Jijjiiruu Humna Waaqayyoo.

<< prev

next >>

  Sagalichi Jireenyaatti.

Jijjiiruu Humna Waaqayyoo.


William Branham.

Dubbisaa macaafa...
Jijjiiruu Humna Waaqayyoo.

Egaa amma Ergaa Gara Warra Roomaa boqonnaa 12 lakkoofsa 1 fi 2 in dubbifanna.

Ammas yaa obboloota ko, araara Waaqayyoof jedhaatii namummaa keessan qulqulla'aadhaa fi Waaqayyo duratti fudhatamaa akka ta'utti, aarsaa jiraatu gootanii akka isa dhi'eessitan isin nan gorsa; akkasittis hafuuraan Waaqayyoof in sagaddu.
Fakkeenya jireenya bara isa darbu kanaa duukaa hin bu'inaa! Jaalalli Waaqayyoo isa kam akka ta'e gargar baasuudhaaf, yaada garaa keessanii haareffachuudhaan of diddiiraa! Jaalalli Waaqayyoo immoo waan gaarii ta'e, waan Isa duratti fudhatamaa ta'e, waan akeeka Isaa fiixaan baasus hubachuu dha.

Egaa yoo fedha Waaqayyoo ta'e, ganama kana mataduree: Humna Waaqayyootiin Diddiiramuu, jedhu irrattin dubbadha. Fakkeenya bara isa darbu kanaa duukaa hin bu'inaa! Jaalalli Waaqayyoo isa kama akka ta'e gargar baasuudhaaf, yaada garaa keessanii haareffachuudhaan of diddiiraa! Jaalalli Waaqayyoo immoo waan gaarii ta'e, waan Isa duratti fudhatamaa ta'e, waan akeeka Isaa fiixaan baasus hubachuu dha.

Mata dureen kun mata duree beekamaa dha, isin paasteroonni baay'een yeroo hundaa kan itti gargaaramaa turtani dha. Mata dureen kun guyyaa gaafa barreefameetii jalqabee itti gargaaramamaa ture. Garuu waa'een Sagalee Waaqayyoo waan tokkotu jira, innis Sagaleen Waaqayyoo gonkumaa hin moofa'u, sababiin isaa Inni Waaqayyo dha. Inni gonkumaa hin moofa'u. Dhaloota hundumaatii kaasee hanga ammaatti, naannoo gara waggaa kuma lamaa fi dhibba saddeetii fi isaa oliitiif, Sagalee Waaqayyoo kana namoonni, luboonni fi kan kana fakkaatan dubbisaa kan turan, Inni gonkumaa hin moofa'u. Anumti mataan koo gara waggoota soddomii shaniitiif Isa dubbisaan jira. Yeroon Isa dubbisu hundumaattis wanta jalqaba hubadhe irraa wanta haaraa ta'e tokkon arga. Sababiin isaa, Inni hafuuraan kan geggeeffamu dha, Inni Waaqayyo bifa barreeffamaatiin taa'e dha. Hubadhaa, Inni elementoota (attributes) Waaqayyoo warra dubbatamanii waraqaa irra kaa'amanii dha.

Yeroo baay'ee namni, “Tole egaa, Macaafa Qulqulluu kana namatu barreesse” jedha. Lakki. Macaafni Qulqulluun Isumatu barreesse jedha, Macaafa Qulqulluu Waaqayyotu barreesse. Inni raawwatee hin darbu, Yesus, “Waaqanii fi lafti kun darbuuf jiru, Dubbiin Koo garuu gonkumaa hin darbu” jedhe. Inni hin darbu, Inni Waaqayyo jiraataa dha, sababiin isaa Inni qaama Isaa ti. Isinis ilmaanii fi intaloota Waaqayyoo ta'uu keessaniin qaama Isaa ti, inni kun qaama Isaa akka taatan isin godha. Sababiin nuyi dhufnee Dubbii Waaqayyoo irraa hirmaachuuf walitti qabamneefis isa kana.

Jecha diddiiramuu jedhu kana kaleessa galmee hiika jechootaa irraa hiika isaa dubbiseen ture. Kutaan irratti dubbadhu barbaacha asii fi achi jechaa yeroon turetti, yeroon mata dureen irratti har'a dubbadhu barbaadaa turetti, Caaffata kanan argachuu danda'e. Galmeen hiika jechootaa, inni, “wanta jijjirame tokko dha” jedha. Inni wanta, “jijjiiramu dha” jedha. Geeddarame jechuun, “Wanta duraan ture irraa kan jijjiirame dha” jedha. Geeddaruu jechuun, “wanta amalli isaa fi wanti hunduu isa keessatti jijjiirame” jechuu dha.

Ganama kana immoo Uumama boqonnaa 1 irrattin yaadaa ture.Lafti kun bifa hin kan hin qabne, onaas ture, dukkunni lafa kana aguugee ture; waan bita namatti galu irraan kan hafe waan tokko iyyuu hin turre. Yeroo lafti haala sana keessa turtetti Hafuurri Waaqayyoo bishaan irra in socho'a ture, sana booda guutummaan fakkaattii sanaa in jijjiirame; innis guutumaan guutuutti wanta bita namatti galu irraa gara iddoo dhaabaa Eedenitti jijjiirame. Inni wanta hin jirre tokko fuudhee wanta dinqisiisaa tokko isa keessaa baasu kun Humna Waaqayyoo isa geeddaruu danda'uu dha. Humna Waaqayyoo isa waa geeddaru!

Waaqayyo Eeden kana uumee qopheessee xumuruuf waggoota kuma ja'a akka Isatti fudhate Caaffata Qulqulla'aa dubbisuudhaan hubachuu dandeenya. Egaa, tarii yeroo hanga kanaa Isatti fudhachuu dhiisuu danda'a; akka ta'a jennee fudhachuudhaan (presuming) Caffata Qulqulla'aa keessaa isa, “Waaqayyo biratti guyyaan tokko waggaa kuma tokko” jedha, kunis akka lakkoofsa yeroo Waaqayyoo tti. Kanaafis Waaqayyo lafa uumee sanyii gaggaarii hundumaa laficharra dhaabee xumuruuf waggaa kuma ja'a Isatti fudhate jenna. Wanti hunduu qajeelaa ture. Akkan yaadutti, yeroo baay'ee warri qeeqxotaa yeroo Macaafa Seera Uumamaa dubbisanitti Isa qeequu jalqabu, sababiin isaa, Inni waan dhaabbiidhaan (constantly) irra deddeebi'amu, yookiis waan asii fi achi isin daddarbatu fakkaata. Garuu utuu gara mata duree keenyaatti hin ce'in dura wanta tokko yoo hubanne gaarii ta'a, innis immoo Museen mul'ata (Vision) arguu isaa ti. Waaqayyo Museetti dubbate. Waaqayyo fuulaa fi fuulatti, afaanii fi gurra Museetti dubbate. Egaa, Inni akka Museetti dubbatetti nama kamitti illee gonkumaa hin dubbanne. Egaa Museen nama guddaa ture, inni raajota gurguddoo hundumaa keessaa isa caalu ture. Inni Kristositti kan fakkeeffamu ture. Egaa ammas Waaqayyo dubbachuu danda'a, Inni sagalee qaba. Inni dhaggeeffatamaa tureera. Waaqayyo dubbachuu danda'a.

Waaqayyo barreessuu danda'a. Waaqayyo quba harka Isaatiin Abboommota kurnan barreesse. Inni yeroo tokko quba harka Isaatiin keenyan Baabiloon irratti barreesse. Inni yeroo tokko gadi jedhee harka Isaatiin lafatti barreesse. Waaqayyo dubbachuu danda'a. Waaqayyo dubbisuu danda'a. Waaqayyo barreessuu danda'a. Waaqayyo Burqaa ayyaan hundumaa fi Humnaa ti, ogummaan Hoodaa hunduus Waaqayyo keessa jira. Kanaafuu, kana beekaa, Uumaan Isa duwwaa dha. Waaqayyoon malee uumaan kan biraa hin jiru. Seexanni guutumaan guutuutti uumuu hin danda'u, wanti inni gochuu danda'u wanta durumaan uumame jal'isuu duwwaa dha. Waaqayyoon malee Uumaan kan biraa hin jiru. Kanaafuu, Inni Sagalee Isaatiin uume. Inni Sgalee Isaa erge. Kanaafuu Inni sanyii lafa irra kaa'e hundumaa, Sagalee Isaatiin uume, sababiin isaa, wanti sanyiin irraa argamu kan biraa hin turre waan ta'eef. Inni isaan kaa'ee ture, isaanis bishaan jala turan. Inni callisee, “Kun haa ta'u, sun haa ta'u” jedhe.

Egaa yeroo baay'ee, waan Macaafni Qulqulluun irra deddeebi'u, yookiis wanti Inni hin jedhin tokko waan jedhamaa jiru nutti fakkaata. Fakkeenyaaf, Uumama boqonnaa 1 keessatti, “Egaa Waaqayyo akka bifa Isaatti nama uume, akka bifa Waaqayyootti isa uume; dhiiraa fi dubartii isaan uume” jedha. Sana booda Inni deemsa ittuma fufe, wanti baay'eeniis lafa irratti in ta'e. Yeroo sanatti namni namni laficha namni qotu hin jiru ture. “Sana booda Waaqayyo biyyoo lafaa irraa nama uume.” Namni sun nama addaa ture. “Inni hafuura jiraataa isatti baafate, innis lubbuu jiraatu ta'e.”

Namni inni jalqabaa fakkaattii Waaqayyo Isa Hafuura ta'ee keessa ture. Yohannis 4 keessatti, “Waaqayyo Hafuura; warri Isaaf sagadanis Hafuuraa fi Dhugaadhaan Isaaf sagaduun in ta'aaf” jedha. Waaqayyo Hafuura. Namni Inni jalqaba uume nam-hafuura (spirit-man) ture, inni bifaa fi fakkaattii Waaqayyoo ture. Sana booda Inni nama kana foon keessa kaa'e, namnis in kufe. Kanaafis nama kufe kana iddootti deebisuuf jedhee Waaqayyo gadi bu'ee fakkaattii namaa ta'e. Inni kun akka yaada kootiitti seenaa Wangeela dhugaa ti.

Egaa amma, Waaqayyo waggoota kuma ja'a keessatti sanyii gaggaarii kanneen hundumaa dhaabe, yookiis Inni Sagalee Isaa dubbate. “Inni karaa kanaan in ta'a. Mukti kun in ta'a. Kun in ta'a.” Wanti hunduu qajeelaa ture. Inni gaarii ture. Tokkoon tokkoon sanyii sanaa hunduu wanta isaan ta'uu qaban Inni in abboome, isaan ofii isaanii gara biqilaa gosa jireenya isa Waaqayyo haa ta'u jedhee dubbateetti of diddiiruutu isaan irraa eegama ture. Inni muka qilxuu ture yoo ta'e, qilxuu godhachuutu irraa eegama ture. Inni muka ejersaa ture yoo ta'e, ejersa godhachuutu irraa eegama ture. Sababiin isaa, Uumaa guddichi Sagalee Isaa ergeera waan ta'eef, Sagleen sanyii utuu sanyii inni dhugaan hin uumamin dura achi ture. Sagleenis sanyii uume. Hubadhaa, “Inni wantoota ijaan hin mul'anne irraa lafa uume.” Hubadhaa, Inni lafa Sagalee Isaatiin uume. Waaqayyo wanta hundumaa dubbetee akka jiraatan godhe.

Inni Waaqayyo waan ta'eef, Inni tokkicha Uumaa waan ta'eef, dubbatee wantootni hunduu akka jiraatan godhe, inni biyya lafaa qajeelaa ta'uutu irra jira ture. Inni iddoo miidhagaa ture. Inni jannata dhugaa kan mudaa hin qabnetu lafa kana irra ture. Egaa, akkuma iddoon hunduu bakka ta'e tokkoo waajjira muummee (headquarters) qabuuti ture. Konfirensiin kun waajjira muummee qaba, boqonnaan kun waajjira muummee qaba, waldaan waajjira muummee qabdi. Waaqayyos waajjira muummee qaba. Iddoon guddaan kun, biyyi nuyi keessa jiraannu kun waajjira muummee qabdi. Eeden guddittiin kunis waajjira muummee qabdi turte, waajjirri muummeen ishee kunis iddoo dhaabaa Eeden keessatti hoogganama ture, yookiin iddoo dhaabaatiin gara bahaatti Eeden keessatti hoogganama ture. Waaqayyo ilm Isaa fi misirroo ilma Isaa, Addaamii fi Hewaan uumama Isaa lafa irra jiran hundumaa irratti aboo haa qabaataniif achi isaan kaa'e.

Abbaan Addaam Waaqayyo ture. Akka Caaffanni Qulqulla'aan dubbatutti, “Abbaan Addaam Waaqayyo ture.” Inni ilma Waaqayyoo ture. Waaqayyo dhagna isaa keessaa baasee gargaartuu isaaf uume; tarii lafee cinaacha onnee isaa irraa ishee uume, isheen baay'ee isatti kan dhi'aattu turte, gargaartuu isaaf uume. Ta'us garuu amma iyyuu haati manaa isaa hin jirtu turte, amma iyyuu nama tokkorra kan caalu hin jiru ture; Inni callisee isa dubbate. Iddoo rakkoon itti dhufetu jira, Seexanni utuu Addaam ishee hin argin dura ishee arge. Kanaafuu, inni Sagalee Isaa isa Inni dubbatee ture dha.

-----
Nuyis amma iyyuu fakkaattii Waaqayyoo keessa jirra. Garuu akkuma ilmaan Waaqayyoo warri jedhaman faallaa Dubbii Sagalee Isaa deemanii, akkuma wara karaa akka irra deemnuuf Inni nuuf kenneen faallaa kan ta'e irra deemanii, namoonni kaanis baay'ee dabaniiru. Iddoo wayii qopheessaa jira, biyyi lafaa micciiree karaa irraa nu baasuudhaan, bo'oo (strip) qajeelaa fi dhiphaa, isa Inni ilmaanii fi intaloota Waaqayyoo akka taanuuf keessa nu dhaabe irraa micciiree gara isaatti akka siqnuuf nu harkisa. Cubbuun wanta hamaa kana ilmaanii fi intaloota Waaqayyoo irratti hojjeteera.

-----
Egaa amma warri iddoo biraatti tamsaasa kana hordofaa jirtan, bakka jirtan hundumaatti, Kristosiin Fayyisaa lubbuu keessanii gootanii akka fudhattanii, Hafuura Isaatiin akka cuuphamtan nan barbaada. Dubbiin ganama kana dubbatamaa oole, keessa laphee keessaniitti haa cophu. Adaraa bakkuma jirtanitti Yesusiin fudhadhaa. Jireenya keessan ammaa ilaalaa, jireenya kana booda jiraattinitti immoo of eeggannoon jiraadhaa. Caalaltuu yaada garaa namaa asii fudhadhaa. Wanta Dubbii kanattii gargar ta'e tokko keessatti yoo of argitan, ariifadhaatii isa irraa fagaadhaa. Hubattanii? Sababiin isaa, Calaltuu du'a irraa isin fageessu qabdu waan ta'eef, Innis Dubbii Waaqayyoo ti. Dubbiwwan Isaa jireenya, Isaan du'a irraa isin ittisu.

Dubbisaa macaafa...
Jijjiiruu Humna Waaqayyoo.


Malkiisedeq kun eenyu?

English Newsletter Site.

Macaafa Mul'ataa.

 
 

Waaqayyo fi Beekumsa. Index.
Tulluu Siinaa.

Sagalichi Jireenyaatti.
Kristos Sagalee Isaa
Keessatti Mul’ifama.

Wangeela.
Kristos cubbuu
keenyaaf du’eera.

Cuuphamaa.

 
 

Duumessoota waaqaa.

Utubaan ibiddaa.

Olbutamuu.

 

Mul’aticha
Yesuus Kiristoosi.

Bara dhumaa series.
Gaa’elaa fi
Gaa’ela Diiguu.

Dubartii Jeezebeel
Jedhamtu sana.

Mul'aticha Phaaximoos.

Daddarbaa Addaamii.
Firrii mukaa hin turre.
Sanyicha Bofaa.

Archaeology.
Sodoomii fi Gomoraa.

Bara Waldaa
Laa'odiiqeyaa.

Kiristoos waldaa ala
jira.

  Macaafa Qulqulluu jedha...

lafti bifa hin qabu, onaas ture; callabboo gad fagoo irra dukkanatu ture, hafuurri Waaqayyoos bishaan irra in sosocho'a ture.

Seera Uumamaa 1:2


Click on an image to download PDFs or fullsize picture.


Acts of the Prophet

(PDF English)

Gaa’elaa Fi Gaa’ela
Diiguu
(PDF)

William Branham
Life Story.

(PDF English)

How the Angel came
to me.

(PDF English)


Message Hub...Choose your Language and download Free Messages from Brother Branham