Ergaan aduu dhiitee.

<< prev

next >>

  Bara dhumaa.

Tulluu Saanseet.


William Branham.

Dubbisaa macaafa...
Wanti tulluu irraa ofitti nama hawwatu sun maali?

Dhi'eenyuma kana, waltajjiidhum akan irra utuun dhaabadhee jiruu Hafuurri Qulqulluu, “Guyyaan isaan dhufanii qofoo balbala kee dura dhaaban in dhufa; isaan balbala kee in buqqisu. Kanaafis, guyyaa sanatti, dhiisii bira darbi malee hin aarin” jedhee natti dubbate. Balbballi koo falaxamee utuu gaaratti hirkifamee jiruun arge. Gaarri dura koo jiru guutmmaatti qotamee, saaxinii fi wantootni garaa garaa wanta ta'een caccabsamanii utuu walitti qabamanii achi jiraniin arge. Inni akkas naan jedhe,...
Dubartiin dhodhommoqxuu (Ricky)n wayii dhuftee balbalicha buqqiftee baafte. Anis, “Maaliif natti himuu diddan?” jedheen gaafadhe. Inni waan na hifateef haareen isa dha'uu jalqabe. Yeroo kun ta'etti, “Ergan sarara geengoo kana keessa galee kana godhee hin beeku, garuu akka ati bartun barbaada” ittiin jedheen, tokko isa kabala. Dha'ee gadi isa teessiseen, dha'ee ol isa kaaase, hammas dha'een gadi isa teessise. Yeroo sadii, yookiin afur qabee l kaaseen, sana booda dhiiteen tabbarraa gadi darbadhe. Yeroo sanatti iddoo inni jirutti gadi deemeen, “Kun sirrii miti” isaan jedhe. Harka isaa qabee ol isa kaaseen, “Ani sitti hin aarre, garuu akka sanatti natti haasa'uu akkahin dandeenye akka ati bartu barbaadeen malee”n ittiin jedhe.
Sana booda yeroon deebi'ee manaitti galutti, Hafuurri Qulqulluu balbala dura dhaabatee, “Amma kana dhiisii bira darbi. Yommuu qofoon balbala keeduratti qofa'amutti, gara lixa-biiftuutti gala gali” naan jedhe.
Macaafni kun, waanan barbaadu hundumaa ti,
Macaafni kun foormulaa gaarii ti,
Inni karaan ittiin rakkoo koo irra naanna'u dha.
Ameen! Macaafichi Sagalee dha, Sagaleen immoo Waaqayyo dha. Rakkoo kee dhiisii bira darbi, Inni waan gochuu qabdu sitti in himaa.

Waggaa sadan har'aa serveeyeriin (surveyor) magaalaa, hiriyaan koo namni mana koo irraa karaa gadi jiraatu hiriyaan koo qofoo akka qofa'aa akka jirun dhaga'e. gadi ba'een, “Rakkoon jiru maali, dhoqqeedhaa?” jedheen gaafadhe. Ilma obbo Kiingiiti, anaaf fira foonii ti.
Inni deebisee, “Biilii, karaa kana bal'isuuf jedhu” naan jedhe.
Hundu keessanuu in yaadattu. An immoo, “Tarii riqicha ijaaruu ta'a” jedheen deebiseef. Obboleessa keenya Woodsiin, “Qabeenya kee walitti qabadhu. Tarii riqicha ijaaramuuf deemu asirra darba waan ta'eef” jedheen isatti hime. Karaan qotamaa jira ture; xuubiin, dhagaan iddoo hundumaa tuulameera. Kanaafis inni... “Qabeenya kee sassaabadhu” jedheen isatti dubbadhe. Sana booda yeroon...
Obbo wanti sun ta'uuf akka jiru obbo Kiintu natti hime.
Mana ol galeen haadha manaa kootti hime, “Dammee, waa'ee kanaa waan barreeffamee ture tokkotu jira. Iddoo ta'e tokko, ISA GOOFTAAN DUBBATETU jira” jedheen isheetti hime.

Ol galeen yommuun kitaaba koo ilaalu, inni akkas jedha, “...dhufee in raawwatama.” Waggaa saddeet booda!
Yommus yeroon kitaabicha ilaaletti, “Dammee, yeroon isaa amma, dirqagama gara lixa-biiftuutti gala galuu qabna” jedheen dubbadhe.
Kun ta'ee guyyaa lama booda, ganama gaaf tokkoo naannoo sa'aatii afuriitti kutaa koo keessa dhaabachaa utuun jiruun, Hafuura Waaqayyoo keessa gale. Tuuta gugee walitti hidhamanii (cluster of doves) balali'anii tokkon arge, gara simborrowwan miskiina sanaan nan ilaale. Isa kana in yaadattu. Ergamoota Waaqayyoo torba bifa piraamiidiitiin uumanii utuu gara kootti as fiiganiin arge. Sagalee, “Gara lixa-biiftuutti galagali, gara Tuuksan deemi, kaaba bahaatiin maayilii afurtama irratti argami. Qamaxxee (cocklebur) wayyaa kee irraa funaantee in harcaafta” jedhun dhaga'e.

Obboleessi keenya Sootmaan namni amma achi taa'ee na ilaalaa jiru, ganama gaafa sanaa achi ture. waa'ee isaa nan irraanfadhe.
“Dho'iinsi akka socho'a lafaa ta'ee, akkan waan wanti hunduu lafa irraa balleeffameetti lafa raase. Namni attamitti isa irraa hafuu akka danda'e hin beeku” jedheen dubbadhe. An na'een diilallaa'e. Ani yeroo sana Fooneksiin dhaabadheen ture, namoonni amma na dhaggeeffachaa jirtan dhugaa naaf in baatu. Lallaba mata duree, Gooftolii, Yeroon meeqa? jedhu irrattin lallaban ture. “Garamitti deemaa jirra?” Gara lixaan deeme. Baay'een keessan sagalee teeppii waraabe sanaa argattaniittu, baay'een keessan warri addana jirtan wanti sun utuu hin ta'in waggaa tokkoon dura akka dubbatame dhageessaniittu.

Wanti ta'uuf jedhu dinqisiifachaan gara dhihaatti sokke. Guyyaa tokko Waaqayyo biraan waamicha dhaga'e. Haadha manaa kootiin akkasin jedhe, “Dammee, ani...Tarii hojiin koo xumurameera fakkaata” jedheen isheetti dubbadhe. Ani hin barre. An, “Ani... Waaqayyo, Waaqayyo waan anaa wajjin hojjetu xumureera fakkaata, tarii ani gara Mana kootti galuufan jedha. Ati deemii Biilii bira deemii ijoollee fuudhi. Waaqayyo karaa siif in tolcha. Deemii dhugaatti Waaqayyoof jiraadhu. Ijoolleen mana barumsaa akka hordofan taasisi, sodaa Waaqayyootti isaan guddisi” jedheen isheetti hime.
Isheen immoo, “Biilii, sun dhugaa ta'uu hin beektu” naan jette.
Ani immoo, “Lakki. Garuu namni waan sana irraa hafuu hin danda'u” jedheen isheetti dubbadhe.
Ganama gaaf tokkoo Gooftaan hirribaa na kaasee, “Holqa dhagaa Saabinoo sana keessa seeni” naan jedhe. Anis cittuu waraqaa fi Macaafa Qulqulluu fudheen ka'e.
Haati manaa koo, “Eessa deemaa jirta?”
Ani immoo, “Ani hin beeku. Yeroon deebi'ee dhufun sitti hima”n isheedhaan jedhe.

Gara hoqa dhagichaattin ol ba'e, gubbaa naannoo lafa joobiroonni balali'anittin ol ba'e. Diirii (deer) dhaabataa jiru tokkon ilaalan ture. Kadhachuuf jilbeefadheen harka koo yeroon ol qabu, Bollaan harka koo keessa bu'e. Naannoo koon ilaale. “Maal inni kun? An nama kam iyyuu bira hin jiru. Kunoo billaan immoo harka koo keessa jira; billaa ifaan, billaa aduu keessaa calaqqisu immoo harka koo keessa jira” jedheen yaade. “Amma namni naannoo kootti, holqa dhagaa gaara gubbaa kana irra namni natti dhi'aatee jiru hin jiru. Kun eessaa dhufuu danda'e?” jedheen dubbadhe.
Sagalee, “Inni Billaa Mootii ti” jedhun dhaga'e.
Ani immoo, “Namni billaa mootii qabatu loltuu mootii ti”n ittiin jedhe.
Inni, Sagalichi (the Voice) deebi'ee gara koo dhufee, “Inni billaa mootii miti, 'Billaa Mootichaa ti malee,' Sagalee (Word) Gooftichaa ti malee” naan jedhe. Inni, “Hin sodaatin. Inni Harkisa Sadaffaa (Third Pull) duwwaa dha. Inni mirkaneeffannaa tajaajila keetii ti” naan jedhe.

Hiriyaa koo tokkoo wajjinan adamoo deemaa jiran ture, yeroo sanatti wanta ta'uuf jedhu utuun hin beekinan deemaa jiran ture.
Namni ta'e tokko na waame, namni na waame sun nama waa'ee suuraa Ergamaa Gooftaa sanaaf na qeeqe ture, namuma suuricha kaase sanatu na waame. Ilmi isaa gaaddidduu jala jiruu akkan kadhadhuuf gara Hoostenitti na waame, ilmi isaa du'uuf guyyaa muraasatu hafe ture. Inni achitti na argee harka isaatiin diriirsee na haamatee, “Yaadaa mee, naman qeeqaa turetu ilma koo naaf fayyisuu dhufe!” jedhe. Dhaabbinni hawaasa gargaartotaa dhala namaa oolchuuf hundeeffaman (humane society) badhaasa lubbuu baraartotaaf kennamu isa oskaar (Oscar) jedhanii waaman tokko, lubbuu baraarte jedhanii naaf kennanii turan.

Yommus ani an deebi'een deeme, adamoo adamsuufan gara Tulluutti ol ba'e. Anaa fi obboleessa keenya Fireedtu achi ture, ganama gaaf tokkoo yommuun gadi ba'u iddoo booyyewwan deemaa jiranin arge. “Obboleessa koo Fireed, ganama barii gar tulluu sanaatti ol ba'i, yeroo lafti ifutti ani immoo gara isa kaaniin deemaa. Ani booyyee sana hin ajjeesu. Garuu yoo hoomaan booyyee sun asiin dhufan isaan duratti isaan ajjeeseen achi deebisa” jedheen isatti dubbadhe.

Obboleesi koo Fireed gara tullichaa deeme, booyyeen garuu hin jiru. Utuu inni harka isaa raasuun arge. Anis gara holqa kattichaattin ol seene, gafarsa guddaa tokkotu as adeema, aduun quuqxee ba'aa jirti. Duuba gaarichaattin naanna'e, waa'ee dubbii raajii dubbatamee waan tokko illee yaadaa hin jirun ture. Gadi taa'ee aara galfachaan eeguu jalqabe; “Booyyewwan un maal ta'anii?” jedhee yaaduuttin ka'e.
...koon qabadhe. Akka warri Indiyaa taa'anittin taa'e, isaan miilla isaanii wal irra qaxxaamursanii akka irra taa'an in beektu. Guutummaa miilla kootii yommuun ilaalu qamaxxeetu narra guutee jira. “Kun waan keessummaa dha! Kunoo Tuuksan irraa fageenya maayila afurtamaa, gara kaaba bahaan jira. ilmi koo inni xinnaan Jooseef achii na eegaa jira” jedheen dubbadhe. Yeroon gadi ilaaluu jalqabu, hoomaan booyyee fageenya yaardii kuma tokko narraa fagaatu irraa gara tulluutti asii ol yaa'aa jiranin argeen, qamaxxichi lafatti gadi darbadhe. “Isaan nan argadha. Karaan irra deemnu akka nu harkaa hin bannetti cittuu waraqaa wayii muka kanatti fanniseen, dhaqee obboleessa koo Fireediin barbaadee deemna” jedheen ofitti dubbadhe.
Gara tullichaattin ol ba'uu jalqabe, tullicha karaa garasitiin hamman danda'u nan fiige. Battaluma libsuu ijaatti, nama ta'etu rasaasaan na dha'en se'e. An takkaa dhukaasa akkasii dhaga'ee hin beeku; guutummaa biyyaatu raafame. Yommuu kun ta'etti, Ergamoonni Waaqayyoo torba walitti tuuta'anii (cluster) na dura dhaabachaa jiru turan.

Yeroo xiqqii booda obboleessa koo Fireedii fi namoota kaanin arge. “Wanti amma dhuka'e maali?” naan jedhe.
Ani immoo, “Inni isuma” jedheen deebiseef.
“Amma maal gochuuf jetta?” naan jedhe.
“Gara manaattin deebi'a. KANA WAAQAYYOTU DUBBATE, dhoksaawwan torban Macaafa Qulqulluu keessatti baroota kunneen hundumaatti dhokfamanii turan, dameeleen amantii kunneenii fi wantoota kaan hundumaa, Waaqayyo dhoksawwan kana hundumaa Mallattowwan torban keessatti nuuf banuuf jedha” jedheen deebiseef.
Duumessa jiidha qabu (mist) baay'ee xiqqoo ta'etu bifa geengoo uumee lafaa ol adeemaa ture. Inni yeroo bifa sana uumetti, Inni tullicha gararriitti ol ba'ee karaadhuma ol ba'een, karaa dhihaatiin geengoo uumuu jalqabe. Yeroo muraasa booda warri saayinsii Isa arganiiru, Inni ol fageenya maayilii soddomaa fi bal'ina maayilii dogdamii shanii kan qabu ta'uu mirkaneessan, dhiibbaa dhibbatti bifuma geengoo piraamiidawaatiin kan ture dha.

Guyyaa biraa, achi dhaabadhee yeroon suuricha gara mirgaatti jal'isu, Yesus akkuma Isa Bara Waldoota Torbanii keessa jiruutti, Hooda Hundumaa Irra Caalu (Supreme Deity) ta'uu Isaa kan agarsiisu wiiggii adii (white wig) mataatti uffatee achirra jira. Inni Alfaa fi Omeegaa dha; Inni isa Jalqabaa fi isa Dhumaa ti; Inni Abbaa Firdii Ol'aanaa kan Bara Baraa ta'ee Ergaa yeroo kanaa mirkaneessuuf achi achi dhaabataa jira. Egaa yeroo galgalaa'utti Ifni in ba'a! Guutummaatti waa'een isaa maali? Inni maal ture?

Ani gara dhihaatti adeeme. Tulluudhuma sana irratti, utuun Baankis Wuudii wajjin achiin darbuu, “Dhagaa tokko ol darbadhu. Obbo Wuudsiin, ‘WAAQAYYO AKKAS JEDHA, ati Ulfina Waaqayyoo in argita’ jedhiin” naan jedhe.
Gaafasuma, guyyaa itti aanutti, utuma nuyi achi dhaabannee jirruu qilleensi jabaan dhufee tullicha dhodhoose. Kattaan dadayya'ee mataa koo gararraadhaa naannoo faana sadii yookiin faanaa afurii irratti mataa mukkeen kukkutee gate. Qaqawweessaa gurguddaa sadii dhageessifnaan obbolonnii fiigaa gara koo dhufan. Naannoo namoota kudha shaniitu achi dhaabatee jira ture, isaan lallabdootaa fi namoota kon biroo turan. “Inni maali?” Inni, “Maaltu dhuka'e?” jedhe.
“Firdiin Qarqara Dhihaatti bu'uuf jedha” jedheen deebiseef.

Kun ta'ee guyyoota lama booda Alaaskaan socho'a lafaatiin rukutamtee hamma gadi dhidhimuutti geesse. Ifti tulluu Saanseet Maawunteen isa Arizoonaa iddoo Bosonni Koronaadoo itti argamu irraa mul'atu kun maali? Wanti keessummaan achitti at'e sun maali, inni namoonni bahaa gara dhihaatti konkolaachisaa iddoo Inni itti bu'ee dhagaa funaannachuuf dhufaa turan sun maali? Tokkoon tokkoon dhagaa Inni rukutee caccabee sun hunduu roga sadi sadii kan qabani dha. (Sadanuu Tokko.) Isaan qorannaadhaaf minjaala irra kaa'amanii jiru, waraqaa madaalli (paper weights) irra kaa'amanii guutummaa biyyaatti qoratamaniiru. Wanti keessummaan tulluu Saanseet Maawunteen isa Bosona Koronaadoo keessaa irratti ta'e kun maali?

Juuni'eer Jaaksan amma dhaggeeffachaa jira, abjuu “adeemsa gara lixa biiftuu” isa inni abjoonnaan ani hiikee ture in yaadattuu? Kunis kan ta'e Tulluu “Lixa biiftuu (Sunset Mountain)” tti ture. Yeroon galgalaa'u, yeroo aduun lixuuf deemtu dha. Ergaan aduu dhiitee seenaa itti dhihaa jiru keessatti, dubbiin raajii raawwatamaa jira. Tulluu Saanseet isa Koloraadoo Foorestiitti argamu isa Tuuksan irraa gara kaabaatti fageenya maayilii afurtama irratti aragmu irratti yommuu galgalaa'utti Ifni in ta'a. Kaartaa irra ilaalaatii akka ol ka'iinsi tulluu Saanseet hamma jedhame kana ta'u mirkaneeffadhaa. Dhugaadhumatti wanti kun achitti raawwatame. Hamma guyyaa biraatti an gonkumaa hin beekun ture.

Wanti hunduu... Inni gonkumaa hin du'u. Inni walitti fufiinsaan maraa Ofii Isaatii diigaa deema. Jalqabuma wanta ta'aa jiruu irraa jalqabee suurichi utuu Yesus dhaabatee gara keenya ilaalaa jiruu kan agarsiisu ture; egaa amma Tulluu Saanseet irra Ifa galgalaatu jira. Ifti yeroo galgalaa'uu dhufeera, Waaqayyoo Ofii Isaa dhugaa ba'aa jira. Kun maali? Dhugummaa Waaqayyoo fi Kristos tokko ta'uu ti. Rifeensa “adii”, mee nama meeqatu wiiggii adii mataa Isaa irraa akka isa Mul'ata boqonnaa 1 keessatti ilaallitti Isa irratti arge? Hubadhaa, inni kan garsiisu Aboo Waaqayyummaa (Supreme Deity), Aangoo hundumaa gararraatti qabaachuu Isaa argarsiisa; sagaleen boraa hin jiru, waaqni biraa hin jiru, Isa malee kan biraa tokko illee hin jiru! “Guutummaan Waaqayyummaa namummaa Kristos keessa in jiraata.” Wiiggii (wig), rifeensi dheeraan mataa Isaa irra jiru Ergamoota Waaqayyoo ti. Ameen.

Tulluu Saanseet irratti maal ta'aa ture? Waaqayyotu Dubbii Sagalee Isaa mirkaneessaa ture. Guutummaan sagalee guddaa dhaga'amaa ture sun Isa mirkaniisuuufi. Yaadadhaa, Waaqayyo ammas irra deebi'ee Dubbii Sagalee Isaa isa Mul'ata 10:1-7 keessatti, “Bara malakanni inni torbaffaan afuufamutti garuu, wanti Waaqayyo dhoksaatti akeeke in raawwatama” jedhee abdachiise raawwataa jira. Wanti dhokataan Mul'ata 10:1-7 keessatti dubbatame, Ergaa dhumaa bara waldaa dhumaatiif ergame dha. Dhugaatti akkuma jedhametti bara kana keessaa in raawwatama, Wangeela Luqaas 17:30 irratti, “Guyyaa Ilmi namaa mul'tatti” jedha.
“Masiihonni sobaatii fi raajonni sobaa ka'anii, yoo danda'ame warra Waaqayyoof Fo'aman iyyuu wallaalchisuudhaaf, milikkitaa fi dinqii adda addaa in agarsiisu.” Sabni amma iyyuu mamii keessa jira. Akkuma kanaan duraa waldaan amma iyyuu hibboo keessa jirti.

Warri Tuuksan amma iyyuu kan hin tumurin yoo ta'an, warri kaan qorannoo saayinsiin mirkaneessanii gaazexaa irratti baasaa jiru. Kaameeraa gurguddaan Tulluu Leemoon irra jiran ol ba'anii iddoo nuyi dhaabannee jirru sanaa Isa kaasuu hin dandeenye; gara Dhihaatti naanna'ee mul'achuun Isaa yerichi dhumuu isaa kan agarsiisu dha. Inni deemuu hin danda'u, xinnoo wayiitu achitti hafa malee; inni Qarqara Dhihaa jira. Karaa inni irra deemeen battaluma sanatti firdiin lafatti bu'e. Tooruma sana qabatee ol gubbaa Fooneksiitiin, kallattii sanaan gama Preskootiitti ce'ee, gaarren Qarqara Dhihaa qabatee, kallattiidhumaan... Isaan garama deemaa turan? Kallattiidhaan gara Alaaskaatti deemaa turan, isheenis immoo kallattii sanaan dadayya'aa jirti.

Dhaabbanni qorannoo hawwaa Tuuksanitti argaman hunduu amma iyyuu gaafataa jiru, maalummaa Isaa barauudhaaf amma iyyuu qorannoo saayinsawaa geggeessaa jiru. Baay'ee ol fagoo waan ta'eef hurrii dha jechuu hin danda'an, duumessi jiidha qabu, yookiin wanti biraan ol fageenya akkasii irratti hin uumamu. “Inni maali? Inni garamitti deema?” Isaan akkuma Wanta Geengoo (Halo) gama sanaa bantii waaqaatti rarra'ee ture sun hobboo isaanitti ta'e Inni kunis akkuma warra urji-lakkooftuu urjii ilaalaa dhufanii, “Mootii warra Yihudootaa Inni dhalate sun eessa jira?” jedhanii sana hobboo isaanitti ta'eera. Inni maal ture? Waaqayyotu Dubbii Sagalee Isaa isa, “Urjiin Yaaqoob keessaa as in ba'a” jedhee dubbate raawwachaa jira ture.

Waaqayyo inni Bantii Waaqaa irra jiraatu gaafi galgalaa'u Ifa akka argatu abdachiiseera. Waggoota sadi'iin dura dhoksaan kun dubbii raajii ture, innis, “Yeroon kun maali, Gooftaa?” kan jedhu ture. Amma garuu seenaa dha. Inni darbeera. Abadiin Waaqayyo abdachiisera raawwateera. Yeroon kun maali, gooftaa, wanto ofitti nama hawwatu kunis maali? Waaqayyotu Dubbii Sagalee Isaa raawwachaa jira! Inni kaleessa isa ture, har'as bara baraanis isuma sana.

Dubbisaa macaafa...
Wanti tulluu irraa ofitti nama hawwatu sun maali?


Malkiisedeq kun eenyu?

English Newsletter Site.

Macaafa Mul'ataa.

 
 

Waaqayyo fi Beekumsa. Index.
Tulluu Siinaa.

Sagalichi Jireenyaatti.
Kristos Sagalee Isaa
Keessatti Mul’ifama.

Wangeela.
Kristos cubbuu
keenyaaf du’eera.

Cuuphamaa.

 
 

Duumessoota waaqaa.

Utubaan ibiddaa.

Olbutamuu.

 

Mul’aticha
Yesuus Kiristoosi.

Bara dhumaa series.
Gaa’elaa fi
Gaa’ela Diiguu.

Dubartii Jeezebeel
Jedhamtu sana.

Mul'aticha Phaaximoos.

Daddarbaa Addaamii.
Firrii mukaa hin turre.
Sanyicha Bofaa.

Archaeology.
Sodoomii fi Gomoraa.

Bara Waldaa
Laa'odiiqeyaa.

Kiristoos waldaa ala
jira.

  Macaafa Qulqulluu jedha...

Guyyaa sanatti ifni, dhaamochi, qorris hin jiru.

Guyyaan biraa tokko in ta'a; isas Waaqayyotu beeka, gaafas yeroo galgalaa'u ifatu ta'a malee, guyyaan hin ta'u, halkanis hin ta'u.

Zakaariyaas 14:6-7


Click on an image to download PDFs or fullsize picture.


Acts of the Prophet

(PDFs English)

God, Hidden and
Revealed in simplicity.

(PDF English)

William Branham
Life Story.

(PDF English)

How the Angel came
to me.

(PDF English)


 


Message Hub...Choose your Language and download Free Messages from Brother Branham