Cuuphamaa.

next >>

  Kana Kristiyaana.

Karichi isa kana, isa irra adeemaa!

Isaayaas 55:6-7,
6 Yeroo inni argamuu danda'utti Waaqayyoon barbaaddadhaa! Utuu inni dhi'oo jiruus isa waammadhaa!
7 Namni jal'aan karaa isaa isa jal'aa haa dhiisu, namni hamaanis yaada isaa isa hamaa irraa haa deebi'u! Gara Waaqayyo keenyaa isa araarri isaa guddaa ta'eetti haa deebi'u, innis isa in maara.

Hundinuu yakkaniiru...

Roomaa 3:23,
Hundinuu yakkaniiru, ulfinni Waaqayyoos isaanitti hir'ateera.

Roomaa 3:10,
...Namni qajeelaan hin jiru, lakkii, tokko illee hin jiruu

Yaadadhu!

Luqaas 13:3
Waawuu, ani isinittan hima, hundumti keessan yoo yaada garaa keessanii geddarachuu dhaabaattan akkuma kanatti in dhumtu.

Hojii Ergamootaa 3:19,
Egaa yaada garaa keessanii geddaradhaa, inni cubbuu keessan akka isiniif haxaa'utti gara Waaqayyootti deebi'aa.

Mul’ata Yohannis 2:1,5,
Gara ergamaa waldaa Efesoonitti,...
Ammas maal irraa akka kufte yaadadhu! Yaada garaa kee geddaradhu, hojii isa dura hojjette sanas hojjedhu! Kana yoo gochuu dhaabaatte garuu, ani sitti dhufee, baattuu ibsaa keetii iddoo isaatii nan buta.

Mul’ata Yohannis 3:19,
Warran jaalladhu hundumaa balleessaa isaanii ittan mul'isa, barsiisuudhaafis nan adaba; ammas dhimmiitii yaada garaa kee geddaradhu!

tokko tokkon keessan maqaa Yesus Kristositti cuuphamaa...

Maarqos 16:16,
Namni amane namni cuuphames in fayya; namni hin amanne garuu itti in faradama.

Phexros Isa Duraa 3:21,
Kunis fakkeenya cuuphaa isa isin amma ittiin ooltanii ti; cuuphaan waan ittiin karaa du'aa ka'uu Yesus Kristos, yaada garaa nama hin ceephaane argachuudhaaf, Waaqayyotti himatanii dha malee, waan ittiin xurii dhagnaa dhiqatan miti.

Yohannis 3:23,
Yohannis immoo mandara Enon isa Saalemitti dhi'oo, iddoo bishaan baay'een argame sanatti in cuupha ture; namoonnis achi dhaqanii in cuuphaman.

Hojii Ergamootaa 8:36-39,
36 Utuma karaa sana adeemanii, bishaan tokko bira ga'an; namichi immoo Filiphosiin, “Bishaan kunoo ti, akka ani hin cuuphamneef maaltu na dhowwa?” jedhe.
37 [Filiphos yommus, "Garaa kee hundumaan yoo amanteef, siifin danda'ama" jedheen; kana irratti inni, “Yesus Kristos ilma Waaqayyoo akka ta'e nan amana” jedhee deebise.]
38 Namichi immoo konkolaatichi akka dhaabatuuf abboome; Filiphosii fi namichi bishaan keessa lixanii, Filiphos isa in cuuphe.
39 Bishaanicha keessaa yommuu ba'an, hafuurri gooftaa Filiphosin butee, fuudhee adeeme. Namichi deebi'ee isa hin argine; haa ta'u iyyuu malee, karaa isaa itti fufee gammadaa adeeme.

Saamu’el Isa Duraa 15:22,
...Kunoo, abboomamuun aarsaa irra caala; dhaggeeffachuunis moora korbeessa hoolaa dhi'eessuu irra in wayya;

Luqaas 24:45-49,
45 Ergasii macaafa haa hubataniif sammuu isaanii ibseef.
46 “Kritosichi dhiphachuuf, guyyaa sadaffaatti; du'aa ka'uuf akka jiru,
47 yaada garaa geddarachuunii fi dhiifamuun cubbuu maqaa isaatiin Yerusaalemii jalqabee saba lafa irraa hundumaatti akka lallabamuuf jiru, caafameera.
48 Isinis dubbii kanaaf dhuga-baatuu dha.
49 Kunoo isa abbaan koo isin abdachiise isiniifnan erga, garuu akka nama uffannaa guutuu uffatuutti waaqa irraa humna hamma argattanitti mandaricha keessa turaa” isaaniin jedhe.

Hojii Ergamootaa 2:36-39,
36 “Egaa Waaqayyo, Yesus isa isin muka irratti fanniftan kana gooftaadhaa fi Masiihii akka godhe, Israa'eloonni hundinuu utuu hin mamin haa beekan!” jedhe.
37 Namoonnis kana dhaga'anii garaan isaanii baqaqe; Phexrosii fi ergamoota warra kaaniin, “Yaa oboloota nana maal goonu ree?” jedhan.
38 Phexros immoo, “Yaada garaa keessanii geddaradhaa; cubbuun keessan akka isiniif dhiifamuuf, tokko tokkon keessan maqaa Yesus Kristositti cuuphamaa; kennaa hafuura qulqulluus in fudhattu.
39 Abdiin Waaqayyo abdachiise isinii fi ijoollee keessaniif, warra fagaatanii jiraataniif, Waaqayyo keenya gooftichi itti waamu hundumaafis” jedhee deebiseef.

Jarri kana dhaga'anii maqaa gooftaa Yesusitti cuuphaman.

Hojii Ergamootaa 8:14-17,
14 14Yommus ergamoonni Yerusaalem jiran warri Samaariyaa dubbii Waaqayyoo fudhachuu isaanii dhaga'anii, Phexrosii fi Yohannisin erganiif.
15 Isaan Samaariyaatti gad bu'anii, hafuura qulqulluu akka argataniif amantootaaf kadhatan.
16 Maqaa gooftaa Yesus duwwaatti cuuphamanii turan malee, hafuurri qulqulluun isaan keessaa nama tokko irratti illee hin buune.
17 Ergamoonni harka isaanii isaan irra kaa'an, isaan immoo hafuura qulqulluu argatan.

Hojii Ergamootaa 19:1-6,
1 Apholos amma illee Qorontos utuu jiruu, Phaawulos kutaa biyya gara olii keessa darbee, Efesoon dhufe. Achitti immoo bartoota gooftaa tokko argatee,
2 “Yeroo amantan hafuura qulqulluu fudhattaniittuu?” isaaniin jedhe. Isaan immoo, “Hafuurri qulqulluun akka jiru iyyuu nuyi hin dhageenye” jedhanii deebisan.
3 Kana irratti Phaawulos, “Yoos immoo isin maalitti cuuphamtan ree?” jedhe; isaan immoo, “Cuuphaa Yohannisitti” jedhan.
4 Phaawulos yommus, “Yohannis isa booddee isa dhufuuf turetti, kana jechuunis Yesusitti, akka amanan saba barsiisee, cuuphaa geddarannaa yaada garaa cuuphe” jedhe.
5 Jarri kana dhaga'anii maqaa gooftaa Yesusitti cuuphaman.
6 Yeroo Phaawulos harka isaa isaan irra kaa'etti hafuurri qulqulluun isaan irratti bu'e; isaan afaan hin beekamneen haasa'an, raajiis in dubbatan.

Hojii Ergamootaa 10:48,
Isaan maqaa Yesus Kristositti akka cuuphamaniif abboome;

Yohannis 3:3,
Yesus, “Dhuguma, dhuguman sitti hima, eenyu illee olii yoo dhalachuu dhaabaate, mootummaa Waaqayyoo arguu iyyuu hin danda'u” jedhee deebiseef.

Galaatiyaa 1:8,
Haa ta'u iyyuu malee, ani yookiis ergamaan waaqa irraa tokko, wangeela isa nuyi kanaan dura isinitti himnettii kan gargar ba'e yoo isinitti hime, abaaramaa haa 'ta'u!

Qorontos Isa Duraa 14:37,
Namni tokko, nama waan Waaqayyo isatti mul'ise himu yookiis nama kennaa hafuuraa argate yoo of se'e, wanti ani isiniif caafu kun abboommii isa kan gooftichaa ta'uu isaa haa beeku!

...kennaa Hafuura Qulqulluus in fudhattu.

Hojii Ergamootaa 1:4-5,
4 Isaanii wajjin utuu jiruus, “Abdii abbaan koo isiniif kenne, isa ani isinitti hime sana eeggadhaa malee, Yerusaalemii hin ba'inaa!” jedhee isaan abboome.
5 Itti dabalees, “Yohannis bishaaniin cuuphe, isin garuu guyyaa baay'ee utuu hin turin hafuura qulqulluudhaan in cuuphamtu” jedhe.

Hojii Ergamootaa 5:32,
“Nu immoo dubbii kana hundumaaf dhuga-baatuu dha, hafuurri qulqulluun, inni Waaqayyo warra isaaf abboomamaniif kennes, akkasuma dhugaa in ba'a” jedhan.

Yohannis 16:7-14,
7 Dhuguman isinitti hima, yoon adeeme isiniif wayya; yoon adeemuu dhaabaadhe inni isiniif dubbatu gara keessan hin dhufu; ani yoon dhaqe garuu isa isiniifan erga. 8 Inni yommuu dhufu waa'ee cubbuu, waa'ee qajeelummaa, waa'ee firdiis, biyya lafaa in hubachiisa.
9 Isaan waan anatti hin amanneef, cubbuu isaanii in argisiisa;
10 ani gara abbaa dhaquu kootiin isinis na arguu dhabuudhaan qajeelummaa koo in argisiisa;
11 isa biyya lafaa kana abboomutti faradamuu isaatiin, firdii in argisiisa.
12 "Ani waan baay'ee kanan isinitti himu illee qaba, ammaaf garuu baachuu hin dandeessan.
13 Hafuurri dhugaa sun yommuu dhufu, gara dhugaa hundumaa keessatti isin in geessa; inni waan dhaga'u dubbata malee, of keessaa fuudhee hin dubbatu; waan dhufuuf jirus isinitti in mul'isa.
14 Dubbii koo keessaa fuudhee waan isinitti mul'isuuf, inni anaaf ulfina in kenna.

Hojii Ergamootaa 1:8,
“Isin garuu, hafuurri qulqulluun yommuu isin irra bu'u, humna in godhattu; Yerusaalemitti, Yihudaa hundumaatti, Samaariyaatti, hamma andaara lafaattis dhuga-baatuu koo in taatu” isaaniin jedhe.

Roomaa 8:9-11,
9 Hafuurri Waaqayyoo yoo dhuguma isin keessa jiraate, isin akka fedha hafuuraatti malee akka fedha fooniitti hin jiraattan; namni hafuura Kristos of keessaa hin qabne, kan Kristos miti.
10 Kristos isin keessa erga jiraatee, dhagni keessan sababii cubbuutiif du'aa yoo ta'e iyyuu, sababii qajeelummaa argattaniif hafuurichi jireenya isiniif ta'a.
11 Hafuurri Waaqayyoo inni Yesusin warra du'an keessaa kaase, isin keessa yoo jiraate, inni Kristosin warra du'an keessaa kaase, hafuura isaa isa isin keessa jiraatuun, dhagna keessan isa du'us immoo in jiraachisa.

Hojii Ergamootaa 10:44-48,
44 Utuu Phexros dubbii kana itti himaa jiruu, hafuurri qulqulluun warra dubbicha dhaga'an hundumaa irratti bu'e.
45 Warra Yihudootaa keessaa amantoonni Phexrosii wajjin Yopheedhaa dhufan, kennaan hafuura qulqulluu saba Waaqayyoo warra hin ta'iniif kennamuu isaa arganii, akka abjuu ta'an.
46 Warri hafuura qulqulluu fudhatan sun utuu isaan afaan dur hin beekneen dubbatanii, guddina Waaqayyoos mul'isanii, isaan dhaga'an.
47 Phexros kana irratti, “Jarreen amma hafuura qulqulluu, akkuma nuyi argannetti argatan kun, akka hin cuuphamneef eenyutu bishaan dhowwachuu danda'a ree?” jedhe.
48 Isaan maqaa Yesus Kristositti akka cuuphamaniif abboome;...

Yohannis Isa Duraa 1:5-7,
5 Waaqayyo ifa; dukkannis matumaa isa keessa hin jiru; ergaan nuyi isa irraa dhageenyee isinitti himnus isuma kana.
6 Waaqayyoo wajjin tokkummaa qabna jennee dukkana keessa yoo deddeebine, in sobna; akka dhugaa sanaattis hin jiraannu.
7 Akka inni ifa keessa jiru, nuyis ifa keessa yoo deddeebine, nuyi walii keenyaa wajjin tokkummaa qabna, dhiigni ilma isaa Yesus immoo cubbuu hundumaattii nu qulleessa.

Ati immoo achuma dhaabadhuu Waaqayyo kee eegi... Amos 4:12

From the tract... Karichi isa kana, isa irra adeemaa!
by S.E. Johnson.


Malkiisedeq kun eenyu?

English Newsletter Site.

Macaafa Mul'ataa.

 
 

Waaqayyo fi Beekumsa. Index.
Tulluu Siinaa.

Sagalichi Jireenyaatti.
Kristos Sagalee Isaa
Keessatti Mul’ifama.

Wangeela.
Kristos cubbuu
keenyaaf du’eera.

Cuuphamaa.

 
 

Duumessoota waaqaa.

Utubaan ibiddaa.

Olbutamuu.

 

Mul’aticha
Yesuus Kiristoosi.

Bara dhumaa series.
Gaa’elaa fi
Gaa’ela Diiguu.

Dubartii Jeezebeel
Jedhamtu sana.

Mul'aticha Phaaximoos.

Daddarbaa Addaamii.
Firrii mukaa hin turre.
Sanyicha Bofaa.

Archaeology.
Sodoomii fi Gomoraa.

Bara Waldaa
Laa'odiiqeyaa.

Kiristoos waldaa ala
jira.

  Macaafa Qulqulluu jedha...

“Fayyinnis Yesus Kristos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru; maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta'u, waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin kennamne” jedhe.

Hojii Ergamootaa 4:12


Click on an image to download PDFs or fullsize picture.


Acts of the Prophet

(PDF English)

Chapter 8
Angel Appears

(PDF English)

Before...

After...

William Branham
Life Story.

(PDF English)

How the Angel came
to me.
(PDF English)


Message Hub...Choose your Language and download Free Messages from Brother Branham