Egeree mana dhirsa misirroo Waaqarraa fi misirroo lafarraa.

<< prev

next >>

  Bara dhumaa series.

Waaqaa haaraa fi lafa haaraa.


William Branham.

Dubbisaa macaafa (PDF)...
Egeree mana dhirsa misirroo Waaqarraa fi misirroo lafarraa.

2 Pheexiroos 3:5-7,
5 Jarri kun bantiiwwan waaqaa durii jalqabanii akka uumaman, laftis sagalee Waaqayyootiin bishaaniin uumamee, bishaan keessaas ba'uu isaa yaadachuu dadhaban, 6 Bishaanuma sanaan immoo biyyi lafaa inni yeroo sana ture sun liqinfamee akka balleeffame hin yaadanne, 7 Bantiiwwan waaqaa fi lafti, warri amma jiran kun immoo sagalee Waaqayyoo sanaan ibiddaan balleeffamuudhaaf qopheeffamanii, hamma guyyaa warri Waaqayyo malee jiraatan firdii argatanii badanitti kaa'amanii jiru.

Raajonni fi ogeeyyiin gurguddoon kun, barsiisonni Macaafa Qulqulluu, bara durii dura guyyaan ulfina qabeessi kun dhufuu isaa arguun isaanii abdii akkamiiti! Kutaalee kanaan namni tokko pilaaneetiin lafa kanaa guutummaatti akka baduuf jiru amanuu danda'a, ykn caalaatti geggeeffamuu danda'a. “Bantii waaqaa haaraa fi lafa haaraa nan uuma.” Argitanii? —bantiin waaqaa akka badu, laftis akka badu— guutumaan guututti ni barbadaa'u. Garuu itti siqeenyaan qo'achuu fi gargaarsa Hafuura Qulqulluutiin, dhugaa kanaa arguu dandeenya, kanas itti seenaa jirra.

Kan barbadaa'u qilleensa naannoo ishee fi cubbuu lafa irra jiru qofa. Amma, bantii waaqaa jechuun atimoospheerotaa nu olii jechuu akka ta'e hubanneerra.

Inni maal hojjeta?
Inni.... Ergasii qoraattiin kun, dhukkubni, duuti, siyaasni, dhiironni cubbamoon, dubartoonni cubbamoon, hafuuronni hamoon hundinuu ni badu, ni barbadaa'u. Akkasitti hojjetamuu qaba, sababiin isaas nuti sirriitti as jiraachuuf jirra. Sana Macaafa Qulqulluudhaan mirkaneessina. Bakki nuti jiraachuuf jirru asuma.

Amma hubadhaa, qoraattiwwan, jarmoonni, dhukkuboonni hundi, fi wantootni guutummaatti ni baafamu. Wanti amma lafarra jiru kun hundi: sirnoonni nam-tolcheen, siyaasni, cubbuun gosti hundinuu, wanti addunyaa kana irratti argamu hundinuu hafuurota hamoodhaan faalameera —akkasumas bantiin waaqaa nu olitti argamu hundinuu hafuurota hamoodhaan faalameera. Amma, waa'ee kanaa gadi fageenyaa fi bal'inaan itti deemuuf jirra, ilaalaa.

Wanti bantiiwwan waaqaa keessa, ykn atomoosfeerii keessaa fi lafarra jiru kun hundi amma lafarra jira— lafti kun wantoota kanneen qabattee jirti. Lafti garuu kaayyoo sanaaf hin uumamne. Cubbuutu akkas akka ta'u godhe. Isas kan uume Waaqayyo, Uumaadha. Garuu hunduu— qaamni keenya amma keessa jiraannu hundinuu yeroo Waaqayyo lafa uumetti laficha uffanne, sababiin isaas isin biyyee lafaa irraa dhuftan. Hundi isaa yeroo Waaqayyo ofii isaatii uume asitti diriiree ture. Isin yaada Isaa keessa turtan, Isa keessas turtan, guddaan bara baraa yaada (thought) ture, innis amala (attribute) isaati. Ammas cubbuun kana hundumaa akka ta'u kan taasise yoo ta'u, Waaqayyo bara kana keessa meeshaa isaa walitti qabachaa jira.

Seexanni amma iyyuu as jira. Wantoonni kun hundi kan ta'aniifis kanaafi. Inni ammallee as jira, humni isaa hamaan hundis ammallee asuma jira.
Hubadhaa, kanaafidha lafti amma akkas kan xurooftuu taateef. Kanaafidha xuraa'ummaa keesaa ba'aa (scum) fi wantootni qoosaa hin barbaachifne (ridiculous) ta'an kan itti fufanii adeemsifamaa jiraniif —dhiigni dhangala'uun, waraanni, siyaasni, cubbuun, ejji, xuraa'ummaan gosti hundumaa kan itti fufuuf— Seexanni bulchaa lafa kanaa fi atimoosfeera kanaa waan ta'eef.
Ati, “Atimoosfeeraa?” in jetta.
Eeyyee obboo!

Bantiwwan waaqaa fi lafti amma seexanoota (devils) Waaqayyoo duratti nu himachuu (hadheessuu) danda'aniin faalameera. Yesus gidduu seenaa nuuf kadhachuuf (intercede) achi jira (argitanii?), hadheessitoonni immoo quba nutti qabuu itti fufanii, “Isaan kana godhan. Isaan kana godhan. Isaan kana godhan” jedhu. Garuu dhiigichi ammallee ni haguuga! Inni warra Inni duraan dursee fo'atee arge furuuf dhufe. Lafti kanaaf har'a akkas gar-malee xuraa'aa ta'aate.

Asitti ergamaan, II Pheexiroos asitti, boqonnaa 2ffaa, fi lakkoofsa 5ffaa fi 6ffaa (Eeyyee, argadheera), sadarkaa lafaa sadii eereera. Ilaalaa, inni sadarkaa lafaa sadii argata. Mee akkamitti akka inni isaan fidu hubadhaa. Biyya lafaa ishee bara durii ishee bishaan keessaa baatee dhaabbattee turtedha. Amma, sun biyya lafaa ishee bishaan badiisaa duraa turedha.

Amma isheen jirtu— biyyi lafaa isheen ammaa, isheen amma keessa jiraachaa jirru (addunyaa jedhamte) dha, biyyi lafaa isheen durii bishaan keessaa baatee dhaabbatte (Uumama 1:1), ammaa fi biyya lafaa amma jirtu kana jechuudha, achiis ammas itti fufee kan biraa eereera, isheenis biyya lafaa ishee dhufuuf jirtu, biyya lafaa haaraa— biyya lafaa sadii, sadarkaa sadan biyya lafaa.

Waaqayyo karoora furuu Isaa akkamitti akka nuuf ibsu hubadhaa. Oo, kana yeroon argu lubbuun koo akkam gammaddi! Asitti amma, karoora furuu Isaa attam ifa nuuf godha. Amma, wanta ija keenyaan arginu waan Waaqayyo addunyaa Isaa furuuf godheen wal bira qabnee ilaalla! Inni Saba isaa furuuf karoora wal fakkaatu hojjeteera! Kan hin jijjiiramne waan ta'eef Waaqayyo karoora isaa tokkollee hin jijjiiru ykn waanuma fedhe illee yoo ta'e hin jijjiiru. Maal ulfina-qabeessi akkasii!

Inni akkamitti gara Ofii Isaatti nu geggeesse, Inni akkuma biyya lafaa kana sadarkaa sadii keessa dabarsee gara biyyaa lafaatti fide, nuyis sadarkaa ayyaanaa sadii keessa nu dabarse. Biyyi lafaa sadarkaa qulqullinaa garaa garaa sadii keessa erga dabartee booda Waaqayyo gara ishee akkuma dhufu, gara kenyas sadarkaa ayyaanaa sadii keessa sirriitti erga dabarree dhufa. Jalqabatti akkas jedhee barsiiseera; ergasii jijjiiree hin beeku. Dubbii Waaqayyooti'o!

-----
Hubadhaa, biyya lafaa durii (kan bishaan badiisaa duraa), biyya lafaa amma jiruu fi isa dhufuuf jiru. Amma, sadarkaan jalqabaa Inni itti nu fidu.... Ilaalaa, karoorri furuu Isaa waan hundumaan sirriitti wal fakkaata. Innis mala wal fakkaatu fayyadama. Gonkumaa hin jijjiiramu. Inni Miilkiyaas 3 irratti, “Ani Waaqayyodha hin jijjiiramu!” jedheera. Akkaataan Inni itti isa raawwatu, kanaafuu, nama jalqabaa dhiiga nama qulqulluu dhangala'een yoo fayyise, isa itti aanus akkasumatti fayyisuu qaba; namni Inni fayyisu hundinuus akkasuma ta'uu qaba. Inni yeroo kamiyyuu nama tokko imala jireenyaa keessatti yoo fayyisebara Yesus, bara ergamootaa, bara raajotaa, yeroo ture hundumaattis haa ta'u-yeroo haalli walfakkaataan mudatu Inni deebi'ee sana gochuu qaba! Sirriidha. Inni hin jijjiiramu. Namni ni jijjiirama, yeroon ni jijjiirama, umriin ni jijjiirama, yeroon ni jijjiirama, Waaqayyo garuu akkuma jirutti hafaguutuudha! Kun abdii akkamii namoota dhukkubsattootaaf kennuu qaba laata.

Inni nama yoom iyyuu yoo fayyise, haalli walfakkaataan yommuu uumamu deebisee raawwachuu qaba. Inni yoom iyyuu nama tokko yoo fayyise, Inni bu'uuruma yeroo jalqabaa ittiin hojjete sanaan hojjechuu qaba. Inni yoom iyyuu nama tokko Hafuura Qulqulluudhaan yoo guute, bu'uura yeroo jalqabaaf godhe sanaan raawwachuu qaba. Inni yoom iyyuu nama tokko awwaala keessaa yoo kaase, yeroo lammataa fi yeroo biraa hundumaatti seera bu'uuraa wal fakkaatuun hojjechuu qaba.

Inni hin jijjiiramu.
Oo, sun abdii akkamii naaf kenna! Innis maali? Tiyoorii nam-tolchee wayii keessatti osoo hin taane, waan gareen namootaa irratti walii galan tokko utuu hin taane, Dubbii Isaa isa hin jijjiiramnedha! Isin, “Kun dhugaadhaa?” in jettu.
Inni, “Dubbiin nama hundumaa soba haa ta'u, kan koo immoo dhugaa haa ta'u. Waaqnii fi lafti darbuuf jiru; Dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu” jedheera.
Caaffanni qulqullaa'aan hundinuu geggeessaa Hafuura Waaqayyootiin caafame; kanaafuu barsiisaaf bu'aa gaari kan qabudha; akkasumas Caaffanni Qulqullaa'aan hunduu akka raawwataman yaadadhaa! Fidalli tokko utuu hin hafin!

-----
Lafa haaraa keessatti samiin haaraan lammata hin gurraacha'u. Yeroo lafti haaraan kun dhufuuf jirtu seexanni ni hidhama. Seexana, amma iyyuu hiikamee jira; himataadha, garuu lafa haaraa keessatti, hidhamee haroo ibiddaatti, ibidda qulqulluu kana keessatti ni gatama.

Egaa lafa haaraa kana keessatti— amma daqiiqaa muraasaaf haa ilaallu. Lafa haaraa kana keessatti samiin lammata hin gurraacha'u. Lakki, sun abaarsa irraati-duumessa aarii qabuun lammata hin gurraacha'inaa! Qilleensi lammata akkasitti ishee keessa hin bubbisu. Lakkii yoomiyyuu muka ciccirtee mana ciccirtee wantoota hin garagalchitu. Balaqqeessaa fi dheekkamsi gonkumaa Seexana irraa achi gama belch'ee nama karaa irra deemaa jiru ajjeesee ykn gamoo hin gubu. Ilaaluu? Lakki, kana booda hin jiru. Kana booda obomboleettiin gadi bu'ee obomboleettii fi obomboleettii fi obomboleettii fi mana diiguu fi ijoollee xixiqqoo fi wantoota ajjeesuu hin jiraatu. Unh-uh, kana booda hin ta'u. Balleessuuf yaaluun, hin jiraatu. Seexanni ni gatama.

-----
Wantoota kana illee: Seexanni, cubbamoonni bara baraan badaniiru, gonkumaa kana booda ta'uuf... hunda.... Argi, Seexanni uumuu hin danda'u. Yoo ta'e Waaqayyodha. Ilaaluu? Waan uumame qofa jallisuu danda'a. Ilaaluu? Jallinni hundis ni— jallisuun ni badama, duuti immoo jallina jireenyaati, jallinni sun yeroo raawwatamu immoo kana booda duuti jiraachuu hin danda'u. Dullumni mallattoo du'aa yoo ta'u, gaafa dullumni bade jireenyi ni seena.Mallattoon jallisuu hundii fi wanti biraa hundi ni bada. Qoree fi qamadii mallattoo cubbuuti. Lafti isaan waliin ni abaaramti, gaafa isaan dhuman.... Dhukkubni sanaan dhufa, ni bada. Duuti ni dhabamsiifama. Dhiigni dhangala'uun ni dhabama.

Qulqullummaa malee wanti tokkollee sod sana hin tuqu— warra furamanii. Yaa koo! Oo, baay'ee gaarii qofatu natti dhaga'ama!
Waaqayyo fi uumamni isaa fi uumamni isaa kan uumama kanaa dhiiga ofii isaatiin furama; adeemsa qulqulleessuu mataa isaatiin qulqullaa'e —adeemsa jarmii ajjeesuu, cubbuu ajjeesuu isaa— akka yoo wanti sterilize ta'e. Sterilization hundarra gaariin nuti goone ibidda ta'eera. Waan fedhe fudhattee saamunaa fi keemikaalota isaan dubbatan kana hundaan dhiquu dandeessa; ammallee bilisa miti, garuu al tokko gubda.

Akkasumas yeroo ibiddi qulqulluun Waaqayyoo lafa sterilize godhu... yeroo keemikaalli... Inni misirroo isaa, isheen osoo kun deemaa jiruu Isa waliin gara samiitti dhufuu dandeessu ol kaasee, ammas lafa irratti deebi'eera-samii haaraa fi a lafa haaraa. Qilleensi qorraa isa miidhuu hin danda'u; ganni ho'aan isa miidhuu hin danda'u; gammoojjiin akka ruuzii ni daraaru; cubbuu fi cubbamoonni hin jiran; Waaqayyo uumamtootaa fi uumama isaa keessatti walsimsiisaa guutuu ta'een waliin jiraachaa jira. Akkuma samii fi lafti abbaa manaa fi haadha manaa ta'an Kiristoosii fi waldaan akkasuma. Hundi isaaniis karoora furuu guddaa ulfina qabeessa tokko keessatti wal arganii deebi'ee gara garaa Waaqayyootti fidama. Argitaa?

Lafa haaraa keessattis, magaalaan haaraan (Yaa koo! Amma itti dhiyeenyaan dhaggeeffadhu! Kana hin dagatin!) Yesus Yohaannis 14 irratti, Inni qopheessuuf ni deema jedhee dubbate jira. “Garaan keessan (yeroo Inni deemu) hin rakkatin. Sababa ittiin deemu qaba. Isin Waaqayyotti amantan,” jedhe, “Anattis amanaa.” Inni Waaqayyo ta'uu isaa arguu hin dandeenye. Jedhe, “Waaqayyotti amante, amma Anatti amanta. Bakka siif qopheessuufis deema. Mana Abbaa koo keessa manneen mootummaa hedduutu jira. Mootummaa Abbaa koo keessa masaraawwan hedduutu jira.” Kiristoos amma ijaarsa Yerusaalem Haaraa kana jala jira. Amma, itti dhiyeenyaan dhaggeeffadhaa; hin socho'inaa; kana hin darbinaa! Kiristoos har'a samii irra jira, Yerusaalem Haaraa qopheessaa jira.

Akkuma Waaqayyo guyyaa ja'a keessatti lafa uume— lafa guyyaa ja'a keessatti (ykn waggaa kuma ja'a) keessatti uume.... Isaanis, “Walaalaa hin ta'inaa” jedhan. Caaffata Qulqullaa'oo keessatti dubbisna, waggaa kuma tokko guyyaa tokko. Kiristoos immoo badee bakka qopheessaa jira (inni ijaarsa isaa waggoota kuma hedduu, hedduudhaaf ture)-bakka qopheessaa jira. “Ani dhaqee iddoo yoo qopheesse, bakka ani jiru hundumaatti isinis achi akka jiraattaniif deebi'ee dhufee isin simadha.” Hubadhaa, Furee fi kan furee.

Dubbisaa macaafa (PDF)...
Egeree mana dhirsa misirroo Waaqarraa fi misirroo lafarraa.


Malkiisedeq kun eenyu?

English Newsletter Site.

Macaafa Mul'ataa.

 
 

Waaqayyo fi Beekumsa. Index.
Tulluu Siinaa.

Sagalichi Jireenyaatti.
Kristos Sagalee Isaa
Keessatti Mul’ifama.

Wangeela.
Kristos cubbuu
keenyaaf du’eera.

Cuuphamaa.

 
 

Duumessoota waaqaa.

Utubaan ibiddaa.

Olbutamuu.

 

Mul’aticha
Yesuus Kiristoosi.

Bara dhumaa series.
Gaa’elaa fi
Gaa’ela Diiguu.

Dubartii Jeezebeel
Jedhamtu sana.

Mul'aticha Phaaximoos.

Daddarbaa Addaamii.
Firrii mukaa hin turre.
Sanyicha Bofaa.

Archaeology.
Sodoomii fi Gomoraa.

Bara Waldaa
Laa'odiiqeyaa.

Kiristoos waldaa ala
jira.

  Macaafni Qulqulluun jedhuu dha...

Kana booddees, ani bantii waaqaa haaraadhaa fi lafa haaraa nan arge; bantiin waaqaa inni duraa, lafti inni duraas darbaniiru, galaannis deebi'ee hin argamu.

Yerusaalem mandarri qulqullittiin isheen haaraan, Waaqayyo biraa bantii waaqaa keessaa, akka misirroo dhirsa isheetiif, kuulamteetti, qophooftee utuu gad buutuu nan arge.

Mul’ata 21:1-2


Click on an image to download PDFs or fullsize picture.


Acts of the Prophet

(PDFs English)
 

Sirs, is this the time?

(PDF English)
- Mt Sunset.
Where cloud appeared.

William Branham
Life Story.

(PDF English)

How the Angel came
to me.

(PDF English)


Ergicha hub... Ergicha William Branham.