Macaafa Mul'ataa.


  Macaafa Mul'ataa series.

Mul'ata Yohaannis.


William Branham.

Dubbisaa macaafa...
Mul’aticha Yesuus Kiristoosi.

Mul'ata 1:1-3,
1. Kun mul'ata Yesuus Kiristoos, isa inni ittiin wanta dafee ta'uun irra jiru hojjetoota isaatti agarsiisuuf waaqayyoo biraa argatee dha; inni ergamaa isaa waaqa irraa ergee kana hojjetaa isaa Yohaannisitti beeksise, 2. Yohaannis wanta waaqayyo dubbate, Yesuus Kiristoos isaaf dhugaa ba'uu isaa, hamma dhaga'ee fi hamma arge dhugaa ba'eera. 3. Barri kun itti raawwatamuu waan dhiyaateef namni isa inni dhugaa ba'e dhageessisee dubbisuu, warri dubbi raajii dubbatame kana dhaga'anii, wanta isa keessatti caafames eegan akkam haa gammadan.

Barreessaan Macaafa kanaa (burqisiisaa utuu hin ta'in) Yohaannis isa qulqullicha ture. Macaaficha kana yommuu barreessuu biyya bishaan keessaa Phaaximoo jedhamtu keessa kan jiraate ta'us, jireenya isaa kan bara dhumaa garuu Efeesoon keessa kan jiraate ta'uu hayyooleen seena walii galu. Kunis seenaa jireenyaa Yohaannis kan dhuunfaa isaa utuu hin ta'in, mul'ata Gooftaa Yesuus Kiristoos kan baroota seenaa waldaalee fuulduraa ture. Caafata sadaffaa keessatti raajiin dubbatamee jira.

Yeroo baay'ee macaafni kun mul'ata Yohaannis jedhamee beekkama, garuu inni sun sirrii miti. Mul'ata Gooftaa Yesuus Kiristoos kan ta'ee fi Kiristaanota baroota hundaaf jecha Yohaannisiif kan kennamee dha. Boqonnaawwan macaafa qulqulluu hundaa keessaa, macaafa kana qofatu Gooftaa Yesuus Kiristoos mataa isaatiin kan barraaye.

Macaafa qulqulluu keessatti kutaa dhumaa ta'ullee, maalummaa wangeelaa jalqabaa hanga dhumaa kan ibsuu dha.

Amma jechi mul'ata jedhu Giriikiffaan “apocalypse” jechuu yommuu ta'uu hiikkaan isaas “ibsuu” jechuu dha. Yaadni ibsuu kun nama dandeetti boca bocuu qabu tokko dandeetti boca siidaa isaa namoota arganiif haluma agarsiisuun fakkeenya mul'atee dha. Wanta tokko is fa baasuu dha, wanta kanaan dura dhokatee turee ibsuu dha. Amma, ibsuun kun eenyummaa Gooftaa Yesuus Kiristoos qofa utuu hin ta'in, MUL'ATA HOJII ISAA BAROOTA WALDAALEE TORBAAN FUULDURAA KEESSATTI JIRAATANIIS KAN IBSUU DHA. Barbaachisummaan kennaa hafuuraa qulqulluu isaan warra amantoota dhugaa ta'aniif haala adda ta'een kan ilaalamuu miti. Mul'atni isiniif wanta beektan kamiiyyuu caalaa dha. Amma ani waay'ee macaafa mul'ataa kanaa fi waay'ee keessan dubbachaa hin jiru. walumaa galatti waa'ee mul'ataati kan dubbachaa jiru. Waldaadhaaf haala olaanaadhaan barbaachisaa dha.

Maatiyoos 16 keessatti bakka Yesuus bartoota isaa gaafii itti aanuu kana gaafate yaadattuu,
“Namoonni ilma namaatiin eenyu jedhuu? Isaanis deebisanii, Warrri gariin Yohaannis cuuphaa dha, warri kuun Eliyaas, kan hafanis Inni Ermiyaas yookaanis raajota keessaa tokko jedhu. Yesuusis deebisee, Isinoo eenyuu naan jettuu jedhee gaafate. Simo'oon Pheexiroos deebisee, 'ati Masihicha ilma waaqayyoo jiraataati' jedheen. Kana irratti Yesuusis deebisee, 'Yaa Simoon ilma Yoonaa, ati kan ayyaanomtee dha! kana abbaa koo isa waaqa keessa jirutu sitti mul'ise malee, yaadni nama foonii sitti hin mul'ifne. Anis sittan hima akkuma Pheexiroos jechuun dhagaa jechuu ta'e, Ati dhagaa dha;Anis dhagaa hin sochoone kana irratti waldaa koo nan ijaara,gooftummaan du'aas mootummaa waldichaa irratti humna hin godhatu, hin moo'us. Banaa mootummaa waaqaa siifan kenna, waanumti ati lafa irratti hiite, waaqa irratti hidhamaa ni ta'a, waanumti ati lafa irratti hiikte, waaqa irrattis hiikamaa ni ta'a.”

Waldaan Kaatolika Roomaa waldicha kan ijaarame Pheexiroos irratti jedhu. Garuu inni kun dhugumatti fooniin kan yaadamee dha. Nama hin tasgabboofnee fi Gooftaa Yesuusiin ofitti hin fudhanne irratti waaqayyoo erga Waldaa Isaa ijaareen booda akkamitti abaaruu danda'aa? Waaqayyoo gonkumaa iyyuu nama cubbuu keessatti dhalate irratti waldaa isaa hin ijaaru. Yookaan immoo waaqayyoo bakka sanatti gosa dhagaa bakka sana jiru qulqulluu taasiseetiis miti. Waldichi kan ijaarames Yesuus irratti jedhanii warri Pirootestaantotaa akka dubbatanis miti. Dhimmichi MUL'ATA ture. Haaluma barreeffameen dubbisaa: Kana yaadni nama foonii sitti hin MUL'IFNE, GARUU ABBAA KOO ISA WAAQA KEESSA JIRUTU SITTI MUL'ISE MALEE, ANIS DHAGAA (MUL'ATA) HIN SOCHOONE KANA IRRATTI WALDAA KOO NAN IJAARA: “Waldichi mul'ata irratti ijaarame, jedha Gooftaan”.

Abeel wareega sirrii ta'e waaqayyoof dhiyeessuudhaaf akka danda'u haala kamiin beekuu danda'ee? Amantaadhaan mul'ata dhiigaa argachuu danda'e. Qaa'eel garuu (hammamii iyyuu ajaja waaqa irraa argatus) mul'ata akkasii argachuu waan hin arganneef wareega sirrii dhiyeesuu hin dandeenye. Garaagarummaa akkasii kan uumee fi Abeeliif jireenya bara baraa kan kennisiise Mul'ata ture. Amma isinis wanta Paastarri jedhu yookaan immoo wanta Saminaariin barsiisuu dhagahuu ni dandeessu, beekkumsa namaatinis barachuu dandeessu, Yesuus Gooftaa akka ta'e fi kan si qulqulleessu dhiiga isaa akka ta'e waaqayyo hanga isinitti mul'isutti, jireenya bara baraa gonkumaa argachuu hin dandeessan. Mul'ata hafuuratu kana raawwachuu danda'a.

Amma, macaafni mul'ataa kun Mul'ata Yesuus akka ta'ee fi baroota torban sana keessatti Waldaaleedhaaf maal raawwachaa akka ture isitti himee jira. Mul'ataan alatti bartoonni iyyuu mataan isaanii dhugaalee galmaa'anii taa'an hubachuu hin dandeenye ture. Yeroo sanaan duras isaaniif hin ibsamne ture. Macaafa hojii ergamoota keessatti isaan gara Yesuu dhufanii gaafii, “Mootummaa Israa'el bara kanatti deebisuuf jirtaa?” jedhanii yeroo gaafatan, Innis, “yeroo yookaan immoo sababa beekuun isinif hin eeyyamamne,” jedhee deebiseef yaadattuu? Yaadni namoota sanaa Yesuus mootummaa biyyaa lafaa akka qabu yaadaa turan. Garuu mootummaan Inni ijaaruuf ture mootummaa hafuuraa ture. Abbaan waan isaaf hin mul'ifneef mootummicha sana keessatti iddoo isaa inni isaaniif hin ibsine ture. Garuu amma erga Inni du'ee, du'aa ka'ee booda, tajaajila jaarsummaa Isaa kanaatti, mul'ata ofii isaa, waldaa keessatti ulfinni fi jireenya isaa Yohaannisiif ibsee jira.

Mul'ata kana keessatti bu'aa dhuma seexanaa nutti himee jira. Seexana wajjiin walitti dhufeenya akkamii akka qabaatuu fi dhuma irrattis garba ibiddaa keessatti akka gatu nutti himee jira. Warra abaaramtoota seexana hordofanis saaxilee jira, seexanni immoo kana ni jibba.

Macaafa qulqulluu keessaa Seexxanni hammam macaafota lamaan isaan kaawwan caala akka jibbu hubattanii jirtuu? Sababa namoota Tiwoolojii baratanii fi qorattoota saayinsii sobaatiin yeroo hundaa Seexxanni macaafota Seera uumamaati fi Mul'ata Yohaannisii akkuma miidheen jira. Mcaafota isaan lamaan kana keessatti, ka'uumsa seexanaa fi karaa sobaa isaa fi barbadaa'insa isaa hiunda ni hubanna. Sababa kanaaf Innis isaan duuka kan bu'u. Ifa ba'uu gonkumaa hin fedhu, macaafonni kunnin lamaan immoo guutumatti maalummaa isaa kan saaxilanii dha. Waay'ee seexanaa Yesuus akkana jedhe, “Ana keessaa inni qooda hin qabu, anis isa keessaa gahee hin qabu.” seexxanni immoo isa kana faallaa isaatiin mirkaneessuu ni barbaada, garuu waan isaa hin milkoofneef yeroo hundaa sagalee waaqayyoo barbadeessuuf wanta danda'e hunda'u hunda ni raawwata. Garuu waldaan yommuu seexanatti hin amannnee fi hafuuraan mul'ata sagalee waaqayyoo argatte, balballi abaarsaatu ishee dursuu hin danda'u.

Dhiifama wajjiin mee amma tajaajila dhuunfaa koo keessaa jecha tokko isinitti haa himu. Jireenya koo keessatti kennaan waaqa kun olaanaa akka ta'e hundi keessan ni beektu. Inni gargaarsa hafuura Qulqulluudhaan dandeetti dhibee adda baasu, yaada onnee dhokataa isa namootaa beekuu fi wantoota dhokatan biroo kan waaqayyo qofti beekuu male naaf kennee jira. Yeroo Seexxanni saaxilamuu isaa beekuttii na wajjiin dhaabbatanii fuula namoota utuu argitanii baay'iseen hawwa. Amma waay'ee namoota dubbachuu koo utuu hin ta'in, cubbuun, dhibeenii fi garaagarummaan jireenya namootaa isa seexanaan qabamee dha. Garuu immoo fuula isaanii arguu qabdu. Jireenya namoota keessatti jijjiramni guddaan dhufuu isaatiif seexanni saaxilamaa akka jiru seexanni ni beeka. Seexanni ni sodaata. Hafuurri waaqayyoo saboota isaatiif hojii seexanaa beeksisuuf waan jiruuf ni sodaata. wal gahii waaqeffannaa kana baay'isee kan jibbuuf sababa kanaaf. Yommuu maqaan waamamaa, dhibeewwan saaxilaman, seexxanni ni jibba. Kun maalii dha? sammuu namaa dubbisuu, yookaan immoo mortummaa miti. Mul'ata hafuura qulqulluun argamuu dha. Karaa kana qofaan kan beekuu danda'u. sammuun foonii namaa waan fedhe jedhee waamuu ni danda'a, garuu hafuura qulqulluu dha.

Macaafa mul'ata Gooftaa Yesuus Kiristoos isa waldaa keessaa, seexxanni maaliif akka jibbu sababa biraa isinitti haa agarsiisuu. Yesuus Kiristoos kaleessa, har'aa fi borus sanuma akka ta'ee fi akka hin jijjiramne Seexxanni ni beeka. Warra barnoota amantaa baratan parsantii sagaltamaa ol ni beeka. Waaqayyoo uumama Isaatiin kan jijjiramne akka ta'ee fi adeemsa Isaatiinis sanuma akka ta'e Seexanni ni beeka. Knaafuu Seexanni dhugaadhumatti Waldaan Ishee duraa guyyaa shantamaffaa humna waaqayyoon (Maarqoos 16 raawwin turte) sun kan Yesuus Kan kooti jedhu akka ta'e Seexanni ni beeka. Kn biroo hundi soba. Ta'uu qabaatas.

Amma mee Isa kana yaadadhaa. Kiristoos Inni waldaa dhugaa keessa jiru, itti fufiinsa macaafa hojii ergamootaati. Garuu immoo macaafni mul'ataa kan agarsiisu, hafuurrii hamaan gara waldaatti seene, lab gochuudhaan, humnaa fi haala dhabsiisuun xireessuu isaa kan agarsiisuu dha. Inni kun seexana kan saaxiluu fi hojii isaa (saboota waaqayyoo barbadeessuuf yaaluu fi sagalee waaqayyoo gatii dhabsiisuuf yaaluu isaa) yeroo inni gara ibidda galaanaatti gatametti kan saaxilee dha. Kana inni immoo ni morma. Dandamachuu garuu hin danda'u. WALDAA ishee DHUGAA ta'uu isheetii fi maalummaa ishee irratti, maal bakka akka buutuu fi HOJIIWWAN GURGUDDOO raawwachuu ishee irratti namoonni MUL'ATA DHUGAA yommuu argatan, waldaan kun raayyaa waraanaa hin moo'atamne ta'uu akka dandeessu Seexanni ni beeka. Isaan barsiisa waldaa Kiristaanaa irratti hundaa'ani waay'ee hafuurota lamaanii mul'ata isa dhugaa utuu argatanii fi gargaarsa hafuura waaqayyootiin hafuura hamaa adda baafachuu fi dandamachuu utuu danda'anii, waldaa kana fuulduratti seexanni humna dhabeessa ta'a ture. Akkuma gammoojji keessatti Kiristoos irraa humna fudhachuuf yaaliin isaa fashalaa'etti, bara kanas haaluma sanaan humni isaa dhugumatti ni barbadaa'a ture. Eeyyee, Seexanni mul'ata ni jibba. Garuu nuti ni jaalanna. Mul'ata isa dhugaa jireenya keenya keessatti qabaannaan, balbalti abaarsaa gonkumaa nu hin moo'u, nuti immoo garuu ni moo'anna.

Macaafni nuti amma qo'achaa jirru kun mul'ata Yesuus kan mataa Isaa isa waldaa ammaa keessaati raawwachaa jiruu fi waldaalee fuulduraa keessatti hojji Inni raawwatu ta'uu isaa tajaajila koo yommuu jalqabuu tarreessuu kiyya hundi keessan ni yaadattu. Itti aansee mul'ata dhugaa argachuuf immoo hafuurri qulqulluun barbaachisuu isaa, kana yoo hin ta'in immoo argachuu akka hin dandeenye tarreessee jira. Yaadolii lamaan kana walittii qindeessuudhaa fi macaafa kana dhugoomsuuf yaaluun qo'annaan qofti gahaa akka hin taanee ni hubattu. Isa kana dhugoomsuuf dalagaan hafuura qulqulluu baay'ee barbaachisaa dha. Kana jechuun immoo Macaafni kun namoota hundaaf kan namoota hundaaf kan mul'atu utuu hin ta'in garee namoota addaatiif qofa ibsamuu danda'a.Nama kennaa fi ilaalcha raajummaa qabu barbaada. Dandeettii waaqayyoo irraa dhageeffachuu barbaada. Caafatoota gara garaa walbira qabanii barattootaan madaaluun madaaluun kan jibbamu ta'uu dhabaatus, garuu ajaja olaanaa waaqa irra fudhachuun barbaachisaa dha. Icciitiin barsiisa hafuura barbaada kanaan alatti garuu gonkumaa hin qulqullaa'u. Waaqayyoo irraa dhageeffachuu danda'uu fi mataa keenya hafuura qulqulluuf dabarsinee kennuun ni barbaachisa.

Akkuma dursa dubbadhetti, macaafni kun (Mul'anni) guutummaa caafatoota hundaati. Haala taa'umsaatiinis bakka sirrii fi barbaachisaa ta'etti, dhuma irratti kaa'ame. Amma namni dhgahee fi dubbisee kamiiyyuu eebbifamaa ni ta'a sababa jedhuuf ni beektu. Mul'ata waaqayoo qofatu seexana irratti aangoo kan isiniif kennuu danda'u. Isaan irraa hir'isan yookaan dabalan hundi abaaramtoota ta'uu isaanii arguu ni dandeessu. Akkuma jiruun ta'uu qabaata, namni kamuu mul'ata waaqayyoo irraa hir'isee yookaan itti dabalee seexanii kan moo'ate waan hin jireef. Hamma kana salphaa dha. Humni humna mul'ata sagalee waaqayyoo caalu konkumaa hin jiru. Ilaalaa, caafata sadaffaa keessatti, warra macaafa kanaaf ilaalcha addaa qaban irratti eebbi bu'ee jira. Akka yaada kootitti, inni kun bara kakuu moofaa keessatti aadaa lallabdoonni ganama ganama sagalee waaqayyoo waaqeffattootaaf dubbisanii dha. Ilaaltanii baay'een isaanii hin dubbisan, qeesichatu isaaniif dubbisuu qabaata. Sagalee waaqayyo hanga ta'etti, eebbi waaqayyoo wajjiin jira ture. Dubbifamus dhageeffatamus, rakkoo hin fidu ture.

“Barri itti raawwatamu dhiyaate jira.” Kanaan dura barri hin dhiyaanne ture. Qaroominaa fi beekkumsa waaqayyoo keessatti, mul'anni olaanaan kun (guutumatti waaqayyoon kan beekamu ta'us) hanga yeroo sanatti hin raawwatamne ture. Kanaafuu nuti hatattamaan sirna tokko baruu qabaanna, baroota tokko tokkoo keessatti, mulanni waaqayyoo bara isa murtaa'e sanaa fi bara sanaaf qofa kan dhufu ta'a. Seenaa warra Israa'elootaa ilaalaa. Mul'anni waaqayyoo kan muuseedhaaf mul'ate seenaa murtaa'e keessatti qofa dhufe, caalatti immoo namoonni gara waaqayyootti boo'uu isaanitiif dhufe.Yesuus, mataan Isaa, guutummaa waaqayyoo Isa tokkoo ta'uudhaan, raawwatamuu baraa keessatti dhufe. Bara kana (Laawudoqiyaa) keessattis mul'anni waaqayyoo yeroo isaa eege ni raawwatama. Hin makamus, utuu hin ga'inis hin raawwatamu. Isa kana irratti xiinxalaa, bara dhumaa keessa waan jirruufis gorsa koo fudhadhaa.

Dubbisaa macaafa...
Mul’aticha Yesuus Kiristoosi.


Malkiisedeq kun eenyu?

English Newsletter Site.

Macaafa Mul'ataa.

 
 

Waaqayyo fi Beekumsa. Index.
Tulluu Siinaa.

Sagalichi Jireenyaatti.
Kristos Sagalee Isaa
Keessatti Mul’ifama.

Wangeela.
Kristos cubbuu
keenyaaf du’eera.

Cuuphamaa.

 
 

Duumessoota waaqaa.

Utubaan ibiddaa.

Olbutamuu.

 

Mul’aticha
Yesuus Kiristoosi.

Bara dhumaa series.
Gaa’elaa fi
Gaa’ela Diiguu.

Dubartii Jeezebeel
Jedhamtu sana.

Mul'aticha Phaaximoos.

Daddarbaa Addaamii.
Firrii mukaa hin turre.
Sanyicha Bofaa.

Archaeology.
Sodoomii fi Gomoraa.

Bara Waldaa
Laa'odiiqeyaa.

Kiristoos waldaa ala
jira.

  Macaafa Qulqulluu jedha...

Lafti bokkaa yeroo baay'ee irratti roobu dhugee, biqiltuu warra qotameefiif waa'ee baasu biqilchu eebba Waaqayyoo in argata.

Qoraattii fi baalaanwaraantee yoo baase garuu, abaaramuuf jedha malee, homaa dhimma hin baasu, dhuma irrattis in gubama.

Ibiroota 6:7-8



Macaafa Mul'ataa.
Ilaalaa itti....
(Mul’aticha Yesuus Kiristoosi.)


Click on an image to download PDFs or fullsize picture.


Acts of the Prophet

(PDF English)
 

Gaa’elaa fi
Gaa’ela Diiguu.

(PDF)

William Branham
Life Story.

(PDF English)

How the Angel came
to me.
(PDF English)



 


Message Hub...Choose your Language and download Free Messages from Brother Branham