan dura jijjiramees gara fuuldurattis jijjiramee waan hin beekneef.Miilonni Sibiila Diimaa sunniin diina ni barbadeessu. Isaan warra faalla Kirstoosii ta'an,bineensichaa fi fakii bineensichaa fi ilaalcha Isaatiin kan bushaayan hunda ni barbadeessu. Innis caasaa Waldaalee Isaan Maqaa isaatti fayyadamanii beekkamtii Isaa warra faalla warra Kirsitoos ta'an wajjiin ni barbadeessa. Warri hamtuu ta'an hundi, warri waaqayyo hin jiru jedhani amanan, warri jireenya waaqayyoo beekuun hin danda'amu jedhanii yaadan, warri hammayyaa, warri waaqa tuffatan, hundi isaani achitti ni argamu. Duuti, awwaalli fi firdiin hundi achitti ni argamu. Eeyyee ni ta'u. Yeroo Inni dhufutti Macaafonni ni banamu. Yeroo sanatti Waldaan hoo'aas qabbanaa'as hin ta'inii fi durboonni gowwaan shanan kan mul'atan. Innis hoolota re'eeta keessaa ni foo'a. Yommuu Inni dhufu, kan Isaa waan ta'eef, mootummicha ni qabata,Isa wajjinis misirroonni Isaa kumaatama si'a kuma kudhaniin lakkaa'aman Isaaf tajaajiluuf ni dhufan. Ulfina!Oh,yeroon amma ta'uu baannaan yoomiiyyuu hin ta'u. Isinitti dhiyuun dura cubbuu garaa keessanii himadhaa. Warra du'an keessaa ba'aati waaqayyoo hafuura Isaatiin akka isin guutuu gaafadhaa,kana ta'uu baannan jireenya bara baraa ni dhabdu. Yeroo akkuma qabaattan kanaan raawwadhaa.

4. Sagaleen Isaas Akka Sagalee Huursaa Bishaan Guddaati.

Amma Bishaan maal bakka bu'aa? Mul'ata 17:15 keessatti dhageeffadhaa, “…bishaanonni ati iddoo isheen ijjituun teessutti argite immoo nama baay'ee dha, tuuta baay'ee dha, saba baay'ee dha, afaan baay'ee dha.” Sagaleen Isaa akka namoota baay'ee dubbataniiti. Kun maalii dhaa? Firdii kan agarsiisuu dha. Isaan klun sagalee wabiiwwan hedduu waan ta'aniif, warra Hafuura Qulqulluudhaan baroota hundaa keessatti waay'eeKiristoos mirkaneessaa fi Wangeela Isaa Lallabaa warra turanii dha. sagaleen Firdii namoota hundaa warra cubbamtoota akeekkachiisa hin fudhanne irratti ni ka'a. Sagaleen ergamoota torbanii ol ka'ee qulqullinaan ni dhageeffama. Lallabdoonni amanamtoonni humna fayyisummaa Yesuus Lallaban,warri cuuphaa bishaanii maqaa Yesuusiin lallaban, warri Humna Hafuura Qulqulluudhaan guutamuu lallaban, warri Sagalee waaqayyoo wajjiin jireenya dhuunfaa isaanii caalaa turan, hundi isaanii baroota hundaa keessatti humna Hafuura Qulqulluudhaan Sagalee Gooftaa Yesuus Kiristoos turan. Yohaannis 17:20, “Isaan kana duwwaadhaaf miti, warra dubbii isaanii dhaga'anii anatti amananiifis immoo nan kadhadha malee.”

Oh,isa kana hubachuu yoo dandeessan, akkuma inni addunya barbadeesse bishaanicha turetti, haaluma saan garuu Noohii fi biyya lafaa maraa Noohiif kan fayyise bishaanichuma sana ture. Sagalee Isaa, sagalee tajaajiltoota Isaa akkuma Inni cubbuu garaa keessanii himattanii fi gara jireenyaatti isin waamutti dhageeffadhaa.

5. Harka Isaa Mirgaa Keessaa Urjoota Torba Qaba.

“Akkasumas Harka Isaa mirgaa keessaa urjoota torba qaba. Akkuma caafata digdamaffaa keessatti maalummaa urjoota torbanii ni hubanna. ”Akkasumas icciitiin urjoota torbanii Qulqullaa'ota (ergamoota) Waldaalee torbaniiti.“Amma asitti akkumaInni hiikkaa nuuf kennetti, ilaalcha kamiini iyyuu dogoggora hin uumne.Urjoonni torban kunniin tartiibaan ergamoota baroota Waldaaleeti.Isaan kun maqaadhaan kan waamamanii miti. Baroota hundaaf tokko tokkoon torbanuu tartibeffamani jiru. Bara Waldaa Efeessoon irraa kaase gadi hanga bara Waldaa Laawudeeqiyaatti,ergamoonni tokko tokkoo isaanii ergaa dhugaa namootaaf, sagalee Waaqayyoo bara Waldaa sanaaf qophaa'e tokko iyyuu utuu hin hambisin dabarsaa turanii jiru. Hundi isaanii itti maxxananii turan. Ifa isa jalqabaatiif hundi isaanii amanamoo turan. Yommuus barri Waldaa kamuu Waaqayyoo irraa fagaate,ergamtichaan Waldicha bara sanaa gara Sagalee Waaqayyootti deebisaa turee jira. Ciminni isaanii Waaqayyoo irraa ture malee hammas ciminaan qulqullummaa isaa kan eegan hin turre.Wanti kamiiyyuu harka Isaa keessaa isaan baasuu hin dandeenyeef,eegumsa Isaa jala turan, akkasumas jaalala Waaqayyoo irraa, dhukubnis ta'e,rokkoohamaan,qullummaas ta'e, beelli,guraadee, jireenyas ta'ee duuti jaalala Waaqayyoo irraa kan isaan gargar baasuu tokkos hin turre. Isaan dhugumaan Isaaf of dabarsanii kennuudhaan Hunda danda'ummaa Isaatiin eegumsa argachaa turan. Isaaf jecha godaansa daandii isaaniitti dhufuuf harka hin kennan ture. Dhukkubni fi fudhatama argachuu dhabuun ni jira ture garuu sababni Ulfina Waaqayyoof kennuu waan tureef Isaaf jecha rakkina ofitti fudhachuuf ga'aa turan. Akkasumas fayyisummaa Isaatiif galata galchuuf jecha ifa jireenya Isaatiin gubatannii jaalala,obsa,ija laafessummma,gaarummaa fi amanamummaa Isaa calaqqisan. waaqayyos dinqii, mallattoo fi raajii isaan duuka buuse. Iyyitootaa fi cincicoota jedhamanii himatamaa turanii jiru. Dhaabbatoota amantaatiin dhoowwamanii itti taphatamaa turan, garuu Isaan sagalee Waaqayootiif dhugaadhaan jiraatan.

Gammachuun kun immoo ergamoota baroota Wldaalee Torbaniif qofa miti. Amanaan dhugaa inni harka Waaqayyoo keessa jiru hundi Humna fi jaalala, waaqayyoo waqnta amantootaaf qopheesse hunda argachuu ni danda'a. Wanti Waaqayyoo ergamnoota Isaatiif kennu fi haalli ergamoota eebbisuu fi isaanitti fayyadamu, fakkeenya amantootaa harka Isaa keessa jiranii fi miseensota Qaama Isaati. Ameen.

6. Billicha Gara Lamaan Qara Qabeessa Ta'e.

“Afaan Isaa keessaas billaa gara lamaan qara qabeessa ta'e ni ba'a.” Ibroota 4:12 keessatti, “Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha. Humna hojjatus of keessa qaba, billaa gara lamaan qaramee caala qara qaba,Inni lubbuu fi Hafuura, buusaa fi dhuka gar gar ni baasa. Yaadaa fi akeekkaa garaa namaas qoree faraduudhaaf ni danda'a. Afaan Isaa keessaa akka billaa gara lamaan qara qabeessa kan SAGALEE WAAQAYYOO ta'etu ba'a.

Dubbiin waaqayyoo akkuma sagalichatti gara aangootti dhufe jedhe Phaawulos. Sagalichi lallabame dhugumatti ofumaa of ibse. Akkuma arraba ibiddaa, qara nama kutuutti inni gara yaada namootaatti ni dhufe, akka billaa opreeshiinitti, dhibee namootaa muruudhaan warra hidhaman bilasa baase. Bakka hundaatti amantoonni durii dhaqanitti, “Wangeelicha lallabaa deemu ture(Sagalicha)Waaqayyoos sagalicha sana mallattoo duuka isaanii buusuudhaan mirkaneesseef.” Warri dhukkubsatan bilisa ni ba'an, Seexanni ni ba'u ture, isaanis afaan haara'aan ni dubbatu ture.Inni sun Sagalichi yommuu gochaan raawwatamu ture. Sagalichi sun afaan Kiristaanota keessatti gonkumaa raawwachuu dadhabee hin beeku.Akkasumas bara dhumaa misirroo Sagalichaa keessatti baroota kaan caalaa cimaa fi jabaa dha.Oh, Yaa tika tinnoo, isin warri miseensi xinnoon, Sagalicha irratti maxxantan, afaani fi onnee keessan Sagalichaan guutaa, guyyaa tokko immoo Waaqayyoo Mootummaa Isaa isiniif ni kenna.

7. Fuulli Isaa Akka Biiftuu Ifuuti.

Mul'ata Yohaannis 21:23 keessatti, “Biiftuu yookiis ji'icha mandarattii irratti ibsuun barbaachisaa miti, Ulfinni Waaqayyoo ifa isheeti, hoolichis ibsaa isheeti” Isheen kun Yeruusaalem ishee haarawaa dha. Hoolichi maalatti sana ni ta'a, jireenya Isaatiinis ifni barbaachisu hin jiru. Inni, Mataan Isaa Aduus ifas waan ta'eef,achitti Aduun hin baatus hin dhiittus. Biyyoonni gara Isaatti dhufan ifa Isaatiin ni socho'u. Guyyaan sun nuuf ta'uun isaa isin hin gammachiisuu? Yohaannis yommuu guyyaan sun dhufu ni arge. Akkasuma, Gooftaan Yesuus daddafee ni dhufa!

Milkiyaas 4:1-3, “Waaqayyoo, gooftaan maccaa, ”kunoo guyyaan akka iddoo ibiddaa gubu ni dhufa, yommuus warri koortunii fi warri hamaa hojjatan hundinuu akka cidii ni ta'u, guyyaan dhufu sun isaan ni guba;hidda yookiis damee isaanii hin hambisu. Isin warra maqaa Koo sodaattaniif, aduun qajeelummaa inni qarri isaa fayyina of keessaa qabu isinnif ni ba'a, akka jabbii goorana keessaa bataniis gadi baatanii ni burraaqxu, Isin yommuus warra hamoota ni dhidhiittu,isaanis guyyaa ani waan kana godhutti komee keessan jalatti daaraa ni ta'a, kana ana Waaqayyoo Gooftaa maccaatu dubbate.“ Irra deebi'ee ammas kunooti.Biiftichi jabina ishee hundaan yommuu iftu. Oh,jabinni ifa ilma Waaqayyoo Baattuu ibsaawwan torban gidduutti yommuu ifu. Inni achittii, akka Abbaa firdiittii,Inni nuuf jecha cubbamee fi maskala irratti fannifame sun achitti dhaabbachaa jira.Inni firdii Waaqaummaa isa sodaachisaa of irratti fudhate. Adabbii Waaqayyoo ofii Isaatiif qofa fudhate. Akkuma kanaan dura tarreessinetti,warra cubbamaniif Sagaleen Isaa akka sagalee Fincaa'aa yookaan immoo qarqara galaanaa dhagaawaa ta'e irratti akka arraba danbalii du'aati.Garuu warra Qulqulluu ta'aniif, akkuma Kiristoosiin gammaddanii boqotaniitti,sagaleen Isaa akka faarfannaa bareedduu huursaa bishaaniiti.Xiyyaa jaalalaa ho'isaa Isaa nurra kaa'uudhaan, “Hin sodaatin, Ani Isa jiru, Isa ture, Isa dhufuuf jiru, Inni hundumaa danda'u, Ani Alfaa dha, Omeegaadhas. Anaan alatti eenyus hin jiru. Ani Alfaadhas Omeegaadhas, Hunduma Isaatiiti,” jedha. Inni lalisaa shaaroniiti,Isa ifaa fi Addeessa ganamaati. Kuma kudhan keessaa onnee kootiif Inn qulqulluu dha. Eeyyee, guyyaan guddaan sun cabsuudhaaf kan qophaa'ee fi Aduun qulqulluummaa Kola fayyisummaa Isaa wajjiin ni ka'a.

Dubbisaa macaafa... Mul'aticha Phaaximoos.


Malkiisedeq kun eenyu?

English Newsletter Site.

Macaafa Mul'ataa.

 
 

Waaqayyo fi Beekumsa. Index.
Tulluu Siinaa.

Sagalichi Jireenyaatti.
Kristos Sagalee Isaa
Keessatti Mul’ifama.

Wangeela.
Kristos cubbuu
keenyaaf du’eera.

Cuuphamaa.

 
 

Duumessoota waaqaa.

Utubaan ibiddaa.

Olbutamuu.

 

Mul’aticha
Yesuus Kiristoosi.

Bara dhumaa series.
Gaa’elaa fi
Gaa’ela Diiguu.

Dubartii Jeezebeel
Jedhamtu sana.

Mul'aticha Phaaximoos.

Daddarbaa Addaamii.
Firrii mukaa hin turre.
Sanyicha Bofaa.

Archaeology.
Sodoomii fi Gomoraa.

Bara Waldaa
Laa'odiiqeyaa.

Kiristoos waldaa ala
jira.


Macaafa Mul'ataa.
Continues on next page.
(Sanyicha Bofaa. Original Sin.)


Firdii
kennuudhaaf ija
baay'ee hoo'aa
ta'een Inni achitti
dhaabbachaa
jira.


  Macaafa Qulqulluu jedha...

Yommuun Isa arge akka nama du'ee miila Isaa jalatti nan kufe. Inni immoo harka Isaa mirgaa irra na kaa'ee, Hin sodaatin! inni duraa,Inni booddes ana. Inni jiraatus ana.

Takka illee du'een ture amma garuu kunoo baraa hamma bara baraatti jraachuuttan jira, Ameen;du'a irratti, balabala iddoo warra du'anii banuu irrattis Ani gooftummaa qaba.

Mul'ata Yohaannis 1:17-18.


Click on an image to download PDFs or fullsize picture.


He is the I am.

 

Christ. In the golden
candlestick.

Acts of the Prophet.

(PDF English)

The Two Babylons

by Rev Alexander Hislop.
(PDF English)

Mountainside and
rosebush in snow,
in China.

Lillies of Fire.

Pillar of Fire
- Houston 1950.

Light on pyramid
rock.


Message Hub...Choose your Language and download Free Messages from Brother Branham