Waaqayyicha bara hamaa si’anaa.

<< prev

next >>

  Bara dhumaa series.

Kristosiif Misirrottii waamaa jira.


William Branham.

Dubbisaa macaafa...
Waaqayyicha bara hamaa si’anaa.

Egaa, mata dureen koo ganama kanaa: Waaqayyicha Bara Hamaa Si'anaa, kan jedhu dha. Akkuma kutaa Macaafaa irraa dubbifannetti, “Waaqayyicha bara si'anaa, bara hamaa si'anaa” jedha. Egaa, Ergaan kun hammina bara hamaa si'anaa kan ibsuu fi raajii bara hamaa kanaaf dubbatame kan ibsuu dha. Akkan amanutti hundumtuu... Macaafni Qulqulluun bara hundumaaf deebii qaba, amana bara sanaatiif deebiin durumaan Macaafa Qulquluu keessatti caafameera. Wanti nu barbaachisu hunduu, kan asitti barreeffamee jiru hiikkaa Hafuura Qulqulluu akka barbaachusu nan amana. Namni lafa kana irra jiraatu, abbaan fedhe lafaa ka'ee hiikaa Sagalee Waaqayyoo yoo lafa kaa'e, ani isatti hin amanu. Hiikkaa Sagalee isaatiif Waaqayyo eenyuun iyyuu hin barbaadu. Inni ofuma isaatii isa in hiika. Kana akka godhu immoo dubbateera, in godhas.

Yeroo baay'ee akkuman dubbachaa turee dha. Inni, “Durbi in ulfoofti” jedhe, Inni karaa afaan raajiitiin dubbate, isheenis in ulfoofte. Namni sagalee sana hike hin jiru. Jalqaba irratti, Inni, “Ifti haa ta'u” jedhe, innis in ta'e. namni sagalicha hike hin jiru. Inni, “Bara gara dhumaatti Hafuura koo foon qabeessa hundumaa irratti nan dhangalaasa” jedhe, kanas in godhe. Hiikkaa sagalee kanaatiif nama kam iyyuu hin barbaachisu. Inni, “Bara dhumaatti, wantoonni kun, (Waan amma ta'aa jiru, isa ija keenyaan argaa jirru), in ta'u” jedhe. Hiikkaa kamiin iyyuu hin barbaachisu. Inni durumaan hiikameera. Hubattanii?

Amma sagalee Waaqayyoo waan qo'annuuf, sirriitti na duukaa bu'aa. Waaqayyicha bara hamaa si'anaa, isa kan bara amma keessa jiraachaa jirruu. Tarii keessummaa wayii fakkaachuu danda'a, bara ayyaana argachuu kana keessa, kun waan baay'ee keessummaa ta'ee dha, yeroo, “Waaqayyo namoota isaa maqaa isaatiif jedhee ofitti fudhaa jirutti,” isaanis immoo Misirroo isaa bara hamaa kana keessa waamaa waan jiruuf, barri kun bara hamaa jedhamee waamamuu qaba. Barri, “Waaqayyo saba isaa maqaa isaatiif jedhee waamu,” barri inni ayyaana isaatiin isaan baasu, bara hamaa jedhama. Barri Inni waa'ee isaa dubbate kun bara kana ta'uu isaa, Macaafa Qulqulluutiin mirkaneessuu dandeenya. Bara hamaa akkasii keessa Waaqayyo Misirroo isaa waama jedhanii yaaduun, waan baay'ee keessummaa ta'ee dha.

Qalbeeffadhaa, Inni, “Saba isaa” jedhe malee, “Waldaa isaa” hin jenne. Maaliif? Hanga ammaatti Waldaa jedhamee waamama, Inni garuu, “Saba isaa” jedhee in waama. Egaa amma, Waldaan walitti qabama saboota garaa garaa hundumaati. Garuu Waaqayyo as irratti waldaa isaa duwwaa waamaa... Inni, “Ani Metedistii, baaptistii, Pheenxeqoostaaliin waama” hin jenne. Inni saba isaa akka waamu dubbate. maaliif jedhee? Maqaa isaatiif jedhee. Hubadhaa, saba isaa jechuun isaa; tokko metedistii irraa, tokko Baaptistii irraa, tokko Luuteraanii irraa, tokko kaatolikii irraa jechuu isaati. Hubattanii?

Garuu inni garee Waldaa tokkoo waamaa hin jiru, garuu, “Saba isaa maqaa isaatiif jedhee,” nama maqaa Isaa fudhatu, nama maqaa Isaatiin kaadhimamee guyyaa cidhaatti isatti heerumee, durumaan yaada isaa keessa jiraachuu isaatiin bu'aa dhagna isaa ta'u waamaa jira. Egaa akkuma dubartiin dhiirri jireenya isaa keessatti wajjin jiraachuuf filatu, akka dhagna isaatti muudamtuuti. Kanaaf, Misirroon Kristos fuuldurattis, ammas, dur irraa jalqabdee, bu'aa dhagna sanaa ta'uudhaaf Waaqayyoon muudamteetti. Hubattanii? Oo, Caaffanni Qulqulla'aan badhaadhaa dha, dammaan kan guutee dha!

Qalbeeffadhaa, waan namni jedhu, waan namni waamu miti; garuu waan Waaqayyo uumamuu biyya lafaatiin dura fo'atee, namoota sana bara dhumaa kana jala waamaa jiruu dha malee; Jaarmiyaa amantii miti. “Maqaa isaatiif jedhee Saba isaatiif in dhimme.” Barri hamaan kun, barri wallaalchisaan kun immoo, bara Inni maqaa isaatiif jedhee saba isaatiif dhimmaa jiru kana dha.

Torban darbe Maatewos 24 keessatti akkuma waliin ilaalle, baroota jiran keessaa barri kun bara baay'ee wallaalchisaa ta'ee dha. Bara hundumaa irra wallaalchisaa dha, Iddoo dhaabaa Eeden irraa jalqabee, baroota hundumaa keessaa, barri akka bara kanaa wallaalchisaa ta'e hin argamne. “Raajinni sobduun ka'anii milikkitaa fi dinqii in hojjetu, yoo isaaniif danda'ame warra fo'aman iyyuu in wallaalchisu.” Hubattanii? Egaa, Waldaa ishee diilallooftuu, ishee akka seeraatti bultu, ishee seera qabeettii fi waan kana fakkaatan of gootu, ishee tiyooloojii nam tolcheedhaan geggeeffamtu miti; fo'amuun raawwaatee warra akkasiitiif xiyyeeffannoo hin kennu. Jecha Sagalee tokkittii dhiisuun guutummaa isaa dhiisuu dha. Barri kun kan abdachiifamee dha; bara baay'ee guddaa dha! Kristaanotaa, bakka jirtan hundumaatti, sa'aatii amma keessa jiraachaa jirrutti of eeggadhaa! Yaadannoo qabachaa, dubbisaa sirriitti na dhaggeeffadhaa.

Waaqayyo maaliif bara hamaa si'aanaa kana keessa saba isaa waama, maqaa Isaatii fii? Sababiin isaa, Misirroo Isaa qoruuf jedheeti. Isheen...Isheen yummuu qoramtee, qormaata sana jala dabartu, yummuu Seexanaan qoramtee qormaata sana dabartutti, isheen mul'inatti in argamti. Akkuma jalqaba ture, gra dhumaattis in ta'a.

Akkuma sanyiin lafa keessatti jalqabee guddatee, baattuu lubbuu ta'ee guddatee, garuu immoo xumura irratti sanyiidhuma isa lafatti darbatame ta'ee argamuu ti. Haaluma kanaan, sanyiin wallaalchisaa lafa Eeden keessatti akkuma faca'e, bara dhumaa kanattis haaluma kanaan in xumurama. Wangeelli akkuma Niiqeyaa, Roomitti garee amatii tokkoon faca'e, akkasuma garee jaarmiyaa amantii guddaa tokko keessatti in xumurama. Akkuma sanyiin Waldaa duuba iddoo sanatti milikkita, dinqii fi Kristos isaan keessatti argamuudhaan facaafame, bara dhumaa kanattis Miilkiyaas boqonnaa 4 jalatti in xumurama, inni amantii abbootaa isa jalqabuma kenname sana iddootti in deebisa.

Amma kan ilaallu,barri hamaan kun Seexanaan qoramee kan injifatu dha, Isheen akka Hewaan miti, lakki, isheen dubartii akkasii miti. Akkuma Misirriin Addaam Sagalee Sagalichaan qoramte, Misirroon Isaas Sagalee Isaatiin qoramti. Misirroon Addaam sagalee isaa hundumaa amntee turte, garuu abdii abdachiifame tokkotu wal ishee dha'e, innis, “Inni kaleessas, har'as bara baraanis isa jaraataa dha” isa jedhu ture. Bara har'aas hubadhaa, waan abdachiifaman tokko irraanfatanii qorumsaan fuulaa fi fuulatti diina jala of galchan. Egaa amma, namoonni maqaa Isaatiif jedhamanii waamaman Misirroo Isaati. Isheen ammas deebitee karaadhuma isa duraa dhufuuf jirti; karaa dhugaa dame amantiitiin yookiin, karaa waan biraatiin miti, dubbii Sagalee isaa hundumaan malee!

Jalqaba Macaafa Qulqulluu keessatti, namni ittiin akka jiraatuuf, Waaqayyoo Sagalicha isaaf kenne. Namni seexana jedhamu, nama bineensa fakkaatu kan Bofa jedhamu keessa goree, Sagalee tokko hiika isaa jallise. Seexanni nama kana keessa goree Hewaanitti haasa'uu danda'uu isaattin, Sagalicha karaa malee isheedhaaf hiike, isheenis in kufte. Hubadhaa, dubbii Sagalee hundumaa ta'uutu irra jiraata.

Walakkeessa Macaafa Qulqulluutti immoo Yesus yummuu seexanaan qorametti, “Namni buddeena qofaadhaan hin jiraatu, dubbii afaan Waaqayyoo keessaa ba'u hundumaan malee” jedhe, Egaa amma, Waaqayyo bara dhumaa kanatti, “Waaqayyichi bara si'anaa, bara dhumaa kana keessa in ka'a” jedhee nutty dubbachaa jira. “Eenyu illee yoo fidala tokko itti dabale, yookiin fidala tokko yoo irraa hir'ise, qoodni isaa macaafa jireenyaa irraa duraa in fudhatama.” Waaqayyo nutty haa araaramu! Kottaa akka shamizii qoma nama qabee, akka waan hundumaa beeknuutti qoma keenya dhiibaa hin deemnuutii, nuyis yeroo ta'e tokko abboomamuu diduu jala turre waan ta'eef. Kottaa ayyaanaa fi aaraara garaa keenyatti qabanee, gadi of deebisuudhaan gara Teessoo Ayyaana Waaqayyootti in dhi'aannaa.

Egaa wanti keessummaan amma, waggoota dhibba kudha sagaliif Wangeelli erga lallabamee booda, amma Isheen, Sirni Biyya lafaa kun, yeroo Inni biyya lafaa kana irra ture caalaatti hamtuu taateetti. Sirni biyya lafaa kanaa hamaa dha. Biyyi lafaa fiixee isa guddaa irra ga'aa jirti. Isa kana isinuu beektu. Gooftaan Sagalee Isa agama hundumaan fiixaan baasuutti jira.

Mul'ata 18:4-5,
4 Ergasiis sagalee biraa tokko waaqa keessaa nan dhaga'e; innis, “Yaa saba ko! Cubbuu ishee keessaa akka hin qabaanneetti, dha'icha ishee irraas akka hin hirmaannetti, kottaa, ishee keessaa ba'aa!
5 Cubbuun ishee hamma bantii waaqaatti ol tuulameera, Waaqayyos jal'ina ishee hundumaa yaadateera;

----
Maal akeekkachiisi akkasii! Inni kun dhugaadhumatti duubee deebisee Waldattii Mul'ata 3:14 tti darbata, gara bara Laa'odiiqeyaa warra seera malee jiraataniitti; dhugaatti nama amantii qabu of se'u, garuu seera malee jiraatu. “Ati, 'Ani sooressa, geessifadheera, wanti ana barbaachisu hin jiru' in jetta; ati nama gadadamaa namni boo'uufiin ta'u, deegaa, jaamaa, qullaas ta'uu kee hin beektu.” Guutummaadhumatti Caaffanni kanaaf caafamee dha, caaffata bara Daani'eeliif caafame mit, isa maqaa... bara Nohiif caafame miti, bara dhumaa kanaaf, bara hamaa kanaaf kan caafamee dha malee. Asitti qalbeeffadhaa, “Ati qullaa dha.” Mee kaanee isa kana keessa gadi fageessinee haa jiisnu. Tarii yaada kana irratti wal dhabdee baay'een akka uumamu nan beeka, garuu iddoo itti kristaanni tokko mana isaatii ba'ee fuula bara hamaa kana dura, dubartoota wayyaa akka baraachisutti hin uffaneef jecha manaa ba'ee deemuu itti dadhabu irra geenyeerra.

Dubartootaa, waan kana dubbachuufan deema, akka isin na dhaggeeffattanis nan barbaada. Warri dhiiraas, warri dubartootaas, tarii isa kanaan mormuu dandeessu ta'a, garuu isa akkan dubbadhuuf keessa kootii na dhiibaa jira. Dubartiin akka kanatti uffattee deemtu sammuun ishee sirrii akka hin taane beektuu? Yoo amantes, yoo amanuu baattes, yookiin yoo yaaduu dhaabaattes, isheen ejjituu ta'uu ishee beektuu? Dubartiin akkasii tokko tarii fuula Waaqayyoo dura dhaabattee, abbaa manaa isheetiin ala raawwattee nama kan biraa wajjin akka hin jiraanne jettee yoo dubbatte, tarii inni kun amanamummaa dhugaa isheen qabdu ta'uu danda'a, haa ta'u malee isheen amma iyyuu ejjituu dha. Yesu, “Namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera” jedhe. Dubartiinis tarii...

Hubadhaa, Macaafni Qulqulluun akkauma dubbatu, “Isheen qullaadha, qullaa ta'uu ishee immoo hin beektu.” Hafuurri waan akkasii akka isheen gootuuf ishee dibe, hamaa dha; inni hafuura ejjaati. Bakkeen ishee, qaamni ishee alaan mul'atu, foonni ishee, tarii qulqulluu ta'uu danda'a. Isheen tariin nama takkaa hin ejjine taatee, isa kana immoo dhugummaa isaa Waaqayyotti himuu dandeessi, garuu hafuurri ishee hafuura ejjaati. Isheen waaqa faashinii biyya lafaa kanaan jaamteetti; isheen akka nama ofitti hawwattutti uffattee bakkee keessa deemti.

----
Namummaan inni gara alaa qaama mu'ataa isa qaamota miraa ja'aniin...yookiin, shananiin to'atamuu dha; isaanis: ilaaluu, dhandhamuu, qaqqabachuu, fuunfachuu fi dhaga'uu dha. Namummaan inni keessaa, namummaa hafuuraa isa qaamota miiraa shananiin to'atamu dha; qaamonni miiraa kunis: ceephoo, jaalalaa fi kanneen biroo dha. Garuu keessa namummaa hafuuraa sana keessa kan jiru lubbuu yoo ta'u, innis waan tokkoon kan to'atamu dha; wanti tokkichi sunis fedhii walabawaa keessaniiti. Waan seexanni jedhu fudhachuu dandeessa, yookiin, waan Waaqayyo jedhu fudhachuu dandeessa. Kun immoo hafuurri maalii akka achi keessa jiru kan murteessu dha. Hafuura Waaqayyooti yoo ta'e, inni wantoota Waaqayyoo irraa in soorata, waan biyya lafaa irraa waan tokko illee hin sooratu. Yesus, “Biyya lafaa yookis waan biyya lafaa kan jaallattaniif, jaalalli Waaqayyoo keessa qaama isa keessaa kana waan hin seeniniif” jedhe. Seexanni isin sossobeera. “Namni buddeena duwwaadhaan hin jiraatu, dubbii afaan Waaqayyoo keessaa ba'u hundumaan malee.”

Amma qalbeeffadhaa, isheen, “Qullaa,” hamtuu fi quullaa ishee kan hin dhokfanne ta'uu ishee nutty agarsiisa. Biyyi lafaas baroota hundumaa irra bara isa hammeenyaan fiixee irra ga'e irra waan geesse fakkaatti. Bara bishaan badiisaatiin dura malee, barri dubartiin itti akkas taate raawwatee hin jiru. Yesuus bara kana barichatti fakkeessee tuqeera. Isa kana yeroo muraasa booda gadi fageenyaan in ilaalla.

Waaqayyo to'achuu dadhabee, moo Waaqayyotu qaamni kan biraan akka to'atuuf eyyameef? Na ajaa'iba. Akka yaada kootiitti gaaffii kanaaf deebii dhugaa kan danda'u, biyya lafaa kana keessa hafuurota waliif faallaa ta'an lamatu hojjechaa jira. Egaa biyya lafaa kana keessa lamaan kana, mataa warra ta'an lamaan kanaan ala kan biraa hin jiru. Isaan hojii irra jiran keessaa inni tokko Hafuura Qulqulluuti; inni kan biraan immoo hafuura seexanaa yummuu ta'u, bara dhumaa kana keessa hojii wallaalchisuu hojjechaa jira. Amma egaa yaada barreeffama kootti hundumaa as irrattin bu'uureffachuu barbaada, guutummaa... Ergaa keenyaa.

Hafuurota lamatu jira. Isaan keessa tokko Hafuura Qulqulluu Waaqayyoo ti; inni kan biraan immoo hafuura seexanaa isa hojii wallaalchisuu irratti bobba'ee jiru dha. Namoonni lafa kana irra jiraatan amma filannoo isaanii geggeessaa jiru. Asii Hafuurri Qulqulluun Kristosiif Misirrottii waamaa jira. Kana gochaa kan jiru immoo Sagaleen abdii bara kanaaf isheedhaaf abdachiifame, Kristos mataa isaa ta'uu mul'inatti isheetti agarsiisuu isaatiini. Bara kana keessa qubni akka socho'uuf yaadame yoo ta'e, qubni in socha'a. Bara kana keessa miilli akka socho'uuf yaadame yoota'e, miilli in socho'a. Bara kana keessa iji akka arguuf yaadame, yoo ta'e iji in arga. Hubattanii?

Barri Hafuurri Waaqayyoo akka boca dhaabbii Waaqayyootti itti guddatu, bara nuyi amma jiraachaa jirru kanatti dha. Ergaa bara kanaaf ergame mirkaneessuuf hafuurri Waaqayyoo as nu gidduu jira. Hafuurri Qulqulluu kana kan hojjechaa jiruuf, sabni Waaqayyotti amanu bataacha'uu kana keessaa akka waamamuufi. Hafuurri seexanaa inni xuraa'aanis sobaan waldaa isaa waamaa jira, akkuma amala isaa, akkuma jalqaba irratti godhe sana, Sagalee Waaqayyoo dabsuudhaan isaan waamaa jira. Gara bara sanyii isa Eden keessaa dhufe sanaatti deebi'aa akka jiru hubattanii? Kunoo amma isatti deebi'eera.

Dubbisaa macaafa...
Waaqayyicha bara hamaa si’anaa.


Malkiisedeq kun eenyu?

English Newsletter Site.

Macaafa Mul'ataa.

 
 

Waaqayyo fi Beekumsa. Index.
Tulluu Siinaa.

Sagalichi Jireenyaatti.
Kristos Sagalee Isaa
Keessatti Mul’ifama.

Wangeela.
Kristos cubbuu
keenyaaf du’eera.

Cuuphamaa.

 
 

Duumessoota waaqaa.

Utubaan ibiddaa.

Olbutamuu.

 

Mul’aticha
Yesuus Kiristoosi.

Bara dhumaa series.
Gaa’elaa fi
Gaa’ela Diiguu.

Dubartii Jeezebeel
Jedhamtu sana.

Mul'aticha Phaaximoos.

Daddarbaa Addaamii.
Firrii mukaa hin turre.
Sanyicha Bofaa.

Archaeology.
Sodoomii fi Gomoraa.

Bara Waldaa
Laa'odiiqeyaa.

Kiristoos waldaa ala
jira.

  Macaafa Qulqulluu jedha...

Kana booddees ergamaan biraa tokko aboo guddaa fudhatee, waaqa keesaa utuu gadi bu'uu nan arge; ulfina isaa irraa kan ka'es biyyi lafaa in ife.

Inni sagalee cimaadhaan iyyee, “Kufteetti, Baabilon guddittiin kufteetti, iddoo buufata hafuurota hamootaa taateetti; lafa hafuurri xuraa'aan itti deddeebi'u, lafa allaattiin xuraa'oonii fi jibbamoon itti deddeebi'an taateetti!

Mul'ata 18:1-2




 

Click on an image to download PDFs or fullsize picture.


Acts of the Prophet

(PDF English)

God is Hidden and
Revealed in
Simplicity.

(PDF English)

William Branham
Life Story.

(PDF English)

How the Angel came
to me.
(PDF English)


Message Hub...Choose your Language and download Free Messages from Brother Branham