Sanyii Jal'inaa.

<< prev

next >>

  Bara dhumaa series.

Bokkaa isaa warra qajeelotaa fi warra jal'ootaaf in roobsa.


William Branham.

Dubbisaa macaafa...
Sanyii Jal'inaa.

Waggaa lama booda holqan keessatti kadhadhu keessattin kadhadhan ture. Holqa keessatti awwaaraan laaqamee guyyaa tokko waaree booda achi keessaa ba'een Macaafa Qulqulluu lafa kaa'e, bubbeenis Ibiroota boqonnaa 6ffaa banee, innis immoo warri akkasii kun amantii irraa garagallan, deebi'anii yaada garaa isaanii geeddarachuudhaaf haareffamuu hin danda'an; isaan ofuma isaaniitii ilma Waaqayyoo deebisanii fannisaniiru, mul'inattis isa tuffachiisaniiru. Lafti bokkaa yeroo baay'ee irratti roobu dhugee, biqiltuu warra qotameefiif waa'ee baasu biqilchu eebba Waaqayyoo in argata. Qoraattii fi baalaan waraantee yoo baase garuu, abaaramuuf jedha malee homaa waa'ee hin baasu, dhuma irrattis in gubama kan jedhu ture. “Gaariidha, bubbeetu akka banamu godhe” jedheen yaade. Ammas bubbeen dhufee macaaficha bane, kunis yeroo sadiif ta'e. Sana booda,“Wanti kun keessummaadha” jedheen yaade.

Achumaanis ol ka'een , “Yaa Gooftaa, kutaa sana akkan dubbisuuf maalif bantee, ani... Yeroon irra gadi deemee dubbisu, 'Qoraattii fi baalaanwaraantee yoo baase garuu, abaaramuuf jedha malee, homaa dhimma hin baasu, dhuma irrattis in gubamaa'?” jedheen yaade. “Maaliif bakka sana naaf bante?”jedhee yaadee akkuman alaala ilaaluun...

Egaa, mul'anni kun hunduu dhiibbaa maarshii tokko malee gara namaa dhufu. Inni immoo Waaqayyoo dha. Argitanii? Ilaalees, lafti fuula koo duraa utuu isheen jijjiiramtuu nan arge, itti fufees waan akka saanii wayii taate tokko ol gubbaatti nan arge. Namicha wayyaa adii uffatee qamadii facaasu tokkos nan arge. Erga inni deemee hundee lafaatti dhokatee booddee, namichi sodaachisaan wayyaa gurraacha uffatu dhufee sanyii inkirdaadaa laficha hundumaa irratti facaase. Isaan lamaanuu walii wajjin biqilan. Yeroo biqilanittis lamaan isaanii waan dheebotaniif bokkaa isaan barbaachise. Tokkoon tokkoon isaaniis mataa gadi qabatanii, “Yaa Gooftaa, rooba nuuf ergi, rooba nuuf ergi” jedhanii kadhatu turan. Achumaanis duumessi guddaan tokko dhufee, bokkaanis lamaan isaanii irratti robe. Yeroo inni roobettis qamadii isheen xiqqoon u-utaaltee, “Gooftaa si haa galatu! Gooftaa si haa galatu!” jechuu jalqabde. Inkirdaadi isheen xiqqoonis bukkeedhaan u-utaaltee yeroodhuma sanatti, “Yaa Gooftaa si haagalatu! Gooftaa si haa galatu” jechuu jalqabde.

Egaa yeroo sanatti hiikkaan isaa kennameera. Bokkaa isaa warra qajeelotaa fi warra jal'ootaaf in roobsa. Hafuurri tokkichi gubaa'ee irra bu'ee hundumtuu ittiin gammaduu danda'u; inni of tuulaan, kristaanni, namni hundinuus ittiin gammaduu danda'a. Dhugaadhumatti sirrii dha. Garuu inni maali laata? Ija hojii isaaniiitiin isaan in beektu. Hubattanii? Karaan ittiin isa beekuun danda'amu tokkichi isa kana.

Amma egaa isa kana isinuu beektu, iji margaa, yookiin inkirdaadi yeroo tokko tokko sanyii midhaanii isa dhugaa, isa baramaa wajjin wal fakkaachuu irraan kan ka'e hamma warra secha'aman wallaalchisuutti in ga'a. Bara lakkaa'amu keessa, yeroo waa'een waan kanaa itti lallabamuu fi itti dubbatamuu qabu keessa jirra jedheen yaada.

Hubadhaa, lakkoofsa 41 keessatti, lamaan isaanii baay'ee wal in faakkaatu, bara dhumaatti hamma inni... hin goonetti. Inni isaan gargar baasuuf Waldaa murtoofte tokko Metedistii, yookiin, Baaptistii, yookiin,Pheenxeqoosxaalii jedhee isaan kana irratti hin hundaa'u. Inni, “Ani ergamoota koo nan erga, isaanis gargar in fo'u” jedhe. Ergamaan gargar fo'uuf dhufaa jira, isa gaarii fi isa gadhee gargar baasuuf dhufa. Isa kana ergaamaa Gooftaa malee eenyu iyyuu gochuu hin danda'u. Kan isa gadhee fi isa gaarii himuuf jiru isa qofaadha. Waaqayyo ergamoota isaa bara dhumaa jala akka ergu dubbateera. Ergamoonni asiin gadi dhufu miti, ergamoota bara dhumaatti dhufanii walitti qabanii dha malee. Yeroon itti midhaan walitti qaban ga'aa akka jiru in beekna. Egaa, ergamaan lafa irraa (Messanger), ergamaa Waaqa irraa (Angel) tti in hiikama. Amma egaa kan nuyi ilaallu ergamoota torban waldaa torbanitti ergamanii... lakki, bara waldootaa keessa malee.

Inni sanyii facaasu eenyuu akka ta'e isa inni dubbate, akkasumas sanyichi maal akka ture hubadhaa. Namni sanyicha faacaasu ilma Waaqayyooti, isatu sanyicha facaasuuf ba'ee deeme. Diinni inni seexana ta'e immoo isa boodaan dhufee sanyii isa faallaa sana sanyii isa sirrii sana irratti facaase. Egaa firoota koo inni kun erga biyyi lafaa kun uumamee jalqabee baroota keessatti ta'aa ture. Jalqabaa jalqabee haaluma wal fakkaatuun raawwachaa ture.

----
Inni sanyii faallaa sana jalqabatti facaase “seexana” jedhame akka mogga'e in yaadanna, innis immoo Uumama boqonnaa 1 keessatti akka ta'e in beekna. Amma as baanee Maatewos boqonnaa 13 keessattis kan arginu Yesuus waan sagalee isaatti faallaa ta'een “Seexana” jedhee moggaase. Bara 1965 kanattis wanti hamaa facaasu, wanti faallaa sagalee Waaqayyoo facaasu, yookiin hiikkaa ofii isaa isatti kan kennu, sanyii isa hamaa sanaati. Waaqayyo isa kana hin simatu. Inni waliin hin maku. Inni dhugaadhumatti isa kana hin godhu. Inni akka ija sanaaficaati; inni waan biraa wajjin wal makuu hin danda'u, isa diqaalomsuu hindandeessan, inni isa dhugaa mudaa hin qabne sana ta'uuf jira. Sanyii jallinaa!

Egaa yeroo Waaqayyo sanyii isaa iddoo Dhaabaa Eedenitti facaasetti, sanyichi Abeeliin akka bakka buufate in argina. Garuu yeroo Seexanni facaasetti inni Qaayiniin ta'ee dhalate. Inni tokko isa qajeelaa ta'ee dhalate, inni kaan immoo isa qajeelaa hin ta'in ta'ee dhalate. Sababii Hewaan sagalee Waaqayoo dhaggeeffachuu dhiiftee sagalee isa hamaa sanaa dhaggeeffatteef kubbaan cubbuu achitti darbatamee hanga har'aattis konkolaataa jira. Egaa hamma ergamaan Waaqayyoo dhufee gargar fo'ee, Waaqayyo ijoollee isaa mootummaa isaatti galchee, inkirdaada immoo ibiddatti naquutti guutummaatti isa keessaa ba'uu hindandeenyu. Muka Wayinii sana lamaan qalbeeffadhaa.

Hubadhaa, sanyiin sun lamaan akkuma Waaqayyo dubbisa keenya har'aa Maatewos 13 keessatti, “Walumaan haa guddatanii dhiisaa” jedhee dubbate kanatti isaanis walumaan guddatan. Egaa Qaayin gara biyya Nood jedhamuu deemee haadha manaa in fuudhe; Abeel waan ajjeefameef Waaqayyo Sheetiin kaasee iddoo Abeeliinin buuse. Achumaan dhaloonni sirrii fi sirrii hin ta'in sosochii jalqaban. Egaa kan nuyi arginu, tokkoon tokkoon isaanii yeroodhaa gara yerootti wal gurmeessaa kan dhufanii fi Waaqayyos... Waaqayyo hamma isa balleessuutti ga'utti isa abaare.

Garuu sanyiin lamaanuu, sanyiin jal'inaa fi sanyyiin inni kan Waaqayyoo hoogganaa isaanii isa dhugaa bakka buufatan. Innis immoo Yihudaa nama biyya Keriyotii fi Yesuus Kristoosiin durfamuu jalqaban. Inni sanyii Waaqayyoo waan ta'eef jalqaba uumama Waaqayyoo ture, inni Waaqayyoon ture. Yihudaan immoo ilma badiisaa ta'ee dhalate, si'oolii dhufee si'oolitti deebi'e. Yesuus Kristoos Ilma Waaqayyooti, inni sagalee waaqayyootu mul'ate. Yihudaan faallessuu isaatiin sanyii seexanaa ta'ee gara biyya lafaa dhufe gowwomsaadhaaf; akkuma abbaa isaa isa jalqabaa, akkuma Qaayin.

Yihudaan waldaadhaan taphate. Inni dhugaadhumatti garaa irraa fudhatee amantii hin qabaanne. (Inni raawwatee Yesuusiin hin ganne.) Garuu hubattanii,inni sanyii jal'inaa sana facaase. Inni biyya lafaa wajjin firoomee horii argachuu, akkasumas Yesuusitti firoomuuf yaade, garuu yesuusittii froomuuf baay'ee isatti barfate. Yeroo sa'aatiin du'aa dhuftetti, yeroo waan hamaa sana raawwate sanatti, inni sarara dura deemuu fi duubatti deebi'uu sana qaxxaamure. Akkuma gowwomsituutti karaa barbaade irra deeme. Inni sanyii jal'inaa sana facaasuudhaan dhaabbilee amantii yeroo sanaa warra ta'an Fariisotaa fi Saaduqoota irraa faayidaa argachuu barbaade. Inni horii wayii fudhatee namoota keessatti beekamtii argachuu barbaade. Namoonni baay'een utuu isa jal'aa sana keessa galee nama irraa faayidaa barbaaduu dhiisee! Mee kottaa faayidaan nuyi argannu nama irraa utuu hin ta'in Waaqayyoon irraa haa ta'uu. Garuu Yihudaan yeroo hammeenyi isaa mataatti ol ba'etti isa kana godhe.

Egaa Yesuu Sagalicha akka ture in beekna. Wangeela Yohaannis boqonnaa 1 keessatti, “Sagalichi waan hundumaa dura ture; sagalichi Waaqayyoon bira ture; sagalichi ofii isaa Waaqayyoon ture. Sagalichi nama foonii ta'ee nu gidduus buufate” jedha. Sagalichi sanyii ture, sanyichis foon uffatee nu gidduu buufate.

Yihudaan sanyii diina isa hamaa sanaa yoo ture, innis immoo foon uffatee nama Yihudaa biyya Keriyot ta'ee nu gidduu in buufata jedhuudha. Inni raawwatee amantii dhugaa hin qabu ture. Inni waan yaada isaatti amantii dha jedhee fudhate qaba ture. Amantiin akka kanatti qabaatamu amantii namtolchee jedhama. Amantiin inni dhugaan kan Waaqayyoo Waaqayyoon amanuudha, Waaqayyo immoo sagaleedha, isattis immoo gonkumaa waa dabaluun hin danda'amu. Kitaabni Qulqulluun akka nutty himutti yoo jecha tokko isatti daballe, yookiin jecha tokko isa irraa hir'ifne ga'een keenya Macaafa Jireenyaa irraa akka hir'ifamuudha. Ximura boqonnaa kan ta'e mul'ata 22:18 dubbifadhaa.

Jaqaba jalqabaatti, jalqaba Macaafa Qulqulluu irratti Waaqayyo sagalee isaa tokko akka hin cabsine isaanitti hime, “Sagalee koo hundumaa eegaa” isaaniin waan jedheef sagalee sanaan jiraachuun dirqama isaanii ture.Yesuus Walakkeessa Macaafichaatti, bara isaatti dhufee, “Namni buddeena duwwaadhaan hin jiraatu, dubbii afaan Waaqayyoo keessaa ba'u hundumaan malee”jedhee dubbate. Bara xumuraa mul'ataatti immoo dursee akka nutti dubbatetti, “Eenyu illee waan macaafa kana keessatti dubbatame irratti sagalee tokko yoo dabale ga'een isaa Macaafa Jireenyaa irraa in fudhatama” jedheera.

Kanaafuu wanti gaaddidduu nutti ta'u hin jiru, inni tokkicha isa dhugaa sagalee Waaqayyoo isa makaa hin qabneedha! Innis immoo ilmaanii fi intaloota Waaqayyoo warra akka fedha namaatti, yookiin harka fuudhaa namaatiin,yookiin cuuphaa waa'ee hin baafneen utuu hin ta'in Hafuura Waaqayyoo isa ta'e Hafuura Qulqulluutti dhalatanii sagalichi isaan keessaan yummuu mul'atuudha. Sanyiin Waaqayyoo inni mudaa hin qabne isa kana!

Diinni Waldaatti hidhatee seera Ortodoksii, yookiin waan biraa ta'ee dhufee of mul'ise. Garuu... hin taane. Inni kun hammeenya, innis immoo wanta sagalee Waaqayyoo isa dhugaa mudaa hin qabne gidduu galee kan dabsuu dha. Akkamittiin beeknaree? Nuyi, “Gaariidha, isaan sirriitti hiikuu kee dhaaree?” in jedhu. Lakkii obboo! Namni kam illee sagalee Waaqayyoo hiikuudhaaf mirga hin qabu. Inni ofii isaatii isa in hiika. Waan abdachiise tokko yummuu raawwatutti, hiikaan sagalee isaatii isa raawwatame sana egaa. Waa yeroo dubbatutti, inni isa dubbate sana in raawwata, hiikaan sagalichaa egaa isa raawwatame sanadha. Wanti sagalee Waaqayyoo faallessu kam iyyuu jal'ina! Dhugaadha!

Egaa, akkuman dubbadhe, Yihudaan amantii isa dhugaa hin qabu. Inni amantii namtolchee qaba ture. Inni amantii yaadaa kan ani ilma waaqayyooti jedhu qaba ture, garuu ilma Waaqayyoo ta'uu isaa hin beeku. Inni isa beekuu hin dandeenye. Namni sagalee Waaqayyo irratti walii galee dhugaadha jedhee amanu hunduu amntii namtolchee qabaachuu isaati. Garbichi Waaqayyoo inni dhugaan garuu sagalicha irratti cichee in jiraata.

Dubbisaa macaafa... Sanyii Jal'inaa.


Malkiisedeq kun eenyu?

English Newsletter Site.

Macaafa Mul'ataa.

 
 

Waaqayyo fi Beekumsa. Index.
Tulluu Siinaa.

Sagalichi Jireenyaatti.
Kristos Sagalee Isaa
Keessatti Mul’ifama.

Wangeela.
Kristos cubbuu
keenyaaf du’eera.

Cuuphamaa.

 
 

Duumessoota waaqaa.

Utubaan ibiddaa.

Olbutamuu.

 

Mul’aticha
Yesuus Kiristoosi.

Bara dhumaa series.
Gaa’elaa fi
Gaa’ela Diiguu.

Dubartii Jeezebeel
Jedhamtu sana.

Mul'aticha Phaaximoos.

Daddarbaa Addaamii.
Firrii mukaa hin turre.
Sanyicha Bofaa.

Archaeology.
Sodoomii fi Gomoraa.

Bara Waldaa
Laa'odiiqeyaa.

Kiristoos waldaa ala
jira.

  Macaafa Qulqulluu jedha...

Lafti bokkaa yeroo baay'ee irratti roobu dhugee, biqiltuu warra qotameefiif waa'ee baasu biqilchu eebba Waaqayyoo in argata.

Qoraattii fi baalaanwaraantee yoo baase garuu, abaaramuuf jedha malee, homaa dhimma hin baasu, dhuma irrattis in gubama.

Ibroota 6:7-8


Click on an image to download PDFs or fullsize picture.


Acts of the Prophet

(PDF English)
 

Gaa’elaa fi
Gaa’ela Diiguu.
(PDF)

William Branham
Life Story.

(PDF English)

How the Angel came
to me.
(PDF English)




Message Hub...Choose your Language and download Free Messages from Brother Branham