Maaliif tiksee ta'uu qaba.


  Ayyaana Qillee.

Maaliif tiksee ta'uu qaba.


William Branham.

Dubbisaa macaafa (PDF)...
Maaliif tiksee ta'uu qaba.

Luqaas 2:8-16,
8 Tiksoonni tokko immoo naanna'aa sanaa bakkeetti halkan darabee dammaqanii, hoolota isaanii in eegu turan.
9 Ergamaan Waaqayyoo dingata isaan dura dhaabatee, ifni surraa gooftichaas naannoo sanatti ibse; kana irratti isaan na'anii, guddaa sodaatan.
10 Ergamichi garuu, “hin sodaatinaa! Kunoo, ani misiraachoo gammachuu guddaa isinittan hima'o, kunis saba hundumaaf kan ta'uu dha.
11 Har'a mandara Daawititti fayyisaan isiniif dhalateera; inni immoo Kristos goofticha.
12 Milikkinni isaa immoo kana, mucaa wayyaan itti maramee siree horiin keessaa nyaatu irra ciisu in argitu“ isaaniin jedhe.
13 Achumaanis kutata ergamoota Waaqayyoo keessaa baay'een ergamicha kanaa wajjin turan.
14 Isaan immoo, “Hooqubaan Waaqayyoof waaqa gubbaatti, nagaanis namoota Waaqayyo itti gammaduuf, lafa irratti” jedhanii Waaqayyoon in faarfatu turan.
15 Ergamoonni Waaqayyoo isaan biraa deebi'anii gara waaqaatti erga ol ba'anii tiksoonni, “Kottaa Betlihem in dhaqnaa, dubbii achitti ta'e, Waaqayyo nutti beeksise kanas in ilaallaa” waliin jedhan.
16 Arifachaa yommuu dhaqan Maariyaamii fi Yooseefin, mucichas, siree horiin keessaa nyaatu irra ciisee argatan.

Amma, inni…. Taatee guddaan kun maaliif tiksootaaf mul'ate? Sun nuuf akka waan ajaa'ibsiisaa ta'e tokkoo ti. Caaffata Qulqulla'aa muraasa barreesseen asii qaba, akkasumas deebii maaliif jedhu hanga beekumsa kootiitti isiniif ibsuudhaaf yaadannoo muraasas of harkaan qaba. Tarii galgala kana booda, Gooftaan ayyaana Isaatiin gaaffii maaliif jedhu nurraa kaasa ta'a. Garuu wanti ta'e…. Irra caalaan keenya, akkan tilmaamutti hundi keenya, yeroo took tokko ykn yeroo biraa taateen guddaan yeroo hudaarra caalu akkasii kun maaliif tiksootatti mul'ate jennee yaanneerra ta'a. Maaliif hayyoota ti'ooloojii(isaan warra dhaga'uuf leenji'an turan) guyyaa sanaa dhiisee tiksootaaf mul'ate? Maaliif sooressoota bira darbee gara iyyeessotaa dhufe? Akkasumas, maaliif warra baratee fi beekaa bira darbee, gara warra gad deebi'oo fi hin barannee dhufe? Kana keessatti maaliif kan jedhu gaaffii muraasatu jira.

Tarii sababni biraan ani jedhu yoo jiraate, hubadhaa, Betliheem keessatti dhalate. Akkuman waggoota lama dura asitti isiniif dhi'eessee ture, jechi Betliheem jedhu afaan Ibrootaatiin, “Mana buddeena Waaqayyoo” jechuu dha. Kanas Caaffata Qulqulla'aa keessaa mirkaneessine, bakka biraatii fiduu hin dandeenyu waan ta'eef. Betliheem Rahaabii fi abbaa manaa isheetiin hundeeffamte. Rahaab dubartii ejjituu jeneraalli waraanaa tokko erga Yerikoo qabatanii jaallatee ishee fuudhee.... Isheen amatiidhaan ergaa Waaqayyoo amantee, haaluma keessa jirtu keessatti fayyina argatte. Achi irraas yeroo Iyaasuun tokkoon tokkoon isaaniitiif biyyoota jiraatan qoodu....

Akkasumas guyyaa tokko barumsa guddaa tokko Tuuksanitti akkan fiduu danda'u nan amadan ture, innis waa'ee haadholii Ibrootaa yeroo daa'imman da'aniiti. Isheen yommuu ciniinsuudhaan qabamtee aaddee gadooddutti maqaa daa'imichaa waamtee, ejjennoodhaan biyya abdachiifame keessatti, gosa isaa keessatti deesse. Wanti guddaan, dubbiin Waaqayyoo hundinuu wal simata. Yoo wal hin simanne, inni wal hin simanne Sagalee Waaqayyoo miti, kan sagalee Waaqayyoon wal hin simanne yoo yaada ofii keessanii ta'e dha. Hundi Isaa waliin wal simata.

Egaa, akkuma torban darbe ykn torban darbe dura fiiniksiitti barsiifene, Inni buddeena jireenyaa ture. Akkssumas buddeena jireenyaa waan ta'eef, “mana budeena Waaqayyoo” malee bakka biraa dhufuu hin dandeenye. Maaliif inni jedhu sana ture. Amma, kunoo, Yesuus Betliheem keessatti dhalate, Betliheem keessas mana sagadaatu ture, geggeessitoonni amantii gurguddoon Betliheem keessa jiraatu turan. Daawit mootiin guddichi tikseen Betliheemitti dhalate, abbaan isaa Iseyi Betliheemitti dhalate, akaakayyuun isaa Yoobeed Betliheemitti dhalate. Akkasumas, karaa hundumaan yoo duuba deebinee ilaallle inni Betliheem irraa dhufe.

Asittis, Yesuus Ilmi Daawit Betliheemittti, gaaddisuma kaatediraala guddichaa jalatti dhalate. Namoonni yeroo sanatti leenji'anii waggoota sana hundumaa Masiihicha barbaadaa turan; Masiihichi akka dhufu waggoota kuma afuriif raajiin dubbatamaa ture. Masiihichi gaaddisa Kaatediraalaa jalatti erga dhalatee, maaliif warri gara gaarratti ol ba'an, maaliif tuuti toksootaa warri hin baranne, warri hin leenjifamne ergaa guddaa, ergaa jalqabaa fidanii dhufuun maaliif isaan irraa eegame? Toksoosta ergamni itti kenname! Warra ogeessotaa fi warra baratan miti, warra tiksootaa malee. Waana ajaa'ibaati mitiiree? Garuu iddoo tokkotti maaliifiin jiraachuu qaba.... Maaliif kan jedhutu jira, amma maaliif kan jedhuuf deebiin jiraachuu qaba! Deebii Waaqayyoo namni hin beeku. Kan deebii isaa beeku Isa duwwaadha.

Amma, hubadhaa, Masiihichi duuraan dursee magaalattii keessa ture, magaalattii keessatti, mana horii keessatti dhalate; achuma kaatediraalota gurguddoo bakka angafni lubaa... fi angafni lubootaa, ogeeyyiin tiyooloojii, ogeeyyiinii fi warri leenjifaman hundi isaanii achitti walitti qabamanii Masiihicha eegaa turan. Innis achi ture, achuma isaan gidduu ture! Garuu isaan maalii gara... gara warra hin barannee, gara warra hin leenjinee, gara warra aadaa hin qabnee, gara warra nama hundumaa irra iyyeessota ta'anii dhaquudhaaf maaliif gara gaara Yihudaatti ol ba'an? Ergicha akka mul'isaniif ergaa isaaniitti erguuf, nama hundumaa irra kan hin malle fakkaatu turan.

Yaada koo beektuu? Yaadni koo baay'ee kan fudhatama qabu ta'uu dhiisuu danda'a, an garuu yaada koo dabarsuun barbaada; sababa ogummaa Waaqayyootiin akka ta'e nan amana, ergaa akkasii akkuma inni dhufetti akka isaan hin funne Inni in beeka ture. Inni dhandhama mi'aa barumsa isaanii keessaa hin turre. Inni adda ture. Inni akka isaan in ta'a jedhanii leenji'anii amananii hin turre. Inni hubannoo ti'ooloojii isaanii wajjin kan wal faallessu ture. Leenjiin isaanii hunda, barumsa isaanii hundumaa bira darbe, isaan hunduu kan waa'ee hin baafne ta'an. Ergaa akkasii maaliif akka isaan hin fudhanne kan beeku ogummaa Waaqayyooti jedheen amana.

Egaa masiihichi as ture, namni isa beekus jiraachuu qaba. Warra waan akkasii keessatti wal hin laaqne immoo ni beeka ture. Inni ergaa Isaa garee namoota wal makoo warra namni kamuu, Sagaleen Waaqayyoo iyyuu karaa isaanii irraa deebisuu hin dandeenyee caalaa garee namoota hin baranneetiif geessuu danda'a.

Amma immoo yaa michuu kiristaanaa, mee gaaffii tokkon garaa qulqulluu fi jaalala hundumaan isin gaafadha. Ani garuu halkan kana Inni gocha wal fakkaatu yoo hojjete, dhaloota kana keessattis Dubbii abdachiifame nuuf erga jedheen yaada, ogeeyyiin ti'ooloojii keenyaa, fi barsiisonni, fi ogeeyyiin, ergaa sana akkuma yeroo sana didan amma fudhachuu diduu? Namni Isa hin jijiiru, Sagaleen Waaqayyoos hin jijjiiramu. Inni Waaqa hin jijiiramneedha, Inni hin jijiiramu!

Hubadhaa, Ergamoonni dhufanii.... Ergamoonni dhufanii ergaa isaanii namoota sadarkaa gadi aanaa akkasii keessa jiraataniif kennan, yeroo namoonni achi jiran tiksoota hiyyeeyyii, dubbisuu fi barreessuu kan hin dandeenye kana caalaa baay'ee ga'umsa qaban (akka yaada biyya lafaatti) jiranitti isaan bira dhaqan. Tikseen nama kam iyyuu caalaa nama wallaalaa (illiterate) ture, waa'ee hoolota isaa malee waan biraa beekuun isa hin barbaachisu ture. Herrega beekuun isa hin barbaachisu. Atoomii attamitti akka addaan cabsan beekuun isa hin barbaachisu. Iskolaarshiippii tokko illee isa hin barbaachifne. Hoolota isaa beekuu qofaati isa irraa eegama ture, kana qofaa beekuutu isa irraa eegama ture. Waaqayyo, ogeessa guddaan, burqaa fi qabeessa ugummaa humdumaa Inni ta'e, hayyoota sana beekuuf leenjii gaarii hundumaa qaban bira darbee nama akkasii filate. Inni waan tokko dubata, innis dirree dogoggoraa irratti leenji'uu isaanii ti. Inni lafa barbaachisoota ta'an hundumaa bira darbe; namoonni barbaachisoon, barsiisonni guguddoon, Qayyaafaa angafni lubaa, namoonno gurguddoo kan biroo baay'eenis achi turan; tarii Israa'eloonni hunduu barataniiru ta'a, manneen amantii hunduu, warri ti'ooloojii of bokokosan hunduu tarii barataniiru ta'a, Waaqayyo garuu isaan kana hundumaa bira hin dabarree! Egaa amma, sun ogummaa Waaqayyoo ti.

Hubadhaa, bantiiwwan waaqaa olaanoon, warra lafaa keessaa warra gad of deebisanii fi warra hin baranne kabajuuf ariifachaa jiru. Inni bantii waaqaa irraa olaanaa ta'e warra lafa irra jiraatan keessa isa gadi aanaa ta'etti of beeksisuudhaaf gadi bu'e, hundumaa gidduu darbee tiksoota warra namatti hin lakkaa'amne biratti of beeksise; tiksoota xixinnaayyoo kanatti ergaa isa yeroo hundumaatti waan hundumaa caalaa guddaa ta'e kennuudhaaf dhufaa jira. Ergamoota gurguddoo hedduutu turan. Bara Nohi, bara raajotaa, bara luboota gurguddoo, fi kanneen biroo baroota darban keessa turanii yaaduu dandeenya. Namoota gurguddoo kanneen baratan, mootota, warra humna qaban, maatii moototaatu turan, asitti garuu, Inni ergaa ergaa hundumaa irra caaluu wajjin dhufe. Ergichi maal ture? “Masiihiin amma as jira!” kan jedhuudha. Argitanii? Sana beeksisiifis, Inni warra leenji'an hundumaa bira darbee, toksoota gadi of deebisaniif akka beekan godhe.

Mee itti yaadaa: abbootiin amantii hunda, namoota waldaa hunda, barsiisota hunda, leenjii ti'ooloojii hunda, maallaqa ba'e hunda, waldoota hunda, barsiisaa fi dameelee amantii hundumaa bira darbe! Barumsa isaan iarratti dabarasan hundumaa— misiyoonota hundumaa, warra amantii jijjiirrattan hundumaas, miseensummaa hundumaa, wanta isaan Waaqayyoof waan ulfinaa hojjenne jedhanii yaadan hundumaabira moggaatti dhiisee, ergaa furtuu waan hundumaa ta'e isaan bira darbarse. Kun waan haaraa dha! Maaliif? Argituu?

Akkasumas, kana qofaa osoo hin taane, bakki sun taatee akkanaa kanaaf gonkumaa bakka hin yaadamne ture. Amma, egaa sana kan fudhate tiksoota. Ammas bakka ergaan sun ture hubadhaa: bakka namni kam iyyuu in dhufa jedhee hin eegnetti dhufe. Halkana kanas, ergaa dhugaa Gooftaa Yesuus barbaacha dhufne taanaan, garee hin eegamne keessaan yoo dhufe, iddoo ... addunyaa guddoon, addunyaan baroontaan fagaatee fi waldaan bara har'aa isaan sanaan gurmuu gantootaa hin jedhaniiree? Iddoo nuyi isa eegnutti argamuu dhabuu Isaatiif nan dinqifadha! Bakka gokumaa hin eegmnee fi gara warra dubbachuuf ulaagaa hin guunnee dhufe.

Tiksoonni waa'ee dubbachuu waan tokko illee hin beekan, isaan hoolota waamuu qofaa beeku;tole, tarii sababiin inni isaan bira dhufeef isa kana ta'uu hin oolu.

Garuu inni dubbii abdachiifame ture. Hubadhaa, ammas akkas gochuu danda'a. Abbootii taayitaa biyyattii hunda bira darbe. Namoota gurguddoo hunda bira darbee, warra nama hin qabnetti mul'ate. Warra kabajamoo doktoora ti'ooloojii guddaa, saayikoloojii, barnoota olaanaa, kaatediraalota gurguddaa fi wantoota garaa garaan faayamanii turan hunda isaanii bira darbee warra homaa hin qabnetti mul'ate. Ogummaan, ogummaan Waaqayyo Isa Hundumaa Danda'uu isa daangaa hin qabnetu kana godhe, ergaa guddaa isa yeroo kam irra iyyuu caalu, “Masiihichi amma as jira” jedhu akka isaaniiti beekamu godhe. Maal ogummaan akkasii! Inni Waaqayyo ogummaa beeku irraa duwaa dhufuu danda'a. Ogummaan hundi, barnoonni hundii fi wantoonni hunduu amma ogummaa Waaqayyootiin barbadaa'ee bira darbameera. Gadi fageenyaan keessa keessan akka seenu waanan barbaaduuf kana irra deebi'een dubbadha. Hunduufaayidaa tokko illee waan hin qabneef akka kosootti gatamee bira darbame. Ogummaan Waaqayyoo karaa qajeelaa akka qabaatuuf, Waaqayyoo warra hin jiran jedhaman akka jiraatan godhe.

Dubbisaa macaafa (PDF)...
Maaliif tiksee ta'uu qaba.


Malkiisedeq kun eenyu?

English Newsletter Site.

Macaafa Mul'ataa.

 
 

Waaqayyo fi Beekumsa. Index.
Tulluu Siinaa.

Sagalichi Jireenyaatti.
Kristos Sagalee Isaa
Keessatti Mul’ifama.

Wangeela.
Kristos cubbuu
keenyaaf du’eera.

Cuuphamaa.

 
 

Duumessoota waaqaa.

Utubaan ibiddaa.

Olbutamuu.

 

Mul’aticha
Yesuus Kiristoosi.

Bara dhumaa series.
Gaa’elaa fi
Gaa’ela Diiguu.

Dubartii Jeezebeel
Jedhamtu sana.

Mul'aticha Phaaximoos.

Daddarbaa Addaamii.
Firrii mukaa hin turre.
Sanyicha Bofaa.

Archaeology.
Sodoomii fi Gomoraa.

Bara Waldaa
Laa'odiiqeyaa.

Kiristoos waldaa ala
jira.

  Macaafni Qulqulluun jedhuu dha...

Tiksoonni sun, isa ergamoonni Waaqayyoo itti himan hundumaa dhaga'anii, akkuma itti dubbatametti ija isaaniitiin waan arganiif, Waaqayyoof hooqubaa dhi'eessaa galateeffachaas gara iddoo isaaniitti deebi'an.

Luqaas 2:20




Click on an image to download PDFs or fullsize picture.


Mountainside and
Rosebush in snow
in China.

Stature of a
Perfect Man

(PDF English)

Utubaan ibiddaa.

Duumessoota waaqaa.


Ergicha hub... Ergicha William Branham.