Ciniinsuu Da’umsaa.

<< prev

next >>

  Sagalichi Jireenyaatti.

Ciniinsuu Da’umsaa.


William Branham.

Dubbisaa macaafa...
Ciniinsuu Da’umsaa.

Egaa amma, waaree bodaa kanatti mata dureen isin beeksisee ture: Dhukkubbii da'umsaa, kan jedhu irrattin dubbadha. Egaa, jechichi miira namaatti kan hin tolled ha, garuu Macaafa Qulqulluu keessa jira. Nan amana, Yesus, “Isin in gadditu, gaddi keessan garuu gammachuutti in geeddarama” jedhee bartoota Isaatti dubbachaa kan ture, Kristaanummaan dhalatee argamuuf dhi'aachaa akka jiru waan beekuuf dubbate. Egaa inni haaraan dhalachuuf, inni moofaan du'uu qaba. Wanti dhala godhachuuf jiru hunduu dhukkubbii rakkinaa qaba. Isaan dhugaadhumatti seeraa irraa gara ayyaanaatti dhufuudhaaf dhukkubbii rakkinaa fi dhiphinaa keessa keessa darbaa turan. Uumamni, dhalachuun uumamaa Dhalachuu Afuuraatti fakkeeffama. Wanti uumamaan argamu hunduu kan hafuuraatti fakkeeffama. Lafa kana irra yoo ilaallee, biqilaa lafa irratti in argina, biqilaa guddachaa jiru jireenya isaa itti fufsiisuuf wal'aansoo irra jira. Kunis kan agariisuuf jedhu muki hin duune tokko iddoo ta'e tokko jiraachuu isaa ti, sababiin isaa inni waan ta'e tokkoof wawwaataa jira. Hamman haa dulloomanii, hammam haa dhukkubsatanii, haala kamiin keessa haa jiraatanii, namoonni jiraachuuf jedhanii iyyu, sababiin isaa, kun kan agarsiisu iddoo ta'a tokko, iddoo bara baraan jiraannu jireenyi jiraachuu isaa ti. Attam waan hundaan guutuu akka ta'e qalbeeffadhaa.

Egaa amma, yoon doggoruu baadhe Ergaa Yohaannis Isa Duraa 5:7 irratti, “Waaqa irratti dhugabaatuu sadiitu jira. Isaan kunis Abbaa, Sagalicha fi Hafuura Qulqulluu dha; isaan kun sadanuu tokko. Lafa irra dhuga-baatuu sadiitu jira. Isaan kunis Hafuuricha, bishaanichaa fi Dhiigicha; isaan kun sadanuu sagalee tokkon dhugaa ba'u (sadanuu tokkotti walii galu.)” jedha. Amma qalbeeffadhaa. Warri duraa sadanuu tokko. Warri sadanii lammaffaan warra lafa irraati, isaanis tokkotti walii galu (agree in one.) Ilma Isaatiin malee Abbaa qabaachuu hin dandeessu; yoo Hafuura Qulqulluu utuu hin qabaatin Ilma Isaa qabaachuu hin dandeessu. Garuu Dhiigicha utuu hin qabaatin bishaan qabaachuu dandeessa, Dhiigichas Hafuuricha utuu hin qabaatin qabaachuu dandeessa. Akkan yaadutti, dhugummaan wanta kanaa bara keenya kana keessa mirkaneeffameera; bishaanni, Dhiigichi fi Hafuurichi wal duraa dubaan qajeelummaa, qulqullummaa fi cuuphaa Hafuura Qulqulluu ti. Inni kun kan itti fakkeeffamu... yookiin fakkeenyummaa kan argate, akkaata dhalachuu isa karaa uumamaa irraa ti.

Yummuu dubartiin da'uuf ciniinsifattu ilaalaa. Dhalachuu foonii keessatti wanti jalqaba ta'ee darbu cabuu bishaanii ti; wanti lammataa dhiiga; sana booda lubbuu (life) tu dhufa. Bishaan, dhiiga, hafuura; isaan kunneen wantoota namni fooniin dhalatu irraa ijaaramani dha. Addunyaa Hafuuraa keessattis akkasuma. Inni bishaani; kunis amantiidhaan qajeelaa (justification) ta'uu, Waaqayyotti amanuu, Fayyisaa lubbuu ofii godhanii Isa fudhachuu, fi cuuphamuu dha. Lammaffaan qulqullummaa (sanctification) hafuuraa ti, innis isa Waaqayyo hafuura elementoota biyya lafaa hundumaa irraa fi hawwa biyya lafaa irraa dhiqee qulqulleessu dha. Sana booda Hafuurri Qulqulluun qodaa qulqulleeffame sana dhufee guutuudhaan Dhalachuu haaraa isaaf kenna. Fakkeenyaaf, kana fakkaata. Egaa, an isinitti himeera. Gara isa itti hin amanuu dadhabdanii dhiisaatii, gara firii isaa nyaadhaa. Qalbeeffadhaa. Egaa, amma burcuqqoo tokkotu kosii indaaqqoo keessa bu'ee jira haa jennu. Buurcuqqoo sana achi keessaa akkuma fuutanitti callistanii minjaala irra keessanii bishaan yookiis aannan itti hin buuftan. Lakki. Achi keessaa isa fuudhuun qajeelummaa (justification) dha. Isa dhiquun qulqullummaa (sanctification) dha, sababiin isaa jechi Griikii 'sanctify' jedhu, jecha danoomaa kan hiikkaan isaa, “kan dhiqamee tajaajilaaf kaa'ame” jechuu waan ta'eef. Tajaajila keessa kan kaa'ame miti, tajaajilaaf kan kaa'ame malee. Sana booda yummuu isin isatti guuttanitti, inni tajaajila keessa in kaa'ama.

Amma dhiifama naaf gootu, isin waraanuuf jedhee miti. Isin warri Piilgiriim Hoolinesii, isin warri Naazereensii gara Pheenxeqoosteetti ol guddachuu hin dandeenye. Isin qulqullummaadhaan qulqulleeffamtaniittu; garuu yummuu tajaajilalaaf qopheeffamtanii kaa'amtanitti, yummuu kennaa afaan haaraa fi kanneen birootiif kaa'amtanitti, gadi of darbattan, gaadaa kosii iddoo duraatti deebiftanii isa gattan. Hubattanii? Egaa, wanti ta'e isa kana. Inni yeroo hundumaa isa kana in godha. Egaa amma, isin qeequuf jedhee miti, garuu wanta kana laphee koo irraa buusuu barbaadeen malee. Wanti kun wanta ergan as dhufee jalqabee garaa na nyaataa ture dha, tarii sichis akkasuman godhan ta'a. Callisee, yoo ayyaana Kaarlii ta'e, yoo kan Diimoosii fi kanneen biroo ta'e, kan hunda keessanii yoo yoo kan warra kanaa ta'e, an hamman danda'etti lubbuu koo oolfachuufan dhama'a, hubadhaa, sana booda isin dhimma keessani. Wanti uumamaa, kan hafuuraatti fakkeeffama. Egaa amma, sana booda wanti nuyi arginu, guutummaatti dhalachuu isaa ti. Yeroo baay'ee daa'imni yummuu... Egaa yeroo bishaanichi cabutti hagas mara itti hin dhimmitan. Yeroo dhiigni dhufutti hagas mara itti hin dhimmitan. Garuu, mucaan lubbuu (life) akka argatuuf, xiqqoo kabaltanii akka boo'u gochuu qabdu. Kunis immoo... Egaa, an nama barate miti, obboloonni koo kun isa kana sirriitti leenji'aniiru, inni kan isaanii ti, garuu an uumamaa wajjin wal bira qabeen dubbadha. Egaa narkaa fudhaa. Inni wanta ta'ee raawwatame dha. Inni gara kanatti isaan fiduuf kaballaa dhugaa kabalame.

Egaa, waan xiqqoo wayii, waan nama rifaasisu wayii isin barbaachisa. Tarii daa'imicha kabaluu isin hin barbaachisu ta'a, callistanii akka rifachiisuu gootu. Yaadni yeroo baay'ee fudhatama qabu, yummuu inni dhalatutti kana gochuu dha. Innis, qabiitii isa raasi. Yoo inni hafuura baachuu dide, xiqqoo akka kabaluu godhi, sana booda innuu in boo'a, innuu afaan haaraa kan ofii isaatii dhaga'uun dubbachuu jalqaba. Garuu, waan fedhe iyyuu haa ta'uu, inni sagalee uumaa jira. Akkan yaadutti daa'imni tokko cal'isaan yoo dhalate, sagalee hin qabu yoo ta'e, hin sosocho'u yoo ta'e, inni daa'ima du'aa dha. Inni kun egaa rakkoo waldaa bara har'aa wajjin tokko, sirnicha (the system) wajjin tokko; da'imman cal'isaan dhalatan baay'ee danuu qabna. Kun sirrii dha. Hubadhaa, isaan dammaqsuudhaaf, akka of baran gochuudhaaf, Waaqayyo hafuura Jireenyaa akka isaanitti baafatuuf, kaballaa Wangeelaa isaan barbaachisa. Egaa inni kun sirriitti dhugaa akka ta'e in argina. Inni tiyooloojii dikita (crude) ta'e dha, garuu waanuma fedhefuu, inni Dhugaa dha.

-----
Lafa haaraa argachuuf akka jirru raajota Waaqayyootiin nutti dubbatameera, Bantii Waaqaa haaraa fi lafa haaraa argachuuf jirra. Caaffata waa'ee kanaa ilaaluu yoo barbaaddan Mul'ata 21 keessatti caafameera. Of biraa waanan qabuuf isiniif dubbisuu nan danda'a. Yohaannis, “Ani bantii waaqaa haaraadhaa fi lafa haaraa nan arge; bantiin waaqaa inni duraa, lafti inni duraas darbaniiru” jedhe. Inni darbeera. Egaa, lafa haaraa argachuuf jenna yoo ta'e, lafti haaraa fi lafti inni duraa wal faana jiraachuu hin danda'an. Yookiin, adunyaan haaraanii fi addunyaan inni duraa wal faana jiraachuu hin danda'an. Adeemsi addunyaa lamaa wal faana jiraachuu hin danda'u. Egaa, lafa isa haaraa argachuuf, lafti inni moofaan du'uu qaba. Egaa, inni duraa du'uuf deemaa jira yoo ta'e, isa haaraatiif cinninsuu da'umsaa kennaa jiraachuu isaa ti.

Amma dokteerrii tokko utuu dubartii ciniinsifachaa jirtu tokko gargaaruuf deemee..., inni wantoota dokteeronni godhan keessaa tokko. Isa kanas fuula dokteerotan beeku lamaa yookiin sadii durattin dubbachaa jira, dokteeronni fayyaa gaggaariin, dokteeronni Kristaanaa as nu gidduu akka jiran nan beeka. Kana isin gaafachuufan ture. Dokteerri tokko erga dhukkubsataa argeen booda wantoota inni godhu keessaa inni duraa dhukkubbii sana safaruu dha, yeroo ciniinsuu sanaa lakkaa'uu dha. Inni deddeebii ciniinsuu sana in safara, miixuun sun hammam akka walitti dhi'aachaa deemuu, hammam sodaachisaa ta'aa akka deemaa jiruu hin jirre safaraa deema. Inni tokko isa tokko caalaa ulfaataa deema. Inni itti aanus amma iyyuu cimaa deema, walitti dhiphataa deema. Kun egaa karaa dokteerri gosa ciniinsuu adaan baasee beeku dha. Tole egaa, lafti kun lafa haaraa dhalachuuf jirtuuf karaa gadi dhiisuu qabdi erga ta'ee, mee ciniinsuu lafa kana irratti ciniinsifachaa jirru haa qo'annu, sana booda guyyaa attamii fi yeroo hammamiitiif dhiphina dhukkubbii kanaan akka isheen turtu in ilaalla.

Waraanni Adduyaa Tokkoffaa cinninsuu da'umsaa cimaa agarsiise. Inni cinniinsuu isheen jalqaba ittiin dhiphachuuf warra jalqabaa keessaa isa tokko agarsiise. Sababiin yeroon sun isheedhaaf kana ta'eefis, nuyi yeroo sanatti boombii, maashinoota qawwee fi gaasii summa'aa waan omiishneefi. Isins in yaadattu. Tarii baay'een keessan hin yaadattan ta'a. An yeroo sanatti ijoollee xiqqoo gara wagaa saddeetiin ture, garuu isa isaan waa'ee gaasii mustaardii, gaarii kilooriinii fi waan kana fakkaatan haasa'aa turan nan yaadadha. “Attamittiin akka isa walitti dhukaasuun jalqabama” jedhanii yeroo waliin dubbatanitti, “inni guutummaa lafaa gubee balleessa. Inni waan hundumaa ajjeesa. Tole, inni qilleensaan baatamee guutummaa lafaa wal ga'a” jedhanii odeessu turan. Namni hunduu meeshaa lolaa gaasii summaa'aa jedhamu sanaan attam naasuun du'ee diilallaa'e! Lafti kanaan ciniinsuu isa jalqabaa keessa dabarte. Ammas kan biraa argina, lolli lammataas nu quunnamee ture, innis Waraana Addunyaa Lammaffaa yoo ta'u, yeroo kanatti ciniinsuun lafatti baay'ee kan hammaate ture. Inni guyyaa hundumaa isa duraarra kan hammaatu ture, dhukkubbiin ciniinsuu lafaa isa duraarra hammaataa ture. Yeroo boombii atoomawaan dho'etti, isheen xiqqoof malee karaa hamma karaa gadi dhiisuutti iyyuu geessee turte, sababiin isaa inni guutummaa magaalaa tokkoo barbadeessee ture. Dhukkubbiin isaa dhukkubbii badiisa lafaa isa duraa irra, dhukkubbii Waraana Addunyaa Isa Duraa irra baay'ee baay'ee kan hammaatu ture.

Amma egaa, yeroon deessee hiikamuu ishee qarqara akka ga'e, isheen in beekti. Sababiin isheen naasuu guddaa keessa seentee jirtuuf isa kanaafi, sababiin isheen amma naatee muka qabattu dhabee jirtuuf, sababa yeroo ammaa boombiin haayidiroojiinii fi misaayiliin qilleensa irra furguggifamu kana guutummaa addunyaa barbadeessuu danda'u jiruufi. Biyyi xiqqoon illee utuu hin hafin, biyyi tokko biyya biraa sodaataa jiraata. Misaayiloota kanneen keessaa isaan isa...jedhanii waaman irra ga'aniiru. Isa kana immoo urjootaan to'achuudhaan biyya lafaa irraa iddoo barbaadan irra buusuu akka danda'an hojjetaniiru. Akkan oduu irraa guyyaa tokko dhaggeeffadhetti, Ruusiyaan gargar caccabuu biyya ishee irraa ittisuuf, yookiin atoomota biyya ishee irraa ittisuuf jecha, biyya kana barbadeessuu akka barbaaddu waamicha dhi'eessaa jirti. Waa'ee Isa kanaa maal akka goonu hin beeknu. Hundumtuu yaada akkasii dhi'eessaa jira, innis akkasuma in ta'a. Saayinsiin dhala namaa laaboraatoorii guddaa isa kan Waaqayyoo cabsee galuudhaan, isaan hamma ofumaan of barbadeessanitti deemaa jiru. Waaqayyo akkas godha, Waaqayyo yeroo hundumaa ogummaan akka ofiin of balleessu godha. Waaqayyo waan kam illee hin barbadeessu. Namni akkuma jalqaba iddoo Sagalee Waaqayyoo buusee ogummaa Seexanaa fudhachuudhaan of balleesse sana, har'as ogummaadhaan of barbadeessaa jira.

-----
Kanaafis isheen isa dura dhaabachuu akka hin dandeenye in beekti. Isa dura dhaabachuu akka isheen hin dandeenye namoonni in beeku. Wanti ta'uuf deemaa akka jiru bnamoonni in beeku.
Waaqayyo in ta'a jedhee dubbateera waan ta'eef in ta'a. “Guutummaa bantii waaqaa fi lafaatti ibiddi in qabata.” Haaromfamuun wanta hundumaa ta'uuf jira, kanaanis lafti haaraan dhalachuuf jirti. Waaqayyo isa kana raajii dubbateera. Isheen caasaa sirna ishee wajjjin wal fudhattee tortorteetti, isheen tortortee badduu ba'uufis jirti. Sababiin isheen naasuu baay'ee keessa galtee, fuulli ishee itti diimatee, saakachoofteetti isiiin jedheef isa kanaafi. Kerkerri lafaa dhiha Amerikaa olii hamma gadiitti rukutaa jira. Dambaliin garbaa Alaaskaarra galagalaa jira, kerkerri lafaa fi wantoonni baay'een galoo gara dhihaa kana olii hamma gadiitti raasaa jira. Namoonni immoo, “Baqannuu? Baqannuu?” jedhanii barreessu. Hubattanii? Isaan waan godhan wallaalaniiru. Isa Tokkicha sana malee iddoon itti baqatanii oolan hin jiru, innis Kristosi dha, Ilma Waaqayyo isa jiraataa ti. Iddoon itti baqatanii oolan (safety zone) tokko duwwaatu jira, innis immoo Isa duwwaa dha. Wanti Iddoo sanaan alatti argamu hunduu, akkuma Waaqayyo dubbate in balleeffamu.

Mee Kitaaba Dokteeraa irraa haa ilaallu, mee akka isheen haala kana keessa jirtu haa ilaallu, mee lafti haaraan dhalachuuf yummuu jettu wanti kun dhuguma akka ishee irratti raawwatamu haa ilaallu. Kitaaba Dokteeraa isa ta'e Macaafa Qulqulluu keessaa, Maatewos 24 keessatti raajii dubbatamee fi mallattoon dhukkuba ishee maal ta'uuf akka jiru waliin haa ilaallu. Egaa amma, dokteerri tokko mallattoo dhukkubbii yeroo dubartiin mucaa da'uuf jettuu yoo bare... Battala yeroo daa'imni sun itti gadi dhuftuu yeroo barutti, inni waan hundumaa in qoqopheessa, sababiin isaa, yerichi yeroo daa'imni sun itti dhalatu waan ta'eef. Sababiin isaa, mallatooleen hunduu mul'ataniiru; bishaanni cabeera, dhiigni dhangala'aa jira. Egaa amma... Yeroo isaa xumurameera. Mucaan gadi dhufteetti, yeroon yeroo mucaan itti dhalattu dha. Kanaafis inni wanta isaaf barbaachisu hundumaa in qopheessa. Egaa amma, Yesus wanta yeroo ammaa kanatti ta'uuf jiru utuu irraa hin hambisin dubbateera. Inni Maatewos 24 keessatti Waldaan, Waldaa isheen dhugaanii fi waldaan isheen kan biraa, isheen yaada foonii... Waldaan hafuuraa fi waldaan foonii dhalachuuf akka jirtu nutti dubbate. Waldaan foonii fi waldaan hafuuraa, “Baay'ee wal fakkaachuu irraan kan ka'e, isa dhugaatti fakkeessuu irraan kan ka'e, utuu isaaniif danda'amee warra Fo'aman iyyuu hamma wallaalchisuutti in ga'u.” Akkuma guyyoota Nohi keessa ture in ta'a, “Akkuma isa isaan nyaanyaa, dhugaa, fudhaa, heerumaa, gaa'ila dhaabbachaa turan,” seera malee jiraachuu fi halalummaan biyya lafaa yeroo ammaa argaa jirru kun hundi guyyoota sana keessa ture. Macaafni Qulqulluun, Kitaabni, Kitaaba Dokteeraa inni ta'e, wanti kun akka ta'uuf jiru dubbateera. Kanaafis, wanti kun ta'uu isaa yummuu arginutti, da'umsi dhi'aatee balbala akka ga'e beekuu qabna. Kun ta'uutu irra jira. Eeyyee, gooftaa.

-----
Waldaan kun ciniinsuu keessa jirti. Amma utuu Fuula Isaa duratti filannoo keessan hin keessanii? An gutumaan guutuutti Sagalicha isinitti agarsiiseera, Inni wanta dubbate in raawwata. Ijaarsa mana kanaa hundumaa keessa secha'atii nama nama itti bu'amee beeku, yookiis nama itti dubbatamee, yokkid waan barbaade iyyuu haa ta'uu, akkan isaan beeku, yookiis akkan waa'ee isaanii beeku gaafadhaa. Namni foonii kana gochuu danda'a jettanii yaadduu? Kun raawwatee namaaf kan danda'amu miti. Gaaridha egaa, Inni maali? Inni Ilma namaa ti. “Dubbii Waaqayyoo billaa gar lamaan qarame caalaa qara qaba; Inni hafuuraa fi lubbuu, lafeef dhuka, yaadaa fi akeeka garaa namaas qoree faraduu in danda'a.” Dhibbaa dhibbatti akkuma isa yeroo foon uffatee, Ilma Waaqayyoo ta'ee lafa kana irra dhufeetti, amma s Ilma Waaqayyoo ta'ee mul'achaa jira, Inni akkasitti Misirroo Isaa sirnicha keessaa waamee baasuuf dhufeera. “Isaan keessaa adeemaa, ittii gargar ba'aas; wanta xuraa'aa isaanii harkaan hin tuqinaam, Anis isininan simadhaa, jedha Waaqayyo.” Guutumma jireenya keessani Waaqayyotti dabarsitanii kennuuf qophooftaniittuu? Qophooftaniittu yoo ta'e, ol ka'aa dhaabadhaatii, “Amma battala kanatti, ayyaana Waaqayyootiin, wanta na keessa jiru hundumaaf Isa fudhadheera” jedhaa.

Dubbisaa macaafa... Ciniinsuu Da’umsaa.


Malkiisedeq kun eenyu?

English Newsletter Site.

Macaafa Mul'ataa.

 
 

Waaqayyo fi Beekumsa. Index.
Tulluu Siinaa.

Sagalichi Jireenyaatti.
Kristos Sagalee Isaa
Keessatti Mul’ifama.

Wangeela.
Kristos cubbuu
keenyaaf du’eera.

Cuuphamaa.

 
 

Duumessoota waaqaa.

Utubaan ibiddaa.

Olbutamuu.

 

Mul’aticha
Yesuus Kiristoosi.

Bara dhumaa series.
Gaa’elaa fi
Gaa’ela Diiguu.

Dubartii Jeezebeel
Jedhamtu sana.

Mul'aticha Phaaximoos.

Daddarbaa Addaamii.
Firrii mukaa hin turre.
Sanyicha Bofaa.

Archaeology.
Sodoomii fi Gomoraa.

Bara Waldaa
Laa'odiiqeyaa.

Kiristoos waldaa ala
jira.

  Macaafa Qulqulluu jedha...

Dhuguma, dhuguman isiniin jedha; isin in boossu in wawwaattus; biyyi lafaa garuu in gammada; isin in gadditu, gaddi keessan garuu gammachuutti in geddarama.

Dubartiin ciniinsifattu yeroon ishee waan ga'eef in gadditi; mucaa erga deessee garuu, namni biyya lafaatti waan dhalateef, gammachuu irraa kan ka'e rakkina ishee sana hin yaadattu.

Yohannis 16:20-21


Click on an image to download PDFs or fullsize picture.


Acts of the Prophet

(PDF English)

Gaa’elaa Fi Gaa’ela
Diiguu
(PDF)

William Branham
Life Story.

(PDF English)

How the Angel came
to me.

(PDF English)

As the Eagle
Stireth her nest.

(PDF English)

Chapter 14
- Sabino Canyon

(PDF English)


Message Hub...Choose your Language and download Free Messages from Brother Branham