Mul’aticha Yesuus Kiristoosi.


  Macaafa Mul'ataa.

Barsiifni waaqota sadii.


William Branham.

Dubbisaa macaafa...
Mul’aticha Yesuus Kiristoosi.

Mul'ata 1:4-6,
Ani Yohaannis waldoota Kiristaanaa torban kutaa biyya Asiyaa keessa jirtaniif kana caafuu kooti. Ayyaannii, nagaanis,waaqayyo isa jiru,isa turee, isa dhufuuf jiru biraa, hafuurota torban teessoo isa dura jiran biraa; Yesuus Kiristoos biraas isiniif haa ta'u, jedhee nagaa koo isiniif nan dhiyeessa. Yesuus Kiristoos dhugaa baatuu amanamaa dha,inni warra du; an keessaa angafa ta'ee kaafame, mootota lafa kanaas ni abbooma. Inni nu jaallatee, dhiiga isaa isa nuuf dhangala'een cubbuu keenya irraa nu fure. Isa mootummaadhaa fi Waaqayyoo abbaa isaatiif luboota akka taanu nu godhate sanaaf, ulfinnii fi aangoon bara hanga bara baraatti haa ta'u.

Mul'ata 1:8,
Waaqayyoo gooftichi, inni jiru,inni ture, inni dhufuuf jiru, Inni hundumaa danda'au, Ani Alfaa dha, Omeegaadhas jedha.

'Waaqayyo Isa jiruu', 'Isa ture', fi 'Isa dhufuuf jiru', fi 'Dhugaa baatuu amanamaa', akkasumas, 'Inni warra du'an keessaa angafa ta'ee kaafame', 'Mootota lafaas kan abboome', 'Inni jalqabaa fi dhumaa', 'ulfinnii fi aangoon Isaa baraa hanga baraatti kan ta'u', ibsaawwan kunniin hundi WAAQAYYOO Inni TOKKICHI, Inni Gooftichi Yesuus Kiristoos, Inni nu jaalate cubbuu keenya dhiiga dhuunfaa Isaatiin nurraa haqee, itti moggaafamuu fi ittiin waamamuu dha.

Hafuurrii Waaqayyoo inni Yohaannis keessa ture, waaqummaa olaanaa Yesuus Kiristoosii fi mul'ata tokkummaa waaqayyoo gadi fageenyaan ibsuuf ture. Yeroo ammaa garuu dogoggora guddaatu jira. Sababa kanaan bakka waaqa tokko ta'uu malutti sadi taasifamee jira. Mul'anniYohaannis kun akkuma Yesuus mataa Isaatiin keennameefitti, dogoggora sana sirreessee jira. Waaqota sadi kan jiran utuu hin ta'in, waaqummaan Inni Tokkichi haala sadihiin kan ibsamee dha. Waaqa TOKKO karaa Sadin, Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qulqulluudhaan moggaafametu jira. Waldaan isheen durii mul'ata olaanaa kana kan qabaatte yommuu ta'u, innummaan kunis bara dhumaa kana keessatti foormullaa bishaaniin cuuphamuu isa sirrii wajjiin dirqamatti deebi'uu qaba.

Warroonni barnoota amantaa baratan bara kanaa wanta Gaazexaa Kiristaanaa guddaa keessatti barraayee kana irratti ana wajjiin walii hin galan. “Barsiifni sun (waaqummaa sadeen) irraa sun dhimma ijoo bara kakuu moofaati. Hanga danda'meens bara kakuu haarawa keessattis dhimma Ijoo dha. Kakuu haarofti hanga danda'een kakuu moofaa wajjiin kan faalla'u yaada waaqota tokkoo ol jedhu irratti dha. Garuu kakuu haarofti qulqulluummaa wal qixaa wajjiin Abbaan waaqa ta'uu isaa, Ilmis waaqa ta'uu isaa, hafuurri qulqulluunnis waaqa ta'uu isaati fi Isaan sadeen kun amala sadeen nama Tokkoo UTU HIN TA'IN, namoonni sadii dhugaadhaan inni tokko kaan wajjiin walitti dhufeenya qabaachuu isaanii kan barsiisuu dha. Namoota Sadi garuu Waaqa Tokko barsiisa jedhu guddaa achii qabna.”

Akkasumas isaan, “Waaqayyoo, haala macaafa qulqulluutiin, Nama tokko qofa utuu hin ta'in waaqa Tokko keessatti namoonni sadi ni jiru. Inni kun icciitii guddaa waaqota sadeenii ti,” jedhanii kaa'u.

Dhugaa dha. Waaqa tokko keessatti akkamitti namoonni sadi jiraachuu danda'uu? Macaafni qulqulluun akkas jechuu dhabuu isaa qofa utuu hin ta'in, beekkumsa namaatiinis mirkanaa'uu dhabuu isaati. Namoonni gara gara ta'an sadi, garuu immoo qaama tokko kan qabantu waaqota sadi kan uumanii dha,yookaan immoo Afaan guutumaan guututti hiikkaa isaa dhabee jira.

Jechoota kana irra deebi'aa dhageeffadhaa mee, “Ani Alfaa fi Omeegaa dha, Isa jalqabaa fi dhumaati jedha Gooftaan. Isa jiru, Isa turee fi dhufuuf jiru, Inni Ulfaataan.” Kun waaqummaa dha. Kun salphumatti nama, raajii ta'ee miti.Inni kun waaqa. Kun mul'ata waaqota sadihii utuu hin ta'in, Waaqayyoo TOKKICHA Isa ulfaataati. Warri waldaa jalqabaa keessa turan, waaqota saditti hin amanan ture. Abboota durii keessatti amantaa akkasii argachuu hin dandeessan. Barri abboota erga darbeen booda ture Tiwooriin akkasii dhufee, Walga'ii Niqiin irratti dhimma ijoo sirna barsiisichaa kan ta'e. Sirni barsiisa waaqa Tokkoo walga'ii Niqiin irratti bakka lamatti qoodame.

Qoodamuu sana irraa kan ka'es gareen lama uumame. Gareen tokko,waaqota saditti amanuun gara Poolitizimitti yommuu deemu, kan hafan immoo gara waaqummaa Tokkootti deeman.Garuu yaadni kun yeroo itti aanu muraasa qofaaf ta'us, itti fufee hanga ammaa ni jira. Garuu mul'anni karaa Yohaannisin waldaaleedhaaf hafuuraan mul'atee, “Ani Gooftaa Yesuus Kiristoos dha, Ani immoo hunda Isaati. Waaqni biraa hin jiru,” kan jedhu ture. Chaaphaa Isaas mul'ata kana irra kaa'e.

Isa kana xiinxalaa: Abbaan Yesuus eenyu turee? Maatiyoos 1:18 keessatti, “Hafuura qulqulluun ulfooftee argamte,” jedha.Garuu Yesuus mataan Isaa waaqayyoo Abbaa Isaa akka ta'e himee jira. Waaqayyo Abbaanii fi Hafuura Qulqulluu Abbaan, akkuma yeroo hunda jechoota kana ibsinutti, Abbaa fi Hafuura Qulqulluu TOKKO taasisu. Sirriidhumatti TOKKO, kana ta'uu baannan Yesuus Abboota lama qaba jechuu dha. Garuu Inni fi Abbaan LAMA UTUU HIN TA'IN Tokko akka turan yesuus himuu isaa yaadadhaa.Inni sun waaqa TOKKO taasisa.

Inni kun seenaa fi caafataanis dhugaa ta'uu isaatiin, sadeen isaanii eessaa akka dhufan namootaaf dinqisiisaa dha. Walga'ii Niqiin bara 325 D.B taasifame keessatti inni kun hundee sirna barsiisa amantaa ta'e. Barsiifni waaqota sadii(gonkumaa caafataan kan hin deeggaramne) kun waaqolii hedduu Roomaanotaa irratti kan hundaa'e ture.

Warri Roomaanotaa waaqolii sagadaniif heddu qabu ture. Bakka isaanii bu'anii akka kadhataniifis warra du'aniif sagadu.Inni kunis waaqayyoolii duriif maqaa haarawaa kennisiisuuf tarkaanfi tokko kan turee fi kana irraa kan ka'e, qulqullaa'ota macaafa qulqulluu irratti hundaa'an akka qabaannu fakkeessuudhaaf ture. Kanaafuu, nuti bakka, Juuppitarii fi Veenasitti, Phaawuloosiin, Pheexiroosiin, Faaximaa, kiristoofarii fi kkk ni qabna. Amantaan waaqolii isaanii Waaqayyo Isa tokko wajjiin hojjachuu waan hin dandeenyeef, Isa bakka sadihitti qoqqoodan, abaabayyoota warra qulqulluu taasisan akkuma isaanis, abaabayyuu abaabilee isaani taasisanitti.

Yeroo sana irraayyuu eegalee namoonni waaqni tokko kan haala sadihhiin of ibse jiraachuu isaa dhadhabanii jiru. Akkaata macaafa Qulqulluutiinis waaqni tokko akka ta'e utuu beekanii,garuu isaan waaqni tuuta firiiwwanni akka ta'ee fi namoota sadi qulqullummaa wal fakkaatu qabaatanii hundi isaanii qixxeetti kan qoodaman Tiwoorii fakkeessuu uumuuf yaalaa jiru. Garuu mul'ata keessatti ifumatti Yesuus, “Isa jiru”, “Isa ture”, fi “Isa dhufuuf jiru”, akka ta'e ni hima. Inni “Alfaa fi Omeegaa”, dha, jechuunis, Inni A-Z yookaan immoo Inni hunduma. Inni ulfaataan, waanuma hunda. Inni lallisaa Shaaroniiti, Abaaboo lallisaa kan ta'e, Ifaa fi addeessa ganamaa kan ta'e, Inni dame qulqullaawwaa ta'e, Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qulqulluu kan ta'ee, Inni waaqa, ulfaataa dha. WAAQA TOKKO.

1 Ximootewoos 3:16 keessatti, “Nama waaqayyoo ta'uu keessa iyyuu dhoksaan guddaan akka jiru amanamaa dha; kanaafis, Inni foon uffatee mul'atee jira, Hafuurichi dhugaa galcheeraaf, ergamoota waaqayyootti argameera, saba biyya lafaa keessatti lallabameera, guutummaa biyya lafaa keessatti itti amanameera, ulfinaan ol fudhatameera jedhamee himameera.” Inni kun wanta macaafni qulqulluun jedhuu dha. Waay'ee namtichaa isa duraa, isa lammataa fi isa sadaffaa wanti dubbatu hin jiru. Waaqayyoo foon uffatee mul'ate jedha. WAAQA TOKKO. WAAQNI TOKKO ture sun fooniin mul'ate. Inni kun hunda ni fura. Waaqayyoo uumama namaatiin dhufe. Inni kun immoo waaqa BIRAA ISA HINTAASISU. INNI WAAQA TURE, WAAQA TOKKICHUMASANAS. Yeroosanasmul'atature, ammas mul'atuma. WAAQA TOKKO.

Mul'ata Inni ofii isaatiif kenne irratti hundoofnee duubatti gara macaafa qulqulluutti deebinee jalqaba Inni maal akka ture mee haa ilaallu. Inni Jahoovaan guddicha utubaa ibiddaatiin warra Israa'elotaaf of mul'ise dha. Ergamaa waadichaa ta'uun utubaa ibiddaa sana keessa jiraachuun Israa'eloota guyyaa guyyaan bulchaa ture. Bakka waaqeffannaatti duumeessa guddaa wajjiin dhufuuf ta'uu Isaa beeksise.Sana booda gaafa tokko qaama qulqulluu Isaaf qophaa'e keessaan dhalachuun of mul'ise. Waaqichi Inni dukkaana Israa'eloota gubbaa jiraachaa ture sun,amma immoo dukkaana foonii uffachuun namoota gidduutti argame. Garuu Inni WAAQUMA isa jiru ture.

WAAQNI KIRISTOOS KEESSA jiraachuu isaa macaafni qulqulluun ni barsiisa. Qaamni Yesuus ture. QAAMA Isaa keessatti guutummaan waaqayyoo ni jira ture. Kana caala wanti ifa ta'uu danda'u hin jiru. Eeyyen, icciitii dha.Garuu immoo dhugaa jiruu dha, ifaan ifatti taa'uu hin danda'u. Kanaafuu yeroo sanatti namoota sadi yoo hin turre, ammas namoota sadi ta'uu hin danda'u. WAAQA TOKKO: Waaqni Inni dura ture sun foon ta'e.

Yesuus, “Waaqayyoo irraa dhufe, deebi'ees gara waaqaa ni deema,” jedhe. Yohaannis 16:27-28 titti. Sirriidhumatti wanti raawwate sanuma. Karaa du'a, awwaala, du'aa ka'uu fi ol deemuu Isaatiin biyya lafaa irraa bade. Sana booda immoo Phaawulos karaa gara Damaasqoos irratti Isa argee, Innis Phaawulos dubbisee, “Saa'ol, saa'ol maaliif na ariitaa?”, jedheen. Phaawulosis deebisee, “Ati eenyu yaa Gooftaa?” Inni, “Ani Yesuus,” jedheen. Inni utubaa ibddaa, kan ija jaamsu ture. Akkuma deebi'ee nan dhufa jedhetti, deebi'ee dhufe. Garuma foon namaa uffachuu Isaatiin dura turetti deebi'e. Kun immoo sirrumatti wanta Yohaannis argee dha. Yohaannis 1:18, “Homtinuu takkaa waaqayyoon hin argine, ilma tokkicha abbaan hammatee ture sanatu, waay'ee isaa hiikee beeksise malee.” Hubadhaa Yohaannis Bakka teessoo Yesuus Hime. Harka Abbaa Isaa KEESSA ture.

Luqaas 2:11, “Har'a mandara Daawitiitti fayyisaan isiniif dhalatee jira, Innis Kiristoos Gooftichaa dha.” Inni Kiristoos ta'ee dhalatee guyyaa sadeettiin booda Yommuu kittaanamutti akkuma ergamaa ndursaisaanittihimetti, maqaan Yesuus jedhu moggaafameef. Anis Biraanhaam ta'ee dhaladhe. yommuu dhaladhutti garuu maqaa Williami natti kennan. Innis maqaan isaa kiristoos yommuu ta'uu garuu asitti immoo namootaan maqaan moggaafameef. Bakki bulti Isaa kan namootatti mul'achuu danda'e Yesuus jedhama ture. Inni Gooftaa Ulfinaa, fooniin kan mul'ate ture. Inni waaqa, Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qulqulluu dha. Inni kana hundumaa dha.

Dubbisaa macaafa... Mul’aticha Yesuus Kiristoosi.

Download (English)  Godhead Explained


Malkiisedeq kun eenyu?

English Newsletter Site.

Macaafa Mul'ataa.

 
 

Waaqayyo fi Beekumsa. Index.
Tulluu Siinaa.

Sagalichi Jireenyaatti.
Kristos Sagalee Isaa
Keessatti Mul’ifama.

Wangeela.
Kristos cubbuu
keenyaaf du’eera.

Cuuphamaa.

 
 

Duumessoota waaqaa.

Utubaan ibiddaa.

Olbutamuu.

 

Mul’aticha
Yesuus Kiristoosi.

Bara dhumaa series.
Gaa’elaa fi
Gaa’ela Diiguu.

Dubartii Jeezebeel
Jedhamtu sana.

Mul'aticha Phaaximoos.

Daddarbaa Addaamii.
Firrii mukaa hin turre.
Sanyicha Bofaa.

Archaeology.
Sodoomii fi Gomoraa.

Bara Waldaa
Laa'odiiqeyaa.

Kiristoos waldaa ala
jira.

Click on an image to download PDFs or fullsize picture.


Acts of the Prophet.

(PDF English)

The Two Babylons

by Rev Alexander Hislop.
(PDF English)

Mountainside and rosebush in snow, in China.

Lillies of Fire.

Pillar of Fire
- Houston 1950.

Light on pyramid
rock.

Yesuus kiristoos
Waaqa.
Jahoovaan Inni bara
kakuu moofaa,
Yesuus isa bara
kakuu haarawaati.


  Macaafa Qulqulluu jedha...

Yaa, Isra’el dhaga’l! Waaqqayyo gooftaan keenya Waaqqayyo isa tokkicha!

Seera Keessa Deebii 6:4



Message Hub...Choose your Language and download Free Messages from Brother Branham



Macaafa Mul'ataa.
Ilaalaa itti....
(Sanyicha Bofaa.)